Mudde 31,2015,Godinoota Wallaggaa Bahaa, Dhihaafi Horro Guduruu keessatti fincilli FXG itti fufeera Aanaa Gimbii magaalaa Gambeellaa jedhamtu keessatti FXG akka itti fufu kan taasisaa jiru barsiisota sababaa jedhuun ka’ee mootummaan abbaa irree Wayyaanee barsiisaan Waggaarii jedhamu achi buuteen isaa kan dhabamee yeroo ta’u, FXG kana irratti Gammachiis Asafaa Guutamaa akka garmalee humna waraanaan miidhames beekameera
Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Guutoo Giddaa Magaalaa Naqamtee keessattis barattoota Qophaa’inaa Naqamteetiin FXGn guyyaa kaleessaa marsaa sadaffaa jalqaban har’as akka itti fufetti jira
Barattooti Qophaa’inaa Naqamtee barattooti isaan keessaa ukkaamfaman,Oromooti mana hidhaa jiran hanga lakkisamanitti,gaaffiin abbabiyyummaa keenya hanga deebi argatutti gaaffiin keenya itti fufa jedhaniiti
Godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raaree mana barumsaa Babal’aa sadarkaa duraa fi lammaffaa keessattis FXGn itti fufee akka jiru beekameera.
Pingback: Godina Wallaggaa Bahaa fi Dhiha Keessatti Ficilli Xumura Gabrummaa Haalaan Jabaatee Itti Fufee Jira. Mootummaan Itiyophiyaa(Wayyaanee) Barsiisotaa fi Hojjettoota Sababa FXG Godhatee Isaan Miidhaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase. | f7431