Gabaasa Qeerroo Godina Iluu A/Booraa,Magaala Mattuu, Ebla 4,2015
Mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa kana diddaa uummanni taasisaa jiru shiraan dura dhaabbataa jiru gara dhabsiisuudhaaf, naannoo fincilli ka’utti halkanii guyyaa walgayii labsuudhaan, amma ammo keessumattuu ayyaana OPDO jedhamuun wal qabsiisuudhaan uummata burjaajeessuu irratti duula taasisaa jira,kanatti dabalatuudhaan ammo uummata gidduutti rakkinoota bishaan dhugaatii, ibsaa, dhiyeessii garagaraa kanneen akka Ziyita nyaataa fi sukkaaraa itti kayyeffatee uummanni qabsoo isaa dagatee gara kanatti yaadaan akka luucc’u, uummanni gaaffii mirgaa kaasaa jiru dhiisee dhimma kanaan wal qabatee ka’umsa isaa akka dagatuuf yeroo ammaa rakkoon kana uummata keessatti hammeessaa jira.
Jireenyaaf waan gaafatamuu qabu dhugumas zaita, surraaka, bishaan dhugaatin dhabamuun rakkina guddaa fiduu fi rakkoo ifaa kanneen tajaajila ifaa baran irraa kutuudhaan gaaffiin uummataa kanatti deebi’ee gaaffii mirgaa kaasuu irraa maqsiisuu irratti kan xiyyeeffatamee hojjetamaa jiruudha. Godinoota Oromiyaa keessaa Finfinnee, Wallaggaa, Shawaa lixaa, Adaamaa, Haromayaa, Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa fi kkf keessatti rakkoon kun darana jabaataa kan dhufe tahus mootummaan wayyaanee sochii uummataa kallattii isaa jijjiiruuf deemus kaan keessatti waliin gara gaaffii bu’uuraa qabatee rakkoon guyyaa keessa dhufan mirga keenyaaf falmachuuf nun dhorku jechuudhaan itti fufaa jiru. Odeessa Qeerroo Ebla 4,2015 Godina Iluu Abbaa Booraa irraa nu qaqqabuun guyyoota muraasa dura aanaalee fi magaalota keessatti rakkinooti kun guutummaatti babal’atee waan jiruuf Qeerroon waraqaalee balaliituu magaalota kanneen akka Buree,Mattuu,Noonnoo,Cooraa fi Yaayyuu keessatti faca’ee;
– Mootummaan wayyaanee sobaa fi humnaan aangoo isaa dheerefachaa jira,
– Uummanni oromoo rakkoo kana faarsuu hin qabnu gaaffiin mirgaa itti fufuu qaba,
– Rakkoon bishaan dhugaatii, zayitii fi surraakaa qabsoo ummata oromoo boodatti hin deebisu,
– Maqaa walgayii fi Ayyaanaan sossobamuun uummata oromoo gabrummaatti hambisuuf tooftaa jijjirratee dhufaa jira,
– Mootummaan EPRDF/TPLF/OPDOn sobduu, saamtuu, hattuu fi shororkeessaadha.
– TPLF/EPRDF dhaadessi mishooma dharaa isaa, Daa’imman, Shamarran,Qeerroo, Maanguddoo Oromoo dhabamsiisuuf daandii guddachaa jiruudha malee dhugaatti mishoomi akka hin jirre dh kan jedhu, Barruulee dhaamsa kana qaban Qeerroodhaan barreffamuudhaan magaaloota naannoo adda addaatti darbatamuudhaan uummata diddaatti hirmaachisuu fi jabeesse, uummannis rakkonoota mootummaan wayyaanee mala dhahee qabsoo harkaa rukutuudhaaf guyyaa keessa waan uummata rakkisuu fi yaada uummata wal qabsiisuu dhorku itti fiduu irra darbe uummanni Qeerroo waliin tahuun gaaffi isaa qabatee akka jiru odeessaan Qeerroo godina Iluu A/Booraa magaala Mattuu irraa addeessa.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk