Gabaasa Qeerroo Godina Iluu A/Booraa,Magaala Mattuu, Ebla 4,2015
Mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa kana diddaa uummanni taasisaa jiru shiraan dura dhaabbataa jiru gara dhabsiisuudhaaf, naannoo fincilli ka’utti halkanii guyyaa walgayii labsuudhaan, amma ammo keessumattuu ayyaana OPDO jedhamuun wal qabsiisuudhaan uummata burjaajeessuu irratti duula taasisaa jira,kanatti dabalatuudhaan ammo uummata gidduutti rakkinoota bishaan dhugaatii, ibsaa, dhiyeessii garagaraa kanneen akka Ziyita nyaataa fi sukkaaraa itti kayyeffatee uummanni qabsoo isaa dagatee gara kanatti yaadaan akka luucc’u, uummanni gaaffii mirgaa kaasaa jiru dhiisee dhimma kanaan wal qabatee ka’umsa isaa akka dagatuuf yeroo ammaa rakkoon kana uummata keessatti hammeessaa jira.
Jireenyaaf waan gaafatamuu qabu dhugumas zaita, surraaka, bishaan dhugaatin dhabamuun rakkina guddaa fiduu fi rakkoo ifaa kanneen tajaajila ifaa baran irraa kutuudhaan gaaffiin uummataa kanatti deebi’ee gaaffii mirgaa kaasuu irraa maqsiisuu irratti kan xiyyeeffatamee hojjetamaa jiruudha. Godinoota Oromiyaa keessaa Finfinnee, Wallaggaa, Shawaa lixaa, Adaamaa, Haromayaa, Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa fi kkf keessatti rakkoon kun darana jabaataa kan dhufe tahus mootummaan wayyaanee sochii uummataa kallattii isaa jijjiiruuf deemus kaan keessatti waliin gara gaaffii bu’uuraa qabatee rakkoon guyyaa keessa dhufan mirga keenyaaf falmachuuf nun dhorku jechuudhaan itti fufaa jiru. Odeessa Qeerroo Ebla 4,2015 Godina Iluu Abbaa Booraa irraa nu qaqqabuun guyyoota muraasa dura aanaalee fi magaalota keessatti rakkinooti kun guutummaatti babal’atee waan jiruuf Qeerroon waraqaalee balaliituu magaalota kanneen akka Buree,Mattuu,Noonnoo,Cooraa fi Yaayyuu keessatti faca’ee;
– Mootummaan wayyaanee sobaa fi humnaan aangoo isaa dheerefachaa jira,
– Uummanni oromoo rakkoo kana faarsuu hin qabnu gaaffiin mirgaa itti fufuu qaba,
– Rakkoon bishaan dhugaatii, zayitii fi surraakaa qabsoo ummata oromoo boodatti hin deebisu,
– Maqaa walgayii fi Ayyaanaan sossobamuun uummata oromoo gabrummaatti hambisuuf tooftaa jijjirratee dhufaa jira,
– Mootummaan EPRDF/TPLF/OPDOn sobduu, saamtuu, hattuu fi shororkeessaadha.
– TPLF/EPRDF dhaadessi mishooma dharaa isaa, Daa’imman, Shamarran,Qeerroo, Maanguddoo Oromoo dhabamsiisuuf daandii guddachaa jiruudha malee dhugaatti mishoomi akka hin jirre dh kan jedhu, Barruulee dhaamsa kana qaban Qeerroodhaan barreffamuudhaan magaaloota naannoo adda addaatti darbatamuudhaan uummata diddaatti hirmaachisuu fi jabeesse, uummannis rakkonoota mootummaan wayyaanee mala dhahee qabsoo harkaa rukutuudhaaf guyyaa keessa waan uummata rakkisuu fi yaada uummata wal qabsiisuu dhorku itti fiduu irra darbe uummanni Qeerroo waliin tahuun gaaffi isaa qabatee akka jiru odeessaan Qeerroo godina Iluu A/Booraa magaala Mattuu irraa addeessa.
Gabroomsaa Dullacha
Akkam nagaa jirtuu, sanyiin sabboontotaa,
Baga nagaa jiraattan hundi Oromootaa,
Qeerroo fi Qeerrittiin maddi qabsaa’otaa,
Warri sammuu qaraa barsiisaa fi barataa,
Warri mataa diinaa caccabsee darbataa,
Qabsaa’onni dhugaa, maddi ilmaan goototaa,
Warri kaayyoo dhugaaf garaan isaa gubataa,
Jabaadhaa, waa hundaan seenaan nu gaafataa,
Galata galchaafii rabbii hundaa horataa! (*2)
Dhugaan kee dhokatee roorroon sitti yaatee,
Seerri dugda galee, gadaan faallaa taatee,
Duumessa dharaa tiin dukkanni hammaatee,
Namummaan kee cabee, galaanni sitti guutee,
Saree fi Saraxeen mana kee si saamtee,
Tan dur waliif diinaa, sirratti wal ijaartee,
Hinjirree haasoftee, abbaa biyyaa taatee,
Namummaan kee hafee saree hanqifamtee,
Barri kee faallahee,dhugaan tee miidhamtee,
Cubbuu fi ololaan ilmaan tee facaatee,
Gabroomsaan dullachii akkanaan si nyaatee!!! (*2)
Yaa Qeerransa Afrikaa, Leenca Madda Walaabuu,
Seenaan kee gaarii dha, waan fokkattuu hin qabuu,
Jabaadhuu qabsaa’i dhugaan kee hin dabuu,
Wallaalaa kee gorsi haa harka wal qabuu,
Hayyuu kee gargaari seenaa haa katabuu,
Diina kee caccabsee, abiddaan haa gubuu,
Mirga keef falmatee, faajjii kee dhaabuu,
Gabroomsa dullacha qawween haa adabuu,
Hidhannoo kee cimsii,diinni haa of dhabuu,
Rabbitti iyyadhu, inni waa hin dadhabuu! (*2)
Bulchiinsi Itoophiyaa, kun maal fafakkaataa,
Itoophiyummaa sanaa, seenaan maal dubbataa,
Hayyoota gaafadhaa,warra waa qorataa,
Kan jarri haasawaan dhugaarraa fagaataa,
Mootumma ofiin jedhaa, mirga lammii dhiitaa,
Mootummaan kamiyyuu hawaasa hammataa,
Sirnaa bulmaataatiin aangoon kan ummataa,
Yoo ta’ee argame, ulaagaa guuttataa,
Yoo san hojiin haqaa mootummaa mul’ataa,
Garuu,kan Itoophiyaa, faalla san hojjataa,
Kanaafuu,Wayyaaneen dhuunfaa dhaaf dhaabbataa,
Salphina gar-malee, addunyaaf kakataa,
Gabroomsaa dullacha ta’u isaa wakkaataa! (*2)
Waan har’a gabroomsaan haasawu dhageettuu,
Qawween nama tumaa, araarri hin jirtuu,
Isa tokko ajjeesaa, kaan sobuun hin taatuu,
Nuti Oromoon tokkoo, Booranaa fi Baarentuu,
Akkasitti itti himaa, diinni haa hubatuu,
Barattoota eenyuu dhiiga dhangalaastuu,
Qotee bulaa eenyuu, mana hidhaatti guurtuu,
Hojjattoota eenyuu hojirraa ariituu,
Daldaltoota eenyuu balbala itti cuftuu,
FINFINNEEn Oromoo, Tigree dhaaf hin taatuu,
Maqalee moo Goondar kutaan waliif hirtuu,
Jedhaatii gaafadhaa, jarruu deebii hin laattuu,
Leenca Madda Walaabuu qawween hin leenjiftuu,
Waan feetes yoo goote, Oromoo hin dandeettuu,
Achumaan itti himaa, akka kaatee, galtuu,
Oromoon tokkumaa, gurra siif hin laatuu! (*2)
Yaa hordofaa diinaa, kan diinaaf gad jettu,
Warri dhiiga keenya dantaadhaaf lolaaftu,
Warri har’aa diinaaf kijibaan dhamaatu
Boru eessa seentaa, gaafa dhugaan baatu,
Gariin OPDO waan kanaan beekkamtuu,
Maaf ummata sobdaa, sabni haa falmatuu,
Yoo ofii sodaatte, kara irraa hin gortuu,
Kan akka si’iiti Horiin horiin ooftuu,
Maaf galata malee, diinotaaf hiriirtuu,
Warri akkana ta’aa saba wajjiin jiraattuu,
Kara irraa maqxuu, dhugaan haa mul’attuu,
Oromoo ofiin hin jedhin Oromoof hin taatuu,
Leenca Madda Walaabuu sossobuun sii hin taatuu,
Lakkisaa, OPDO, salphinaan dachaatuu!!! (*2)
Namni waan gaarii hojjate yoomuu ittiin gammadaa,
Ammallee hojjachuun dirqama nama hundaa,
Qabsoon kamuu taanaan hin dhabdu waan gaddaa,
Awwaalamuu hin danda’u seenatu barbaadaa,
Kanaaf,haa yaadannu gootowwan gurguddaa,
Nutis akkas ta’uun numaaf ta’a faaydaa,
Kanaaf lammii koof gumaa baasuu qabdaa!!! (*2)
Yoo nu kaanee, lolle, yoo kaanee dammaqne,
Gabroomfataan yeroo kufuun waan hin hafne,
Gaafas dudubanna, waan keessa darbine,
Barayyuu maaf boonna, dukkanaan dhokfamnee,
Haa kaanee lolannu, nama tokko taanee,
Carraa lama qabna, amma dhuma geennee,
Abbaa biyyaa taana, yookaa bilisoomnee,
Yookaa ni dhabamna, lafarraa dhumannee,
Jabaadhaa,OROMOO, akki kun hin taanee,
Kanaaf, haa qolannu, gabroomsaa Wayyaanee!!! (*2)
Hundi lammiiwwan koo, Booranaa fi Baarentuu,
Ilmaan Oromtichaa Oromoonni martuu,
Jabaadha qabsootti qabsoon haa lalistuu,
Dhugaan ifaa baatee, dharti haa mancaatuu,
Gootichi haa lolu, hayyuun haa dubbatuu,
Diinni lammiiwwan koo, Wayyaaneen haa yaatuu,
Oromiyaan teenya, Oromoof haa taatuu! (*2)
Gabroomfataan yeroo, murtii nutti baasee,
Dhiiga ilmaan keenya, garayyuu facaasee,
Ilmaan haadha takkaa gargar nu babbaasee,
Kutaa fi Amantiin maqaa nuuf moggaasee,
Jibbaa fi ilaalchaan seena keenya, dhoksee,
Biyya abbaa keenya, nu saamuu murteessee,
Hinjiree fi hinjirree, of moggaa hiriirsee,
Dhala keenya hundeen baqattuu taasisee,
Abbaa biyyaa ta’ee waan hin jirre faarsee,
Hundee jabeeffatee, ajjeecha nutti labsee,
Biyya keenyarratti hamilee nu cabsee,
Namumma nu sarbee, biyyaa nu fageesse! (*2)
Jabaadha garayyuu, yaa hayyoota keenya,
Mee waa dubbannuu waa’ee biyya teenyaa,
Walitti birmadhaa, waliin marii teenyaa,
Rakkoo waliif obsaa, gurraan wal dhageenyaa,
Galmaan gahuu qabnaa, qabsoo jaallan keenyaa! (*2)
Tokkummaas yoo taate, walitti dhihaannee,
Diina sobaan deemu hundeesaa hubannee,
Waan feetes yoo ta’e hin turru facaanee,
Galata rabbichaa, amma wal yaadannee,
Mootummaa bututtuu,mootummaa Wayyaanee,
Inuma kuffisna, osoo itti kaanee,
Ammayyuu, rifatee, waa hedduun dhamaasnee! (*2)
Dhiiga ilmaan keenya, dhiiga barattootaa,
Dhiiga hayyuu keenyaa, dhiiga qabsaa’otaa,
Dhiiga qonnaan bulaa, dhiiga daldaltootaa,
Dhiiga dafqaan bulaa, kan hunda namootaa,
Badii tokko malee, maaliif dhangalaastaa,
Afaaniin nu hin sobin, Leenca afaan buutaa,
Lakkis Wayyaanee, gaaf tokko gaabbitaa,
Kabajaa mulqattee, dhagaa keetiif galtaa! (*2)
Dhaamsa naaf dabarsaa,
Lammii nuuf jabeessaa,
Beektota nuuf tumsaa,
Wallaalaa nuuf gorsaa,
Baqattummaa dhiisaa,
Waraana nuuf cimsaa,
Lolaaf of qopheessaa,
Hidhannoof nu kaasaa,
Seenaaf of galmeessaa,
Dhiiga diinaa baasaa,
Wayyaanee gad yaasaa,
Mee nu bilisoomsaa!!! (*2)
Qabsa’aan ni kufa,
Qabsoon itti fufa,
Gabrummaan ni hafa,
Bilisummaan ni dhufa!!! (*2)
Galatoomaa!!!
OROMOOTA HUNDAAf,
Bitootessa 28, 2015,
Abdii Baalee Oromiyaa ABO tiin