Gabaasa Qeerroo Qeellam,Ebla 4,2015
Dhimma walgayii fi Ayyaana OPDOn wal qabatee torban kana guutuu Wallagga naannoo adda addaatti dirqamaan uummata bobbaasuu bakka uummanni didutti miseensuma isaanii hirmaachisuu fi daa’imman doorsisuudhaan ayyaana hundeeffama OPDO fakkeessuun mootummaan Wayyaanee Godina Wallaggaa irratti uummata gidirsuuf addatti bobba’ee jira.
Godinoota Wallaggaa bakka xiyyeeffatanii maqaa walgayiin uummata toohachuuf yaalan keessatti itti milka’aa hin jiran naannoo hedduutti uummataan feshela’aa akka jiru odeessa Qeerroo nu gahaa jiru irraa waan hubatamuudha. Haaluma kana fakkaatuun kaleessa Ebla 3,2015 Qellem Aanaa Begii irratti walgayii, hiriira uummata baasuun humnaan uummata irraa deggrsa argachuuf yaalan, maqaan Ayyaana jedhamuunsi uummanni bahee akka kabajuuf humna waraanaa fi tika mootummaa kan ta’e gandoota irra bobbaasuun dirqiin uumata manaa baasuu irratti duula taasisan, ajaja isaanii bakkaan gahuuf kan bahes deggertoota isaanii kan tahanii fi hidhattoota mootummaa waliin dhaabbatan qofa yeroo tahu mootummaan kan barbaadu irra guddaa diddaan baadiyaa Oromiyaa keessatti deemaa waan jiruuf jecha qonnaan bultoota Oromoo walgahii fi jireenya abdii sobaan sossobee qababchuuf tattaaffii godhudha. Haala kanaan qonnaan bulaa Oromoo aanicha keessa jiran humna waraanaa fi tikoota itti bobbaasanii walgahii yaamuu haa yaalan malee diddaan guddaan uumati dura dhaabbachuun gabaafama.
Haalli jireenya Oromoo baadiyaa fi dhabiinsi xaawoo akkasumas hiyyummaan qonnaan bultaa haalaan hammaachaa waan deemeef uummanni gurra ittiin mootummaa Wayyaanee dhagahu dhabee jira waan ta’eef diddaan sirnichaa bakka hundatti itti fufee jira jechuun qeerroon godina Qeellem gabaasa.