Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, 20 April 2015

Aside

Wallagga,Aanaa Nuunnuu Qubmaa Keessaa, Qe’ee Keenya Irraa Hin Buqqaanu Sababaa Jedhaniif Qofa Qonnaan Bultooti Oromoo 80 ol Manneen Hidhaa Gara Garaatti Hidhaman

Aside

Gabaasa Qeerroo Aanaa Nuunnuu Qumbaa Ebla 20,2015

Because I am OromoWallagga,Aanaa Nuunnuu Qumbaa Ganda qonnaan bultaa Furdisaa lafa qonnaa fi bososna Baanqoo jedhamu mootummaa Wayyaanee investerootaaf hiruu isaa irraan kan ka’e uummanni Oromoo naannichaa diddaa fi falmatnaa dachii isaanii taasisaniin ergamtootaa fi bulchitoota Wayyaanee waliin walitti bu’uu Qeerroon gabaase.

Gaafa Ebla 19,2015 Diddaa uummanni naannoo kanaa kaaseen wal qabatee mootummaan Wayyaanee loltoota isaa Naqamte irraa gara naannichaatti erguun fincila kaafatniittu, dachii mootummaan irraa buqaaa isiniin jedhe irraa ka’uu diddan sababoota jedhuun abbootii warraa kanneen ta’an qonnaan saddeettamaa ol manneen hidhaa beekamtii hin qabne kan akka Waamaa Adaree,magaalaa Nuunnuu, mana hidhaa Jimmaa Arjoo fi Jaatoo Naqamteetti guuramanii hidhamuu isaanii Qeerroon addeessa.

Kanneen keessaa maanguddoonni umuriin bulan lama haalaan miidhamanii mana hidhaa Naqamteetti darbatamanii jiru, kanneen kunis:-

  1. Obo,Qalbeessaa Donee
  2. Obbo, Firrisaa Waakkennee

Jedhaman yeroo ta’an hidhamtoota warreen hafan kaan keessas shamarran Oromoo maatii qonnaan bulaa keessaa akka keessatti argaman gabaasi addeessa.

Biyya Haqni Hin Jirre Keessa itti Filannoon Maalumaa?? Wallee Haaraa Hawwisoo Qeeerroo Bilisummaa Oromoon Ebla 2015

Aside

Hiraara Baqattoota Oromoo Irra Gahaa Jiruu fi Haala Kabajaa GGO Oromiyaa Keessaa Ilaalchisee Qophii Sagalee Oromoo Ebla 17,2015

Aside