Waamicha Barsiisota Oromoo Yuuniversitii Dirree Daawaa

Aside

Barsiisota,Hojjettootaa fi uummata Impaayera Biyyattii maraaf!

Mootummaan abbaa irree Wayyaanee sirna bulchinsaa abbaa irrummaa irraan darbee bulchinsa firummaa irratti hundaae gaggeessaa kan jiru tahuun isaa beekamaa dha.Dhalattootni firoottan bulchinsoota mootummaa wayyaanee aangoo irratti ol bahuun malaammaltummaa fi saaminsaan qabeenya biyyattii saamaa jiru.Uummatni biyyattii keessumaa ammoo addatti ilmaan oromoo hidhamaa,ajjeefamaa fi biyya irraa ariiamaa kan turan amma daran jabaatee jira.Hojii dhabdummaan biyyattii keessaa,loogiin,qaalainsi jireenyaa haala yeroo kamuu ol jabaachuun uummata biyyattii rakkisaa jira.Kanaf nuyis barsiisotni Yuunivarsiitii Dirree Dawaa ilmaan oromoo ilmaan sabawwan cunqurfamoo qabachuun gumaata QBO keeessatti nurraa eegamu kaffaluuf kaanee jirra.Kanaaf ilmaan oromoo marti,Ilmaan sabawwan cunqurfamoo keessaatii alatti gaaffii mirgaa qeerroodhaan finiinaa jiru cinaa dhaabbachuun gumaata lammummaa akka baatan kabajaan waamicha oromummaa dabarfanna.

Garboomfataan ni kufa!!

Bilisummaan ni dhufa!!

Waamicha barsiisota Yuunivarsiitii Dirree Dawaa.docx

Mariin Gurmuu Tumsa Qeerroo Bilisummaan Qindaa’e Milkiin Xumurame!

Aside

QEERROO

Melbourne, Australia

Sochii qeerroo bilisummaa tumsuu fi humneessuu akeekkatee kan ijaarame Gurmuun Tumsa Qeerroo Bilisummaa (GTQB) Bitootessa 17/2013 hawaasa Oromoo magaalaa Melbourne jiraatan waliin marii bal’aa fi ijaaraa gaggeeffachuun milkiin xumurateera. Mariin kun itti fufiinsa marii waxabajjii 30/2012 gaggeeffamee turee ta’uu kan yaadachiise GTQB mata duree adda addaa irratti ibsaa fi attamiin Qeerroo Bilisummaa Tumsuun danda’amaa irratti mariisiseera.

Sagantaan kun akkuma aadaa Oromootti eebba Manguddootaan kan eegale yoroo ta’u itti aansuun Ob. Gammachuu Fayyeeraa, Qindeessaan GTQB akeekaa fi attamiin GTQB akka ijaarame ibsuun akeeka eebbifamaa kana bakkaan gahuuf hawaasni Oromoo yaadaa fi mala qabu hunda otoo hin qusanne akka gumaachu dhaammatee tartiiba sagantaa kaahameen mariin kun kan gaggeeffamu ta’uu ibsun waltajjii mariif bane.

melbournieItti aansee haala qabatamaan yeroo ammaa Qeerroon biyyaa itti jiru bililaan bakka bu’aa Qeerroo biyya keessaa irraa dhageeffatameera. Ibsa isaa kana keessatti, yakka Ummata Oromoo fi Oromiyaa irratti dalagamaa jiru kan hubatan dargaggoonnii fi shamarran Oromoo ummata keenyaa fi biyya keenya dhabama irraa baraaruuf jecha of ijaaranii diddaa wal irraa hin citne gaggeessaa jirra jedhee, dabaluunis diddaan gaggeeffamaa jiru ummata Oromoo bal’aa akka hammatuuf hojii bal’aa fi ulfaataan hojjatamaa jiraachuu ibsee, qonnaan bultoonni keenya lafa isaanii irraa humnaan hin buqqaanu jedhanii akka falmatan dadammaqiinsa kennameen yeroo ammaa kana lafa keenya irraa hin kaanu jedhanii mirga isaanf falmachuun egalamuu, Oromoota miseensota OPDO ta’aniif dadammaqiinsa fi barnoota kennameen qabsaa’otaaf dahannoo ta’uu eegalaniiru, hayyoonni fi manguddoonni Oromoos Qeerroo cinaa jabinaan dhaabbachaa akka jiran adeesseera.

melbournie1Diinni Ummata Oromoos yakka dalagaa jiru yeroo kamuu caalaa jabeessee itti fufaa akka jiru kan hubachise bakka bu’aan Qeerroo biyya keessaa, balaa itti aggaammate kana irraa baraaruuf qabsoo bal’aa fi ulfaataa wareegama gurgurdaa kaffalchiisaa turee fi jiru galmaan gahuuf dargaggoonni fi Shamarran Oromoo Qeerroo Bilisummaa jalatti ijaaramanii dirqama lammummaa bahachaa jirra. Xumara irrattis ijaaramuu tumsa kanaaf galata galchuun bakka jiraattanii fi addunyaa mara irratti harka wal qabattanii tokkummaan dhageettii qabsaa’ota Oromoof horuun abdii akka taatan maqaa Qeerroo Oromoon jabeesseen dhaammadhamelbournie2jechuun dhaamsa ulfaataa hawaasa Oromoo biyya alaa jiraatuuf dhaammateera. Ob. Mahaammad Abdullaahii odeessa qabatamaa Oromiyaa dhaqanii arganii fi hubatan hirmaattota marii kanaaf yommuu ibsan fuula isaanii irraa gadda guddaa fi ija isaanii irraa imimaantu yaa’a ture. Dabaa fi yakka diinni irratti raawwatuun “Ummanni Oromoon du’aa fi jireenya jidduutti argama” kan jedhan Ob. Mahaammad, “namoonni tokko tokko gamoo gurgurdaa fi Cululuqaa ilmaan Habashaa Finfinnee keessatti ijaaran qofa ilaalanii biyyi guddate yommuu nuun jedhan Abbaa biyyichaa kan ta’e Ummanni Oromoo ammoo gamoo sana jala waardiyyaa ta’ee itti tufamaa ergamuuf akka dirqame arguu

melbournie3dhabuun ykn arganii dubbachuu dhiisuun yakka” jedhan. Kanaaf jedhan abdii Ummanni keenya qabu, “guyyaa tokko kana keessaa ni baana yaada jedhu” lubbuu itti horree humneessuun akka baay’inaa fi gootummaa isaatti Oromoon diina isaa ofirraa darbachuu ni danda’a” jedhan.

Maqaa Amantii Musiliimaan sochii taasfamaa jirtu ilaalchisee Ob. Mahaammad dhaamsa dhaammataniin “Ummanni waanta sana gaggeessan Oromoo miti. Gaafiin isaanii kan haqaa ti, ammoo Musiliimota Oromoon waanta hin qindoofneef meeshaa ta’uufii hin qabnun jedha. Jijjiirama barbaannu kamuu nutu ofiif hojjatachuu qaba. Hormi tasumaa ulee nu godhachuu hin qabu” Jedhaniiru.

Koree Hojii gaggeessituu waldaa Hawaasa Oromoo Australia bakka bu’uun dhaamsa waldichaa waltajii kana irratti kan dabarsan Ob. Yaadataa Sabaa (Jaatam) waldaan hawaasa Oromoo Australia Sochii Qeerroon bilisummaa Oromoo gaggeessaa jiruuf tumsa barbaachisu kamuu kan taasisan ta’uu ibsuun jabaadhaa jedhan.

Dura teessuun waldaa dubartoota Oromoo Kaayyoo aaddee Sa’aadaa Ammee waldaa isaanii bakka bu’uun haasaa taasisaniin “Erga Oromoo gabrummaa jalatti kufee kaasee hanga har’aatti hiraamaannaan dubartootaa takkaa of duuba hin jenne, hin jedhus. Har’as ta’ee fuulduraas hanga Oromoon fedhii isaa kan bilisummaa ga’uutti nuti dubartoonni akkuma

kaleessaa Qeerroo bilisummaa qabeenyaanis ta’ee hanga miseensummaa fi qaamaan hirmaachuutti akka of duuba hin deebine Oromoo hundaaf beeksisuu barbaanna.” Jechuun tumsa qeerroo bilisummaaf qaban haamlee guutuun ibsaniiru.

Itti aansuun ummata marii kana irratti hirmaate hunda akka hirmaachisutti qabxiilee marii akka hayyuu Oromoo tokkootti kan dhiyeessan Ob. Aliyyii Galatoo ti. Ob. Aliyyiin mirgoota dhalli namaa qabaachuu qabuu fi mirgoota kana yeroo sarbamu maal akka gochuu qabu, sochii bilisummaa gaggeeffamus uummatni sun gabrummaa jala jiraachuun dhugaa ta’uu beekuu, gabrummaa kana jalaa bahuuf Ummatichi ilaalcha walfakkaatu qabaachuu fi fedhii ummataa kana kan qindeessee qajeelchu jaarmayaa qabaachuu akka qabu yaadchiisuun, sochii kana keessatti hawaasni Oromoo biyya alaa jirru yoo maal goone QBO tumsuu akka dandeenyu ibsan. Ibsa qormaata irratti hundaa’e bal’inaan erga ibsanii booda gaafilee mariif ta’an dhiyaassuun ibsa isaanii xumuran.

melbournie4

Gaaffiilee dhiyaatan kana Ob. Aliyyii fi Ob. Mahaammad Abdullaahii akka mariisisan gara waltajjiitti deebisuun marii baldhaan gaggeeffameera. Gaafilee turan keessa namni waan gochuu qabu maaliif gochuu dhaba? Maal barbaanna? Maaliif barbaanna?, Waan barbaannu kana argachuu dandeenya jennee maaliif amanna? Waanta barbaannu kana argachuuf ani akka nama tokkootti maalan gumaacha?, Yoom? kanneen jedhan irratti mariin bal’aan gaggeeffameera.

Dhuma irratti hirmaattonni marii bulchina qabu akkanaa guyyaa tokkotti xumurachuun waan ulfaatuuf GTQB waltajjii fakkaataa yeroo gabaabaa keessatti akka Qindeessu gaafiin dhiyaatee fudhatama argateera.

Obbo Moosisaa Futtaasaa mariin gaggeeffame hedduu bareedaa akka ta’e, miidhaa Ummataa fi biyya keenya irra gahaa jiru fi diinni keenya halkanii fi guyyaa nurratti hojjataa jiru yommuu wal bira qabnee ilaallu ammayyuu tattaaffiin keenya kana caaluu akka qabu, kanaafis waan har’a nan gumaacha jennee dubbanne hojiin mul’isuu eegaluun barbaachisaa ta’uu yaadachiisuun gorsa manguddummaa kennaniiru. Dabaluunis humni keenya guddaan tokkummaa keenya waanta ta’eef Ummanni Oromoo tokkummaaf dursa akka kennu dhaammatanii waltajjicha eebbaan cufaniiru.

SBO Bitootessa 24 bara 2013

Aside

Dagaagina Aadaa fi Mammaaksa Oromoof Irratti Dhaloota Guddisuu

Aside

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Caalliyaa Geedoottii Sababaa FDG daran jabaatee itti Fufeen Barsiisonni Oromoo ta’an Hidhamaa Jiru

Aside

Bitootessa 22,2013 Amboo

Mootmaan wayyaanees diddaa goototni baratootni Oromoo mana barumsaa Geedoo sadarkaa 2ffaa gaggeessaa jiranitti rifachuun sabbontotaa barsiisotaa ilmaan Oromoo ta’aan FDG baratootni gaggeessaa jiran keessaa qooda qabduu jechuun barsiistotaa dorsiisaa jiraachuun gabaafame jira.

Haala kanaan Bitootessa 20,2013  galgala barsiisaan Afaan Oromoo Barsiisaa Biraanuu Dirribsaa Barsiisaa M/B Geedoo sadrkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa kan ta’ee humnotaa poolisaa fi tikaa Wayyaaneetiin ukkaaffaamee essaa buuteen isaa dhabamuun gabaafamee jira. Gototni baratootni Oromoo M/B Geedoo sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa guyyaa har’aa hanga barsiisaa

Biraanuu Dirribsaa barsiisaan keenyaa fi baratootni Oromoo hidhaman hiikamanitti barnotaa dhaabnee FDG jabbeessinee kan itti fufnu ta’aa jechuun beeksifatanii diddaan baratoota mana barumsaa Geedoo jabaatee itti fufee jiraachuu maddeen keenya gabaasaniru.

Kana malees barattooti Oromoo barataa Tolaa Baqqaalaa  fi Barataa Masarat Abarraa jedhamaan diddaa baratootaa Oromoo M/B Geedoo kakastanii isiin ABO dha jechuun qabamanii bakka buuteen isaanii him beekamne.

Odeessa Gaddaa

Bitootessaa 16,2013 Godina wallaaggaa bahaa Onaa Limmuu Galiilaattii sabboonaa Oromoo fi qabsaayaa kan ture Barsiisaa Kabbadee Galataa Jooduu, sababa dhukkuba laphee yeroo dheeraa dhukubsachaa turanif, dhukkubni isaanii itti jabaachuun du’aan Addunya kana irraa boqotanif gaddaa gudda nutti dhagahama,

Barsiisaa  Kabbadee Galataa  Jooduu Onaa Limmuu Galiilaa bakka Loobicaa jedhamutti dhalatan umriin isaanii gannaa 50 kan ta’ee fi abbaa ijoollee 14 ti. sadarkaa barnotaan University Jimmaa irraa digrii jalqabaa nama qaban yeroo ta’uu, hojii barsiisummaa keessaa bara dheeraa tajajilaa kan turan fi yeroo amma kana illee koolleejjii teekinikaa fi ogummaa Onaa Limmuu Galiilaa utuu barsiisaa jirani boqotan. Dhukkuba laphee qabaniif itti jabaachuun du’aan boqochuu isaaniif barattoota Oromoo fi qabsaawota Oromoo naannicha jiranitti  gaddaa guddaatu nutti dhaga’amee jiraachuu qeerroon naannicha irraa nuu dhaamneen beeksise.Maatii,fi firoottaan Barsiisaa Kabbadee Galataa Jooduu fi Ijoollee isaanif Waaqayyoo jajjabinaa haa kennu, ijoollee isanii nama kaayyoo abbaa isaanii galmaan ga’uu jechuu qeerroon dhaamsa dabarsanii jiru.

Radiyoo Seife Nebelbalii fi Simbirtuu Tamsaasa Bitootessa 21,2013

Aside

  

FDG Dargaggoota Aanaa Geedoo fi Miidaqenyii Itti Fufe.

Aside

Bitootessa 21,2013 Amboo

Mootummaa abbaa irree Wayyaanee gaaffii mirgaa dura dhaabbachuuf hidhaa kan filatu Godina Shawaa lixaa aanaa Geedoo fi Midaaqeny keessatti gaaffii mirgaa uummatni gaafatu dura dhaabbachuuf ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuraa jira.Aanaa Geedoo fi Midaaqeny keessatti gaaffii uummatni Oromoo gaaffii bilisummaa dhiyeessaniif waraanaa fi humna poolisaa itti bobbaasuun ummata Geedoo jechaa jirti.Haala kanaan manni barnootaa sadarkaa 2ffaa Geedoo cufamuu fi barattooti gaaffii kaasaniin wal qabatee dargaggoota Oromoo

1. Shallamaa Giddoolee

2. Fayyisaa Guddinaa

Jedhaman kan keessatti argaman namoota hedduu hidhamanii akka jiran gabaasi jiru addeessa.Dargaggoonni kun sababaa uummata diddaa gabrummaaf jecha qindeessu isini jechuun mana hidhaa mootummaa wayyaanee magaala Geedoo keessatti ukkaamsamanii jiran.Wayyaaneen shira kamuu tolchee gaaffii mirgaa dura dhaabbatus guyyaan bilisummaa waan dhiyaateef uummatni harka wal qabatee akka kau qeerroon aanaa Midaaqenyii fi Geedoo addeessanii jiran.

Wal-Gahiin KG OPDO Wal Dhabdee fi Qoodmiyaan Milkii Malee Adda Bahe

Aside

(Bitootessa 21,2013, Gabaasa Qeerroo Finfinnee)Walgayiin Qaamolee OPDO Miseensota Giddu Galaa Bitootessa 17 hanga Bitootessa 20,kaleessatti itti ture.
opdo

Dhimmi walgayii isaanis inni jalqabaa qorannoo fi gamaggama hojiiwwan darbanii irratti ture. Wal qorannoo isaanii kana irraan ka’ee gara Gumii(Koree giddu galeessa hoji raawwachiistuu) jedhu irrattis dabalata walgayii isaanii gaggeeffachaa turaniiru.

Haata’u malee walgahichi akka barbaachisaa ta’etti deemuu dhabuun walii isaanii gidduutti jeequmsii fi walittibu’iinsi uummamee wal diiguunii fi garee adda addaatti wal qooduun walitti mufachuudhaan walgayii wal diigumsaan adda bahanii jiru.

Akka gabaasaa caasaa hojii qabsoo achi keessaa gaggeessaa jiru irraa nu gahetti gumiitti galanii erga mariyatanii booda garee 4tti akka wal qoodan ifatti beekamee jira.

kanneen kunis wal mormuu fi sadarkaa naamusaan ala ta’etti wal mufachuun walgahii adda diiganii jiraachuun gabaafama.Gareeleen arfan kuniis:-

1.Garee Alamaayyoo Atoomsaa
Isa Jalatti:
1.1 Kumaa Dammaqsaa
1.2 Muktar Kadir
1.3 Aster
2.Garee Abbaa Duulaa
Isa jalatti:
2.1 Abiyyii Ahimad
2.2 Lammaa Magarsaa-Waajjira Induustirii
2.3 Fiqaaduu Tasammaa-Dhimma dargaggoo irratti
2.4 Tolasaa Gaddafaa
2.5 Damisee Shittoo
2.6Alamayyoo Ijjiguu
2.7 Warqinee Gabayyoo-poolisii federaalaa
3.Garee Dirribaa Kumaa
3.1 Tasfaye Tulluu
3.2 Bazzuu
3.3 Alamaayyoo Taganu
4.Garee Juunaddiin Saadoo bakka inni hin jirretti kanneen mufii qaban
4.1 Abraham Adulaa
4.2 Musxafaa A/Simar
4.3 Nuuree Qamar
4.4 Bakar Shaallee
Haala kanaan walgayii isaanii mareen xumurachuu hanqatanii diiganii adda akka bahanii jiraachuun gabaasaan nu gahe addeessaa.
Waldiigumsa kana kan fide irra caalaatti hojiiwwan waggaa darbanii gamaggamuudhaan dadhabinaa fi wal amantee dhabuu irratti;akkasuma dhimma fi hojii hawaasummaa irratti,hojiin hojjennu maalif bakkeetti saaxilamaa,qaamni mormitootaa addatti ammoo ABOn iccitii keenya akkamiin dhaga’aa kun nu gidduudhaa bahaa jiraachuun keessa keenya maadheeleen ABO fi caasaan isaa akka jiran beekama jechuun gama biraan ammoo rakkoolee miseensa keessa jiru gubbaadhaa hanga goodatti,rakkooleen jiran naannummaadhaan,malaammaltummaadhaan miseensonni keenya boodatti jechaa akka jiru,aangotti fayyadamuu sirni bulchiinsaa gaggeefama jiraachuu isaatiini kkf irratti walitti bu’uunii fi wal diiguun qaamoleen OPDO kun yaadaan wal dhabanii wal gayii isaanii milii malee xumuranii jiru.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Murtii Hojii Dhaabuu Barsiisota Yuuniversitii Dirree Dawaa

Aside

Bitootessa 21,2013 Dirree Dawaa

Diddaa Barsiisoti Yuuniversitii Dirree Dawaa kaasan itti fufuun barsiisotiin 28 ta’an hojii barsiisummaa fi gaafatama qaban gadhiisuu isaanii mallattoon isaaniin mootummaa Wayyaanee beeksisuu Qeerroon gabaase.
Maqaa fi mallattoon barsiisota kanaa akka itti aanunitti jira.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Murtii hojii dhaabuu Barsiisota Yuunivarsiitii Dirree Dawaa.docx

Barattootni Yuunivarsiitii Amboo Medicine Baratan Sirna Bulchinsa Mootummaa Abbaa Irree Wayyaanee Mormuun Barnoota Dhaaban

Aside

Bitootessa 19,013 Amboo

Diddaan barattootaa Yuunivarsiitiilee keessaa hanga mootummaan wayyaanee sirna bulchinsa abbaa irrummaa irraa dhaabbatu itti fufuun barattootni Yuunivarsiitii Amboo Medicine baratan guutummaan barnoota dhaaban.Wayyaaneen yeroo ammaa diddaa barattoota,Barsiisota,Hojjettoota,Qotee bultootaa fi uummata biyyattii keessaa guutummaan kaaa jiru dura dhaabbachuuf waraana duwwaa fayyadamuun hidhaa fi ajjeechaa irrattis argama.Yuunivarsiitii Amboo keessatti guyyaa tokko gaaffiin mirgaa osoo hin kaiin kan hin oolle sadarkaa isaa jabeessuun gara barnoota dhaabuutti tarkaanfachaa jira.Wayyaaneen shira barattoota irratti meeshaalee barnootaa dhorkachuu,baajata nayaataa dhimma siyaasaaf oolchuu irraa hanga dhaabbatu mirga abbaa ofii abbaatu tikfata jechuun barattootni yuunivarsiitii Amboo Medicine baratan barnoota dhaabanii jira.Wayyaaneen kadhaadhaan barattoota barnootatti deebisuuf yaaltus guutummaan kan didan yoommuu tahu,waraanaa fi basaasaan diddaa barattootaa dura dhaabbachuun wayyaaneen haada morma isaa irratti jabeessuu irratti argama.Qeerroon yuunivarsiiti Amboo gaaffiin mirgaa hanga galmaan gahu diddaan daran jabaatee akka fufu diinnis tahe firri adda baasee akka beeku addeessanii qeerroo Oromoo maraaf waamicha oromummaa dabarsanii jiran.