Lixa Shawaa,Aanaa Geedoo Keessatti Diddaan Barattootaa Akka Itti Fufetti Jira.

Aside

Gabaasa Qeerroo Geedoo,Bitootessa 12,2013

Suuraan FDG 2012 irraa fuudhame

Suuraan FDG 2012 irraa fuudhame

Bitooteessaa 3,2013 irraa egaaluun FDG utuu wal irraa hin kutiin gaggeessaa kan jiraan ta’uun gabaafame, Gototni Baratootni Oromoo kun hangaa Ilmaan Oromoo yuunivarsiitii Finfinnee kiloo 4 irraa arii’aman fi Bakkotaa garaagara irraa arii’atamaa jiran hin deebineetti hin barannuu jechuun Mana barumsaa Cufuun FDG itti fufaanii jiraachuun gabafamera, haala kanaa

Hanga ilmaan Oromoo Yuunversitii Finfinnee kiiloo 4 irraa arihaman barnootatti deebi’anitti FDG gaggeessinu hin dhaabnu jechuun gootonni barattooti Oromoo Geedoo sadarkaa lammaaffaa Bitooteessaa 3,2013 irraa egaalun manni barumsaa Geedoo Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa Cufaamee jiraachuun gabaasa Qeerroo yeroo darbee keessatti ibsamuu ture. Haala kanaan guyyaa gaafa  Bitootessaa 11/2013 Maatiin baratootaa ajajaa karaa karaa qondaalota  Wayyaanee ummanni dirqiin dirqisiifamee  mooraa mana barumsaa Geedoo Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa keessaatti walga’iin dabbaalloonnii Wayyaanee gaggeessaa oolan irraattii Ummaannii sagalee mormii Dhageesisuun gaaffiilee

1.  Daa’immaanii fi dargaggoota ol guddatan ilmaan biyyaa gaaffii kaasan jettanii hidhuu dararuu fi biyyaa ari’uun haalaan hammaatee waan jiruuf kun mufii ummataa keessaa isa jabaa akka ta’e

2.  Bara baraan Pooliisiin Rasaasaa dhukaasee Ijoollee keenyaa  ajjeessaa?maaliif hidhamuu?

3.  Humna Waraanaa nurraattii bobbaasuun maaliif?

Jechuun ummanni diddaa dhageessisaniin dabballoonni Wayyaanees gaaffii uummatanaan muddamanii akka turan Qeerroon gabaasa. Akka gabaasi addeessutti dabballoonni kun Oromoota achitti argame kadhachuu fi ijoollee keessan nuu sossobaa gaaffii mootummaa irratti kaasan akka dhiisan jechuun yeroo walgahii irratti iyyatan dhagahamee jira.

Kana malees Hoteelota magaalaa Geedoo keessatti argaman gara garaa keessatti walleen warraaqsaa addattis kan Eebbisaa Aduunyaa osoo wal iorraa hin citiin kan dhageessifamaa jiru yeroo ta’u kanneen akka  Hoteelaa Ittaafaa Carraataa fi Hooteellii Calliyaa keeseetotaa ABO sirbisiisaa jirtuu jechuun dabbaalloonni Wayyaanee ummata qorachaa akka jiran gabaafamee jira. Humni milishaa Wayyaanee kan nama maqaan isaa Addaamuu jedhamuun durfamus Waajiraa milishaa Aanaa Caalliiyaa keessaa hojjetuu ta’een uummanni dorsifamaa jiraachuun gabaafamee jira.

Qonnaan Bultooti Oromoo Gaaffii Mirgaa Kaasan Itti Fufan

Aside

Bitootessa 12,2013. Haromaayaa

Oromian resistanceQotee bultootni Oromoo mootummaa abbaa iree dirqamsiifamuun yeroodhaa gara yerootti gibira humnaa olii kaffaluuf kan dirqaman yoommuu tahu yeroo ammaa kana sabboontotni qotee bultoota Oromoo Godina Harargee bahaa aanolee garaa garaa keessaa ajaja mootummaa Wayyaanee uummata qabachuun didan.Mootummaan Wayyaanee qajeelfama buúura hin qabnee fi bittaa umrii ishee dheeresseef duwwaa kaattu qotee bultootni gamtaan dura dhaabbatanii jiran.

Qotee bultootni aanaa Giraawwaa,Baddannoo,Kurfaa Calloo,Maayyuu Hulluuqqee,Golboodaa fi kanneen biroon gamtaan qajeelfama mootummaa Wayyaanee fudhachuu dhiisuun gibiras dhorkatanii jiran.Mootummaan Wayyaanee aadaa Giraawwaa keessatti dabballoota hedduumminaan bobbaasuun gibira yoo hin kaffaltan ykn wal gahii waamamtanii hin baatan taanaan horii dallaa keessan keessaa fuuneee gurugurra jedhamaa kan jiran yoommuu tahu uummatni gocha kana gaafa gootan ilaalla jechuun cichee diddaa jabeessaa jira.Haaluma wal fakkaatuun aanaa Haramaayaa qotee bultootni Xinniqqee gibiraa fi uffata dabballoota wayyaanee akka bitaniif mana tokkotti qarshii 200 akka kaffalan dirqama itti kenname gamtaan didanii jiran.Qotee bultootnoi yeroo ammaa ilmaan keenyas nu jalatti ajjeessaa nuun nu saamtanii meeshaa waraanaa bitachuun ittiin nu hin bittan jechuun gamtaan shira wayyaanee dura dhaabbachaa jiran.