(Qeerroo, Wancii, Hagayya 28,2012 ) Godinaa Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Wanciittii dabbaalloonnii wayyaanee sirnnichaaf amanamoo ta’aan shiraa garaagaraa ilmaan Oromoo irraattii dalaguu har’aa illee hin dhiisne.
Haata’uu malee yeroo ammaa kanaa Waajiraa OPDO kessaa Caasaa Qeerroo jiru akka gabaasetti Wayyaaneen OPDO keessaan ilmaan Oromoo sabboontota ta’an yakkuu fi gabaasa kijibaan akka isaan hidhaman guchuu irratti dabballoonni wayyaanee gabaasa galchaa jiru.
Dhuma mootummaa wayyaanee jala OPDOn gariin waan sirni mootummichaa kufaa jiru arguu dadhabanii amma illee sabboontota irratti shira hojjechuu hin dhaabne.
Haala kanaan waraqaan waajjirri OPDO sabboontota irratti barreesse akka kanatti maxxaneen ibsa.
Namni maqaan isaa Dirribaa Rgaaggaasaa Awwaaqii jedhamu dhaaba ABO, Mufatootaa, Mormitootaa fi Kiraayii sassaabdotaa jechuun shiraa xaxuun chaappaadhaan deeggaaree sabboontota gara waajira Wayyaaneetti gabaasa. Gochaan isaa kunis yeroon hin dhaabbatu itti fufa taanaan sabboontoti ittisatti akka seenan gabaasu





