“Waan Aarte Fakkaatta” Diraamaa ykn Do’ii Gabaabaa.

Video

Gaafa Hagayya 8, 2012  n maxxanfame.

Caayaa Utubaa ABO Minnesota:Haawwan fi dubartoonni Minnesotaa keessatti argaman wal gurmeessuun yeroo yerootti qabeenyaa, beekumsaa fi dandeettii isaaniin qabsoo ABOn hogganamuf gumaachan hagana hin jedhamne gumaachaa asiin gahan,ammas itti jiru.

Sabboontonni kun ammas diraama gabaabduu ergaa qabdu kana nuuf dhaamanii jiru.

 

Godina Baha Shawaa Keessatti Inveestera Wayyaanee Beekamaa Tokko Irratti Tarkaanfiin Fudhatame. Lixa Shawaa Aanota Adda Addaa Keessatti Ammoo Diddaan Baratootaa Oromoo Jabaate

Aside

Hagayya 08,2012  Dugda Bora

Gabaasaa godina Shawwaa Bahaa Ona Dugda Bora irraa akka addeessuun Hagayya gaafa 4 humni addaa ABO Bishooftuu  irra jiru   inverstera wayyaanee kan ta’e  magaalaa sana keessatti yeroo baayee dureeyyii ta’ee kan beekame Takkaaliny Gizawuu H/Mariyaam, konkolaataa isaa waliin tarkaanfiin akka irratti fudhatame addeessa. Namichi kun warshaa adda addaa kan qabu finfinnee keessatti suuqii bebbeekamoo  fi konkolaataa 100 ol kan qabu jedhu, akkasuma uummata hiyyeeyyii  ona Gimbichuu fi ona Lome keessa gatii xiqqaadhaan lafa isaanii bitu irraa buqisaa kan ture ta’uun beekama.

Haala kanaan hidhattooni Wayyaanee poolisii Oromiyaa, milishaa gandaa fi waraanni federaalaa utuu hin hafin godina sana keessa  akkuma jirutti sakatta’a guddaa gochaa akka jiran gabaasan addeessa. Namootni waraana ummatatti yaamanii haala kanaaf Oromoota rakkisaa jiran keessaa gariin isaanii

1.Isiraa’el Nabiyaat, 2.Gaaddisaa Askaalaa, 3.Kamaalddiin Yasuuf,4.Abarraa Shaakkisoo,5.Margaa Aschaalewuu G/Kidaan,6.Hagoos H/Yesuus,7.Cannaqaa Gorfaa

Kanneen jedhaman kana yeroo ta’u.Ummanni naannichaa yoo gochaas jarri kun yoo gochaa isaanii irraa hin dhaabbatiin tarkaanfiin warraaqaa akka isaan eegu akeekachiisanii jiru.

Hagayya 08,2012 Geedoo

Hagayyaa 1/2012 irraa egaalee Godiinaa Lixaa Shawaa aanotaa akkaa CALLIYAA, MIDAA QANYII,ILUU GALAAN IJAAJJII, DANNOO, XIQUR INCINNII, GUDAAR, AMBOO, GINCII, JALDUU,GINDABART keessatti,Walgahiin egamtooti Wayyaanee OPDO’n miseensota isaa fi barattoota miseensota isaa ta’aniif dhoksaan qopheesse irraattii lukkeeleen Wayyaanee OPDO’n walgahiichaa irraatti dokumenterii filmii kijibaa ABO’n gochaa goolessitummaa uume ummata jeeqa  jedhuun bara darbee ololaa afaan faajjiif Wayyaaneen qopheesiteen,ammas OPDO’n irraa deebi’uun baratootaa kanattii agrsisuun afaan faajjii uumuu barbaddee, diddaa baratootaa miseensotaa OPDOttin fashalaa’ee, walgahiin  guyyotaa sadiif gaggeeffaamaa turee mormii guddaan baratootaa irraa dhalatee, OPDO’n dhiphatee, baratoonnii yeroo filmiin kun waraabamuu namichii waraabee kun essaa dhaabbatee, waraabee?? dhaabnii tokkoo utuu bilisummaaf qabsaa’uu akkamitti ummataa isaa ajjeessuun fannisaa? isiin yeroo dubbiin isiin harkaa baduu wa’een keessaan ABO’dhumadha. utuu ABO’n hin jiruu ta’ee isiin iyyuu kabajaa hin argattan, Wayyaaneen sodaa ABO’akkaa OPDO kabaajaa jirtuu dagachuun walalummaa ta’uu hubachuun gaariidhaa jechuun filmii kijibaa kanaa abbaa isinitti kennettii deebisaa malee hin ilaalluu jechuun walgahichii mormii baratootaan xummuram.

Haaluma kanaan dhuma irratti baratootaa kanaaf ittiin sossobuuf dirgoon qarshiin 200 akka kennaamuuf OPDO’n gootuus baratoonnii gariin isaanii dirgoo keessaanis miseensummaa keessaanis hin barbaadnuu bilisaa taanee jiraachuu feena, waan sammuun namaa itti hin amannee maaliif dalagduu jechuun mormii qabaan muldhisaan jedhaa Odeessii keenyaa lixaa shawaa irraa nu gahe.

Godina Hararge Bahaa Onoota Gara Garaa Keessatti Barruuleen Warraaqsaa Bal’inaan Raabsaman.Godina Baalettis Sochiin Qeerroo Bal’inaan Jabaate.

Aside

Hagayya,08,2012 Finfinnee

Harargee Bahaa keessatti onoota  kanneen akka Baaddannoo,Baabbilee,Dadar,Giraawwaa,Gola Odaa fi Meyumuluke,Gooroo Guutuu,Gursumitti waraqaaleen heddumminaan raabsame. Itti dabaluun  waajiraalee OPDO jalatti maxxanfamee akka oole gabaasi qeerroo addeessa. Akkasumaanis  halli kun hamma ammaattis itti fufaa akka jiru gabaasaan addeessa.

Karaa biraas Godina Baalee Ona Adaabbaa, Agarfaa, Gaasaraa, Jaarraa, Naanseboo,Raytuu fi Roobee jedhamutti diddaa musiliimotaan wal qabatee qeerroon godina sana irra jiru dhaadannoo qopheessuudhaan, akkasuma waraqaalee qeerroo onoota kana keessa tamsaasaa akka jiran gabaasaan addeessee jira. Kana irratti Wayyanonnii fi jala deemtonni isaa rifannaa guddaadhaan godina sana irratti sakatta’iinsaa fi rimiddii waraanaa heddumminaan akka gochaa jiran gabaasaan naannicha irraa nu gahe addeessa. Shakkiima kanaan hidhata ABO waliin qabdu jechuudhaan barattoota koollejjii fi yuuniversity irraa galan namoota 4 ona Roobee fi Naanseboo  milishaa wayyaaneen qabamanii gara mana hidhaa utuu geeffamaa jiranii uummanni wal ta’uudhaan harkaa buusan. Barattootni kunis

  1. Dammaqsaa Rabbirraa-yuuniversity Finfinnee irraa
  2. Oljirraa Fiqaaduu-yuuniversity Haromayyaa irraa
  3. Sulxaan Mahaammad-yuuniversitii Diillaa irraa
  4. Hawwii Jiraataa-koollejjii Rift valley Adaamaa irraa

Kanneen jedhaman kaleessa shakkii qabaniin keessumaa raabsamuu waraqaa kanaaf ijoollee kana too’annoo jaa galchuu yaadan illee kaayyoon isaanii gootota sabboontota Oromoon feshelatee argame.

Itti fufuudhaann  godina Booranaa  magaalaa Booree jedhamutti abbootiin qabeenyaa walii galteedhaan kanneen konkolaata qaban, konkolaataa daldalaa isaanii irratti Alaabawwan xixiqqaa fannisuun magaalicha keessa konkolaataadhaan balaliisaa akka oolan gabaasan addeessa.  Hagayya 05,2012 Ona kana irratti abbootiin qabeenyaa qeerroon wal ta’uudhaan barruulee uummata hundumaaf akka kennamu ykn raabsamu walii galteedhaan namootni qabeenyaa qaban lakkoofsa baayina uummata isaaniitiin baayisanii akka qopheessaa jiran gabaasaan addeessa.  Akkasuma ona Booree kana keessatti   shamarran ,dargaggoonni, jaarsoliin akkaataa siqeenya isaaniitiin ijaarsa qabsootti akka wal ijaaraa jiranii fi sochii warraaqsa bilisummaa fi walabummaa keessatti akka qooda fudhachuuf waadaa galan  gabaasaan addeessa.

Milishoonni onicha keessa jiran yeroo ammaatti qabsoo ummataa degeruuf akka fedha qabanii fi gariin warraaqsa deemaa jirutti akka makamanii jiran gabaasaan qeerroo addeessa.

 

 

 

WBOn Humna Guddaan Sosso’aa Jira Jechuun Waraanni Wayyaanee Jeequmsa Keessa Gale.

Aside

Hagayya 08,2012 Dambi Dolloo

Gabaasaa Qellem ,ona Anfilloo irraa addeessuun ammo,  Hagayya 1 irraa kaasee mootummaan Wayyaanee waraana isaa gadi dachaasaa akka jiruu fi humni WBO guddaan daangaa ce’ee biyya seene sababaa jedhuun jeequmsa guddaa keessa akka galee jiru gabaasi qeerroo yeroo darbees ta’e dabalata addeessa.

Yeroo ammaa kanatti magaalota akka  magaala Anfilloo;Muggi,Ash,Gargeeda,daandii gara Sudaanitti geessu Yaanqi bakka jedhamu fi daandii Gidaamii fi Anfilloo Gargeeda keessa kutuun wal agarsiisu waraanni Wayyaanee heddummatee namni karaa deemu illee dhabee akka jiru gabaasan addeessa. Keessumaa sochii uummata ganda Gargeedaa shakkuudhaan ganda sana keessa namni galgala sa’a 1 booda akka hin deemne ta’eetu jira. Humna addaa guyyaa lamaa asitti ona Anfilloo irratti ramadaa akka jiru qeerroon ona Anfilloo gabaaseen addeessa.

Haala kanaan gabaasi ummata keessaa qeerroo gahe akka addeessutti  sababuma kanaan humni addaa WBO ona Anfillo irra jiruu fi kan magaalaa Qellem irra jiru ummata waliin walitti dhufee bakkoota adda addaatti mari’achaa akka jiru,ummannii fi humni addaa wal keessa waan jiruuf haala itti diina Oromiyaa irraa buqisanii mirga hiree murteeffannaa ummatootaa kabachiisan irratti ejjenno fudhatanii waraana wayyaanee dura dhaabbachuuf waadaa walii galuu gabaafame.

Huni addaa ummata keessa jira,ummanni ammoo humna addaa keessa jira,mootummaa kamiinuu ta’e duulli waraana wayyaanee adda baasuu hin dandayu,hamma gaaffiin ummata Oromoo deebii argatutti qasoon itti fufa kan jedhe qeerroon waraanni Wayyaanees ABOtu daangaa ce’ee humanba guddaa biyya seene kan jedhuun jeeqamaa akka jiru addeessa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!