Widespread Violence against Students in Ethiopia

Aside

Widespread Violence against Students in Ethiopia 

Dismissals and Suspensions of University Students on Political Grounds

February 20, 2012

Three students of Jimma Unversity in the regional State of Oromia in Ethiopia were given academic dismissal while four others were suspended from their studies at the university for two years for demanding for a halt to what was described as politically motivated racial slurs allegedly perpetuated by students of Tigrian oringin, the ethnic group that controls the political power in the current regime in the University campuses. According to the HRLHA reporter in Jimma (Wetern Oromia), Wubshet Zelalem, Mengistu (Amhara nationasl), Tesfaye Berihanu Bari’e and Moera Lema Debela (both Oromo nationals) were dismissed from the University, while Mekonnin Dabale Tolla, Nuredin Ahmed Bariso  and Takalign Konta Oli (Oromo) were temporarily abrogated for two years. Another student called Melesse Tilahun (who was a Gurage by birith) was penalized with one year suspension from the University. With the connection of the incident on Feb 4, 5 & 6,2012 many students, among those who opposed the inappropriate punishment imposed by the University administration against their fellow students, were arrested and taken to unknown destinations. HRLHA has been able to obtain through its correspondents, some of the names of those students who are believed to have been detained at unknown locations. They are: HRLHA_URgent_Action_Feb_20,_2012

Barataan Seeraa Waggaa 5ffaa Ayyaansaa Mul’ataa jedhamu University Jimmaa Irraa Hidhame.

Aside

Gabaasa Qeerroo,Jimmaa.Gur-dhala 20,2012

Diddaa Barattoota Oromoo jalqabame dhaamsuuf mootummaan wayyaanee barattoota yuunivarsiitii Jimmaa mana hidhaatti guuraa jira.Gaaffii mirgaa ilmaan Oromoo gaafatan hidhaan furmaata jechuun kan barate mootummaan Wayyaanee barattoota hedduu Yuunivarsiitii Jimmaa irraa mana hidhaatti guuraa turuunii fi ammas Barataa seeraa waggaa 5ffaa kan ta’e Barataa Ayyaansaa Mul’ataa jedhamu mana hidhaatti darbee jira. Mooraan Yuunivarsiitii Jimmaas waraanaan kan guutamte yoommuu ta’u barattootni arii’amanii fi hidhaman akka nuu hiikaman jechuun barattootni Oromoo yuunivarsiitii Jimmaa gaaffii isaanii guyyaa har’aa itti fufanii jiraachuun beekame.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Naannoo Beneshangul Gumuzii Oromoonni Hojjetan Ari’aman

Aside

Gabaasa Qeerroo Asoosaa,Gur-dhala 20,2012

Naannoo Beenishaangul Gumuz Asoosaa bakka Toongoo jedhamutti hojjettootni mootummaa qomoo Oromoo ta’an imaammata mootummaa BPR jedhamu hojii irra hin oolchine jedhamuun yakkamuun hojii irraa
arii’amanii jiru.Hojjettootni kunneen qorannoo amanamtoota mootummaa Wayyaaneen kan arii’aman yoommuu ta’u sababa Oromummaa duwwaaf hojii irraa arii’amuun isaanii bira ga’amee jira.Oromoota kan ayeroo adda addaatti waraana ABO bakka irraa bakkatti dabarsitan,maadheelee ABO ti jechuun shakkiin ragaa malee irratti himata dhihaassaa turan.

Hojjettoota kanneen keessaa
1.Obbo Yaasin Mohaammed Hojjetaa kutaa qabeenyaa fi
2.Obbo Dameessaa Abdiisaa Hojjetaan ijaarsaa fi Dandeettii keessatti argamu.
Hojjettootni kunneen hojii irraa arii’amuun hafee biyya irraa illee arii’aa jiraachuun waanuma barame waan ta’eef hojii mootummaan garboomfataa wixinee bittaa umrii isaa ittiin dheereffachuuf deemu yoomuu hin fudhannu jechuun jala dhaabbatanii argamu.

Qabsoon Itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

FDG Godina Shawaa Lixaatti Hammaataa Deemuun Wayyaanee Yaaddesse.

Aside

Gabaasa Qeerroo Gur-dhala 20.2012 Ambo

Godina Shawaa lixaa Xiqur incinnii,Jalduu,Gindabaratii fi kanneen biro keessatti diddaa dargaggootni oromoo jalqabaman dhaamsuuf mootummaan wayyaanee waraana naannessuu irratti argama.Manneen barnootaa kanneen akka culluxxee fi Xiqur incinnii keessatti diddaa jalqabame fashalsiisuuf jirattoota mara mootummaan wayyaanee walgahii waamuun cinqaa jira.Walgahii kana irrattis uummatni ifaan gibirri funaanamu
eessa dhaqa?mirgi abbaa biyyummaa Oromoo fi eenyummaa keenyaa nurraa mulqamee ijoolleen keenya akka looniitti barnoota irraa guuramanii hidhamaa jiru kun nurraa haadhabbatu jechuun sagalee mormii ifatti dhageessisanii jiru.

Dabballoonni Wayyaanee yaada ummataa kana dhagahuu dhambuun seera ykn tooftaa “Shakkamaan eenyu? Jedhuun uummata jeequuf karoorfates naannoo kanatti hojiitti jijjiiruun uummata hiraarsaa jiraachuun beekkame.

Sochiin Warraaqsaa Itti fufuu irraan wal qabatee Dargaggoonni Oromoo Hedduun Hidhaman.

Aside

Gurraandhala 19,2012

Biyya Ethihopia keessatti mirgi ummataa kabajamuun hafee,ummanni walii gala gaaffii karaa nagaa mirga isaa argachuu yoo kaase hidhamuu fi ajjeefamuu akkasumas biyyaa arihamuun waan aadeffame dha. Haaluma kanaan warraaqsa Oromiyaa keessatti qabatee ummanni Oromoo naannoo jiru maratti mirga abbaa biyyummaa falmataa jiruuf amma illee hiikkaa fi deebii ummattoota hojii fi barnoota irraa arihuu fi hidhuu tahee itti fufee jira. Erga barattooti Oromoo Jimmaa diddaa kaasanii as Gurraandhala 18,2012 Oromiyaa bakkoota adda addaa irraa hojii warraaqsaa deemsisaa jirtu jechuun sabboontota armaa gadii barnootaa fi hojii isaanii irraa qabuun mana hidhaa hin beekamnetti geeffamanii jiru.

1.       Lammaa Tasfaayee, jiraataa Finfinnee

2.       Milkeessaa Miidhagaa, Barsiisaa Yunivaristii Dirredaawaa

3.       Girmaa Nagaasaa , Barataa Yunivaristii Jimmaa, Waggaa 1ffaa

4.       Magarsaa Waaqjiraa , Yunivaristii Hawaasaa, waggaa 3ffaa

5.       Daraaraa Abdiisaa, Dhalataa Aanaa Jalduu

6.       Birruu Galataa, dhalataa Aanaa Ada’aa Bargaa

7.       Abdallaa Alamuu , Wallagga, Giddaa Ayyaanaa

8.       Phaawuloos Tasfaayee, jiraataa Magaala Sabbataa

9.       Leellisaa Oliiqaa, jiraataa magaala Naqamtee

Kan amalees godina Shawaa dhihaa magaalota adda addaa keessatti alaabaan ABO ifatti fannifamuu fi maxxanfamuu ummanni argan abdiin Bilisummaa akka dhihaatee jiru ibsachuun gammachuu fi hamleen warraaqsa cinaa dhaabbatanii akka jiran Qeerroon lixa Shawaa irraa gabaasa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Godina Addaa Oromiyaa naannoo Kamisee Aanaa Gawwee Diddaan Itti Fufe.

Aside

Gurraandhala 19,2012

Diddaa biyyattii keessatti jalqabameef dirqamni  Oromummaa hunda keenya irra jirti jechuun barsiisotni Godina addaa Oromiyaa naannoo  Kamisee aanaa Gawwee qaala’insi jiraatan, Oromiyaa keessatti hojjetaniis tahe baratanii jiraachuun walumaa gala ummata Oromoo rakkoo keessa buusaa waan jiruuf, naannoo jirruttis  jireenyi hojjetanii jiraachuu waan nu rakkiseef miindaan nuuf haa dabalamu kanaan ala hojii baruu fi barsiisuu ni dhaabna jechuun murteeffachuun gabaasan.

Mootummaan Wayyaanee hojjettoota ishii miindaa gad aanaan ramaddee warreen kaan ammoo hojii dhabdummaan rakkisaa kan jirtu yoommuu ta’u uummatni gama kanaan jabaatee gaafachuu akka qabus dhaamanii jiru.Gartuun siyaasaa biyyattii keessaa miindaa olaanaan kan ramadamanii fi bakkeewwan ijoo qabatanii kan argaman yoommuu ta’u har’a garuu hojjettootni mootummaa kamuu kana ifaan gaafachuu fi akka dandeettii isaatti bakka barbaachisaa galuu danda’uu waan qabuuf duubatti deebuu nu feesisu kan jedhan barsiisotni kun gaaffii biiroo barnootaaf dhiyeessaniif hojii barsiisummaa dhaabanii mootummaa Wayyaanee cinqaa jiraachuun beekama.

HANTUUTI HAADHA JALATTI, GUUBOO URUU BARATTII !!!

Aside

YAA.GAMMADAA

Addunyaan akka Namaatti keessa jiraachaa jirru kun , isa tokkof haadha taate isa kaaniif haadha biddeenaa ta’uu ishee ifatti argaa jirra. Umamni addunyaa Humnaa fi dantaa namaan osoo hin jal’atiin dura , hundaafu wal qixa umamuu ishee kan shakku jira jedhee hin yaadu. Maaliif yoo jedhame Uumaan samii fi dachii kun umama namaa kana wal qixa waan umeef .

Gama biroon , Addunyaa kana irratti yeroo lammaffaaf haqi jal’atee, dhugaan sobaan dhaalamee jiraachuus, keessummeessaa jiraachu argina. Kunis fedhii umaan Odoo hin taane, fedhii namaa irratti akka hundaa’u , shakkiin hin jiru. Addunyaa keenya har’a guyyaa irraa gara guyyaatti, gara hammeenyaatti arreedaa jirtu kana keessa, haqa ofii barbaachuun hedduu ulfaataadha. Maaliif yoo jedhame, har’a addunyaa kana akka barbaade hammacaa fi irratti hajajaa kan jiru, abbaa humnaa fi warra dharaan waan hundaa tu’ataniin qabamtee waan jirtuuf.HANTUUTI HAADHA JALATTI, GUUBOO URUU BARATTII !!!

Jiysaa Ballamaan Dhufe,Loli Qeerroo!!

Jiisaa baallamaan dhufe loli Qeerroo!!

Barattootii fi Hojjettoonni University Jimmaa Irraa Gurraandhala 17,2012 Aryaman

Aside

Gurraandhala 17,2012 Gabaasa Qeerroo Jimmaa

Biyya Oromoo keessatti,ummanni Oromoo bifa addaan warraaqsa eegalee mootummaa Wayyaanee waliin wal qabaa jiraachuun ni beekama. Akka ummattoota Suriya fi Libya akksumas Egypt fi Yemen kkf gargaarsaa fi deggersa alaa akkasumsa diinagdee hin qabaatiin malee,ummanni Oromoo bilisummaa isaaf yoomuu ciisee hin bulle.Baroota 20 Wayyaanen aangoo irra turte osoo qabsoo godhuu ajjeefamaa,hidhamaa,abeenyaa sabamaa fi biyyaa arihamaa yoona gahe.Kun kana tahee osoo jiruu yeroo ammaatti warraaqsa Oromiyaa keessatti gootonni dargaggooni Oromoo fi hojjettoonni Oromoo qabsiisaniin baatii kana keessa University Jimmaatti fincilli diddaa gabrummaan barattootaan eegale itti fufuun mootummaa Wayyaaneetti cinqaa tahee jira. Haala kanaan hojjettootaa fi barattoota mooraa University Jimmaa jiran hedduminaan hojii fi barnoota irraa Gurraandhala 17,2012 arhanii jiru. Kanneen keessaas :- Barattoota fi hojjattoota Yunivaristii Jimmaa irraa Gurraandhala 17,2011 arhaman

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Barattooti Oromoo Lama mana bartumsaa sadarkaa lammffaa Gindebert irraa Oromummaan yakkamuun arihaman.

Aside

Gurraandhala 17,2012 Finfinnee

Diddaa barattootaa Godina Shawaa Lixaa aanaa Gindabirat mana barumsaa sadarkaa Lammaffaa fi tokkoffaa keessatti jalqabe dhaamsuuf mootummaan Wayyaanee barattoota lama guutummaan barnoota irraa arii’us diddaan jabaatee hojiin baruu fi barsiisuu dhaabbatee jira.Barattootni sababa Oromummaa qofaan isin deeggartoota ABO ti sochii ummata kakaasu gootaniittu,mootummaa irratti barattoota kakaaftan sababoota jedhamuun barnoota irraa Gurraandhala 16,2012 arihaman. Kanneen kunis:-

  1. Raggaasaa Taaddasaa barataa Kutaa 8ffaa
  2. Barataa Guutuu Soorii  Kutaa 8ffaa dha.

Karaa biraa gootonni barattootni  Oromoo walgahii bulchitoonni Wayyaanee dirqanii yaaman irratti argamuun gaaffiin ilmaan Oromoo gaaffii walfakkaataa bilisummaa jedhudha jechuun walgahii Wayyaaneen waamte irratti yoommuu gaafatan isin ABOtu duuba keessan jira jechuun doorsisaan adda yaa’anii jiru.

Mootummaan Wayyaanee diddaa daran jabaate kana tooftaa ittiin dhaamsu keessaa warra barattootaa Roobii,Kamisaa fi Jimaata waamee mariisisaa jirus uummatni Gibirri funaananu eessa deemaa jira jechuun wal gahii booressaa jira. Maqaa misooma jedhuun laga abbayaa fi waldaa misooma Oromiyaan funaanamaa kan ture eessa deeme kan jedhanii fi humnaan karaa baastu yaada jedhu guutummaan guutuutti uummatni didee jira. Diddaan kun Ginc,Xiqur Incinnii fi Jladuutti babal’atee fincilli qabatee akka jiru qeerroon gabaasee jira. Haala kana  dhaamsuufis jecha mootummaan karaa irratti namni sadii ol akka wal bira hin dhaabbanne poolisoota bobbaasee dhorkaa jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!