Gaaffii fi Deebii Qeerroo aanaa Gindabarat Ganda Bakkee Baldhaa waliin taasifame

Diddaa Qeerroon Oromoo Finiinsaa Jiru Doorsisaan Ukkaamsuun Hin danda’amu

Aside

Diddaan Qeerroo fi qaamonni hawaasaa Oromoo biroon Oromiyaa keessatti eegalan diina irratti yaaddoo guddaa akka uumee jiru hubatamaa jira. Akkaataan itti warraaqsi diddaa kun deemaa jirukansalphaatti hin saaxilamne tahuu tu mootummaa Wayyaanee waan qabuu fi gadhiisu wallaalchisaa jira. Baadiyyaalee keessatti ummanni sirna hamaa kana of irraa kaasuuf jecha dinagdee sirnichaa fi shariikota isaa irratti tarkaanfii fudhachuu jalqabeera. Magaalaalee keessatti ammoo barattoonni, barsiisonnii fi hojjetoonni diddaa karaa nagaadhaan jalqaban babal’isaa jiraachuun beekamaa dha. Warraaqsi diddaa kun magaalaalee fi baadiyyaalee hunda waliin gahaa deemaa akka jirukanhubate sirni Wayyaanee tarkaanfii hammeenyaatiin warraaqsa kana dhaamsuuf sosso’aa jira. Diddaa Qeerroon Oromoo Finiinsaa Jiru Doorsisaan Ukkaamsuun Hin danda[1] (1)

INDAANQOON HAATEE ,HAATEE ……

Aside

YAA.GAMMADAA (2005)
Wayyaanoonni, Biyya Itoophiyaa jedhamtu Bulchaa jiran ,,, guyyuu kan Ummatootaaf dhaabbatan of fakkeessanii haa dhihaatan malee,,, adeemsi isaanii,,, waa tokko qofa irratti rarra’ee akka jiru,,, ifatti mul’isaa jiran. Hiwaatoonni, Qabeenyaa saamne jiraachiisuuf filmaati qabnu tokkichi,,,, Qabsoo Ummatootaa karaa kamiin akka ukkaamsinu ykn dhabamsiisnu akkamiinii ? jedhanii yaaduu qofaadha. Kanas mirkaneessuf, shiroota nama dorsiisuu eegalee amma Shororkeessaatti jiran,,, yaalaa jiran.
Hiwaatoonni,,, Ummataaf dhaabbachuu isaanii miidiyaa of harkaa qabaniin,,, karaa Gaazexessitoota isaanii dhiigaan filamanii fi Ummatichaaf dantaa hin qabnee lallabsiisuun alatti,,,, dalagaan argisiisu ega dhiisanii,,, waggoota lakkofsiisanii jiran. Hiwaatoonni ,,,, Janaraaloota waraanaa 61 keessaa 57 Ilmaan isaanii qofa taasisuun,,,, humnoota Tikaa fi Polisa Fedaraalaaa Namoota Biyyoota ollaa irraa odoo hin hafne muudan,,,, Dinagdee Biyyaa guutummaatti tu’achuun,,, Indaanqoon Haatee Haatee…..

Gaaffii fi Deebii Haala Sochii Sabboontota Lixa Shawaa

Gaaffii fi deebii qeerroo Amboo waliin

Godinni Shawaa Lixaa Diddaa Uummata Oromoo dhaamsuuf waraana Wayyaaneen guutamte.

Aside

Gurraandhala 24,2012 Finifnnee

Barataa Lammii Tasfaayee

Barataa Lammii Tasfaayee

Diddaa uummata oromoo Godina shawaa lixaa keessatti jalqabe dhaamsuuf mootummaan Wayyaanee meeshaa waraanaa guutuun magaala Amboo fi magaalota aanolee fi gandaa keessatti bobba’ee dargaggoota oromoo mana hidhaatti guuruu irratti argama.Uummatni Oromoos waraana wayyaaneen hedduu doorsisamaa irratti argama.Magaalota kanneen akka Jalduu,Xiqur Incinnii,Kaachis,Baakkoo fi kanneen biroon konkolaattota waraana wayyaaneen guutamtee argamti.Wayyaaneen diddaa kana dhaamsuuf baajata biyyaa hedduu qisaasessuun bittaa umrii isaa dheereffachuu irratti waan argamuuf gama kanaan uummatni hundi irratti dammaqee gaaffii mirgaa gaafatame akka deebisuuf tumsuu qaba.Uummatni oromoo Godina shawaa lixaas ABO dhaaba siyaasaa ilmaan Oromooti jechuun Alaabaa Adda Bilisummaa Oromoo qabatee diddaa jalqabee jira.

Haaluma kanaan sabboontoti bakkoota adda addaa irraa hidhaman keessaa….Sababaa Warraaqsaa Oromiyaa Keessatti Qabateen Sabboontota Hidhaman

Barattooti Oromoo ammos yommuu,yommuu, hidhaan dararamaa jiru.

Aside

Gurraandala 23,2012 Jimma

Barattoota Oromoo University Jimmaa mana hidhaa Wayyaanee keessatti haalaan dararamaa jiru.Barattoota Oromoo kanneen fincila diddaa gabrummaa University keessatti  adda durummaan qindeessaa jirtan isini sababa jedhuun mootummaan abbaa irree dargaggoota ija hamtuun ilaalu mana hidhaatti deebisee jira.

Barataa Nuraddiin Ahmed

Haaluma kan airraa ergamtooti mootummaa Wayyaanee fi manni murtii godina Jimmaa yeroo ammaa kana wal dhabdii guddaan kan gidduu isaaniitti uumamte yoommuu ta’u barattootni kunneen mana hidhaa Jimmaa keessatti haalaan reebamuun murtii tokkoon malee dararamuu irratti argamu.Barattoota yuunivarsiitii Jimmaa kanneen keessaa kanneen lammaffaa mana hidhaatti deebi’anii hiraarfamaa jiran keessaa:-

Maqaa Muummee Godina

aanaa

umrii
Mokonnin Dabalee Toloo Phycology waggaa 2ffaa Godina addaa Naannoo Finfinnee sulultaa 24
Eebbisaa Raggaasaa Statistics waggaa 1ffaa Shawaa lixaa Gindabarat 21
Daannoo Dabtraa Bayyanaa Water technology waggaa 1ffaa Shawaa lixaa Mana sibuu 21
Tasfaayee Biraanuu Bari’ee Phycology waggaa 2ffaa Harargee Abaadir 21
Nuuraddiin Ahmed Barisoo Phycology waggaa 2ffaa Arsii shaashimannee 21
Girmaa Bokonaa Hundee Hojjetaa mana nyaataa yuunivarsiitii Jimmaa Geeraa 29
Misgaanuu Jaallataa Gamtaa Nursing waggaa 2ffaa Wallagga Bahaa Nuunnuu qumbaa 20
Abdiisaa Qabatoo Oromo focular waggaa 2ffaa Arsii lixaa Shaashimannee 21
Barataa Wubishet Zalaalam

BArataa Wubishet Zalaalam

Warren kunneen keessatti argamu.Barataa Wubisheet Zalaalamii fi Barataa Moo’eeraa Lamaas mana hidhaa mootummaa Wayyaanee Jimmaa keessatti dararamni irraan gahaa jiru haalaan gaddisiisaa dha.Gaaffii mirgaa isaan gaafatan hidhaan furmaata jechuun ilmaan Oromoo Wayyaaneen mana hidhaatti ukkaamsaa jira.Dallaan yuunivasiitii Jimmaas waraanaan eegamaa jira.

 

“Barnoota irraa arhihamuun keenya Gaaffii mirga saba Oromoo hin dhaabu” Jedhu Barattooti Oromoo University Finfinnee

Aside

Gurraandhala 23,2012

Gaaffii mirgaa barattooti Oromoo gaafatan deebisuun kan itti ulfaate mootummaan nama nyaataa Wayyaane,dargaggoota Oromoo yeroo barbaadetti hidhuu gaafa fedhe ammo barnootaa fi dalagaa irraa arihuun mirga ummataa keessatti ukkaamsuuf yaalii gurguddaa godhaa jira.Yeroo ammaa kanattis barattoota Oromoo University Finfinnee keessatti gaaffii kaasan keessaa barattoota 14 gaaffii mirgaa kaastan FDG isinii kaasuuf jedhu bara geenye fi sababoota mirga Oromoo waliin walitti hidhu irratti qopheessuun barnoota isaanii irraa arihee jira. Kanneen kunis:-

  1. Mahdii Ahmad        Harargee/Gaara Mul’ataa Furdaa                                         Fayyaa     W.2
  2. Najiib Aliyyii             >>               >>             Baddannoo                                          Engineer   W.3
  3. Abdii Mahammad      >>           Dirree Dhawaa                                                        Seera        W.2
  4. Mahammad Abdii     >>            Ciro                                                                             Economy   W.2
  5. Ayub Asfaaw            >>            Mi’eesso                                                                       Seera        W.2
  6. Jamaal Yusuf            Harargee   Haramaayaa                                                         Fayyaa      W.3
  7. Qonjit Akliiluu           >>             Calanqo                                                                    Accounti.   W.3
  8. Fathiyaa Jamaal       >>              Qullubbii                                                                A.Oromoo  W.2
  9. Zalaalam Damee        >>             Asaboot                                                                  Fayyaa       W.2
  10. Halimaa Shaamil      >>              Ciro                                                                           Seera        W.3
  11. Jannaa Mahammad   >>             Bookee                                                                  Lammummaa W.2
  12. Caaltuu Hassan        >>               Dadar                                                                      Fayyaa         W.2
  13. Abbush Katamaa     Shawaa Bahaa/Adaamaa                                                   lammummaa  W.3
  14. Almaaz Yixinaa        Shawaa                                                                                     A.Oromoo      W.2

Barattooi Oromoo yakka Wayyaaneen kanaan barnoota irraa arihamanis,nuti aarsaa taanee ummanni keenya haabilisoomu, gaaffii haqaa fi mirgaa ummata keenyaa gochaa hammeenya Wayyaaneen nurraan gahaa jirtu kanaan hin dhaabbatu jechuun yaada isaanii Qeerrootti kennatanii jiru.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

 

Daraggoota Oromoo rifeensa mataa guddifatan ABO dha jechuun yakki itti banamuu eegale.

Aside

Gurraandhala 22,2012 Finfinnee

Dargaggoota Oromoo mara ija diinaan kan ilaalu garboomfataan mootummaa abbaa irree Wayyaanee dargaggoota Oromoo Wallagga bahaa Magaala Naqqamtee keessatti hojii dhabdummaan rakkachaa jiran irraa rifeensa haaduu jalqabe.Warreen rifeensa guddifattan ABO ti jechuun mootummaan Wayyaanee dargaggoota Oromoo rifeensa dheeraa qaban gogaa haaduu irratti argama.Namni bubbule waa arga jechuun kan dubbatan dargaggootni oromoo kunneen Hojii dhadummaan rakkachuu irra darbee rifeensa keenya illee guddifachuun yakka nutti ta’ee jira jechuun dubbatanii jiru.Mootummaan kun waan ilma namaa irratti hin raawwanne raawwachaa kan turee fi kan itti fufu ta’uu hubachuun gumaata Oromummaa akka baanu dhaammanna.

Kana malees Barattoota Yuunivarsiitii Jimmaa kan ta’an Barataa Wubisheet Zalaalam Mangistuu Barataa saayikoolojii waggaa 2ffaa fi Barataa Moo’eeraa Lammaa Dabal barataa saayikoolojii waggaa 2ffaa kanneen ta’an lamae mootummaan yayyaanee himannaa sobaan yakkuun mana keessatti haalaan dararaa akka jiru gabaasi Jimma irraa nu gahe addeessa.

Motummaan Wayyaanee Barattoota Oromoo University Jimmaa Irraa Hidhamaniif Mirgi Wabii isaanii akka Hin Eegamne Dhorke

Aside

Gurraandhala 21,2012 Jimma

Mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo hidhuun furmaata kan itti fakkaatee fi Gowwummaa jabduun kan danqame barattoota Oromoo yuunivarsiitii Jimmaa irraa hidhaman mana Murtii Jimmaatti dhiyeesse.Manni murtiis ijoolleen kun balleessaa hin qaban jechuun mirga wabii yoommuu eeguuf mirgi wabii hin eegamuuf jechuun seera ofii manni murtii bilisaan dalaga jedhanii tuman cabsanii jiru.Abbootiin murtiis dubbiin bitaa itti galee waan godhan dhabanii barattootni Oromoo 13 maqaa shororkeessummaa jedhuun himatamanii mana hidhaa mootummaa wayyaanee Jimmaa keessatti argamu.Barattoota kanneen mana murtiitti mirgi wabii eegameef dhorkaman keessaa

1.Barataa Moo’eraa Lammaa Phycology waggaa 2ffaa

2.Barataa Nuuraddiin Hamdaa phycology waggaa 2ffaa

3..Barataa Daannoo Dabtaraa Water technology waggaa 1ffaa

4.Barataa Eebbisaa barataa statistics waggaa 1ffaa

5.Barataa Mokonnin Dabalee

6.Barataa Wubisheet Zalaalam

7.Dargaggoo Girmaa hojjetaa mana nyaataa keessatti argamu.

Sodaa barattootaa irraa kan ka’e waraanni mootummaa wayyaanee Yuunivarsiitii Jimmaa Kampaasii Agrii fi Main campus haguugee jira.

Barattootni Oromoo Gaaffiin ilmaan Oromoo Deebii hanga argatu hin barannu jechuun murteeffachuun manneen barnootaa cufan.

Aside

Gurraandhala 21,2012 Finfinnee

Baatii Gurraandala 2012 keessatti diddaa Godina Shawaa lixaa Aanaa Abuunaa Manneen Barnootaa Somboo Walisoo fi Guutee Handoodee keessatti sabboontotni barattoota Oromoo hidhaa bara baraa ilmaan Oromoo irra jiru ni mormina,Yoomuu gaaffii mirgaa gaafachuu irraa duubatti hin deebinu jechuun barsiisota isaanii qabatanii mana barnootaa cufanii jiru.Qabsoo ilmaan Oromoof gumaatni oromoota hunda irraa feesisa kan jedhan barattootni Oromoo marti waamicha keenya dhaga’uun diddaa daran jabeessuun mootummaa garboomfataa bara baraa hundeen akka buqqisnu jechuun dhaammatanii jiru.

Kana malees sabboontotni Oromoo Godina Shawaa lixaa Kaachisii ona Leemat walgahii mootummaan wayyaanee waamte bahuu didan.Misooma hojjedhaa jettee mootummaan wayaanee labsitus nuyoo hojii keenya hojjenna jechuun ergamtoota mootummaa naannoo sanaa qaanessanii jiru.Warraaqsa biyyattii keessatti jalqabameef gahee oromummaa ni baana Jechuun uummatni Oromoo Ganda Leemat ajaja wayyaanee guutuun didanii jiru.Dabballoota walgahii yaasuuf bobba’anis gaaffiilee

1.Gibirri kanaan dura funaaname eessa dhaqe?

2.Karaan akka maqalaeef bahe Oromiyaa keessatti maaliif hin hojjetamen ,nuuf hin bane jechuun ofirraa arii’anii jiru.Diddaa Lixa shawaa keessatti jabaate dhaamsuuf mootummaan wayyaanee miseensota OPDO tahan walgahiif waamuun isheenii fi mata dureen isaas akkamitti warraaqsa dhaamsina kan jedhu ta’uus qorannoon qeerroo dhaqqabee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!