Caamsaa 26,2012 Ebantuu
Ummaannii Oromoo seeraan alaa Qee’ee isaa irraa buqqifamaa jira, Qabeenyaan Ummaataa Oromoo lafti gabataa fi albuudaa of keessaa qabuu fi Omiishaa garaagaraaf mijaa’aa ta’ee dabarfamee inveesiteroota alagaaf kennamuuf jedhcha ummanni Oromoo Godinaa Wallaaggaa Bahaa Onotaa Armaan gadii irraa Caamsaa 23,2012 qe’ee isaa irraa humnaan akka gadhiisee deemu ajaji battalaa itti kennamee yeroo itti meshaa isaa fi da’immaan isaa walitti qabatu dhabuun humna waraana Wayyaaneen reebamaa qe’ee fi maasii isaa akka gadhiisu taasifame qabeenyaa fi lafti irraa fudhatames Caamsaa 24,2012 investeroota heddumminaan naannicha dhufaniif hiramaa olee akka jiru beekama. Naannooleen ummanni irraa buqifaman keessaa.
FKN 1.Onaa Haroo Limmuu gandotaa torba[7]
2.Onaa Limmuu Galiilaa gandootaa jahaa[6]
3.Onaa Heebantuu gandotaa saddet[8]
4.Onaa Giddaa gandootaa shaan[5]
5.Onaa Kiiraamuu gandotaa kudha-tokko[11]
6.Onaa Giddaa Saasiggaa gandootaa sagal[9]
irraa buqqisuun inveesiteroota barbaadaniif akkaa barbaadanitti kenna jiru,lukkeen Wayyaanee OPDO’n illee yeroo daangaan Oromiyaa sarbamee gartokkeen isaa Guumuziif kaan ammo investerootaaf kennaamuu homaa gochuu hin dandeenye.Haallii kun uummaataa akka malee arsee waan jiruuf uummannii FDG keessa ture gara qabsoo hidhannootti deebisachuu fi magaala irraa hamma baadiyyaatti lukkeelee fi diina irratti tarkaanfii fudhachuuf kutannoon ka’ee jira.
Blog Archives
Ummani Oromoo Wallagga Qellem Diddaa Isaa Cimse.
Aside
Caamsaa 26,2012 Dambi Doollo
Godina Qellem Wallaggaa,Aanaa Anfilloo,gandoota Dollaa fi Yattii jedhamu keessatti Caamsaa 22,2012 uummatni Oromoo diddaa isaa jabeessuu irraan kan ka’e bulchitootii fi dabballoonni Wayyaanee haala sochii ABO fi diddaa Qeerroo irratti ummataaf ibsaa fi barnoota kennina jechuun walgahii guddaa yaamanii turan.Walgahii kana guutummaatti ummanni bahuu diduu fi dhaquu diduu irraan diddaa isaa muldhisee jira.
Kana malees dabalanii Caamsaa 23,2012 walgahii dhimma biraaf jedhanii marii waayee dhimma daandii baasuu irratti baajata baastanii hojjechiisuu qabdu jennaan kan abbaayiif harka qullaa hafnee utuu jirru amma immoo jireenya keenya balleessuuf mana dhufee jedhanii ergamtoota Wayyaaneedha walgayii sana gaggeessuuf dhufan qaanessanii deebisan kan jedhu gabaasi nu gahe addeessa.
Haala kanaan diddaa kana kan qindeessu isini jechuudhaan sabboontota Oromoo sadii gara mana hidhaatti geessanii akka guraaraa jiran beekame.
1,Qonnaan bulaa Obbo Nagaasaa Hirphoo,
2,Daldalaa Bunaa Obbo Solomoon Nadhii,
3,Qonnaan Bulaa Ayyaanaa Bulloo
Kanneen jedhaman mana hidhaa magaalaa Aanaa Anfilloo ;Muggi bakka jedhamutti hidhamanii akka jiran gabaafamee jira.
Waraanni Wayyaanee Meeshaa Gurguddaa Hidhate Hedduminaan Buree Qubsiifame. Poolisoonni OPDOs Waraana Wayyaneen Reebaman.
Aside
Caamsaa 25,2012 Giddaa Ayyaanaa
Caamsaa 23,2012 waraannii Wayyaanee humni guddaan waliitti bu’insaa saboota olla Oromiyaa jiraatanii fi saba Oromoo gidduutti uumamee jiruu sababeeffachuun mooraa waraanaa Buree irraa garaa Wallaaggaa Bahaa Onotaa akka Giddaa Ayyaanaa,Kiiramuu, Haaroo Limmuu, Limmuu Galiilaa,Heebantuu fi Giddaa Saasiggaa qubsiifamaa jira. Haa ta’uu malee Waraanni Onaa Giddaa Ayyaanaa seenee jiru ,uummaataa nagaa irraatti yakkaa dalagaa jira, dubartoota humnaan gudeedaa jira, galgala galgalaa ummataa reebaa jira, fkn bakkaa Hootelaa Giloobaalitti yakki humnaan gudeeddii dalagamera.
Karaa biraan immoo Poolisoonnii Onaa Giddaa Ayyaanaa diddaa ummataa dura dhaabbachuu dadhabdan isinuu ABO dha jechuun waraanni Wayyaanee OPoolisoota kana reebaa akka olee fi garii isaanii akka hidhee jiru gabaafama.
Diddaan Ummata Oromoo Gara Qabsoo Hidhannootti Cehee Lolli Gurguddaan Baname,Wareegamis Kafalame.
Aside
Caamsaa 25,2012 Naqamte
Caamsaa 22/2012 Godinaa Waallaaggaa bahaa Onaa Limmuu Galiilaa Bakkaa Baddeessaa Gammadaa jedhamuttii waliitti bu’insii uumamee waraanaa loltooti Wayyaanee saboota sulul Abbaayyaa qabbatanii Ummataa Oromoo irraatti baneen lubbuun lammiilee Oromoo Afur[4]galaafatame,maqaan
1.Bantii Dhugaasaa,
2.Faqqadaa Mosisaa
3.Ayyalaa Alamuu,
4.Agaa Caalii kanneen jedhaman yemmuu ta’uu;
Walitti bu’iinsa kana keessatti sabboontoti Oromoo kanneen madaa’aans
1. Zalaleem Taarraqenyi dura barsiisaa Afaan Oromoo kan turee fi yeroo ammaa investera ta’ee bakkuma kanatti hojjechaa kan jiru,
2.Fiixee Biiftuu,
3.Jaarsoo Gabaayyoo,
4.Xiilahuun Galaan
kanneen jedhamaan immoo akka malee warraa madaa’aan yemmuu ta’uu, lolli kun ammaa illee itti fufee jira, bakki lolli kun itti eegalee jiru magaalaa Neqamtee irraa 65km fagaatee argama.
Lolli kun itti fufuun ammos Caamsaa 23/2012 Godinaa Waallaaggaa bahaa Onaa Limmuu Gaalilaa bakka Tulluu Komaa jdhamuutti waaarri Wayyaanee Saboota Guumuz qabatee uummata Oromoo meeshaa maleessaatti dhukaasuun nama
1.Bayyanaa Abbaa Soorii
2.Bayyanaa Raggaasaa
3.Zaalaleem Bayyanaa,
Kanneen jedhaman rasasa rukutamanii madaa’an, guyyuma kana barataannii Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa kutaa 1-8ffaa barataan Onaa limmuu Galiilaa keessaatti waraanaa Wayyaanee jala dhaabbachaa olaan, FDG Kaasuun guyyaa kana sagalee mormmii dhageessisan, baratoonni kun guyyaa akka gutuu Oromiyaatti Moodelaa qormaataa kutaa 8ffaatu kennaama ture, nuti qe’ee keenyaa irraatti ajjeefamaa maal teenyee qorumsaa fudhannaa jechuun gotonnii baratoota Oromoo Onaa Limmuu Galiilaa FDG dhaan duraa dhaabbatan.
Haalumaa kanaan Mannee barnootaa Kutaa 8ffaa fincillii keessaattii ka’ee
1.Mana barumsaa Harqubee sadarkaa 1ffaa
2.Mana barumsaa Baddeessaa Gammadaa sadarkaa 1ffaa
3.Mana barumsaa Akuu Seedoo sadarkaa 1ffaa. baratoonnii manneen barnootaa kanaa qurumsaa moodeelaa kutaa 8ffaas utuu hin qoraamiin hafaan.Haala kanatti rifaachuun mootummaan abbaa irree humnaa waraanaa dabalataan naannoo sanatti bobbaasaa jiraachuu gabaafame.
Barattootni mana barumsaa Gindabarat Diddaa kaasan
Aside
Caamsaa 25,2012 Gindabarat
Barattootni Oromoo Godina Shawaa Lixaa aanaa Gindabarat Mana barumsaa Gindabarat diddaa itti fufan.Barattootni Oromoo mana barumsaa kanaa gaaffiin ilmaan oromoo ukkaamsamuu hin qabu jechuun diddaa itti fufanii jiran.Mootummaan wayyaanee yeroodhaa yerootti ilmaan oromoo qe’ee irraa buqqisuun maaliif hin dhaabbatu? Mootummaan wayyaanee aangoo irraa haa bu’u,Mirgi hiree murteeffannaa ilmaan oromoo haa kabajamu kanneen jedhanii fi kanneen biroo gaafachuun dabballoota mootummaa wayyaanee mana barumsaa kanaa cinqanii jiran.Barsiisotni mana barnootaa kanaas maqaa hidha abbayyaan saamichi gaggeeffamu haa dhaabbatu,Baazaariin mootummaan wayyaanee qopheessu dhara jechuun diddaa qabsiisanii jiran.
Uummatni Oromoo Qe’ee irraa hin buqqaanu jechuun waraana mootummaa Wayyaanee waliin falmatti seene!
Aside
Caamsaa 24,2012 Ginda Barat
Mootummaan Wayyaanee bara aangootti ol bahe irraa kaasee ilmaan Oromoo qe’ee irraa buqqisuun qabeenya saamaa kan ture har’as itti fufuun Godina Shawaa bahaa aanolee garaa garaa keessatti qe’ee irraa kaasuu itti fufee jira.Aanaa Gindabarat ganda gartokkee fi qarree sooree jedhaman keessatti mootummaan wayyaanee waraana bobbaasuun dirqiin qe’ee irraa akka buqqa’an gochuun uummata Oromoo rakkisuu irratti argama.Uummatni Oromoo naannoo kanas mootummaa Wayyaanees hin ajajamnu,hin saamamnu jechuun didanii jiran.Mootummaa wayyaaneetti diddaan yeroo ammaa haala jabaan jabaachaa kan dhufe yoommuu tahu Godina wallaggaa bahaa keessattis uummatni Oromoo qe’ee keenya irraa hin buqqaanu jechuun waraana mootummaa wayyaanee waliin falmatti seenee jira.
Didne,Didne ammas didne jechuun Uummatni Oromoo tarkaanfii Qabeenya Jala deemtota Wayyaanee irratti jabeesse!!
Aside
Caamsaa 24,2012 Limmuu Galiilaa
Uummatni Oromoo Godina Wallagga bahaa aanaa Limmuu Galiilaa ganda saqalaajjee habashoonnii fi alagootni nu hin dhaalan jechuun qabeenya investera habashaa uummata oromoo qe’ee irraa buqqise Isaayyaas Arayyaa, motora bishaanii guutummaan barbadeessan.Uummatni Oromoo godina kanaa yeroodhaa yerootti tarkaanfii qabeenya investerootaafi habashootaa irratti jabeessuun mootummaa Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa buusanii jiran.Mootummaan wayyaanee uummata beenishaangul gumuziifi uummata Oromoo walitti buusuun uummata Oromoo dadhabsiisuuf yaalus milkii dhabee jira.Barattootnii fi jiraattotni godina Wallaggaa bahaa aanaa haroo limmuu magaalaa haroo limmuu keesatti mootummaan wayyaanee uummata oromoo irraa dhimmaa hin qabu,OPDOn ergamtuu Wayyaaneeti,walitti bu’insa mootummaa wayyaaneen bixilameef mootummaan abbaa irree wayyaanee itti gaafatamummaa haa qabaatu jechuun dhaadatanii hiriira nagaa kan bahan yommuu ta’u sagaleen isaaniis Oromiyaa keessatti babal’achuun,mootummaa Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa buusee jira.Mootummaan wayyaanees tika,poolisoota federaalaa,poolisoota oromiyaa naannoo kanatti bobbaasuun diddaa kana dhaamsuuf dhama’us uummatni Oromoo naannoo kanaa waraana mootummaa Wayyaanee waliin waldhaansoo guddaa qabee jira.
Sabboontota Ukkaamsuun Hammaate; Ummatis Warraaqsa Diddaa fi Fincilaa Finiinsu Qaba.
Aside
(Qeerroo, Finfinnee, 21 Caamsaa 2012) Mootummaan abbaa irree Mallas Zeenaawwii ilmaan Oromoo ukkaamsee hidhe hiraarsaa akka jiru saaxilame; amma illee sabboontota ukkaamsanii dhabamsiisuun itti fufee akka jiru ibsame.
Oduun naannoo Oromiyaa keessa nu ghaa jiru akka hubachiisutti, humnooti tikaa fi dabballooti Wayyaanee Oromoota ilaalchaa Oromummaa fi sabboonummaa qaban hordofuun ukkaamsanii gara dabarsuu fi hidhuutti jiran.
Akka kanaan, yeroo ammaa kanatti Manni hidhaa Ma’ikalaawwii kan baroota dheeraaf ilmaan Oromoo keessatti dararaa guddaa argaa jiran keessatti namooti hedduun dhoksaanii hiraarfamaa akka jiran beekamee jira.
Odeessi mana hidhaa Maa’ikalaawwii keessaa nu dhaqaabe akka addeessutti, ilaamn Oromoo hedduun Oromiyaa keessaa guuramanii maa’ikalaawwii keessatti dararaa argaa jiran hedduun ogeessa seeraa dhimma isaanii hordofu hin qaban.
Kana malees, namooti hedduun kanneen achitti hidhaman baadiyyaa fi kutaa biyyaa keessaa ukkamfamanii akan hidhaman waan ta’eef maatii fi firroottan isaaniitiin gaafatamaa hin jiran.
Oromoota Oromummaa isaaniitiin qabamanii maa’ikalaawwii keessatti hidhaa fi hiraarsaa keessa jiran hedduun garmalee waan reebamaniif socho’uu hin danda’an. Kaan isaanii halkan baasanii kan hiraarsan yoo ta’u, kaan immoo yeroo dheeraaf mana dukkanaa keessa waan turaniif waa arguu hin danda’an.
Namoota Maa’ikalawwii keessatti akka malee hiraarfamaa jiran keessaa kan maqaan isaanii Qeerroo dhaqqabe:
1. Ob Isaayyas Geetahuun, bakki dhalootaa Godina lixaa Wallaggaa Gimbii, hojjetaa mootummaa lafa hojii magaalaa Neqamtee rraa qabame.
2.Ob Leellisaa Oliiqaa bakki dhalootaa Godinaa Bahaa Wallaaggaa magaalaa Neqamtee.
3. Ob Phaawuloos Taasfaayee bakki dhalootaa Godina lixaa Wallaaggaa Gimbii yoo ta’uu, hojjetaa bankii Awaash damee Sabbataa kan ta’ee biyyaa Ugaandaa deemtee leenjii fudhatee dhuftee jechuun himatame.
4. Ob Lammii Tasfaayee barataa Univesity Finfinnee dhalotaan Lixaa wallaaggaa Gimbii.
5. Ob Daraaraa Abdiisaa Godina lixa shawaa Onaa Jalduu
6. Ob Birruu Gaalatuu Godinaa Lixaa Shawaa Onaa Adaa’aa Bargaa
7. Barataa Tolaa kan jedhamuu Yunivesitii Wallaggaa irraa kan qabame bakki dhalootaa Shawaa Bahaa, kan ta’e, fi Oromooti hedduun mana hidhaa maakkalawii keessatti hiraarafmaa jiran.
Kun kanaan otuu jiru, yeroo addaddaatti sababa Oromummaa ishiitiin hidhamtee hiraarfamaa kan turte Aadde Masarat Taaddasaa achi buuteen ishii dhabamuun maatii fi sabboontota hedduu yaaddessee jira.
Knaan duras sababa Oromummaa ishiitin bara 2007 calqaba irratti qabamtee ma’ikalaawwii keessatti hiraarfamaa erga turtee booda waggaa lamaaf ji’a saddeetin booda ragaa sobaa irratti qopheessuudhaan manni murtii Olaanaa yakka tokko malee waggaa 15 itti murteessee ture.
Haa ta’uuyyu malee,iyyannoo mana murtii walii galaatti dhiyaateen waggaa 5tti gadi buufamee akka hidhamtu ta’uu maddeen keenya nuuf ibsanii jiru.
Yeroo man hidhaa Qaallittii keessa turtettis namoota kaan irraa adda baafamtee hiraarfamaa kan turte, Aadde Masarat, erga hidhaa keessaa baatees hordoffiin hedduu akka ishii duuba ture illee beekuun danda’amee jira.
Keessayyuu, sochii Qeerroo keessaa qooda qabdi jechuun yeroo hedduu waamanii akka gaafachaa turan kan nuuf ibsan maddeen keenya yeroo ammaa bakak ishiin buute akka dhabanii jiran ibsuun qaamoti mirga dhala namaaf falman akka hordofan iyyannaa isaanii dabarsanii jiru.
Kana malees, barataa Tolasaa Kabbadaa achi buuteen isaan dhabamuu maddeen keenya nuuf ibsanii jiru. Barataan kunis yeroo hedduu, “sabboontota Oromoo ijaarta; ABOf hojjatta; Qeerroo Bilisummaa qindeessita, fi kkf ” jedhamee hidhamaa fi qoratamaa akka ture kan ibsan hiriyyoonni isaa, keessaayyuu, erga waraanni bilisummaa Oromoo magaalaa Finfinnee keessatti tarkaanfii fudhatuu eegalee hordoffii fi doorsisti itti hammachuu irraa guyyuu sodaa keessa seenee akka ture hubachiisanii jiru.
Yeroo ammaa kantti, sodaa fi bir’uu guddaa keessa kan seente Mootummaan Wayyaanee, ilmaan Oromoo sababa amantii fi ilaalchaan hordoftee ukkaamsuun bal’inaan itti fufee kan jira.
Haala kana irratti dhaamsi Qeerroo aghe akka hubachiisutti, keessayyuu kanneen biyya alaa irraa maallaqni ergamuuf maqaan isaanii gara warra tikaatti dursamee waan ergamuuf hordofiin guddaa karaa hedduun isaanitti jira.
Dhaamsi Qeerroo kun dabalees, “namooti maallaqni fira isaanii irraa ergamuuf, karaa hundaan hordofmaa fi basaasamaa jiran; kanaaf, jabeessanii akka of eegan ii fi sochii fi adeemsa idilee hin taane akka arganii fi hubataniin dursanii qaamota mirga dhala namaaf falmanitti beeksisuu qaban,” jedhee jira.
Qeerroonis, dhimma kana irratti yaadachiisa dabarseen, “ummati Oromoos amantii fi ilaalchaan otuu adda hinbahiin duula hundagaleessa Oromoo fi Oromummaa irratti labsame kana walirraa qolachuutti jabaatuu qaban,” jedhee jira.
“Diinni Oromoo yeroo kamitti iyyuu wan ittiin Oromoo cabsuu fi humna buusu hojjachuu irraa duubatti jedhee hin beeku,” kan jedhe dhaamsi Qeerroo, “Roorroo abbaatu ofirraa qolata waan ta’eef, ummanii Oromoo taa’ee du’uu hin qabu; bakka jirutti warraaqsa diddaa fi fincilaa eegale finiinsuun qe’ee fi ardaa isaa gaaddisa garboomfataa irraa bilisoomsuu qaba,” jechuun dhaamsa jabaa dabarsee jira.
Aside
Caamsaa 20m2012 Naqamte
Tarkaanfiin Jala deemtota mootummaa Wayyaanee irratti fudhatamu daran jabaachaa dhufe.Mootummaa Wayyaanee waliin hidhata qabaachuun yeroo dheeraaf uummata Oromoo dararaa kan turee fi lammummaan Habashaa ta’ee kan miseessa OPDO ykn Dabballee Wayyaanee Laggasee Caanee Godina Wallagga bahaa Magaala Naqqamtee irraa 24km bakka fagaatee argamu Gottoo jedhamutti gaafa Caamsaa 18,2012 osoo inni sabboontota qabsiisee dookumantii sabbootonni ittiin qabamanii fi yakkaman qabatee gara mana dhidhaa Ma’ikalaawwiitti geessaa jiruu tarkaanfiin maayii irratti fudhatamee dokumanitiin fi qabeenyi inni baatu martuu harkaa fuudhamee sabboontota hidhaman ammo harkaa baasuun dandayamee jira.Laggasee Caanee qabsoo ilmaan Oromoon gaggeeffamu adda durummaan dura dhaabbachaa kan turee fi diddaa barattootni Yuunivarsiitii gaggeessan,Manneen barnootaa gaggeessan dabballummaan dura dhaabbachaa kan ture dha.Mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa kana diddaa deemsifamaa jiruun rifaatii guddaa keessa seenuun waan qabee gadhiisu wallaalee ilmaan Oromoo mana hidhaa jiran isin kana cufa beektu jechuun Maa’ikelaawwii fi Xoor haayilooch keessatti darara guddaa irraan geessisaa jira.
Seife Nebelbal Qabsaawaa Artist Hirphaa Ganfuree Waliin Gaaffii fi Deebii Godhe
Aside
