Gaazexessaan Iyyoob Baayisaa Gantoota Sabaa Gaaffii Haqaan Sarde.

Aside

Seife Nebelbal Radio dhageeffadha!

Showaa aanaa Gindabarat Keessatti Ummanni Qe’ee Irraa Buqa’aa Jira.Barsiisonnis Hojii irraa Arihamaa jiru

Aside

Caamsaa 19,2012 Gindabarat

Mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo qe’ee irraa buqqisuu akkuma amaleeffate yeroo ammaa Godina shawaa lixaa aanaa Gindabarat bakka Gooroo Osolee jedhamu irraa uummata Oromoo dirqiin buqqisaa jira.Uummatni Oromoo naannoo kanaa qe’ee keenya irraa hin buqqaanu jechuun mootummaa Wayyaanee waliin xiiqii wal qabee diddaa isaa jabinaan itti fufee jira.Uummatni Oromoo diddaa babal’isuun gibira mootummaa wayyaanee meeshaa waraanaa itti bittu malee misoomaaf hin oolchitan jechuun kan dhorkate yoommuu tahu wal gahii yeroodhaa yerootti ololaan guutame lagatee jira.
Kana malees, garboomfataan mootummaa Wayyaanee ilmaan Oromoo deeggartoota ABOti jechuun hidhuu,ajjeesuu,hojii irraa arii’uu kan amaleeffate Godina Shawaa Lixaa aanaa Gindabarat Mana barumsaa Gindabarat keessatti barsiisota barsiisan deeggartoota ABOti jechuun hojii irraa arii’uuf akeekkachiisa dhumaa itti kennanii jiran.Barsiisotni kunis:-
1. Tolaa Bariisoo
2. Caalaa Habtaamuu jedhaman mootummaa Wayyaaneen yeroo ammaa miseensota ABO Oromoo jedhamuun halkanii fi guyyaa qoratamuu irraan darbee Hojii irraa arii’amuuf akeekkachiisni itti kennamee jira.

Diddaan Ummataa Jabaatee Itti Fufuun Ummanni Oromoo Hiriira Bahe.

Aside

Caamsaa 19,2012 Naqamte
Godina Wallagga Bahaa Onaa Haroo Limmuu bakka Abbaa Mo’aa jedhamuu irraa Mootummaan garbofataa jiratotaa gandaa torbaa buqqisuun lafti kun investerootaaf waan kennamee jiruuf amma irraa jalqabaatii gadi gadhiisaa jedheen waan ajajeef jecha lafa Oromoo walii galatti Investerota habashaa nama torbaaf kenne, gochaa kanaa balaaleeffaachuun gootonnii baratoota Oromoo mana Barumsaa Haroo sadarka 2ffaa fi sabboontonni Oromoo camsaa17/2012 hiriira mormii magaalaa Haroo limmuu Keessaatti adeemsisani. Hiriiraa kana bitineessuuf poolisonni wayyaanee dhagaan reebaman, haala kanaan uummataa irraatti dhukaasa bananii manguddoo gannaa 70 Addee Dabalee Joogoraa rasaasan rukutanii ajjessan. Haala kanaan uummanni FDG cimaa keessaa seene jira.

Roorroo Abbaatu If Irraa Ittisa!! Tarkaanfiin Qabeenya Alagootaa irratti fudhatamu Ammos jabaatee itti fufe!‏

Aside


Caamsaa 18,2012 Naqamte
Tarkaanfiin Qabeenya Investeroota alagootaa irratti fudhatamu daran jabaachaa deemuun oomishni maangoo Investera Habashaa Waldee jedhamuun Godina Wallagga bahaa Onaa Digaa Saasiggaa bakkaa Ukkee Qarsaa jedhamu keessatti dhuunfatame gaafa Caamsaa 17, bara 2012 heekatarri 3.5n ibiddaan barbadaa’ee jira.Investerri habashaa kun uummatni Oromoo fi Beenishaangul Gumuz akka walitti bu’uuf mootummaa wayyaanee waliin hidhata uumuun shora guddaa taphachaa kan ture yoommuu tahu yeroo ammaa kana adda durummaan kan itti jiru tahu yeroo ammaa kanas itti jira.Mootummaan Wayyaanee tarkaanfii kana kan raawwatu ilmaan Oromooti jechuun dargaggoota Oromoo naannoo kanaa mana hidhaatti guuraa jira.

Hojii dhabdootnii fi Barattootni Godina wallagga bahaa aanaa Haroo Limmuu Hiriira nagaa bahan!‏

Aside

Caamsaa 18,2012 Limmuu
Hojii dhabdootnii fi barattootni Godina Wallagga bahaa aanaa Haroo Limmuu magaala Haroo Limmuutti hiriira nagaa bahan.Hojii dhabdootnii fi barattootni tokkummaan dhiibbaan mootummaan wayyaaneen gahaa jiru haa dhaabbatui jechuun hiriira nagaa bahanii jiran.Jala deemtotnii fi poolisootni hiriira nagaa dhaabuuf oliif gadi fiigaa ooluun kan dadhaban yoommuu tahu,diddaa dargaggootaa dadhabuun maanguddoota reebaa oolanii jiran.Hiriirri nagaan kun dhaadannoo garaa garaan
1. Hojii dhabdummaan biyya keessaa haa dhibamu
2. Walitti bu’insi mootummaa wayyaaneen bixxilame milkii haa dhabu
3. Mirgi hiree murteeffannaa ummata keenyaa haakabajamu.
4. Qabeenyii fi lafti Oromoo kan Oromooti!
5. Walitti bu’insa uumameen dhiigaa fi lubbuu badeen mootummaan wayyaanee itti gaafatamummaa haa fudhatu kan jedhani dha.
Diddaa kana dhaabuuf mootummaan Wayyaanee waraana konkolaataan Finfinnee irraa gara naannoo kanatti bobbaasuun uummata oromoo gooluuf karoorfachuu fi itti jiraachuun isaas saaxilamee jira.

Oromiyaa Keessatti Tarkaanfiin Qabeenya Investerootaa irratti fudhatamu jabaatee itti fufe!!‏

Aside

Caamsaa 17,2012 Gabaasa Qeerroo Horroo Limmuu
Tarkaanfiin Qabeenya investerootaa irratti fudhatamu daran jabaachuun Godina Wallaggaa bahaa aanaa Haroo Limmuu keessatti Caamsaa 16,2012 qabeenyi investera Addish G/Yohaannis qabeenyi isaa naannoo ganda Bariisoo Birmajjii bakka abba Mo’aa Jedhamuutti Baabura midhan daakuu tokkoo fi konkolaataa Qonnaa lama kan daangaa Oromiyaa fi Gummuz gidduutti ittin qotaa jiruu ibidaan barbadeeffaman.
Abbaan qabeenyaa kun sababaa investment qonnaa baba’isuu jedhuun kallattiin Tigraay irraa ramadamee gara Wallaggaa kan dhufe yommmuu ta’u ilmaan Oromoo maqaa investerummaan baay’ina 250 ol lafa isaanii irraa buqqisuun irraan darbee yeroo ammaa kana sab-lammoota sulul Abbayyaa irra jiraatan meeshaa itti bituun uummata Oromoo ficcisiisaa akeeka mootummaa Wayyaanee fiixaan baasaa waan jiruufi dha.Waardiyaan abbaa qabeenyaa kanaa Isayyas Amsaalee jedhamu yeroo qabeenya kana irratti tarkaanfiin fudhatamu dura dhaabbachuuf tattaaffii waan godheef hedduu madeeffamee jira.Tarkaanfiin akkanaa guutuu biyyaa irratti jabaatee kan itti fufu tahuu ummanni Oromoo aanaa Haroo Limmuu jabeessee beeksisa.

Lammiileen Oromoo maqaa Oromummaan Mana Hidhaa Ma’ikalaawwiitti Dararamuun Caalaa Hammaate.

Aside

Caamsaa 16,2012 Finfinnee
Manni hidhaa Ma’ikalaawwii jedhamu baroota dheeraaf ilamaan Oromoo bakkatti dararaa guddaa araganii fi hidhaman akka ta’e eenyuu Oromoo irraa dhokataa miti,baroota 20 Wayyaaneen aangoo irra turetti Oromoonni kumaa kitiliin hidhaa fi dararaa ganda sanii arganii jiru,bara 2011 sochiin warraaqsa Qeerroo erga qabateen asitti barattootii fi hojjettooti Oromoo maqaa qeerroon mana hidhaa Ma’ikalaawwii seenanii dararaa kana hin jedhamne argaa jiru. Bara 2012 keessa Oromoota gaaffii mirgaa gaafattan jedhanii hidhaa Ma’ikalaawwii galchan keessaa kanneen yeroo ammaa bakka bu’an hin beekamne gariin warren armaa gadii ta’uu qeerroon gabaasa.
1.Isaayyas Geetahuun bakki dhalootaa Godina lixaa Wallaggaa Gimbii, hojjetaa mootummaa lafa hojii magaalaa Neqamtee rraa qabame.
2.Leellisaa Oliiqaa bakki dhalootaa Godinaa Bahaa Wallaaggaa magaalaa Neqamtee.
3.Phaawuloos Taasfaayee bakki dhalootaa Godina lixaa Wallaaggaa Gimbii yoo ta’uu, hojjetaa bankii Awaash damee Sabbataa kan ta’ee biyyaa Ugaandaa deemtee leenjii fudhatee dhuftee jechuun himatame.
4.Lammii Tasfaayee barataa Univesity Finfinnee dhalotaan Lixaa wallaaggaa Gimbii.
5. Dararaa Abdiisaa Godina lixa shawaa Onaa Jalduu
6. Birruu Gaalatuu Godinaa Lixaa Shawaa Onaa Adaa’aa Bargaa
Qabsoon itti fufa !! Gabroomsaan ni kufa!!
7.barataa Tolaa kan jedhamuu Univesity Wallaaggaa irraa qabame bakki dhalootaa Shawaa Bahaa, kanneen jedhamaan mooraa mana hidhaa maakkalawii sanaa kessaa jiru.

Mootummaan Wayyaanee Wallagga Keessatti Oromoo fi Saboota Biroo Walitti Buusuu Itti Fufe

Aside

Caamsaa 16,2012 Giddaa

Gabaasi Qeerroo naannoo Giddaa fi Ebantuu irraa akka ibsutti Caamsaa 13,2012 ummata Oromoo fi saboota sulul Abbayyaa irra jiraatan jidduutti walitti bu’iinsi ture itti fufuun Oromoonni nama 4 madaayanii gara mana yaalaa seenanii jiru.
Kanneen kunis
1,Morkaa Alamuu
2,Dassaaleny Alamuu
3,Taasisaa Gammadaa
4,Garramuu Bareedaa
Kan jedhaman yeroo ta’u,mootummaan wayyaanee ummata Oromoo biyya isaa falmataa jiru dura dhaabbachuuf jecha saboota biro meeshaa waraanaa hidhachiisuu fi humna milishaa biraa dabalata kenneefii Oromoo akka lolchiisaa jiru beekama.

Ajajaa Poolisa Wayyaanee Eshetuu Alii Irratti Tarkaanfiin Maayyii Fudhatame

Aside

Caamsaa 14,2012 Gabaasa Qeerroo Magaala Jimmaa

Yeroo dheeraaf Magaala Jimmaatti qabsoo ilmaan Oromoo dura dhaabbataa kan turee Esheetuu Alii nama jedhamuu fi lafti jireenya isaa magaalaa Jimmaa ganda 04 yeroo tahu Caamsaa 13,2012 tarkaanfii maayyii irratti fudhatee jira.
Ergamaan Wayyaanee yeroo dheeraaf kun basaasummaa fi jala deemtummaan ilmaan Oromoo rakkisaa turee fi Poolisii tahee Magaala Jimmaa Ganda Qocii keessatti hojjetaa ture irratti tarkaanfiin maayii fudhatamuun kanneen biroofis barnoota ta’a.Poolisni mootummaa wayyaanee qabsoo qeerroon itti jiru dura dhaabbachuuf tattaafachaa turee fi dargaggootni akka waliin magaala keessa illee hin dhaabbanne dhorkaa ture. Ergamaan kun dhalootaan lammii Tigiree tahe uummataan yeroodhaa yerootti gorfamee irraa deebi’uu waan dideef tarkaanfiin dhumaa akka irratti fudhatame keessa beektonni gabaasu.

Poolisnii fi Dabballeen Wayyaanee Isheetuu jedhamu kun marii uummatni Jimmaa Caamsaa 11/2012 gaggeesse irrattis sochii ilmaan Oromoo dhukkaamsuuf tattaaffii jabaa gochuu qabna jedhee dubbachaa kan ture yoommuu tahu armaan duraas waggoota dheeraaf waajjira Poolisiitti ilmaan oromoo qabee deeggartoota ABO jechuun reebaa fi hacuucaa turuun isaa beekamee jira.
Tarkaanfii ergamaa kana irratti fudhatameenis uummatni Oromoo hedduu gammadanii jiran.
Tarkaanfiin akkanaa fi kana fakkaatan jala deemtotaa fi dabballoota Wayyaanee irratti fudhatamu jabaatee waan itti fufuuf namootni hojii wal fakkaataa hojjettan akka irraa of qusattan dhaammanna.

Mooraa University Jimmaa kessaattii Diddaa Goototaa barattoota Oromoo itti fufee,

Aside

Caamsaa 14,2012 Jimma

Baraataa Girmaa Nagaasaa mooraa University Jimmaatti barataa social science department Governance waggaa tokkoffaa kanaan fulduraa badii tokkoo malee barnootaa irraa humna poolisotaa waayyaaneen qabamee, mana hidhaa maakalawwiitti dararamaa hamaa irraa erga turee, kalee isaa gubbaa rukutamee dhukkubsachaa utuu jiruu, manni murtii waayyaanee balleessaa tokkoo malee sobaan himachaa ture,dhiyeenya kana gadi lakkifamee jira, haa ta’uu malee barataan kun gara barnootaa isaatti deebi’uuf gara mooraa University Jimmaa deemuus, pollisonni mooraa universitichaa mooraa hin seentuu jechuun dorsisaan ati shororkeessaadha jchuun mooraa seensisuu dhorkaan haalaa kanaa baratoonni Oromoo mooraa keessaa jiraan gara bulchiinsa mooraa sanatti iyyaata dhiyeessanif, bulchiinsii mooraa university Jimmaas poolisaan qabamee akka mooraa seenuu godhee sana boodaa waggaa tokkoof ati barnoota irraa dhorkamteeta jechuun mooraa university akka hin seenee fi barachuus akka hin dandeenye ta’e jira. haala kanaan baratoonni Oromoo mooraa sana keessaa jiran, gara presedentii baratotaatti iyyataa dhiiyyasaniif, sochii baratotaa kanatti rifachuun mootummaan abbaa irree baratoota irraa ID isaanii fuudhaanii baratoota dorsisuutti gadi taa’an,sababa kanaan wal qabatee Gamtaan baratoota University jimmaa[Jimmaa student union] fi poolisotaa giddutti wal dhabdeen uumame, bakka bu’onni baratootas dorsifamaan jedha odeessi nu ga’ee, poolisii Abarraa Mulaatuu miseensa poolisaa mooraa university jimmaa kan ture barataa Girmaa Nagaasaa waliin hidhata qabdaa jechuun dorsifamaa jiraachuu irraa darbee waraqaa miseensummaa poolisii irraa fudhatamee jira, baratooni Oromoo mooraa Unversity jimmaa gochaa kana ni balalleffaannaa gochaa abbaa irruummaa kanaas Qabsoo keenyaan maqsina jechuun sagalee mormii dhageesisan.halumaa kanaan barataa kanaan hoggaantoonni poolisaa mooraa University Jimmaa namoonni maqaan isaanii Kaaild Abbaa Tamaam fi Malaasee jedhaman barataa kanaan sii ajjeesnaa jechuun doorsisaan jedhaa odeesi nu ga’e.