Caamsaa 31,2012 Gabaasa Qeerroo
Caamsaa 30,2012 Godina wallaaggaa bahaa Onaa Haaroo Limmuu bakkaa Yaasoo fi Abbaa Mo’aa jedhamuu gidduutti sabboontotaa Oromootiin Qondaalaa Wayyaanee nama maqaan isaa Siibaat Abiraa kan ilmaan Oromoo basaasee hiisisuuf bobba’ee,kessaatuu miseensotaa Addaa Biliisummaa Oromoo adamsuu fi yeroo ammaa kana hojii tikaaf kan ramadamee socho’aa jiruu irraatti waaree dura sa’aa 10 am irratti tarkaanfiin mayyii fudhatame.Sabboontonni tarkaanfii maayyii ergamaa Wayyaanee kana irratti erga fudhatanii booda shugguxii irraa hiikkachuun qabeenyummaa qindeessitoota FDG itti gabaasanii akka jiran gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.
Tarkaanfiin kun qindoomina Maadhee Dhugumaa Jaldeessoo fi sadan Egguu tiin qindaa’ee karoorfamee hojiitti kan hiikame yeroo ta’u injifatnnoo itti aanuufis bakkoota maadheeleen diinaa dahatanii jiranitti fuulleffatanii akka jiran gaabaasu.
Kana malee karaa biroo Caamsaa 29/2012 Onaa Heebantuutti waraannii wayyaanee uummatatti bobbaafamee jiruu uummatatta dhukaasa bane, barataa Oromoo barataa Bayyanee Alamuu baraataa kutaa 12ffaa, rasasa wayyaaneen rukutamee madaa’ee yeroo ammaa kana waldhansaaf hospitaala Neqemtee galee waan jiruuf haalli kun uummataa daran arsee waan jiruuf uummanni FDG tti jabaatee seene








