Dabballootni Wayyaanee Wallagga L aanaa Gullisoo ganda Kurfeessaa Birbir dargaggoota Oromoo Waliin Walitti Bu’aa Jiru‏

Aside

Waxabajjii 28,2012 

Godina Wallagga Lixaa aanaa Gullisoo Ganda Kurfeessaa Birbir jedhamu keessatti dabballootni Wayyaanee dargaggoota Oromoo naannoo kanaa rifeensa guddifatan isin Miseensota ABO dha jechuun yakkuu jalqaban.Dabballootni Wayyaanee
1.Fiixee Abdiisaa Bulchinsa gandaa fi
2.Admaasuu Tolosaa Kaabinee ganda
kanaa Kan tahan dargaggoota maqaa misoomaaf akeeka dargaggootaa jijjiiruuf xaaranis kan jalaa fashalate yoommuu tahu dargaggoota rifeensa guddifatan isin Miseensota ABO ti jechuun yakkuu jalqabanii jiran.Dabballootni mootummaa kunneen gocha farrummaa kana irraa dhaabbachuun qabsoo ilmaan oromoo cinaa akka hiriiran qeerroon naannoo kanaa dhaammachuun kan hin gocha hojii farrummaa kana irraa hatattamaan hin dhaabbatan taanaan tarkaanfiin hojii isaanii madaalu akka isaan eeggatu dhaammatanii jiru.Mootummaan wayyaanee dargaggootaOromoo biyyattii keessaa ganna hojii ABO hojjetu kan jedhu shakkuun maqaa misoomaan qabuuf karoora wixinuun ishees saaxilamee jira.

Waamicha Tumsa Qeerroo Biyya Australia

Aside

” Injifannoon Keenyuma Haakaanu”

( Tumsa Qeerroo Australia)

Haalli gabrummaa hammaannaan,jireenyi ummata Oromoo fi biyya keenya Oromiyaa gaaffii jala gallaan Qeerroon fincila diddaa gabrummaa gaggeessuuf dirqame.Ummanni Oromoos Oromiyaa keessaa birmannaa kanaaf bal’inaan ka’ee roorroo if irraa falmataa jira.
Haala kanaan Jaallan warraaqoo fi ilmaan Oromiyaa biyya alaa jiran dhalaan-dhala gantooti mooraa qabsoo keessaa itti deemsisan, soda fi baqa qabsoo jecha hamee fi gumgummii deemu mara irraa gurra isaanii cufachuun amala qabsawaa qulqulluu horachuun qabsoo diddaa gabrummaa Oromiyaa keessatti deemaa jiru cinaa dhaabatanii warraaqsa Qeerroo cinaa hiriiruun tumsa Qeerroo guchuu irratti qooda guddaa kanneen kannaa jiran sabboontotii fi qabsaawoti qaqaalii dhugaatti diina hin sodaannee fi bilisummaa saba isaanii arguu barbaadan kanneen jireenya baqattummaan biyya Australia jiraatan qophii gora gudaa Tumsa Qeerroo taasisuuf gaafa Waxabajjii 30,2012 irratti Waamicha guddaa qabu.
Waamicha isaanii kana irratti ilmaan Oromoo bilisummaa saba keessaniif yaaddanii fi Oromummaan isinitti dhagahamu irratti argamtaniin gamtaan akka birmannaa ummata keessaniif gootan kabajaan isin beeksifna.

Uummattootni Kibbaa Tokkummaan Hiriira Bahuun hidhamtoota 20 gad Lakkisiisan

Aside

Waxabajjii 26,2012 Hawaasaa

Uummatni Naannoo Uummattoota Kibbaa Wal tahuun namni 5000 ol ta’an naannoo Tulluu jedhamutti hiriira nagaa bahuun ummata seeraan ala loltoota Wayyaaneen qabamanii hidhaman  20  lakkisiisan ykn gadhiisiisan.Mootummaan Wayyaanee diddaa uummataa jalqabe diddaan kun hammaataa waan deemuuf wal wal irratti akka ka’aniif Caasaaleen Bulchinsaa Magaala Hawaasaa keessaa Sidaamaan qofaa buluu hin qabu,Walaayittaan,Hadiyaan aangoo Magaala Hawaasaa keessatti diriirfame hirachuu qabna jechuun dabballootaan Waraqaa Magaala keessa facaasuun uummatni akka tokko hin taane kalaqus uummatni naannoo Kibbaa shira mootummaa Wayyaanee hubachuun tokkummaan diddaatti seenanii jiran.Mootummaan Wayyaanee waraqaa tokkummaa uummataa diigu,Magaala Cukkoo jedhamu keessatti haalaan bittinsuun lubnbuun namoota shanii akka dhabamu taasisuun daran jibbummaa kalaqatee jira.Magaala Hawaasaa fi naannoo isheettis kalaqa lolaa kanaan suuqiiwan hedduun bittinnaa’anii jiru.

Polisooti Wayyaanee 3 Irree Ummataan Adabaman

Aside

Waxabajjii 25,2012 Gabaasa Qeerroo

Tarkaanfiin uummataa lukkeelee diinaa irraattii jaabaatee itti fufee Waxabajjii 24,2012 Godina Wallaggaa, Onaa Haroo Limmuutti luukkeelee miseesotaa OPDO kan yeroo hedduu ummataa basaasuun beekaaman

1, Adulaa Gannatii,

2. Biraanuu Gamaadaa fi

3. Geetachoo Duubnee

jedhamaan diddaa ummataa ukkaamsuuf bobba’anii uumataan reeban, basastonnii kun gochaa diinummaa irraa dhaabbachuu diduu irraan Wayyaaneef amanamoo ta’uun yeroo irraa yerootti ummata dararaa waan turaniif ummanni Oromoo nu gahe roorroon jedhee jiru dachii isaa irratti falmachuuf jecha wal gurmeessee sagaleen yaada isaa dhageessisaa jiru dura dhaabbachuuf yeroo bobba’anitti ture kan reebaman.Haala kanaan Poolisoonni kaan naannoo san gadhiisuun baqatanii of duuba deebi’uun ummanni dhadannoo fi wallee warraaqsaa dhageessinaa akka oole naannicha irraa gabaafamee jira.

 

Barattootni aanaa Haroo Limmuu dabballoota OPDO Qaanessan! Wal gahiin Wayyaanees diddaa barattootaan diigame

Aside

Waxabajjii 25,2012

Waxabajjii 24,2012 Godina Wallagga bahaa aanaa Haroo Limmuu mana barumsaa Haroo Limmuu sad 2ffaa keessatti barattootni oromoo barattoota oromoo hidhaman hiikuu qabdu jechuun fincila qabsiisan.Mootummaan wayyaanee gara aanaa kanaatti dabballummaan akka hojjetanii fi diddaa akka dhaabsisan

  1. Obbo Girmaa Duubee itti gaafatamaa waajjira OPDO aanaa
  2. Obbo Margaa Mokonnon itti gaafatamaa OPDO manneen barnootaa

Dirqama itti kennitus barattootnii fi barsiisotni diddaan isaan simatanii jiran.Dabballootni kun maqaa misoomaa fi nageenyaa odeessaa nama nyaachaa akka jiran ifaan kan itti himame yoommuu tahu,Barattootni tokkummaan Barataa oromoo Taarikuu Dhugumaa mana hidhaa keessaa gad lakkisiisanii jiran.

Haaluma wal fakkaatuun aanaa Eebantuu keessatti wal gahiin mootummaa wayyaanee fashalee jira.Wal gahiin mootummaan wayyaanee waamte diddaa uummataan simatamuun  wal gahii mootummaa wayyaanee uummatni diigee jira.

 

 

Wallgga Keessatti Ummanni Oromoo Diddaa Isaa Cimsuun Walgahii Wayyaanee Guutummaati Dide.

Aside

Waxabajjii 25,2012 Gabaasa Qeerroo

Waxabajjii 24,2012 Godinaa wallaaggaa Bahaa onoota Onotaa Heebantuu, Haaroo Limmuu,Jaartee,Guttiini, Hagamsaa, Diggaa Saasiggaa Giddaa Ayyaanaa, Limmuu Galiilaa, kiraamuu fi Dongoroo jedhamanitti Mootummaan Wayyaanee humnaa waraanaattii fayyaadamuun ummata walgahii baasee uummaannii Mormii cimaan duraa dhaabbate.

Humnoonnii farreen nageenyaa isiin keessaa dhokataanii biyyaa kenyaa diigaa jiruu isaan of keessaa hin baastaan yoo ta’ee isiin iyyuu diinaa jechuun uummaataa sodaachiisuuf yaaliin godhaamee diddaa uummataatiin fashaalaa’ee jira. Ummaannii Onotaa Heebantuu, Haaroo Limmuu,Jaartee,Guttiini, Hagamsaa, Diggaa Saasiggaa Giddaa Ayyaanaa, Limmuu Galiilaa, kiraamuu fi Dongoroo irraattii isiin nu bulchuu hin dandeessaan, waggaa 20 guutuu isiini obsineraa kanaan boodaa nuti isinitti hin bulluu mootummaa mataa keenyaa ijaarraanna jechuun uummaanii mormii kaasee walga’ii keessaan lammaaffaa hin teenyuu jechuun walgahii dhiisee ka’ee, Lukkeeleen gochaa Ummaataa kanaattii aruun uummaataa humnaan teesisuuf yaaltullee ummaannii didee fincilaa itti kaasuun of irraa dhorkee jira.
warraannii wayyaanee Onotaa kanattii bobbaa’ee jiruu isiin uummaataa kana tasgabeessuu hin dandeenyee jechuun bulchitotaa OPDO kan Gandaa,Bulchiinsaa magalaa, fi Onotaa dorsisani, kaan immoo qabamanii hidhamanii reebma jiru, kanneen qabamanii hidhamanii reebaman Onaa Heebantuu irraa 1.Abdiisaa Qana’aa fi 2. Keekuu Korree bulchitotaa OPDO Magaalaa Heebantuu[Magaalaa Hindee] fi kan Onaa Haroo Limmuu 1.Alaamuu Mokonnon fi 2. Dabalaa Dheerressaa bulchitotaa maagaalaa Onaa Haroo Limmuu humnotaa waraanaa mootummaan wayyaanee bobbaaseen reebichaan humnaa olii irraa ga’ee jira diddaan uummataa itti fufee jira.

 

Poolisoonni Sirna Wayyaanee Tajaajilaa Turan 8 meeshaa guutuu waliin galmee Wayyaanee gubuun Dhabaman

Aside

Waxabajjii 24,2012
Waxabajjii 20,2012 Godina wallaggaa Bahaa Onaa Haaroo Limmuu bakkaa Abbaa Mo’aa fi Yaasoo gidduutti waraanaa Wayyaanee sakatta’insaaf Bobbaatee irraatti tarkaanfiin maayyii fudhatame.

Gootonnii sabboontonnii Oromoo Maadhee Dhugumaa Jaldeessoo fi Saadan Egguutiin hooggaanaman akka gabaasanitti humni hin beekamiin daandii konkolaataa bakkaa Abbaa Mo’aa fi Yaasoo gidduutti boollaa qotanii qindeesuun  daandii konkolaataa kutanii, konkolaataan Waranaa Wayyaanee Feetee Deemtuu Boollaa tooftaan qotamee qindaa’ee keessaa butee garagaluun lubbuun loltootaa 6 kan hooggaanaan isaanii namni maqaan;

*Dayyaas G/Mikaa’el jedhamuu keessaattii argamuu  battalumatti Du’ani, namonni kudhaan (10), akka malee maadaa’an. Konkolaataan ittin deemaa jiran hojiin alaa taatee jirti, Mootummaan wayyaanee gochaa kanatti akka malee rifachuun humnaa waraanaa bakkaa Abbaa Mo’aa jedhamuu tti guuraa jirti.

Mootummaan Wayyaanee Miseensota isaa irraa amantii dhabuun Qeeerrummaan Isaan Yakke.

Aside

Waxabajjii 24,2012

Mootummaan garboomfataa Wayyaanee miseensota isaa irraa amantii dhabuu irraa kan ka’e Godina Shawaa Lixaa aanaa Ejeree Ganda Areertuu keessatti dargaggoota Oromoo ‘isin Miseensota keenya karaa misoomaa irraa kaasaa jirtu’’Qeerroo nurratti ijaaraa jirtu maqaa jedhuun dargaggoota qorannoon rakkisuu irratti argama.Mootummaan wayyaanee dargaggoota ganda kanaa oolmaa keessan gabaasuu qabdu jechuun rakkisuu irratti argama.Dargagglootni
1. Kabbadaa Daadhii
2. Asaffaa Abbabaa
Jedhaman ergamtoota mootummaa wayyaaneen akka tikfamanii fi guyyaa guyyaan oolmaa isaanii hin gabaasan taanaan akeekkachiisni kanneen itti kenname keessaa garii dha.
Kana Malees Abbaa irreen aangoo biyyattii qabate qabeenya oromoo saamuuf kan kutate Godina Shawaa Lixaa aanaa Dandii keessatti bosona Cillimoo argamu hedduumminaan muruun humnaan guuraa jiraachuunii fi uummatni diddaa dhageessisaa jiraachuu qeerroon aanaa kanaa gabaase.

Walitti Bu’insi Mootummaan Wayyaanee Uummattoota gidduutti uumu babal’achaa dhufe

Aside

Waxabajjii 24,2012

Biyya Itoophiyaa jedhamu keessatti Mootummaan Wayyaanee tokkummaa uummattoota biyyattii diiguuf tooftaa garaa garaa bixxilaa turuunii fi lubbuun uummata hedduu,qabeenyi hedduun baduun isaa ni yaadatama.Yeroo ammaa kanaas Mootummaan wayyaanee walitti bu’insa Uummattoota Kibbaa keessatti uumeen Uummatni Sidaamaa fi Walaayittaa walitti bu’uun uummatni walaayittaa irratti miidhaan garaa garaa gahuu irratti argama.Mootummaan wayyaanee magaala Hawaasaa keessa Federaalota dhibbaan lakkaa’aman maqaaf kan naqe yoommuu tahu,Yeroo mootummaa irratti uummatni ka’u malee yeroo uummatni lameen wal lolan hin tuqiin jedhamanii dirqama fudhatanii akka deeman iccitiin Federaalota naannoo sanatti bobba’e keessaa bahe saaxilee jira.

 

Wayyaanee TPLF dargaggoota Oromoo hojii dhaban gara Adda waraanaa Gowwoomsee geessuuf olii fi gadi kaachuun isaa milii dhabe.‏

Aside

Waxabajjii 24,2012 Finfinnee

Biyyattii keessatti diddaa mootummaa Wayyaaneetti jabaachaa dhufe dura dhaabbachuuf mootummaan abbaa irree Wayyaanee dargaggoota gara Adda Waraanaa deemtu jechuun Godinaa Godinatti deemuun galmeessaa jira.Dargaggootni Oromoo Hojii dhabdummaan rakkachaa jiran Carraa Adda Waraanaa deemuuu hin didan jechuun akeeka kan godhate mootummaan abbaa irree dargaggoota Oromoo galmeessaa jira.Godina Iluu abbaa Booraa magaala Mattuu fi Magaala Jimmaatti maaliif akka galmeessan osoo hin himiin dargaggoota 300 ol kan galmeessan yoommuu tahu,Isin adda Waraanaa deemtanii dirqama hin baatan taanaan Maqaan keessan nu bira jira,Yoo bakka kanatti diddaan tokko dhalate,Itti gaafatamummaa kan fudhatu isini kanaaf deemuu qabdu jechuun doorsisaa dirqisiisaa jiru.Miindaa jabaan isinii kaffalama jechuun dargaggoota oromoo gowwoomsuu irratti argamu.Qeerroon naannoo kanaa shira mootummaa wayyaanee dursee hubachuun dargaggoota oromoo naannoo biraafis dhaammanna jedha.