Mootummaan Wayyaanee shira amantiilee gidduutti kalaqeen walitti bu’insi uumame hammaataa ta’aa jira

Aside

Waxabajjii 24,2012

Biyya Itoophiyaa jedhamtee waamamtu keessatti uummatni biyyattii keessaa gaafa nagaan oolee bule takkaa hin argine.Uummatni aadaa fi safuu fi amantiin wal danda’ee waliin jiraatu erga Mootummaan garboomsaa Wayyaanee gara Aangootti ba’ee wal waraanuu fi wal jibbinsaan akka jiraatu tooftaa aangoof gidduu isaaniitti waan uumameef uummatni amantiin wal danda’e baroota dhufaa darbaa dheeraaf jiraachaa ture yeroo ammaa kana gochaa fi shira Wayyaaneen ummatoota jidduutti uumaa jiruun  yeroodhaa yeroottii walitti bu’aa jira.Hordoftootni amantii Musliimaa fi Kiristaanaa Mootummaan Wayyaanee wal dhabde gidduu isaaniitti kalaqe irraan ka’uun Godina Iluu abbaa Booraa aanaa Mattuu,Dhidheessaa fi Kamisee walitti bu’uun hordoftootni amantii lamaanii wal miidhuun gara Hospitaalaa akka seenan ta’ee jira.Mootummaan Wayyaanee walitti bu’insa kanaaf kan gammade yoommuu tahu,walitti bu’insa kana tasgabbeessuuf hojiin hojjetu hin jiru.Humna uummataa diddiigaa dhimma aangoo kan itti gaggeessaa jiru mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo naannoo kanaa doorsisaa fi hidhuu irratti argama.Ilmaan Oromoo lama Magaala Mattuu keessatti dhoksee gara mana hidhaatti fudhachuus kanneen ijaan argan ragaa bahu.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Mootummaan Wayyaanee Diddaa uummataa dhaamsuuf maqaa ”Seelii Diinaa” jedhuun dargaggoota mana hidhaatti guuraa jira

Aside

Waxabajjii 24,2012  Shaambu

Mootummaan wayyaanee diddaa Uummataa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti qabate dhaamsuuf dargaggoota oromoo maqaa Seelii diinaa jedhuun mana hidhaa mootummaa wayyaanee Magaala Aliboo keessatti guuruun dararuu irratti argamti.Dargaggootni

  1. Misgaanaa Rabbirraa aanaa J/Jaartee ganda Jaarroo  Siree irraa
  2. Tolosaa Rumichaa aanaa J/Jaartee ganda Diimaa Jokkee irraa
  3. Sharifoo aanaa J/Jaartee ganda Diimaa Jokkee irraa
  4. Tolosaa Galataa aanaa Horroo Guta irraa
  5. Fayyeeraa Ganda Laaloo Igguu irraa
  6. Dargaggoo Mokonnon Laaloo Igguu irraa dargaggoota oromoo 6 mana hidhaa kanatti mootummaa wayyaaneen ukkaamsaman waliin dararamaa jiru.

Gaaffiin Mirgaa uummatni Oromoo naannoo kanaa gaafate poolisoota naannoo biratti fudhatama qabaachuun poolisootni naannoo kanaa uummata waliin gaaffii gaafachaa kan jiruu fi mootummaan wayyaanee amanamtoota ishii gidduu galeessa irraa bobbaasuun Poolisootas isin ergama diinaa qabdu jechuubn qorannoon rakkisaa jirti.Diddaan uummataa jalqabame hidhaa fi doorsisaan dhaabbachuu akka hin dandeenye mootummaan wayyaanee jala sararee baruu akka qabus uummatni naannoo kanaa fi maadheen ABO dhaamu.

Diddaan Qeerroo fi ummataa poolisootattis ce’e; lubbuun poolisoota Wayyaanee sadiis galaafatame.

Aside

(Qeerroo, Naqamtee, Waxabajjii 20/2012) Godinaa Wallaaggaa Bahaa Onaa Giddaa Ayyaanaa, Guttinitti Buufataa poolisii 2ffaatti walitti bu’insii guddaan poolisotaa Wayyaanee Gidduutti uumamee dhukaasaa wal irraattii reebuun poolisonnii wayyaannee namonni sadii batalumatti du’uun namonni lama akka malee maada’aniru.

Gabaasaan Qeerroo bakka san irraa akka odeessa nuuf dabarsetti, ka’umsi  waliitti bu’insaa kanaa poolisotaa ilmaan Oromoo duraa aangoo irraa jiran shakkuun ilmaan Amaaraa fi Tigiree gara aangootti baasuuf ,wayitaa wayyaaneen shiraa xaxaa jirtutti kan dhalatee dha.

Akka kanaan,poolisonnii  Ilmaan Oromoo aangoo irra turan  aangoo keenyaadabarsinee Habashaattii hin kenninuu jechuun Habaashootaa aangoo fudhaachuuf qophaa’an irratti dhukaasaa banuun namoonni sadii batalumaatti si’a ajjeefaman namoonni lamaa madaa’anii mana yaalaa galuun gabaafamee jira

Poolisonnii Habaashaa aangoof utuu fiigaanii ajjeefamaan 1, Poolisii Tasalem Eliyaas, lammii Amaaraa, 2. Poliisii Wandimaagenyii Taageenyi lammii Amaaraa, 3, Poolisii Araayaa W/Miikaa’el   Lammii Tigree kanneen du’aan yoo ta’aan, Poolisonnii lamaa kan madaa’an yeroof maqaan kan nu hin geenyee ta’uun ni hubaachiisna,

Waliitti bu’iinsaa uumamee kanaanis Magaalaan Guttiin akkaa malee jeeqamaa Oluun gabaafamee jira.

Kan kanaan otuu jiruu, Walgahiin baratootaa miseensotaa OPDO ta’anii Onaa Dongoroo M/B Dongoroo sadarkaa 2ffaa fincilaa diddaa garbummaattii jijjiiramee waxabajjii 20/2012 baratoonnii OPDO hin barbaannuu jechuun walga’ii dhiitanii ka’uunii jiru.
Akka kanaan barattooti kunneen mootummaa abbaa irree balaleeffaachuun gabaafamee jira.
Akkasumas “dhaabni OPDO kun beekamtii hin qabdu, ummaataa Oromoos bulchuu hin dandeessuu,” jechuun baratoonnii dhaadannoo Oromiyaan ni Bilisomti, jedhuu dhageessisaa akka oolan oduun kun dabalee hubachiisee jira.

Filannoo Gamtaa Barattootaa Mooraa Yuunivarsiitii Hawaasaatti Tikni Mootummaa barattoota oromoo basaasuu fi doorsisuuf bahe wal dhabe

Aside

Waxabajjii 22,2012 Gabaasa Qeerroo Hawaasaa
Mooraa Yuunivarsiitii Hawaasaa Keessatti Filannoo barattootaa deemsifamaa jiru irratti Miseensotni OPDO fi jala deemtotni mootummaa wayyaanee nuyitu filatama jechuun olii fi gadi fiiganis Qeerroon diddaa burqisiisuun mooraa yuunivarsiitii Hawaasaa Yaaddoon liqimsiise.Mooraan yuunivarsiitii Hawaasaa yeroo dheeraaf waraana mootummaa wayyaaneen tikfamaa kan ture yoommuu tahu,yeroo ammaa kana haalaan daran jabaachuun Tiknii fi waraanni mooraa yuunivarsiitichaa seenuun hojii basaasummaa jalqabuun isaanii saaxilamee jira.Wal dhabbiin tika mootummaa wayyaanee yuunivarsiitii kana keessatti bobba’an gidduutti dhalachuus odeeffatni isaan keessaa ni saaxila.
Kana malees karaa biraa hojjettootni Magaala Finfinnee bulchinsa aanaa 7 keessatti hojjetan Miseensummaa wayyaanee dirqiin akka guutan dirqamsiifaman.Hojjettootni bulchinsa kana keessatti hojjetan Mormii guddaa kan dhageessisan yoommuu tahu mootummaan wayyaanee Miseensummaa hin guuttan taanaan hojii irraa arii’amtu jechuun akeekkachiisee jira.Bulchinsa aanaa kanaa keessatti ji’oottan shaman darbanitti mootummaan wayyaanee Poolisoota Gibira irraa funaanuuf leenjisaa kan turee fi diddaan kan isa simate tahuun isaas ni yaadatama.

J/Ilfinash Qannoo: Haadha Bukkuu Welluu Warraaqsaa

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 20 Waxabajjii 2012) Haadha muuziqaa Oromoo kan taate, Sabboontittiin Oromoo, Jaal Ilfinash Qannoo baatii yaadannoo Wellistoota Oromoo, Waxabajjii,  keessatti Haadha muuziqaa Warraaqsaa ta’uun akka filatamte Adulaan Qeerroo bilisummaa beeksise.

Adulaan Qeerroo Bilisummaa torbee kana xiinxala hojii fi qabsoo diddaa gaggeesse keessatti wallistoota Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti gahee boonsaa fi mul’ataa gumaachan hundaaf “Galati keessan Bilisummaa haa ta’u!” jedhee jira.

Adulaan Qeerroo itti dabaluunis, sabboontoti Oromoo keessattuu, wellistooti Oromoo sagalee isaanii rasaasa bilisummaa gochuudhaan akka hundeen sabboonummaa Oromoo jabaatuu fi guddatu gahee isaanii gumaachaniif kabajaa addaa qabu illee jabeessee dhaamee jira.

“Sanyii sabboonummaa Oromoo dhiiga jaallan qaqaalii sooratee biqile, xaa’oo warraaqsaa sabboontoti Oromoo ogummaan beekumsaan akkasuma maallaqaan dhiyeessaniin guddataa jira,” kan jedhe Adulaan Qeerroo, “Qeerroon har’aas qabsoo bilisummaa abbootii keenyaan eegalame furuuf qophii duraatti akka dhayaannu kanneen nu dhaqqabsiisan faandhahhota keenya olaanoo dha,” jechuudhaan dhaadhessee jira.

Adulaan Qeerroo, itti dabaluunis, wellistoota Oromoo akka qabsoon Bilisummaa Oromoo gala sammuufi seexaa argatuuf welluu warraaqsaa qopheessuun gahee lammummaa isaanii baasaa jiran dinqisiifatee, yeroo qabsoon keenya danqaa fi didhaa olaanaa keessa galee jirutti kanneen otuu abdii hin kutatiin qooda fulla’aa gumaachaa jiran addatti dhaadhessee jira.

“Wallisttoti Oromoo marti seexaa sabboontotaa dammaqsuu fi kakaasuu keeessatti hojii boonsaa hojjachaa jiran,” kan jedhe Qeerroon, “Walleen warraaqsaas lammiilee dhimma saba isaanii dagataniif dhaamsa seenaa, kanneen qabsootti jiraniif immoo gala sammuu fi seexaa gumaachuun akka riqichi qabsoo addaan hin cinne gochaa waan jiraniif  wellistoota Oromoo kunneen yeroo amara yaadachuu fi seenaa isaanii walbarsiisuun barbaachisaa dha,” jechuun dhaamee jira.

Yeroo ammaa kanattis wellistoti Oromoo kanneen akka J/Afandii Siyyoo, J/Hirphaa Gaanfurre, J/ Elemoo Alii fa’aa warraaqsa Qeerroo bilisummaa kallattiin deeggarun gumaacha gochaa jiraachuu isaanii yaadachiisee, kanneen hojiilee Qeerroo guddisuu fi mul’isuu keessattis ta’ee hojii qabsoo bilisummaa tumsuu keessatti gumaachaa jiran maraaf kabajaa addaa akka qabu beeksisee jira.

Haala kana keessattis wellisttota Oromoo mara otuu wal hin caalchifne kabajaa fi marartoodhaan akka dhaadhessu ibsee, haata’uutii, kanneen akka urjii ifan, kanneen akka bakkalcha barii daandii qabsoo agarsiisan keessaa kanneen Bokkuu Welluu Bilisummaa badhaafamuu qaban akka jiran iftoomsee jira.

Akka kanaan qabsoo Oromoo keessatti kutannoo fi murannoodhaan qooda olaanaa gumaachuun kan beekamtu Wellistuu fi qabsooftuu Oromoo J/Ilfinash Qannoo akka Haadha Bokkuu Welluu Warraaqsaa taatee muudamtu Adulaan Qeerroo bilisummaa sagalee tokkoon murteessee jira.

Mootummaan Wayyaanee diddaa ilmaan Oromoon jalqabame dhaamsuuf barattoota hidhaa,Uummatas sakatta’insaa fi doorsisaan rakkisaa jira

Aside

Waxabajjii 21,2012

Warraaqsa Biyyattii keessatti qabate jala dhaabbachuuf mootummaan wayyaanee Godina Wallagga bahaa aanaa Sibuu Siree mana Barumsaa sadarkaa lammaffaa Sibuu Siree keessatti kan baratan Barattoota oromoo Isin deeggartoota ABOti,Qeerroo ijaaraa jirtu,Hojii barnootaa dhiistanii siyaasa gaggeessitu jechuun mana hidhaa mootummaa Wayyaanee Sibuu siree keessatti ukkaamsee jira.Barattootni

1.Abdii Laggaasaa barataa kutaa kutaa 10ffaa irraa

2.Gammachuu Gonfaa Barataa kutaa 10ffaa irraa

2.Soorumaa Baqqalaa barataa kutaa 9ffaa irraa

Barattoota oromoo lama yeroof maqaan isaanii adda hin baafamne waliin mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti rakkachuu irratti argamu.

Diddaa uummataa deemsifamaa jiruun mootummaan wayyaanee kan baarage Godina Iluu abbaa Booraa Magaala Mattuu fi naannoo isheetti,Wallagga Lixaa aanaa Ayiraa,Qeellam Wallaggaa magaala Dambi Doolloo,Godina Horroo Guduruu wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee,Fincaa’aa fi kanneen biroo keessatti waraana bobbaasuun sakatta’insaa fi doorsisaan ilmaan oromoo rakkisuu irratti argamu.

 

Mariin OPDO Yuunivarsiitii Adaamaa walii galtee malee Goolabame

Aside

Waxabajjii 21,2012 Gabaasa Qeerroo Adaamaa

Yuunivarsiitii Adaamaa keessatti diddaa Qeerroon mootummaa wayyaanee yaaddessaa dhufe irraa ka’uun mootummaan Wayyaanee yeroodhaa yerootti Miseensota isaa Filannoo gamtaa barattootaa keessa gochuuf yaalaa turus diddaa qeerroon fashalaa turuunii fi walii galtee diigamaa turuun ni yaadata.Mootummaan wayyaanee Hojiin hojjechaa jiru bitaa kan itti gale Gaafa Guyyaa 19/06/2012 Yuunivarsiitii Adaamaa keessatti miseensota OPDO tahanii fi kanneen hedduu amanaman Wal gahii Kaaffee lakk 2 keessatti gochaa kan turan yoommuu tahu,Amanamtootni Miseensota OPDO Dura taa’aa OPDO Mooraa kanaa Barataa Dajanee Alamuu fi tika mootummaan durfamu Karoora gannaa fi Haala ittiin hidda qeerroo balleessan irratti marii kaasanis Qeerroon Nuyi keessa jira jechuun Walii galtee malee diigamanii jiran.Barataa Dajanee Alamuu Gocha bilisummaa ilmaan  oromootti gufuu tahu kana irraa hin dhaabbattu taanaan tarkaanfiin hojii ke madaalu akka si eeggatu beekuu qabda jechuun qeerroon yuunivarsiitii Adaamaa dhaamanii jiran

Dhaaccii Bara Rakkoo

Aside

Dhaaccii Bara Rakkoo

(Dur-durii Taphanna)

Dur-durii taphanna, waan dur Bara Rakkoo,

Kaniin dur dhagahe, yeroo ijoollummaa koo.

Bara Rakkoon mootee barri isiin yaamame,

Bara biyyi guutuun rakkinaan dhaalamee,

Bara sana rakkoon guddoo nama dhamaaste,

Waliigaltee dhorkuun gurmuu isaa facaastee,

Wal shakkiin dagaagee, firri fira dheessee,

Wal amantiin dhibuun mala isii fageessee,

“Kun waan barri fidee, barumatu deebisaa,

Bara eeguu malee, mala maal feesisaa?”,

Jedhanii guungumuu maatiin cufatanii,

Rakkinaan mohamuutti aariin gubatanii.

Alaan’ala akkasii hordoftee qorattee,

Hunda moone seetee hamilee horattee,

Kijiba, hattummaa fi sheexanaan gorfamtee,

Tattaaffii cimsite, waan biroofuu onnattee,

Nama of fakkeessuuf waan aadaa golgattee,

Eenyummaa isii dhugaa keessatti dhokfattee,

Bakka jirtuu yaatee korattee wal geessee,

“Rakkoo furra” jette, Rakkoon Yaa’ii teessee.

Jedhanii haasawu Akaakayyuu fi Akkoon,

Qoosaa fakkeessanii raajii bara rakkoo.

Kun waan har’aa mitii, kan durii dubbannee,

Isa ijoollummaa irraa taphachaa guddannee.

Kan durii dur dabreef dur-durii taphannaa,

Har’a akka itti jirru beekna moo daggannaa?

Barasii fi barri ammaa maaliif wal fakkaataa?

Dhaacciin Bara Rakkoo nuttuu marte laataa ?

 

Malkaa Caffee

Waxabajjii 2012

malkaacaffee@gmail.com

Poolisoonni Sirna Wayyaanee Tiksuun Gaaffii Oromoo Dura Dhaabbatan 3 Irree Ummataan Reebaman.

Aside

Waxabajjii 18,2012
Haaluma kanaan Waxabajjii 16,2012 Onaa Kiiramuutti poolisonnii diddaa ummataa fi sochii Qeerroo dhaabuuf bobba’an dargaggoota waliin walitti bu’uu irraan kan ka’e Poolisoonni sirna Wayyaanee tiksan 3 irree dargaggootaan gara malee reebamanii yeroo ammaa kana du’aaf jireenya gidduutti akka argaman gabaasi Kiiramuu irraa nu gahe addeessa,lukkeeleen kun yeroo dheeraa uummata dararuun beekamu maqaan Poolisoota diinaa ta’an kun:-
1. Kumsaa Caamdaa,
2. Getachoo Baayisaa,
3. Tayyee Gammadaa
Kanneen jedhama kun yeroo amma hospitala, Neqamtee galanii akka jiran beekama. Lukkeelee warrii hafan kaanis gochaa dinummaa irraa of hin dhaabdan yoo ta’ee tarkanfiin irree ummataan dhabamuu akka irra gahu ummanni naannichaa dubbata.
Qabsoon Itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Wayyaanee TPLF Diddaa Aanaa Ayiraa keessaa jabaate dhaamsuuf dargaggoota hidhaa jira‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Waxabajjii 18,2012
Mootummaan Wayyaanee diddaa uummataa dhaamsuuf barattoota Oromoo xiyyeeffannoon mana hidhaatti guuraa turuu fi har’as itti jiraachuun beekamaa dha haala kanaan Godina Wallagga Lixaa aanaa Ayiraa Gullisoo Ganda Warra Kuraa Fichii keessatti barataa Kutaa 9ffaa kan baratu Barataa Saaqqataa Abarraa jedhamu Ati miseensa ABOti jechuun yakkuun mana hidhaa mootummaa Wayyaanee Aanaa Ayiraa keessatti argamu keessatti dararuu irratti argamu.
Ergamaan mootummaa wayyaanee naannoo kanatti Darajjee Tashoomee jedhamu dargaggoota Oromoo mana hidhaatti guursisaa kan turee fi har’as kan itti jiru yoommuu tahu gocha bilisummaa ilmaan Oromoo danqu jala dhaabbachuu dhaabuu dhiisnaan tarkaanfiin gatii isaa madaalu akka isa eeggatu Qeerroon naannoo kanaa jabeessee dhaammata.