SBO Fulbaana 5 Bara 2012

Aside

Haala Mallasaa Irratti Ummanni Godinoota Adda Addaa Irraa Maal Jedhaa

Aside

Ummata godinoota adda addaa irraa haala diqiin (humnaan) boochisuu hammeenya Mallasaa irratti waan jedhu gama fuula duraa jala jalaan qerroon ni dhiheessa.

Ambo Keessatti Manneen Daldalaa fi Waldaaleen Daldalaa Oromootaa Adda Addaa Cufaman.Sababi kun ta’eefis …

Aside

Fulbaana 05,2012 Gabaasaa Godina Shawaa lixaa Amboo irraa:

Godinaa Shawaa Lixaa Magaalaa Amboo keessaattii sirnii Wayyaanee daldaltoonnii daldalanii jiraachuu akka hin dandeenyee gochuun Ummataa irraattii Suuqii fi manneen daldala isaanii cufuun hehama daldalaa irraa fuudhe. Suuqiiwwaan Amboo gantoota 02, 03.01 kessaattii waldaa dhanis ta’ee dhunfaan daldalaa jiraan irraa jireessii isaa yeroo ammaa kanaa cufamee jiraachuun gabaafame. Haalaa kanaan yeroo ufiif iyyuu jireenyii qaala’ee jiruu kanattii daldaltotaa irraattii hojii idilee isaanii daldalaa isaanii fi qaabeenyaa isaanii illee utuu keessaa hin baasatiin irraattii cufuun jiraatotaa kanaa jireenyaa isaanii sadarkaa hamaa irraa buusee kan jiruu ta’uun ibsame.
Namoonnii kun Asiin Fulduraa hojii dhabdotaa fi rakkatoota ta’uun isaanii beekamadha, rakkinaa isaanii irraa ka’uun irraa jireessii isaanii dhunfaan daldaluu waan hin dandeenyeef jedha waldaalee garagaraa jalattii waal gurmeessuun qarshii abbootii qabeenyaa irraa liqeeffaachuun rakkatanii daldalachaa utuu jiraanii, mootummaan abbaa irree EPRDF gaddaa Maallaas akka garaa keenyaattii nu waliin gadduu didan isaa jedhuun Uummataa haaloo qabachuun rakkinaa irraattii rakkinaa cimaa biroof isaan saaxilaa jira.
Haala kanaan magaalaa Amboo keessatti daldaltoota waldaan gumaayanii daldalan fi dhuunfaa ta’an gadda Mallasaa bahuu diddan sababa jedhuun kanneen daldalli isaanii irratti cufame fi hogganoota waldichaa akka armaa gadiiti.

Maaqaa Waldaa Daldalaa fi   Maqaa Hoggaanaa Waldichaa
1.Waldaa Burqituu           Obbo Ittisaa Kabbadaa
2.Faayaa                           Addee Beetii Eebbisaa
3.Taatii                              Addee roomaan Taamiruu
4.Fiireen shiippii              Obbo Xaasoo Waagataa
5.Abaaboo                        Obbo Nuguusee Marii
6,Naatolii                          Obbo Damissee Disaasaa
7.Siif Jiraa                         Obboo Dibaabaa Ararsaa
8.Daraartuu                     Adde Tigistii Dambalii
9. Soorummaaa               Obbo Injiguu Nabarii
10.Situu Beekaa              Addee shawaalem Damisee
11.Yaadii Saarkaaleem     Akililuu
Waldaawwaan kun yeroo ammaa kanaa badii tokkoo malee Cufaamanii jiruu, Daldaltoonnii waldichaa qabeenyaa isaanii illee akka suuqiiwwaan garaagaraa kana keessaa hin baafannee dhorkamanii rakkachaa jiru, Waajjiraa daldalaa fi Industirii godinaa Lixaa Shawaattiis Hagayyaa 30/2012 iyyannoo isaanii irraatti nutii jireenyii nuttii qaala’ee utuu jiruu kaka’umsaa dhuunfaa keenyaan karaa seeraa qabeessaa ta’een wal gurmeesinee utuu jiruuf jireenyaa keenyaaf jennee daldalachaa utuu jirruu sababaa tokko illee utuu nuu hin ibsiin suqiin daldalaa keenyaa Qabeenyaa keenyaa waliin cuqqaalamee cufamee jiraa, heeyyaamnii daldalaa keenyaas nurraa kaafamee jiraa jechuun garaa Wajjiraa Dhimma Nageenyaa Godinaa Shawaa Lixaa fi Wajjiraa OPDO Godina Shawaa Lixaatiif jechuun iyyaannoo dhiyeeffataan illee hanga guyyaa har’attii deebii tokkoo illee utuu hin argatiin dararamaa jiraachuun gabafame. Haallii kun Ummataa Oromoo jiraattootaa magaalaa Amboo fi Ummataa baadiyyaa fayyadaamaa suuqiwwaan cufamanii daraan arsee Ummataa diddaa cimaaf kakaasaa kan jiruu ta’uun gabafamera,

Harargee lixaa Baddeessaa keessatti waraanni fi gaazexeessitootni Wayyaanee diddaa uummataan qaana’an.

Aside

Fulbaana 05,2012

Godina Harargee lixaa baddeessaa keessatti waraanni mootummaa wayyaanee uummata gaddaaf yaasuuf bobbae uummataan qaanae.Mootummaan wayyaanee yeroo ammaa kana uummata biyyattii siyaasa mataa isaa gaggeeffachuuf wayita deemutti waraana hedduumminaan bobbaasuun uffata gaddaa uffachuun dirqiin akka gaddan gochaa jira.Uummatni oromoo naannoo kanaas Mallasaaf hedduu gaddina,Mallasaan abbaa keenya,Abbaa Misoomaati jedhaa jedhanii wayita dirqisiisanitti uummatni rakkoon keenya rakkoo mallasaan duuu osoo hin tahiin rakkoo bilisummaa dhabuuti jechuun gaazexeessitoota dirqamaan naannoo kanatti bobbaan qaanessanii jiran.Waraanni mootummaa wayyaanee dargaggoota oromoo naannoo isintu uummata barsiisa jechuun hidhaa fi qorachaa jiran.Dargaggootni oromoo

1. Gammadaa Abdulqaadir

2. Ifaa Mohaammed daldalaa jimaa

3. Barsiisaa Biraanuu Fayyeeraa

Jedhaman mootummaa wayyaaneen yakkamuun mana hidhaatti darbamanii jiru.Mootummaan wayyaanee yeroo ammaa kanatti sakattainsa hedduummessuun maqaa WBO gale jedhuun uummata hiraarsuu fi dargaggootni lama ol taanii dhaabbachuu akka hin dandeenye dhorkaa jiru.Qeerroon Oromiyaa mara irraas waraqaalee dhaadannoo maxxansuun mootummaa wayyaanee dhiphisaa jira.

Sabboontotni Oromoo Godina Lixaa Shawaa Madhee Garaagaraa Jalattii Hundeeffamanii jiran Haala Yeroo Irratti Walgahii Godhachuun Ejjennoo Fudhatan.

Aside

Maadhewwan, Ilmaltuu,Dhaamsa Barii, Kiyyoo Diinaa, Gumaa Baas Jaal Laggasaa Wagii lakkofsaa 1,2,3, fi 430,Shamarraan Oromoo M.M Kaayyoo Dhugaa fi abboontonnii dhunfaa waliittii dhufuun haalaa yeroo irraattii marii guddaa gochuun,Ibsaa Ejjeennoo armaan gadii Dabarsatani:

IBSA EJJEENNOO:-

1. Yeroon Ummaannii Oromoo Gamtaan Qabsaauu ammaa waan taeef, nutis
Sabboontonnii fi Qabsaaonnii Oromoo Godinaa Lixaa Shawaa hangaa hireen
Ummaataa Oromoo mirkanaauuttii kutannoo fi murannoon kaanee jirra, kanaaf
Ummaannii Oromoo cuftii gamtaan harkaa wal qabatee gabrummaatti xumura gochuuf ka’uun kan yeroon nu gaafatu.

2. Yeroo ammaa kanaa mootummaan Waayyaanee tasgabbii dhabuun rakkoo keessa waan galee jiruuf biyyii keenyaas kan durii irra rakkoo ulfaataa keessaa galtee waan jirtuuf:

a) Mootummaan Ceeumsaa dhaabbiilee Siyaasaa hundaa bakkaa buuu
atattaamaan akka hundeeffaamuu Cimsinee ni gaffanna*.*

b) Filannoon Fedhaa Ummaataa fi Dimookiraasii Dhugaa irraattii hundaaee;
kan paartiilee siyaasaa biyyaa keessaa fi alaa biyyaattii hundaa
hirmaachiisuu yeroodhaan akkaa gaggeeffamuu ni gafanna.

3. Sirnnii Paarlaamaa biyyaattii maqaa dimookiraasii sobaa dahoo godhatee
daldaluu fi gartuu paartii tokkoo EPRDF qofaa irraa hundeeffaamee, fedhaa
Uummataa malee afaan qawweetiin angoo qabatee tauu atattaamaan akka
diigamuu ni gaafanna.

4. Dhabbileen tajajilaa hawwaasummaa humni ittisaa biyyaa,raayyaan
waraanaa, humni poolisaa fi mannii murtii gartuu siyaasaa kam irraa bilisaa
tauun gartummaa uummataa qabachuun gaaffii Ummataaf bakkaa ol aanaa akkaa
kennaanii fi bilisummaa sabootaa akkaa hin sarbinee fi akkaa duraa hin
dhaabbaannee cimsinee gaafanna,

5 Hidhamtoonnii siyaasaa biyyaattii ,keessaattuu ilmaan Oromoo
miliiyoonaan lakkaaamaan rakkoo siyaasaa biyyaattiin jilmaan guraamaanii
manaa hidhaa biyyatii garaagaraa keessaattii argamaan atattaamaan akkaa
gadi lakkifamaan cimsinee ni gafaanna,

6. Dhaabbileen siyaasaa Oromoo sadarkaa garaagaraa irraa jirtaan yeroon
kun yeroo Tokkoo ittii taatanii Qabsoo bilisummaa Oromoo saffisisuun
Bilisummaa sabaa keenyaa ittii labsaamuu waan taeef tokkoo akkaa taataan
cimsinee gaafanna, Nutis roga kanaan tokkummaa Ummataa keenyaa cimsuuf
cimsinee ni qabsoofna.

7. Hangaa mirgii hiree murteeffaannaa Ummataa Oromoo kabajamuttii,
dhaabaa keenyaa ABO cinaa hiriiruun qabsoo saba keenyaa mirgaa Uummataa
Oromoo kabachiisuuf gaggeeffaamuu dandeetii keenyaan, qabeenyaa keenyaa fi
humnaa keenyaan Arsaa nurraa barbaachiisuu kanfaluuf Murteeffaannee
kaneerra,

8. Ummanni Oromoo fedhu hamma mootummaa mataa ofii hundeefatutti ummaannii keenyaa
roorroo akkaa saamtuu, seer-dhabdummaa gamtaadhaan of irraa ittisuun
akka ofiin of bulchuu fi jaarsoolii fi hayyoota nannoo isaatiin akkaa wal
bulchu dhaamsaa keenyaa dabarsina,

9. Mirgi gurmaauu, hiriiraa nagaa gochuu fi yaadaa ofii karaa walabaa
taeen ibsachuu maqaadhaaf heeraa mootummaa EPRDF keessaattii ibsamee jiru,
hojii irraa haa oolu. walqixummaan sabaaf sablamotaas haa kabajamu, ummata Oromoo fi sabboontota Oromoo irra maqaan shororkeessitummaa yeroo adda addaattii nurraa kaa’amee jiruu nu hin ilaatuu waan ta’eef kanaan boodaa namni dhunfaas ta’ee jaarmiiyaan
shororkeesaa nun jedhuu seeraattii dhiyaachuu qaba, nutis dura ni dhaabbanna.Ummanni Oromoo saba nagaa barbaadu,karaa nagaa mirga isaa falmachaa waan jiruuf shororkeessan mootummaa Wayyaanee isa ummata gara malee hidhuu fi yoo fedhes ajjeessaa jiru ta’uu aduunyaan akka beeku barbaanna.

10. Mirgii amaantiilee hundaa wal qixaa haa kabajamuu, gaaffiin mirgaa
ummanni gaafachaa jiraan gaffii mirgaa waan ta’eef deebii sirrii argachuu qabaa, mootummaan Wayyaanee jeequmsaa amantaairraattii gaggeessaa jiruu dhaabuu qaba jenna.

Injifannoon Ummata Oromoof!.
Godinaa Lixaa Shawaa Amboo,
Hagayyaa 27/2012.

Sabbboonti Oromoo Godina Iluu Abbaa Booraa Dhimmoota Qabsoo Irratti Ejjennoo Fudhatan

Aside

Fulbaana 03,2012 Mattuu

Sabboontotni Oromoo Godinaa Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraa Madhee Garaagaraa Jalattii Hundeeffamanii sochii warraqsaa Bilisummaa gaggeessaa kan jiranii fi mirgaa Oromummaa isaanii kabachiisuuf Haala yeroo biyyattiin keessaa seentee jirtuu irraattii Hoggantoonnii Maadhee Godinaa Lamaanii Magaalaa Baddaallee irraattii Waliittii dhufuun Fulbaanaa 1/2012 Marii Bal’aa gaggeessuun Ibsaa Ejjeennoo fi Dhamsaa Garaagaraa Ummataa Oromoof Dabarsaan,

Maqaa Maadheewwaan kan Godina Jimmaa: Madhee Hayyuu Biyyaa,Tokkummaan Humna, Gumaa Baas Jaal Laggasaa Wagii fi Madheewwaan Kan Godinaa Iluu Abbaa Booraa Maadhee Oromiyaa Bu’uuraa Biyyaa, Qaanqee bilisummaa, Tokkummaa Ummataa, Gaaddisaa Dhugaa jedhamuun hundeeffaaman keessaa hoggantonnii Maadhee kanneenii kan walittii dhufuun walgahii Marii haalaa yeroo kan gaggeeffataan ta’uu ni hubachiisna. Ibsaa Ejjeennoo:

1. Yaa ummataa Oromoo yeroon ittii Mirgaa keenyaa waggaa dheeraa Garbofatotaan dhiitamaa turee itti kabachiifannuu amma waan ta’eef, bakkaa jirruu harka walqabannee Haa kaanuu Mirgaa keenyaa waloon haa kabachiifannu,

2. Gaaffii mirgaa Hiree murteeffaannaa Ummataa keenyaa qabannee Gamtaan Haa kaanu!.

3. Yeroon kun yeroo ittii Oromoon Ilaalchaa, kutaa fi Amantiin wal qooduu utuu hin ta’iin yeroo ittii Oromoon Gamtaadhaan mirgaa biyyaa Abbaa isaa kabachiifatuu waan ta’eef Tokkummaa ummataa keenyaa jabeessuuf kutannee kaneera,

4. Haallii sirnii Garbomsaa maqaa dimookiraasiin ummataa gowwomsaa turee ittii bututee jiruu waan ta’eef, Dimookiraasii dhugaa biyyaa keenyaaf kutannoon ni qabsoofna,

5. Sirnnii Paarlaamaa Biyyaattii Maqaa Dimookiraasii sobaa dahoo godhatee daldaluu fi gartuu paartii tokkoo EPRDF qofaa irraa hundeeffaamee, Fedhaa Ummataa malee afaan Qawweetiin Angoo qabatee tauu, sirni kijibaa kun Atattaamaan akka Diigamuu ni gaafanna.

6. Dhabbileen tajajilaa Hawwaasummaa Humni Ittisaa biyyaa,Raayyaan waraanaa, humni poolisaa fi Mannii Murtii gartuu siyaasaa kam irraa bilisaa tauun gartummaa EPRDF irraa walabaa ta’uun loogii tokkoo malee uummataaf dhaabbachuun, Gaaffii Ummataaf bakkaa ol aanaa akkaa kennaanii fi bilisummaa sabootaa akkaa hin sarbinee fi akkaa duraa hin dhaabbaannee cimsinee akeekna,

7. .Hidhamtoonnii siyaasaa biyyattii keessaattii dararamaa jiraan ilmaan Oromoo miliiyoonaan lakkaaamaan manaa hidhaa biyyatii garaagaraa keessaattii argamaan atattaamaan akkaa gadi dhiifamaan cimsinee ni gafaanna,

8. Mannii Hidhaa Gidduu Galeessaa biyyaattii kan maqaa Maa’ikalawwii jedhamuun beekkamuu, kan ilmaan Oromoo achii keessaattii torcheriin garaagaraa irraattii gaggeeffamuu Ariitiidhaan akka diigamuu ni gaafanna. .

9, Nutii mirgaa Ummataa keenyaatu sarbamee malee, mirgaa eenyuu iyyuu hin sarbinee, ammas mirgaa eenyuu sarbuuf mitii mirgaa keenyaa kabachiifachuuf qabsoofna, waan ta’eef Sabaa fi Sablammoonnii Biyyaattii hiree fakkataa akkasii qabdaan akka nu waliin hiriiruun Motummaa EPRDF bututee kanaa karaa irraa maqsinee mirga keenyaa kabachiifannuu waamichaa keenyaa dabarsina,

10. Mirgii Gurmaauu, Hiriiraa Nagaa Gochuu fi yaadaa Ofii karaa Walabaa taeen ibsachuu maqaadhaaf Heeraa Mootummaa EPRDF keessaattii ibsamee jiru, Hojii irraa haa oolu.

Karaa seeraa Mirgaa kanaa Kabachiifachuuf tokkummaan Kaaneera.

Injifannoon Ummataa Oromoof!.

Gadaan Gadaa Bilisummaati

Godinaa Iluu Abbaa Booraa

Baddaallee

Fulbaanaa 1/2012

Baha Wallaggaa Keessatti Wayyaanonni Uummata Gadda Humnaan Baasaan Mormiitti Jijjirame

Aside

Fulbaana 02,2012 Hebantuu
Godinaa Bahaa Wallaagga Onaa Heebantuutti Hagayyaa 30/2012 Sabboontonnii Oromoo Ona Hebantuu Wal gurmeessuun Sirnaa Gaddaa Mallas dabbaalloonnii Wayyaanee ummataa humnaan baasuun humnaan Gaddaa jechaa jirtu garaa Hiriiraa Mormittii jijjiruun walgurmeessanii sirbaa qabsoo bilisummaa Oromoo leellisuu sirbaan, mallas du’uun unuf bilisummaa tokkoo malee gaddaa mitii jechuun diddaa isaanii jabeessaanii jiru, sabaaba kanaa wal qabatee yeroo ammaa kanaa sabboontonnii dargaggootaa Oromoo 14 humnaa tikaa wayyaaneen hordofamaa jiru. Ummaannii ijoolleen keenyaa qabamtee hidhamte jennaan rakkoo guddaatu uumamaa jechuun dhaadachaa jira. halumaa wal fakkattuun hagayyaa 28/2012 Onaa Kiramuuttii diddaan Ummataa daran jabaatee jiraachuu irraan kan ka’ee Sabboontota Oromoo gaafa Mallaas du’e ni sirbitaan, Ummataan baga gammadaan jettaan ummata kakaasaa jirt uu jechuun namotaa 10 qabanii yeroof guyyaa 2f Onaa Kiiramuuttii Hidhuun,Mani Murtii Onaa Kiraamuu Murtii atattamaa akka kennuu humnaa tikaa godinaatiin dirqisifamee Hidhaa Waggaa 6 itti murteessuun yeroo ammaa manaa hidhaa godinaa Bahaa Wallaggaa Neqemtettii Hidhamani jiru, sababumaa kanaan wal qabatee yeroo ammaa kana net workiin Onaa Kiraamuu irraa badee waan jiruuf maqaa sabboontotaa kanaa argachuu hin dandeenyee,yeroo boodaa ni dhiyeessina, yeroo ammaa kanaa net workiin Godinaa Bahaa Wallaaggaa, Horroo Guduruu Wallaaggaa keessaattii baay’ee rakkisaa ta’ee jira.

Godina Iluu abbaa Booraa keessatti Qeerroon diddaa jabeesse.Waraanni mootummaa Wayyaanees dargaggoota tasgabbii dhorkaa jira.

Aside

Fulbaana 02,2012 Finfinnee

Godina Iluu abbaa Booraa keessatti qeerroon diddaa jabeessaa jira.Aanaa Mattuu,Cooraa,Buree fi Noonnoo Sallee keessatti waraanni mootummaa wayyaanee diddaa qeerroon jabeeffamaa dhufe dura dhaabbachuuf fiigaa jiraachus milkii dhabee jira.Haala yeroo ammaa soda mootummaa wayyaanee mudate waliin wal qabsiisuun waraanni mootummaa Wayyaanee Gadda Mallasaaf yaaaa jedhus uummatni didee jira.Aanaa Cooraa keessattis qeerroon waraana mootummaa wayyaanee soda malee UUMMATNI OROMOO MIRGA ISAA FALMACHUUF KAUUN AMMA dhaadannoo jedhu hedduumminaan maxxansuun uummatni akka dammaqinsaan falmu taasisanii jiran.Dhaadannoon kun bakkeewwan hedduutti kan maxxanfame yoommuu tahu waraanni mootummaa wayyaanee dargaggoota oromoo hojii dhabdummaan jiraatan kan maxxanse isini jechuun hidhaa fi doorsisaa jira.Dargaggootni Oromoo
1. Naasir Abdii
2. Ziyaad Nuuruu
3. Abdallaa Huseen
4. Magarsaa Baqqalaa
Jedhaman waraana mootummaa wayyaaneen yakkamuun mana hidhaatti kan ukkaamsaman yoommuu tahu,Qeerroon naannoo kanaa hidhaan diddaa jabeessa malee hin laaffisu jechuun itti fufanii jiran.Haaluma wal fakkaatuun Kaabinootni aanaa Buree dargaggoota oromoo doorsisaa jiran.Jala deemtotni mootummaa Wayyaanee
1. Obbo Tasfaayee Waggaa bulchinsa aanaa Buree
2. Obbo Darajjee Kabbadaa Kaabinee aanaa
3. Obbo Geetaachoo Xaaloo dhimma nageenya aanaa
4. Obbo Siisay Ilminee reporter aanaa

Jedhaman mootummaa wayyaanee waliin tahuun ilmaan oromoo doorsisaa jiran.Qeerroon naannoo kanaa yeroon ammaa yeroo itti tokkummaa jabeessuun mootummaa abbaa irreetti aduu dhiisan waan taheef akka qabsoo qeerroon gaggeeffamaa jirutti dabalaman waamicha dabarfatanii jiran.

Haaluma wal fakkaatuun Oromiyaa keessatti dargaggootni oromoo sadii tahanii akka hin dhaabbanne dhorkamaa jiran.Mootummaan wayyaanee dargaggootni oromoo gaaffii mirgaa wal tahuun ni kaasu soda jedhuun dargaggoota waliin dhaabbatan waraana bobbaasuun akka bittinnaaanii fi qorataman godhaa jira.Godina shawaa lixaa magaala Amboo,Gindabarat,Ginc,Gudar,Kaachis,Hoolota,Sabbataa, fi Godina Horroo Guduruu magaala Shaamboo,Jaardagaa Jaartee,Godina Wallagga bahaa aanaa Limmuu,Giddaa fi Godina Iluu abbaa booraa keessatti haalli kun hammaachuu irratti argama.

Ummanni Oromoo Godina Adda Addaa Diddaa Ibsachuu Itti Fufe

Aside

Fulbaana 02,2012
Gabaasaa Qellem,aanaa Anfilloo ganda Yatti Koonqii irraa addeessuun Fulbaana 02,2012 dabballoonni Wayyeenee ona kana keessa jiran ummata Oromoo naannoo kana jiraatu humnaan gadda Mallasaaf bahaa jechuun ganda irra milsihoota bobbaasuun yeroo dubartootaa fi da’ima hiraarsanitti ummata gara qonnaa fi magaalaatti deemaa jiru ammoo karaa irra dhaabbatanii huna nageenyaan reebaa gara walgahii gaddaa deemaa jechaa turan.
Humni nageenyaa OPDO namoota Rufaa’el Raappiloo dabballee OPDO gandicha keessa,Wandimmuu Maammoo gara walgayii isaanii adeemsisuuf ummata dirqisiisaa yeroo turanitti ummanni naannoo kanaa guutummaatti diddaa isaa muldhisuu fi dura dhaabbannaan gara mana isaatti akka deebi’ee gale gaabaasi nu gahe addeessa.

Haala kana irraa ka’uun sabboontota Oromoo isinitu ummata kana qindeessee ilaalcha ABO waan qabaniif jecha ummanni akka gadda Mallasaa hin baane godhe jechuun eda mana hidhaatti geessaan keessaa
1.Hiikaa –qote bulaa ganda sanaa kan ta’anii fi
2.Dabalaa-barataa ganda sanaa,
Yeroo jedhaman diddaan ummata ganda kanaa amma illee itti fufee jiraachuu gabaasi nu gahe addeessa.

Gama biraan gabaasaa har’a godina addaa naannoo Finfinnee aanaa Sulultaa ganda Gorfoo jedhamu irraa addeessuun,guyyaa gaafa duuti muummicha ministeeraa Mallasaan beekamee kaasee sirna gadda isaaf kutaalee biyyattii Itoophiyaa keessatti uummata dirqisisuudhaan gadda dirqamaa godhamaa jiraachuun isaa akkuma beekame, ganda kana keessatti dabballoonni OPDO ta’an, sirna awwaalcha isaaf gandicha keessatti dunkaana dhaabanii uummanni yaa’ee gadda isaa nama kanaaf akka mul’isuuf kan godhan akkuma beekamu, halkan edaa uummanni gandicha keessa jiraatan dunkaana gadda Mallasaaf dhaabate diiganii balleessuu isaanii gabaafame.kana malees mukeenii fi wanneen dunkaanni kun ittiin dhaabate uummanni iti dabalee ganama har’aa bakkaa isa dhabamsisanii akka jiran gabaasaan ganda sana irraa addeessee jira.Itti fufanii dargaggoonni gandichaa Faradoo gulufsiisuudhaan qabsaa’ota oromoo fi bebbeekamoo gootota hedduutu jira kan Oromoon dhabee jiru jechuudhaan,waqaraa bifa alaabaatiin barreessanii mukeenitti fannnisuudhaan baatanii Faradoo gandicha keessa gulufsiisaa akka oolan gabaasaa dabalataa addeessa. Kanneen gadda nama kanaa ibsachuuf fedhii qaban gandicha gadi dhiisanii galma isaa deemanii gadda isaanii haa beeksifatanyyuu malee uummataa fi dargaggoota ganda sanaa duratti hedduu jibbamuudhaan tuffatamanii yeelloodhaaf gandichatti deebi’uuf sodaa uummata kanaan kan ka’e gara qe’ee isaanitti halkan kana akka galan gabaasaan addeessa.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

SBO Fulbaana 2 bara 2012

Aside