Sabbboonti Oromoo Godina Iluu Abbaa Booraa Dhimmoota Qabsoo Irratti Ejjennoo Fudhatan

Fulbaana 03,2012 Mattuu

Sabboontotni Oromoo Godinaa Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraa Madhee Garaagaraa Jalattii Hundeeffamanii sochii warraqsaa Bilisummaa gaggeessaa kan jiranii fi mirgaa Oromummaa isaanii kabachiisuuf Haala yeroo biyyattiin keessaa seentee jirtuu irraattii Hoggantoonnii Maadhee Godinaa Lamaanii Magaalaa Baddaallee irraattii Waliittii dhufuun Fulbaanaa 1/2012 Marii Bal’aa gaggeessuun Ibsaa Ejjeennoo fi Dhamsaa Garaagaraa Ummataa Oromoof Dabarsaan,

Maqaa Maadheewwaan kan Godina Jimmaa: Madhee Hayyuu Biyyaa,Tokkummaan Humna, Gumaa Baas Jaal Laggasaa Wagii fi Madheewwaan Kan Godinaa Iluu Abbaa Booraa Maadhee Oromiyaa Bu’uuraa Biyyaa, Qaanqee bilisummaa, Tokkummaa Ummataa, Gaaddisaa Dhugaa jedhamuun hundeeffaaman keessaa hoggantonnii Maadhee kanneenii kan walittii dhufuun walgahii Marii haalaa yeroo kan gaggeeffataan ta’uu ni hubachiisna. Ibsaa Ejjeennoo:

1. Yaa ummataa Oromoo yeroon ittii Mirgaa keenyaa waggaa dheeraa Garbofatotaan dhiitamaa turee itti kabachiifannuu amma waan ta’eef, bakkaa jirruu harka walqabannee Haa kaanuu Mirgaa keenyaa waloon haa kabachiifannu,

2. Gaaffii mirgaa Hiree murteeffaannaa Ummataa keenyaa qabannee Gamtaan Haa kaanu!.

3. Yeroon kun yeroo ittii Oromoon Ilaalchaa, kutaa fi Amantiin wal qooduu utuu hin ta’iin yeroo ittii Oromoon Gamtaadhaan mirgaa biyyaa Abbaa isaa kabachiifatuu waan ta’eef Tokkummaa ummataa keenyaa jabeessuuf kutannee kaneera,

4. Haallii sirnii Garbomsaa maqaa dimookiraasiin ummataa gowwomsaa turee ittii bututee jiruu waan ta’eef, Dimookiraasii dhugaa biyyaa keenyaaf kutannoon ni qabsoofna,

5. Sirnnii Paarlaamaa Biyyaattii Maqaa Dimookiraasii sobaa dahoo godhatee daldaluu fi gartuu paartii tokkoo EPRDF qofaa irraa hundeeffaamee, Fedhaa Ummataa malee afaan Qawweetiin Angoo qabatee tauu, sirni kijibaa kun Atattaamaan akka Diigamuu ni gaafanna.

6. Dhabbileen tajajilaa Hawwaasummaa Humni Ittisaa biyyaa,Raayyaan waraanaa, humni poolisaa fi Mannii Murtii gartuu siyaasaa kam irraa bilisaa tauun gartummaa EPRDF irraa walabaa ta’uun loogii tokkoo malee uummataaf dhaabbachuun, Gaaffii Ummataaf bakkaa ol aanaa akkaa kennaanii fi bilisummaa sabootaa akkaa hin sarbinee fi akkaa duraa hin dhaabbaannee cimsinee akeekna,

7. .Hidhamtoonnii siyaasaa biyyattii keessaattii dararamaa jiraan ilmaan Oromoo miliiyoonaan lakkaaamaan manaa hidhaa biyyatii garaagaraa keessaattii argamaan atattaamaan akkaa gadi dhiifamaan cimsinee ni gafaanna,

8. Mannii Hidhaa Gidduu Galeessaa biyyaattii kan maqaa Maa’ikalawwii jedhamuun beekkamuu, kan ilmaan Oromoo achii keessaattii torcheriin garaagaraa irraattii gaggeeffamuu Ariitiidhaan akka diigamuu ni gaafanna. .

9, Nutii mirgaa Ummataa keenyaatu sarbamee malee, mirgaa eenyuu iyyuu hin sarbinee, ammas mirgaa eenyuu sarbuuf mitii mirgaa keenyaa kabachiifachuuf qabsoofna, waan ta’eef Sabaa fi Sablammoonnii Biyyaattii hiree fakkataa akkasii qabdaan akka nu waliin hiriiruun Motummaa EPRDF bututee kanaa karaa irraa maqsinee mirga keenyaa kabachiifannuu waamichaa keenyaa dabarsina,

10. Mirgii Gurmaauu, Hiriiraa Nagaa Gochuu fi yaadaa Ofii karaa Walabaa taeen ibsachuu maqaadhaaf Heeraa Mootummaa EPRDF keessaattii ibsamee jiru, Hojii irraa haa oolu.

Karaa seeraa Mirgaa kanaa Kabachiifachuuf tokkummaan Kaaneera.

Injifannoon Ummataa Oromoof!.

Gadaan Gadaa Bilisummaati

Godinaa Iluu Abbaa Booraa

Baddaallee

Fulbaanaa 1/2012

1 thought on “Sabbboonti Oromoo Godina Iluu Abbaa Booraa Dhimmoota Qabsoo Irratti Ejjennoo Fudhatan

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s