SBO Fulbaana 9 bara 2012

Aside

Mootummaan Wayyaanee gaaffii mirgaa deebisuu irra hidhaa filatee dargaggoota Oromoo godina Iluu Abbaa Booraa aanaa baalchaa mana hidhaatti ukkaamse

Aside

Fulbaana 08,2012

Mootummaan wayyaanee araada ilmaan oromoo hidhuu fi hiraarsuu kan hin quufne,Gaaffii mirgaa deebisuu irra wayyaaneen hidhaa kan filatu gaaffii mirgaa dargaggootni Oromoo Godina Iluu abbaa booraa aanaa Bachoo bilisummaa barbaadna,Hojii dhabdummaan haa dhaabatu,Barannee maqaa siyaasaan hidhamuun haadhabbatu jechuun gaafatan ukkaamsuuf dargaggoota 15 mana hidhaatti ukkaamsee jira.Dargaggootni Oromoo hidhaman keessa 1. Dargaggoo Hillikkuu Darajjee 2. Dargaggoo Soorumaa Badhaanee 3. Dargaggoo Anuwaar Hasan Jedhaman keessatti argamu.Mootummaan Wayyaanee dargaggoota Oromoo hidhuun gaaffii mirgaa dura dhaabbachuuf yaalus yoomuu dhaabuu akka hin dandeenye dargaggootni naannoo kanaa lifa godhanii jiran.Haaluma wal fakkaatuun aanaa Mattuu keessaa dhimma amantii fakkeessuun ABO waliin hojjeta jechuun Obbo Ibraahim Abdu mana hidhaatti ukkaamsanii jiru.Mootummaan Wayyaanee kufaatii isaa jala tasgabbii dhabuun ilmaan Oromoo mana hidhaatti ukkaamsus diddaan Oromiyaa guutuu irraa muddaa jira.

Qeerroon godina Baalee aanaa Ginniir walitti dhufuun dhimma QBO irratti marii’atan.QBO galmaan geessisuuf adda durummaan akka hojjetan ejjennoo fudhatan.

Aside

Fulbaana 08,2012 Ginniir

Godina Baalee aanaa Ginniir keessatti dargaggootni Oromoo walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti marii jabaa taasisan.Ilmaan Oromoo Baalee keessatti QBOf wareegama qaqqaalii kaffalaa turuun isaanii fi itti jiraachuu yaadachuun akeeka Qabsaaota Oromoo galmaan geessisuuf wareegama barbaachisaa dargaggootni kaffaluu qabu jechuun marii gaggeessanii jiran.Dargaggootni aanaa kanaa ganda gandaa walitti qabamuun marii erga godhanii booda ibsa ejjennoo armaan gadii baafatanii jiru.Ibsawwan ejjennoo kun
1. Wareegama barbaachisaa kaffaluun gaaffii mirgaa gaafachuu irraa duuba hin deebinu
2. Seenaa gootota keenyaa Bilisummaa ilmaan oromoof wareegaman yaadachaa akeeka isaanii galmaan ni geenya
3. Oromiyaa mara keessatti sochii qeerroon itti jiru ni barsiifna
4. Humnaan,Dinagdeen,Beekumsaan QBO ni tumsina
5. Miseensota OPDO barsiisuu fi hubachiisuun ofitti dabaluun qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan ni geenya
6. Saaminsa lafaa,albuudaa kan mootummaa garboomfataan raawwatamaa jiru dura ni dhaabbanna
7. QBO dirqama oromummaa tahe haala kam keessattuu ni baana
8. Hanga QBO galmaan gahutti wareegama barbaachisaa kaffallee waadaa ni tikfanna kanneen jedhan yoommuu tahu Qotee bulaa,daldalaa,Hojjettoota mara hammachuun gaaffii mirgaaf deebii argachuuf kutannaan akka hojjetan murtii irra gahanii jiru.

Raadiyoo Seife Nebelbal Fulbaana 07,2012

Aside

Raadiyoo Simbiruu Fulbaana 06,2012

Aside

Gaaffii fi Deebii Jiraataa Ona Sulultaa, Ganda Akaakoo Manab bichuu Waliin ta’e

Aside

Diddaan Ummataa Itti Fufe

Aside

Fulbaana 06,2012 Anifilloo

Duuti muummicha ministeeraa Mallasaa kanneen kaabinoota isaa taan yaaddoo fi raafama keessa galchee jiraachuu isaa qeerroon Qellem gabaasa,ummanni naannoo Qeellam humnaan booyicha Mallasaaf bahuu diddan jechuun dabballoota Wayyaaneen hiraarfamaa jiraatu illee amma yeroo kanaatti diddaa isaa jabeessee itti fufee jira. Karaa biraa hara akka gabaasaan Qellem,Ona Anfilloo Ganda Yattii irraa addeessaa jiruun kaleessa Oromiyaa daangaa dhumaa kan tae ganda Yaanqii bakka jedhamu yeroo dheeraa buufata ABO kan ture,bakki kun ganda Yattii irraa Km 5 kan tauudha. Akka gabaasaan addeessutti waraanni Wayyaanee daandii sanaan ABOn karaa Sudaanii galuu mala kan jedhuun shakkii guddaa keessa seenee humna waraanaa guddaa kan kanaan duraa irratti dabalee naannoo san akka qubachiisee jiru gabaasi addeessa.

Karaa biraa namoota hojiif naannoo sana dhufanii jiran isin dabballoota ABOdha sababa jedhuun namoota hedduu qabanii akka kaampii keessatti hidhamanii dararamaa jiran beekama. gama kaaniinis namni sadii poolisii Wayyaaneetiin qabamanii gara magaalaa Anfilloo,Muggiitti geeffamanii gocha tokko malee guyyaa sadiif reebanii qaama isaanii torched gochuudhaan gara qeee isaanitti deebisanii akka jiran Qeerroon ganda Yattii gabaasee jira. Namoonni kunis hojii dhuunfaaf bakka Qaaqee fi Canqaa jedhamu irraa gara san kan deeman ta’uun beekama.

Sochii Biyyaa Irratti Yaada Ummata Magaalaa Amboo

Aside

Godina Shawaa Lixaa Anaa Gincii Irraa Qeerroon Maal Jedhu,

Aside

Haala Boqochuu Muumicha Minsteera Ethiopia Mallas Zeenaa Irrattii ummanni Godina Ilu Abbaa Booraa Anaa Coraa waan jedhan qabu.

Aside

Haala Boqochuu Muumicha Minsteera Ethiopia Mallas Zeenaa Irrattii ummanni Godina Ilu Abbaa Booraa Anaa Coraa waan jedhan qabu.