Barattooti Oromoo Godina Wallagga Qeellamitti Argaman Gaaffiilee Mirgaa Qabatanii Hiriira Bahan

Aside

Fulbaana23,2012 Dambi Doolloo
Gabaasi Godina Wallagga Qellem,Ona Gidaamii,Ganda Baataa Daalachaa irraa Fulbaana 22 akka addeessutti, barattooti yeroo ammaa yerootti barnoota eegalan yeroo ta’u Fulbaana 21,2012 barattootni mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Baataa Daalachaa irraa dhaadannoo adda addaa qabachuun mana barnootaa isaanii fuula duratti hiriira bahan.Dhadannoo fi gaaffiin mirgaa isaan kaasanis:-

  • Barri 2005/2012 bara QBO itti mulatu haatau!!
  • Bilisummaa fi Walabummaan Oromoo fi Oromiyaaf!!
  • Diigamuu fi Waldhabbiin Diina keenyaaf!!
  • Bilisummaan Dheebuu keenya!!!
  • WBO n gaachana keenya!!!
  • Wayyaaneen Diina keenya!!!
  • Mallasaan Nurraa duee,sirna isaas ajjeessuun kaayyoo keenya!!

Jedhuun barattootni mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Ona Gidaamii,ganda Baataa Daalachaa keessatti argamu walitti dhufanii barnoota isaanii utuu hin eegalin dura dhaamsa kana dhageessiisuun isaanii uumata naannichaa biratti dammaqina guddaa uumee akka jiru Qeerroon Naannicha irraa gabaasee jira.
Akkasuma itti fufuudhaan addatti ammo barattootni mana barumsaa qophaayinaa kutaa 11 fi 12 magaalaa ona Gidaamitti irraa dhaamsa daamcha qeerroof dabarsan keessatti
Nuti Qabsoo dhuunfaa keenyaan gaggeessuuf kaayyessine jiru gama keenyaa barnoota keenya waliin sarara tokko irratti raawwachaa deemna,gama keenyan kaayyoo dhaabni ABO qabatee jiru kaayyoo keenya tauu isaa dhaamsa dabarfanna. Bara keenya kana keessatti barnoota keenya waliin haala aanjaaa argannu keessatti siyaasatti leenjii walii kennaa deemuun kaayyoo keenya akka taes hubachiisaa,yeroo sirni bulchiinsa abbaa Irree jeeqamaa deemu,haalli mijataan kan uummanni Oromoo,uummanni cunqurfamoon itti dhimma bahanii bilisummaa fi walabummaa isaanii itti gonfatan tauu isaatiin nutis kallattii keenyaan haala arganne keessatti dhimma bahuun nurra jiraata jennee amanna. kanuma waliin bulchiinsa mootummaa wayyaanee bakkaa dhabamsiisuun kaayyoo keenya tahuu isaa uummata Oromoo hundaaf dabarsina. jechuun dhaamsa dabarfatanii jiru.

Seife Nebelbal Weekly Radio Program, Interviews Jawar Mohammed

Aside

Raadiyoo Simbirtuu Fulbaana 20,2012

Aside

TVOROMIYAAMAGAALAATORONTO BIRRAA 17, 2012

Aside

Barruuleen Mootummaa Diktaatoraa fi Gabroomfataa Saaxluu fi ummataoota Mirga Walabummaa fi Dimokraasiif Dammaqsu Oromiyaa Keessatti Faca’uun Itti Fufe

Aside

Fulbaana 22,2012
Gabaasaa godina Qellem,Ona Gidaamii irraa addeessuun,Fulbaana 19 gandoota sadii;Burii,Coomman Keellaa fi Qumbaabii Shaappii jedhamutti uummannii fi Qeerroon wal tahuudhaan daandii,mukeen,manneetii wajjiraale fi mana barumsaa irratti waraqaa dhadannoo Oromiyaan ni bilisoomti, Oromoon tokkummaan ka’uu fi mirga isaa falmachuun yoona fi ni Injfanna malee hin injifatamnu kanneen jedhanuun maxxansaa akka turan gabaasi nu gahe addeessa Dhaadannoon kunis itti fufee akka jiru gabaasaan hima.

Gama biraan Fulbaana 20,2012 ganamaan mana barumsaa qophaayinaa Minilik,Finfinnee naannoo Kiiloo 4 tti kan argamu keessatti qeerroon afaan amaaraan Mallasaan yoo du’es sirni inni kaaye achuma waan jiruuf ummatooti osoo wal hin qoodiin tokkummaan ka’anii mirgoota sabaa falmachuun akka itti jiru kan ibsu afaan Amaaraan barreefffamee kutaa barnootaa jiran(kutaa barnootaa 18) mara keessatti maxxansamees ta’e faca’ee jiraachuu qeerroon gabaasa.
Haaluma kana irraa kaasuun barattoota barnootaaf seenanii jiran irratti qorannoon poolisotaan gaggeeffamaa akka jiru fi barattoota moorichaan isin keessaa nama kana barreesse saaxila jedhanii walgayii adeemsisaa akka jiran, tahuu baannan barumsa kana itti hin fuftani, nama kana barreesse ariuuf utuu hin taanee gorsinee deebisna jedhanii barattoota kana gowomsaa jiraachuu isaanii,barattootnis nuti waardiyaa miti, eegumsi kanaa isin irra jiraata nutu eega miti kanaaf nurraa callisaa jechaa akka jiran qeerroon gabaasee jira. Mooraa seenuun huccuu unique tae irraa kan hafe barataa huccuu addaa uffatee seenu qabaa jiraachuu isaaniis gabaasi nu gahe addeessa.

QEERROO: SHIRA DIINAAF HIN JILBEEFFANNU !!

Aside

Qeerroo | Fulbaana 18, 2012

Qeerroon Oromoo Biyya keessatti Injifannoon galmeesisaa jiru, fira gammaachiisuu qofaa osoo hin taane, hegaree diinaaf akeekkachiisa ol aanaa dhaamaafii jira. Wayyaaneen hara gaaffiin Ummatoota isa yaaddeessuu irraa Bulchiinsa siyaasaa gama tokkotti sassaabbachaa kan jiru fakkaata. Wayyaaneen qormaata keessa isaa fi qabsoo Ummatootaa isa mudachaa jiru irraa , Biyyatti humna waraanaan Bulchuuf , labsa dabarsuuf arraba irra kan isa gae fakkaata .

Wayyaanee Ihaadeeg siyaasa isaa akka gaariitti fixate jira. Sababaa gara garaan Ummata sossobuun dhumateera. Toftaan umurii dheeraffannaa isaas akkasuma waan xumurame fakkaata. Wayyaaneen hara umurii dheerechuu fi dhiisuun isaa harka ummatoota Qabsoo gaggeessanii keessa jira. Kana jechun, Ummatoonni jabaatanii , Irree isaanii wayyaanee irratti kaafnaan , wayyaaneen fincila Ummatootaa qofaan harka kennun dirqama isaatii. Yoo Ummatoonni laafatanis, umurii dheerachuun waan hin hafneedha jechuudha.

Maarree Qeerroo fi Ummata Oromoo maaltu isa eeggataan ? gaaffii jabduu taati jechuudha.

MURANNOO NU BARBAACHISU:-

Sochiin hawaasa keenyaa akka baayyina keenyaa, cichoominni keenya akka seenaa keenyaa tauu baatuus, tarkaanfiileen waggoota 3n kana keessa fudhatamaa jiran , akeeka hegaree qabsoo keenya , firaafis diinaafis kan akeekudha. Sochiileen gama kanaan jiran hundi gilgaalamanii , buaan argamsiisan ilaalamee , waan eegalametti fufun filmaata biraa hin qabaatu.

Diinni keenya waggoota 130 ol nu ajjeesanii umurii nu irrattii lakkaaaa jiraatan. Nuutii ammo waggoota amma kana duaafii jirra. Garaa balchuun keenya dua keenya hin dhaabne. Callisuun keenya hiraarrii fi goodaansa Ummata keenyaa hin dhaabne. Rakkoon rakkoo caalu yeroo nu irratti dhalchaa deemee, hara jumulaan ajjeefamuu , hidhamuu , Biyyaa godaanu fi qabeenyaa keenya irraa buqqifamu irra geenye jirra.

Diinni shiraa fi hammeenya nu irratti hojjatu kan caalaatti akka jabeessu taasisu ammo callisuu keenyaa fi diinni callisuu keenya akka sodaatti ilaaluudha. Kun seenaa keenya keessaa geeddaramuu qaba.

Hara qabeenyaa keenya kabachiisuuf , dachee keenya irratti qeerroon falmachuun diina rifaasisee, fira kan gammachisaa jirudha. Kun jaallannee kan itti seenne odoo hin taane, of jiraachisuu fi jiraachuuf qofaa kan itti seenneedha. Ega itti seenanii ammo , diinni hanga nama hubatuttii itti fufun murteessaadha. Yoo tauu baatee miidhaa kana irra caalaa ofitti waamaa jirra.

Kanaaf , Fincila wal irraa hin cinnee fi gaaffii mirgaa daran jabeessuun, diina irrattii tarkaafii isa dammaqisu gaggeessuun murteessdha. Bara giiizii dhumate kana tarkaanfiileen jiran , diina qabeenyaa keenya saamee cinaacha dalga yaafate itti hin dhagaamne. Kan baranaa garuu kan miillaa kaasee hanga sammuuttii itti dhagaamuu gaggeeffachuun barbaachisaadha. Diinni yeroo nu ajjeesu jalqaba, nu uruursee odoo hin taane, akka gadda tokkollee nuuf hin qabneettidha. Bakka jirrutti tarkaanfii mataa qabsiisu ilaallachuun barbaachisaadha. Kun hundi kan isaan ofitti fidan malee , oromoon jibba qabaateen kan raawwatu miti. Waan marafuu qeerroon oromoo waan hundatti jabeessuun kabajaa isaaf tola.

TOFTAA WAYYAANEE BARANAA :-

Wayyaaneen sochii qeerroo dhaabuuf sochii balaa gaggeessuun waan hin oolle. Keessattuu ilmaan isaanii Oromiyaa keessatti guddatan sochii qeerroo keessa seensisuun sochii qeerroo hundeedhaa dhabamsiisuu kan jedhu tauu , keessa beektoonni ni ibsan. Keessattu sochii gama kooleejaa fi yunivarsittin gaggeeffamu dhaabuuf qophii balaa taasisuutu himama. Keessattuu ilmaan oromoo saboota biro waliin walitti buusanii kasaaraa irraan gauu kan jedhu waan jiruuf , Ilmaan Oromoo waan deemaniif akka gaariitti hubachu isaan barbaachisa.

Tarkaanfiin gama investimantiin jiru, keessa wayyaanee qooduuf qooda ol aanaa gumaachuu barannee, sochii gama kanaan jiru jabeessuu fi ijoollee wayyaanee, keessattu ilmaan isaanii fi saboota biro waan hojiilee akka maayikiroo xixiqqaa keessatti hirmaachisuun, kana malees carraa hojii adda addaa kennuufiin ijoollee oromoo akka tuatan kanneen taasisan adabanii sochii ofii ganda keessaa babalifachuun hedduu barbaachisaa tauu beekuun dansaadha.

Gama biroon dargaggoota gama qabsoon sochii itti jiran dhaabuudhaaf wanni yaadamee jiru, qalbii dargaggootaa , gama ispoortii, tiyaatiraa, muuziqaa, Diraamaa, Filmii gara garaa baayyinaan hojjatanii Naannoolee keessa gadhiisuu , kanas taasisuuf , INDUSTIRII FIILMII FI MUUZIQAAwayyaaneen guutummaatti tuattee, saboonni sirbootaa fi Diraamaa ykn fiilmii akka Qooqa isaaniin hin hojjannee dhorkuu fi ukkaamsu , kan isaan barbaadan ammo facaasuu irratti qophii balaa taasisuutu dabbatama.

Kanaaf Ummati fi Qeerroon Oromoo kana irratti jabiinaan hojjachuu barbaachisa. Sochii isaanii kana dhaabuuf mormii wal irraa hin cinnee gaggeessuun barbaachisaadha. Wayyaaneen sabboonummaa sabootaa sodaachu irraa , sabboonummaa sabootaa ajjeesuuf hojii balaatti jiraachuun waan ifatti mulataa jirudha. Kanaaf waan aadaa fi eenyummaa keenya balleessuuf shirri gara garaa yennaa hojjatamu ucallisuuf of dhabamsiisuu malee waan biraa jechuun hin dandaamu.

KEESSA OFII TIKIFACHUUN:-

Qabsoo humni kamuu gaggeeffatu keessatti keessa isaa tikifachuun heddu murteessaadha. Wayyaaneef mataa dhukkibbii kan taee qeerroon qaamni jabiina isaa kanadha. Kana caalaatti tikifachuu fi balifachuun barbaachiisaadha. Oromoon wal tikisii fi of tikisuu barachuu qaba. Waliif dhaabbachuu , waliif dhimmuu baratee, waliif falmuu aadaa isaa keessa jiru, hojiin argisiisuu qaba.

Daboo wal waammachuun midhaan dhahachuuf qofaa miti. Bara rakkos daboo wal waammatan . waliif birmatan . kun hara nu barbaachisa. Nama keenya tokko diinni harkaa fi miilla hidhee wayita nu keessaa fuudhee deemu callisuun dhugumatti akka aadaatti fafa . kana baranatti geeddarachuu fi diina rifaasisuu qabna. Dhalli oromoo hidhaatti guuramuun dhaabbachuu qaba. Hojii irraa ariamuun dhaabbachuu qaba.

Gamataa dhabuun keenya hedduu nu miidhee jira. Waan waggoota sadii asitti argaa jirru caalaatti jabaachuu qaba. Dachee keenya irratti salphachuun dhaabachuu qaba. Diinni callisuu keenyaatti caalaatti garaa akka nutti jabaatu yoo taasifne malee, akka of qusatu hin taasifnu. Wal irratti duuun , waan hojjannu irratti naamus qabaachuun , waan yaannee hundumaa milkeeffachuuf keessa keenya tikifannee , wayyaanee keessi ishee daddaaqamee isaanuu keessa wal haphisaanii jiran kana caalaatti sochoosnee bakka abuqqisuun murannoo keenya baranaa tauu qaba.

YAADA WALII GALAA :-

Biyya keenya irratti walabummaa fi Bilisummaa kan argannu, Qabsoo gaggeessinuu fii wareegama kafallu qofaadhan taun haqa. Obbolaan keenya kaleessa mirgaa fi Abbaa Biyyummaa umata isaaniif aarsaan isaan baasan eenyun olitti kan yaadatamaa jiraatudha. Biyya keenya , mana keenya keessatti namaa gadi taanee jiraachaa jirra. Gootummaan Ummata keenyaa haalamee, ganda tokko keessaa kanneen dhufanii Ummati miliyoona 40 salphatee jiraataa jira.

Addunyaan kun kan humna qabuuti. Haqi bakka dhabee, of tuulummaa fi hattummaan bakka argatee bakka jirutti haqa ofii karaa nagaa eeggachuun gawwummaa addunyaa irra hin jirredha. Kanaaf , qabsoon keenya kan amma jiru irra jabaachuu qaba. Diina irratti garaa jabaanne malee gonkuma nu dhagauu hin dandaan. Isaan jiraachuuf nu ajjeesutti murteeffatanii jiru. Nuuti ammo akka isan barbaadanitti duuu odoo hin taane, waan barbaannee fi akka barbaannutti duunee, ummata keenya rakkoo jalaa baasuu qabna.

Diina mana keessatti , dadhabbii malee nu bira yaauu callisnee ilaalun haa raawwatu. Oromiyaan Abbaa isheen buluu qabdii. Dacheen oromiyaa abbaa isheef tajaajilu qabdi . qabsoo gama hundaa , finiinsuun waadaa keenya baranaati. Wayyaaneen shira feetu hojjattuu fii hammeenya barbaaddu nu irratti hojjattu qabsoo keenyaa duubatti nu hin debstu. Bilisumma akeenyaaf tarkaanfii kabajaa nu goonfachiisu, Bilisummaatti nu baasu fudhachuun diina OROMIYAA irraa kaasuun kaayyoo keenyadha. Diinni guyyu tokkof Oromiyaa irratti boqonnaa hin argatu. OROMIYAAN NUUF MANA HIDHAA TAATE, DIINAAF BAKKA JIREENYAA HIN TAATU. KAN BADU BADEE BIYYA KEENYA NI DHUNFANNA.

WAYYAANEEN WAAN AMMA OROMOO WAAN HUNDAA KEESSAA MOGGEESSU GAGGEESSAA JIRTUUF QORICHI ISAA GARA JABIINA KEENYA QOFAADHA.

SBO Fulbaana 19 Bara 2012 Afaan Oromoo fi Amaara

Aside

Haala Ummata Oromoo Naannoo Booranaa Ilaalchisee Gaaffii fi Deebii Taasifame

Aside

Isho! Yaa Qeyroo Koo

Aside

Ishoo yaa Qeyroo koo ilma guyyaa rakkoo

Itti fufi qabsoo ni moota gaaf tokkoo

Qeeyroo Oromootaa kan sabaf dhaabbatee
Lubbuu isaa if kennee irbuu tarkaanfatee

Abdii saba Oromoo guca bilisummaa
Summii rooristootaa yaa farra gabrummaa

Gumakafal sabaa qeeyroo mataa tuutaa
Sumaatu moohataa injifannoon galtaa

Biiflee ilma Oromoo mallattoo jeynummaa
Gooticha waraanaa jayna sabboonummaa

Nuti aanoonni kee Qeyroo si abdannaa
Dukkana gabrummaa siini keessaa baanaa

Sadoo fii qananii irraan tarkaanfattee
Saba bilisoomsuuf qawwee lafaa kaasttee

Yaa qabsaaaa sabaa kan lammiif laalatuu
Roorroo saba keetii ati hin fudhattuu

Abshir yaa Qeyroo koo si faanarra jirraa
Waan dandeenyu maraan si cinaa hiriirraa

Abdadhu saba kee Lenca Oromtichaa
Injifannoon keetii gobaani nuuf galtaa

Bobbaan kee milkii dhaa galti kee gammachuu
Qeyroo ilma Oromoo faana si haa tolchuu!!!

xxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxx
Injifannoo Ummata Oromoof!!!

Ni moona hin shakkinu!!
Makiyaa Abdullahii /Binta-Dirree/

September 17, 2012 Gadaa.com

Uummatni Oromoo naannoo Booranaa Abbaa Irrummaa Wayyaaneee Balaaleffachuun Bulchiisa Gabroomfataa Irrattis Diddaa Dhageessisan.

Aside

Haala sochii walii galaa biyyattii keessatti adeemaa jiruun wal qabatee ilmaan Oromoo Godina Boorana kora taauun murtii mootummaan wayyaanee akka isaan hin bulchinee fi cunqursaan bara baraa akka isaan irraa dhaabbatu walii gale.Uummatni Oromoo bilisaan dhalatnee garboomnee hin jiraannu jechuun murtii kana dabarfatee jira.Wayyaaneen yeroodhaa yerootti dargaggoota hojii dhabdummaan rakkatanii fi uummata nagaa maqaa miseensota ABOn mana hidhaatti guuruun nurraa haa dhaabbatu jechuun murtii dhumaa dabarfatanii jiran.Haaluma wal fakkaatuun Godina Booranaa aanaa Areeroo keessaa Oromoonni dhimma nageenyaan mootummaa Wayyaanee waliin hojjechaa turan mootummaa Wayyaanee rakkoo siyaasaa fi diddaa ummataan dhabamaa jiru dhiisuun qabsoo bilisummaa Oromootti dabalamanii jiran.Mootummaan Wayyaanees gocha ilmaan Oromoo Booranaa kanaan kan baarage waraana hedduumminaan bobbaasuun milishoota gandaa maqaa qorannoon rakkisaa jira.Walgahii wayyaaneen waamaa jirus aanaa Areeroo keessattii fi bakkeewwan birootti fudhatama dhabee jira.