Fulbaana 16,2012
Godina Shawaa lixaa aanaa Ejeree magaala Ejeree keessatti diddaan hojjettootaa dhalate.Magaala Ejeree keessatti yeroodhaa gara yerootti shira mootummaan wayyaanee wixinu hojjettoota ilmaan oromoo miidhuun bittaa umrii isaa dheeressuuf duwwaa kan tahe akka tahe kan ibsan hojjettootni kunneen Waajjira Qonnaa keessatti dabballootni mootummaa wayyaanee olaantummaa addaa agarsiisuu hin qaban jechuun mormiin ka’ee jira.Itti aanaan bulchinsaa fi hoogganaa qonnaa aanaa Ejeree kan tahe Taammiruu Garramuu mootummaa Wayyaanee waliin hidhata uumuun maqaa miseensota ABO jedhuun hojjettoota qorannaan yeroodhaa yerootti kan rakkisu kana booda hojii irra akka hin oollee fi namni kun gocha kana irraa hin dhaabbatu taanaan gaaffii migaa gaafannu duubatti hin deebi’u innis gaafatama seenaa jalaa hin bahu jechuun waraqaan barreeffamaan isa dhaqqabee jira.Ji’oota muraasaan duras dhiibbaa hojjettoota irratti dhufeen hojjettootni ilmaan Oromoo tahan 6 hojii gad dhiisuun ni yaadatama.
Blog Archives
SBO Fulbaana 16 Bara 2012
Aside
Godina Wallagga bahaa keessatti Dabballoonni Wayyaanee uummata Oromoo fi Uummata Beenishaangul Gumuz marraa biraaf walitti buusuu itti fufan
Aside
Fulbaana 14,2012 Giddaa
Mootummaan Wayyaanee erga aangootti bahee uummatni biyyattii keessaa guyyaa tokko nagaan oolee bulee hin beeku.Wayyaaneen bittaa umrii isaa dheereffachuuf yeroodhaa gara yerootti uummattoota biyyattii shira garaa garaa xaxuun walitti naqaa yeroo bittaa dheerefachaa yoonaan gahe.
Godina Wallagga bahaa aanaa Haroo Limmuu,Eebantuu fi Jiddaa keessatti ilmaan Oromoo fi Uummata Beenishaangul Gumuz yeroo dheeraaf nagaa fi jaalalaan waliin jiraachaa turan walitti buusaa turuun isaa ni yaadatama.Haalli kun ammas itti fufuun aanaa Haroo Limmuu bakka garbaa jedhamutti walitti bu’insi shira mootummaa Wayyaaneen bixxilameen Oromoo fi uummata Beenishaangul Gumuz gidduutti taasifamaa jira.
Haala kanaan Oromoonni nama lama Hundumaa Caalaa if Wayyaasaa kan jedhaman haalaan madaayanii jiraachuu fi gara ummata Beeneshaangul Gumuzii irraas miidhaan akka gahee jiru gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.
Gama biraan Oromoota nagaa gaaffii mirgaa gaafattan dargaggoota Oromoo qindeessitan sababa jedhuun namoota aanaa Eebantuu fi Qeelloo irraa hidhuun dararaa akka jiran gabaafame. Fulbaana 13,2012 namoonni hidhaman
1.Obbo Addunyaa Goobanaa bulchinsa aanaa 2.Obbo Taakkalaa Tolosaa itti aanaa Bulchinsa aanaa 3.Barsiisaa Dachaasaa Wayyeessaa
Kanneen jedhaman hidhaa naannoo irraa gara Maa’ikelaawwiitti dabarfamuun beekame. Wayyaaneen ofii tasgabbii dhabee milishoota gandaa mindaa dabaluun maallaqa dabalataa kenneefii akka isaan ummata nagaa jeeqan taasisaa jira.
Qeerroon Harargee lixaa Mi’eessoo dhimma QBO irratti marii godhatan.Ilmaan Oromoo maraafis waamicha dabarfatan.
Aside
Fulbaana 15,2012
Godina Harargee lixaa keessatti qeerroon naannoo Mieessoo walitti dhufuun dhimma qabsoo Oromoo irratti marii gaggeessan.Qeerroon naannoo kanaa walii isaanii mariyachuu irra darbanii barnoota uummata naanoof kennaa kan turan ta’uun beekame. Kana malees karaa biraa hojiilee qabsoo farra gabrummaa fi olaantummaa balleessuuf gochaa jiran gamaggamanii hojiin QBO adda durummaan dargaggoota irraa eegama kan jedhu irratti walii galanii FDG jabeessuuf murteeffatanii jiran.
Ibsa ejjennoo isaanii keessatti hamma bilisummaan ilmaan oromoo mirkanaauu fi Oromiyaa irratti Oromoon abbaa murtii tahutti qabsoo hadhaa akka fufan ibsanii jiran.Mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo fi Affaarii yeroo ammaa kana walitti buusuuf shira inni xaxu adda durummaan hojii keenyaan fashalsuu fi ollummaa gaariin waliin jireenya ummatootaa gaarii fi nagaa irratti hojjechuuf jabaannee hojjenna jedhanii jiru.
Wayyaaneen dargaggoota Oromoo naannoo kanaa yeroodhaa yerootti mana hidhaatti guuruun messhaa waraanaa naannessitu,ABO waliin hidhata qabdu,miseensa ABO ijaaraa jirtu jechuun doorsisaa jiraachuu Qeerroon naannoo kanaas ifa godhanii jiran.Bara mootummaan Wayyaanee tasgabbii dhabee fi ilmaan Oromoo irraa waaanjoon darbamuu geessetti uummatni Oromoo tokkummaan akka mirga isaa falmatu waamicha dabarsanii jiran.
Seife Nebelbal Radio Program, Interview with OLF Chairman, Daud Ibsa
Aside
Raadiyoo Simbirtuu,Fulbaana 14,2012
Aside
SBO Fulbaana 12 Bara 2012 Afaan Oromoo fi Amaaraa
Aside
Wayyaaneen EPRDF dhuma isaa jalas dargaggoota Oromoo hiraarsuu yaalus diddaan jabaa ummata irraa isa mudachaa jira.
Aside
Fulbaana 11,2012 Mattuu
Godina Iluu abbaa Booraa aanaa Cooraa keessatti mootummaa dhabee kan rakkachaa jiru Wayyaaneen dargaggoota Oromoo hiraarsuu itti fufee jiraatu illee ummanni diddaa isaa cimsee itti fufee jira.Wayyaaneen bara kufaatii isaa keessa tasgabbii dhabinsi hedduumminaan kan isa mudate jala dhaabbachuuf dargaggoota Oromoo hidhuun waan furmaata kufaatii irraa isa oolchu argatu itti fakkaatee dabballootaa fi ergamtoota milishaa ta’an ganda irra bobbaasuun ummata dorsisuu fi hidhuun ittuma jira. Dabballoonni kun aangawoonni Wayyaanee kufaatii isaaniif waan godhan wallalanii akka wajjabbaraa jiran illee irraa quba hin qaban,hojiin isaanii ummata hidhuu fi nagaa tasgabbii dhorkuu qofatti bobba’anii jiru.
Haaluma kanaan godina Illuu Abbaa Booraa keessatti Wayyaaneen yeroodhaa yerootti dargaggoota Oromoo hidhuun hiraarsaa kan turee fi qotee bultoota lafa isaanii irraa kaasuun investerootaaf kennuun ilmaan Oromoo cunqursaa kan ture yoommuu tahu,yeroo ammaa kana garuu diddaa qeerroodhaa itti jabaachaa dhufe dura dhaabbachuuf hidhaatti guuraa jira.Fulbaana 10,2012 dargaggootni Oromoo
1. Muzamil Abdu kamiil
2. Caalaa Biraanuu
3. Kamaal sayid
4. Suleeyman abduqadir
Jedhaman mana hidhaa galchanii akka jiran gabaafama.
Sochiin dargaggoota biyyoolessaa Qeerroon naannoo sanitti godhaa jirus kanuma waliin jabaatee itti fufee jiraachuu gabaasi qeerroo naannicha irraa nu gahe addeessa.
Haaluma wal fakkaatuun wayyaaneen yeroo ammaa ilmaan oromoo godina shawaa lixaa,wallagga lixaa fi Karrayyuu maqaa ABO deggertu, gadda Mallasaaf bahuu diddanii fi sababoota adda addaan rakkisaa jiraachuun beekame.
deggert jedhuun rakkisaa jiraachuu fi .
Qeerroon Magaalaa Dambi Doolloo Walgahii Godhatan Irratti Ejjennoo Fudhatan
Aside
Fulbaana 10,2012 D.Doolloo
Gabaasaa Godina Qellem,Magaalaa Dambi Dolloo irraa nugahee jiruun barattootni yuuniversity,koollejjii,mana barumsaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa irraa galan walitti dhufanii barumsaan bilisaa uummataaf kennuuf walii galan.
Kaayyoon isaan qabatanii ka’anis maalummaa Oromoo fi qabsoo bilisummaa irratti gaheen ummata Oromoo maal akka ta’e hubachiisuu irratti kan xiyyeefate yeroo ta’u xumura barnoota isaanii irratti ejjennoo armaa gadii fudhatan.
- Oromummaan ,Sabboonummaa,Tokkummaa fi Diimokiraasiin hundee siyaasa keenyaa akka ta’e hubannoo qabnuun darbinee saba keenya hubachiisuuf kaayyoo tokkummaatiin kaaneerra,
- Nuti shamarran,Dhiira,Hiyyeessa Dureessa utuu hin jedhin,lagan utuu wal hin qoodin kaayyoo Addi Bilisummaa Oromoo qabatee ka’e isa hangafaa,Bilisummaa Saba Oromoo argamsiisuu fi gonfachiisuutiin akka ta’e,nutis gama keenyaan kaayyoo kana galmaan ABO waliin ta’uudhaan galmaan gahuuf wareegama seena qabeessa taheef kufuu filachuu keenya murtoo keenya ibsanneerra,
- Cunqursaan mootummaa abbaa irree(Dictatorship) itti fufee akka hin bulchine diimokiraasii fi sagaleen uummata keenyaa hamma olaantummaa argatee mirkanaa’utti qabsoo eegalle kana karaa nagaatiin itti fufnee kaayyoo tokkoon dhaabbachuu keenyaa fi murtoo keenya dabarsina,
- Gumaa gootota keenyaa baasuuf wareegama barbaachisu kaffaluuf murteessinee kaanerra,
- Mootummaan abbaa irree baroota isaa keessatti uummata Oromoo cunqursa hangana hin jedhamne geessisaa ture,keessattuu Oromoo lafa isaa buqqisaa,hidhaa fi ajjechaadhaan ,lubbuu saba keenyaa balleessaa,darara hangana hin jedhamne geessisaa akka ture mootummaa addunyaa biratti beekamee jira. Mootummaan kun akkuma dhabamee jiru sirni isaas dhabamuu akka qabu,itti fufee akka hin hojjenne dura dhaabbachuuf murteeffannee kaanerra,
Jedhchuun dargaggoonni magaalaa DDtti wal gayanii ibsaanii ejjennoo fi karoora qabatanii ka’an akkanaan dabarsanii jiru.
Injifannoon Uummata Oromoof!!
Godina Lixaa Shawaa Magaalaa Ambootti Uggurri Mootummaan Abbaa Irree Daldaltootaa irraa Ka’ee itti fufe
Aside
Fulbaana 10,2012 Amboo,
Fulbaanaa 8,2012 Magaalaa Amboo Ganda 03 dabballoonni Wayyaanee OPDO’n hayyama daldalaa hin qabdaan jechuun daldaltoota irraa qabeenya isaanii saamsisaa jiraachuun beekame.Haala kanaan ergamaan Wayyaanee kan magaalaa Amboo blchu namni Kumalaa jedhamu manneen nagadaa ganda 03 keessa jiran hedduu namoota hin beekamnee fi poolisoota magaalichaan saamsisuun beekame.
Haala kanaan daldaltoota qabeenyi isaanii jalaa saamame keessaa
1.Chuchuu Nagaasaa,
2, Bulloo Tsaggaayee,
3, Badhaasaa Sisaayi
4, Shaashoo Maamush
Kanneen jedhaman keessatti argamu.
Kana malees shirri mootummaa Wayyaanee itti fufee waldaalee daldalaa hedduu cufe keessaa waldaaleen
- Jiinenuus
- Lalistuu
- Jaallannee
- Hiriyyaa Waliin
- Micro
Kanneen jedhamani cufamuun qabeenyis sabamee akka jiru gabaasi Ambo irraa nu gahe addeessa. Daldaltooti qabeenyi isaanii samame kun abbootii aangawoo Wayyaanee fi bulchitoota itti iyyannaa isaanii yoo dhiheessan illee dhageettii hin argatiin jiru.