QEERROO: SHIRA DIINAAF HIN JILBEEFFANNU !!

Qeerroo | Fulbaana 18, 2012

Qeerroon Oromoo Biyya keessatti Injifannoon galmeesisaa jiru, fira gammaachiisuu qofaa osoo hin taane, hegaree diinaaf akeekkachiisa ol aanaa dhaamaafii jira. Wayyaaneen hara gaaffiin Ummatoota isa yaaddeessuu irraa Bulchiinsa siyaasaa gama tokkotti sassaabbachaa kan jiru fakkaata. Wayyaaneen qormaata keessa isaa fi qabsoo Ummatootaa isa mudachaa jiru irraa , Biyyatti humna waraanaan Bulchuuf , labsa dabarsuuf arraba irra kan isa gae fakkaata .

Wayyaanee Ihaadeeg siyaasa isaa akka gaariitti fixate jira. Sababaa gara garaan Ummata sossobuun dhumateera. Toftaan umurii dheeraffannaa isaas akkasuma waan xumurame fakkaata. Wayyaaneen hara umurii dheerechuu fi dhiisuun isaa harka ummatoota Qabsoo gaggeessanii keessa jira. Kana jechun, Ummatoonni jabaatanii , Irree isaanii wayyaanee irratti kaafnaan , wayyaaneen fincila Ummatootaa qofaan harka kennun dirqama isaatii. Yoo Ummatoonni laafatanis, umurii dheerachuun waan hin hafneedha jechuudha.

Maarree Qeerroo fi Ummata Oromoo maaltu isa eeggataan ? gaaffii jabduu taati jechuudha.

MURANNOO NU BARBAACHISU:-

Sochiin hawaasa keenyaa akka baayyina keenyaa, cichoominni keenya akka seenaa keenyaa tauu baatuus, tarkaanfiileen waggoota 3n kana keessa fudhatamaa jiran , akeeka hegaree qabsoo keenya , firaafis diinaafis kan akeekudha. Sochiileen gama kanaan jiran hundi gilgaalamanii , buaan argamsiisan ilaalamee , waan eegalametti fufun filmaata biraa hin qabaatu.

Diinni keenya waggoota 130 ol nu ajjeesanii umurii nu irrattii lakkaaaa jiraatan. Nuutii ammo waggoota amma kana duaafii jirra. Garaa balchuun keenya dua keenya hin dhaabne. Callisuun keenya hiraarrii fi goodaansa Ummata keenyaa hin dhaabne. Rakkoon rakkoo caalu yeroo nu irratti dhalchaa deemee, hara jumulaan ajjeefamuu , hidhamuu , Biyyaa godaanu fi qabeenyaa keenya irraa buqqifamu irra geenye jirra.

Diinni shiraa fi hammeenya nu irratti hojjatu kan caalaatti akka jabeessu taasisu ammo callisuu keenyaa fi diinni callisuu keenya akka sodaatti ilaaluudha. Kun seenaa keenya keessaa geeddaramuu qaba.

Hara qabeenyaa keenya kabachiisuuf , dachee keenya irratti qeerroon falmachuun diina rifaasisee, fira kan gammachisaa jirudha. Kun jaallannee kan itti seenne odoo hin taane, of jiraachisuu fi jiraachuuf qofaa kan itti seenneedha. Ega itti seenanii ammo , diinni hanga nama hubatuttii itti fufun murteessaadha. Yoo tauu baatee miidhaa kana irra caalaa ofitti waamaa jirra.

Kanaaf , Fincila wal irraa hin cinnee fi gaaffii mirgaa daran jabeessuun, diina irrattii tarkaafii isa dammaqisu gaggeessuun murteessdha. Bara giiizii dhumate kana tarkaanfiileen jiran , diina qabeenyaa keenya saamee cinaacha dalga yaafate itti hin dhagaamne. Kan baranaa garuu kan miillaa kaasee hanga sammuuttii itti dhagaamuu gaggeeffachuun barbaachisaadha. Diinni yeroo nu ajjeesu jalqaba, nu uruursee odoo hin taane, akka gadda tokkollee nuuf hin qabneettidha. Bakka jirrutti tarkaanfii mataa qabsiisu ilaallachuun barbaachisaadha. Kun hundi kan isaan ofitti fidan malee , oromoon jibba qabaateen kan raawwatu miti. Waan marafuu qeerroon oromoo waan hundatti jabeessuun kabajaa isaaf tola.

TOFTAA WAYYAANEE BARANAA :-

Wayyaaneen sochii qeerroo dhaabuuf sochii balaa gaggeessuun waan hin oolle. Keessattuu ilmaan isaanii Oromiyaa keessatti guddatan sochii qeerroo keessa seensisuun sochii qeerroo hundeedhaa dhabamsiisuu kan jedhu tauu , keessa beektoonni ni ibsan. Keessattu sochii gama kooleejaa fi yunivarsittin gaggeeffamu dhaabuuf qophii balaa taasisuutu himama. Keessattuu ilmaan oromoo saboota biro waliin walitti buusanii kasaaraa irraan gauu kan jedhu waan jiruuf , Ilmaan Oromoo waan deemaniif akka gaariitti hubachu isaan barbaachisa.

Tarkaanfiin gama investimantiin jiru, keessa wayyaanee qooduuf qooda ol aanaa gumaachuu barannee, sochii gama kanaan jiru jabeessuu fi ijoollee wayyaanee, keessattu ilmaan isaanii fi saboota biro waan hojiilee akka maayikiroo xixiqqaa keessatti hirmaachisuun, kana malees carraa hojii adda addaa kennuufiin ijoollee oromoo akka tuatan kanneen taasisan adabanii sochii ofii ganda keessaa babalifachuun hedduu barbaachisaa tauu beekuun dansaadha.

Gama biroon dargaggoota gama qabsoon sochii itti jiran dhaabuudhaaf wanni yaadamee jiru, qalbii dargaggootaa , gama ispoortii, tiyaatiraa, muuziqaa, Diraamaa, Filmii gara garaa baayyinaan hojjatanii Naannoolee keessa gadhiisuu , kanas taasisuuf , INDUSTIRII FIILMII FI MUUZIQAAwayyaaneen guutummaatti tuattee, saboonni sirbootaa fi Diraamaa ykn fiilmii akka Qooqa isaaniin hin hojjannee dhorkuu fi ukkaamsu , kan isaan barbaadan ammo facaasuu irratti qophii balaa taasisuutu dabbatama.

Kanaaf Ummati fi Qeerroon Oromoo kana irratti jabiinaan hojjachuu barbaachisa. Sochii isaanii kana dhaabuuf mormii wal irraa hin cinnee gaggeessuun barbaachisaadha. Wayyaaneen sabboonummaa sabootaa sodaachu irraa , sabboonummaa sabootaa ajjeesuuf hojii balaatti jiraachuun waan ifatti mulataa jirudha. Kanaaf waan aadaa fi eenyummaa keenya balleessuuf shirri gara garaa yennaa hojjatamu ucallisuuf of dhabamsiisuu malee waan biraa jechuun hin dandaamu.

KEESSA OFII TIKIFACHUUN:-

Qabsoo humni kamuu gaggeeffatu keessatti keessa isaa tikifachuun heddu murteessaadha. Wayyaaneef mataa dhukkibbii kan taee qeerroon qaamni jabiina isaa kanadha. Kana caalaatti tikifachuu fi balifachuun barbaachiisaadha. Oromoon wal tikisii fi of tikisuu barachuu qaba. Waliif dhaabbachuu , waliif dhimmuu baratee, waliif falmuu aadaa isaa keessa jiru, hojiin argisiisuu qaba.

Daboo wal waammachuun midhaan dhahachuuf qofaa miti. Bara rakkos daboo wal waammatan . waliif birmatan . kun hara nu barbaachisa. Nama keenya tokko diinni harkaa fi miilla hidhee wayita nu keessaa fuudhee deemu callisuun dhugumatti akka aadaatti fafa . kana baranatti geeddarachuu fi diina rifaasisuu qabna. Dhalli oromoo hidhaatti guuramuun dhaabbachuu qaba. Hojii irraa ariamuun dhaabbachuu qaba.

Gamataa dhabuun keenya hedduu nu miidhee jira. Waan waggoota sadii asitti argaa jirru caalaatti jabaachuu qaba. Dachee keenya irratti salphachuun dhaabachuu qaba. Diinni callisuu keenyaatti caalaatti garaa akka nutti jabaatu yoo taasifne malee, akka of qusatu hin taasifnu. Wal irratti duuun , waan hojjannu irratti naamus qabaachuun , waan yaannee hundumaa milkeeffachuuf keessa keenya tikifannee , wayyaanee keessi ishee daddaaqamee isaanuu keessa wal haphisaanii jiran kana caalaatti sochoosnee bakka abuqqisuun murannoo keenya baranaa tauu qaba.

YAADA WALII GALAA :-

Biyya keenya irratti walabummaa fi Bilisummaa kan argannu, Qabsoo gaggeessinuu fii wareegama kafallu qofaadhan taun haqa. Obbolaan keenya kaleessa mirgaa fi Abbaa Biyyummaa umata isaaniif aarsaan isaan baasan eenyun olitti kan yaadatamaa jiraatudha. Biyya keenya , mana keenya keessatti namaa gadi taanee jiraachaa jirra. Gootummaan Ummata keenyaa haalamee, ganda tokko keessaa kanneen dhufanii Ummati miliyoona 40 salphatee jiraataa jira.

Addunyaan kun kan humna qabuuti. Haqi bakka dhabee, of tuulummaa fi hattummaan bakka argatee bakka jirutti haqa ofii karaa nagaa eeggachuun gawwummaa addunyaa irra hin jirredha. Kanaaf , qabsoon keenya kan amma jiru irra jabaachuu qaba. Diina irratti garaa jabaanne malee gonkuma nu dhagauu hin dandaan. Isaan jiraachuuf nu ajjeesutti murteeffatanii jiru. Nuuti ammo akka isan barbaadanitti duuu odoo hin taane, waan barbaannee fi akka barbaannutti duunee, ummata keenya rakkoo jalaa baasuu qabna.

Diina mana keessatti , dadhabbii malee nu bira yaauu callisnee ilaalun haa raawwatu. Oromiyaan Abbaa isheen buluu qabdii. Dacheen oromiyaa abbaa isheef tajaajilu qabdi . qabsoo gama hundaa , finiinsuun waadaa keenya baranaati. Wayyaaneen shira feetu hojjattuu fii hammeenya barbaaddu nu irratti hojjattu qabsoo keenyaa duubatti nu hin debstu. Bilisumma akeenyaaf tarkaanfii kabajaa nu goonfachiisu, Bilisummaatti nu baasu fudhachuun diina OROMIYAA irraa kaasuun kaayyoo keenyadha. Diinni guyyu tokkof Oromiyaa irratti boqonnaa hin argatu. OROMIYAAN NUUF MANA HIDHAA TAATE, DIINAAF BAKKA JIREENYAA HIN TAATU. KAN BADU BADEE BIYYA KEENYA NI DHUNFANNA.

WAYYAANEEN WAAN AMMA OROMOO WAAN HUNDAA KEESSAA MOGGEESSU GAGGEESSAA JIRTUUF QORICHI ISAA GARA JABIINA KEENYA QOFAADHA.

2 thoughts on “QEERROO: SHIRA DIINAAF HIN JILBEEFFANNU !!

  1. “QEERROO:SHIRA DIINAAF HIN JILBEEFFANNU””

    MATA DURE kana irratti ummatni keenya hedduun walii gala
    warri garaa isaaniif bulan garuu walii hin galan.
    ega kan yeroo baayyee nama dhibu eeyyee ummatni oromoo biyya ETHIOPIA jedhamtu keessatti saba baayyinaan hedduu dha.gaaffiin guddaan garuu maaliif lammiin keenya halagaaf dafee jilbeeffata?
    tokkummaan onnee irraa madde maaliif hin uumamu?
    biyyoota addunyaa keessa jiran bilisumma isaaniif xichan yeroo hanga lubbuu isaanii wareegamanitti uf kennuu?kan keenya woo akkasii?
    ega walii galatti hanga amaatti saboontotni oromoo lubbuu isaanii tokko qaban lammii isaaniif wareegamaniiru wareegamaa jirus.keessumaa WBO bilisummaa oromoof itti xichaa jira.
    gama biraan warri bilisummaa oromoof qabsaaáa turan yeroo ammaa kana qbsoo ganuun garaa isaaniif bitamuun kaleessa dargagoo oromoo ibiddatti naquun amma wayaneetti kooluu galuun lammii biyya keessa jiru haala dhoksaan ficisiisaa jiru.Itti dabalees bilisummaa /walabummaa karaa nagaa harka wayanee irraa arganna jechuun afaan nu faajjessaa jiru .
    kuni guddaa nama ajaíba !hin bariiú jette siree irratti……………….jedhu miti ree

    homaa mitii jaarsoliin keenya qabsoo keessa turanii karaa jallaa irratti goran wayaneenu sadarkaa tokko irra geessee isaan sireesitti.
    namni wayanee amanee itti siiqu nama dhabiiti uf ajjessee dha.
    garuu yeroo ammaa kana wayaneen namoota ishee 37 guddina yeroo laatuu maaliif jennee yaaduu nu irra jira.
    akka walii galatti hundi keeny qeerroo injifannoo argamsiisaa jiru kan nama boonsu taée bilisummaa
    keenya qabsoo cimsuun tokkummaan falmuu irra filatnnnoon biraa hin jiru.
    halagaanis cimina keenya fi irree keenya yoo hubate halkan tokkotti jallatee yaada isaa hin jijjiru
    mootummooni adunyaas haala jabina keenyaa ilaalani madalli irra kaaú malee international community bilisummaa/walabumma nuu kenna jechuun haala oduu odeessuun /diplomasiin nuu kenna jechuun abjuu dha
    garuu cimina keenyaan diplomaasiitiin ilaallcha adunyaa jijjiruu ni dandeenya
    ega filatnnoon qabsoo mooraa bilisummaa keenya WBO cinaa hiriiruun falmachhn bilisummaa keenya argachuu shkiin hin qabnu

    qeerroon wabii keenya dha
    IUO
    g3

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s