Wallagga Lixaa Ganda Yattii Bakka Deewweche Jedhamu Irraa Ummati Oromoo Dirqiin Qee’ee Irraa Buqifaman

Aside

Fulbaana 28,2012 Dambi Doolloo
Gabaasaa Qellem,Ona Anfiillo irraa addeessuun akkuma amala isaa mootummaan Wayyaanee lafa uummanni aanichaa qotee irra jiraatu keessattu uummanni ganda Yattii qotee kan irra jiraatu bakka Deewwechee fi Wayyaa jedhamuu dabarsanii Invesiteraaf kennuudhaan uummata jiraataa 300 ol ta’anii fi baroota dheeraa qonnaa fi hormaata looniin irra jiraachaa kanneen turan irraa kaasaa akka jiran gabaasaan Qeerroo ganda Yattii addeessa. Akkasuma lafa qonnaa jalisii kan taee uummata irraa fuudhanii abbaa qabeenyaatti gurgurachaa akka jiran gabaasaan addeessa. Bifa gorsaatiin qabanii lafuma ishee qabdan xaaoo fudhaati seeraan itti gargaaramaa isayyuu xaaoo kan hin fudhanne yoo tae lafti isin qabdan martiyyuu isin irraa fuudhama, kanaaf lafa isin irraa fuudhame dhiisaatii isa qabdan waliif hiraa, biyya keenya misoomsina investii goonaa jedhanii uummata gowomsaa akka jiran gabaasan addeessa. Lafa qonnaa kanneen biroo ammoo bosona dhaabnaadhaan uummata irraa ariaa akka jiran beekama. Qeerroon kana irra dhaabatee uummata ofitti qabuudhaan diddaa isaanii akka cimsaniif uummata gorsaa fi qajeelina adda addaatiin cina dhaabbachaa aka jiru gabaasan jiru addeessa.

Raadiyoo Simbirtuu Fulbaana 27,2012. Haala Yeroo Irraatti Jaal Odaa Xasee Waliin

Aside

TVOROMIYAA MAGAALAA TORONTO FUULBANA 23 2012

Aside

Dargaggoota Oromoo Ayiraa Gullisoo fi Dabballoota Wayyaanee Jidduutti Rakkoon Ture Itti Fufe.

Aside

Fulbaana 26,2012 FinfinneeMootummaan Wayyaanee yeroo irraa yerootti dabballoota isaa ummata keessa bobbaasuun yaadota fedhii ummataa waliin wal hin gitne facaasaa ture. Godina Wallaggaa aanaa Ayiraa Gullisoo keessatti baatii jahaa oliif dabballoota naannoo sanii fi Qeerroo jidduutti rakkoon uumame itti fufee yeroo ammaa kana humni poolisa Wayyaanee dabballota isaa tumsuuf jecha qeerrootti bobbauun hiraarsaa akka jiru gabaasi nu gahe addeessa.
Fulbaana 25,2012 irraa kaasee hanga ammaa magaalaa Ayiraa keessa dargaggoota Oromoo jiraatan mana irraa manatti adamsuun hiraarsaa kan jiru humni hidhataa Wayyaanee Oromoof gara laafina akka hin qabne muldhisa, miseensii fi qondaalli OPDO Tashoomee Darajjee kan jedhamu magaalicha keessa deemuun dargaggoota gabaasuu fi qabsiisuu akkasumas hiraarsuutti akka jiru beekamee jira.
Haala kanaan kan mufate ummanni Oromoo naannichaa diddaa fi sagalee mormii isaa dhageesifachaa akka jiru qeerroon naannicha irraa gabaasa.
Gama biraan Godina Shawaa lixaa aanaa Walmaraa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Wal maraa keessaa mootummaa Wayyaaneen yakkamee ukkaamfamuun mana hidhaa Wayyaanee keessatti bara darbe kan darbame ture barataa Geetuu Dhaqqabaa erga hidhaa irraa gadhiifamee gara gabatee barnootaa isaatti deebiuuf yeroo gaafatu ati diina mana barumsaatti hin deebitu jedhanii mana barnootaa akka dhorkan beekame.Hoogganaan mana barumsaa kanaa Abbabaa Haayile Maariyam ajaja mootummaa Wayyaanee irraa kaee akka barataa kana mana barnootaatti hin deebifne tauu ibsee jira.

Godina Jimmaa keessatti Diddaan Ummataa jaabatee ittii fufe

Aside

Fulbaana 27,2012

Godina Jimmaa keessatti diddaan ummataa jabaatee itti fufuu qeerroon godinichaa gabaasa. Haaluma kanaan Fulbaana 22-24/2012 Aanotaa Limmuu Shaayii, Limmuu koosaa, Geeraa, Ummaannii Walgahii dhaabni jalee Wayyaanee OPDOn yaame irraatti gaffii gurguddaan ummataan itti ka’ee jira. Erga muumicha ministera Wayyaanee jijjiramee ummanni Oromoo akka OPDOn aangoo hin qabnee fi baroota 21 gutuu ummata Oromoo goyyomsaa turanii fi aangoo Oromoo biyyoolessa irratti muldhisuu akka dadhaban kallattiin itti himuun walgahicha irratti afaan qabsiisanii jiru. Sabboontoti tokko tokko aarii keessa darbuun hogganoota OPDOn kallattiin kan ittiin jedhan, OPDO’n angoo malii qabaa? Ofii iyyuu angoo hin qabdan maal nu gowwomsuuf kaatanii? Oromoon lamuu isiniin hin goyyomu walgahi keessanis hin hirmaannu jechuun walgahicha dhiitanii bahuu isaanii qeerroon godinicha irraa gabaasa.

Kana malees Anaa Limmuu Shaayii keessaatti hidhattonni Wayyaanee dirqamaan dargaggootaa walgahii baasuuf bobbaafaman dargaggotaan reebaman, dargaggoonnii Oromoos milishoota humnaan ummata doorsisuu fi reebuuf dhaqan irratti tarkaanfii of irraa ittisuu taasisan.

Ummaannii Anotaa (kkaa Geeraa,Saqqaa Coqorsaa, Deedoo, Gommaa ,Aggaaroo Maannaa, Aseendaaboo fi Shabee Buusii Gibiraa addaa addaa fi maallaqaa Waaldaa Liqii fi qusannaa Oromiyaa irraa Liqeeffatanii Ummataa irraa jiru Uummaannii hin kanfalluu, Ofii keenyaafuu Mootummaa hin qabnu enyuttii kaffallaa jechuun diddaa kaasaa jiraachuun hubatame, ergamtoonnii Wayyaanee Ummataa kanaa tasggabbeessuuf sossobaa jiirtuullee ummaannii diddaan of irraa deebisaa jirachuun ibsame

SBO Fulbaana 26 Bara 2012

Aside

Hanga Jijjiirraan Hundee Dhufutti Qabsoon Ummata Oromoo fiUmmatoota Cunqurfamoo Harka Walqabatee Finiinuun Dirqama Taha

Aside

Duá mataa Wayyaanee Mallas Zeenaawiitti fufee bakka fudhannaan barcuma muummicha ministeeraa eegamaa ture osoma lafa irra harkifamuu amma raggaafameera. Kunis ‘dabarsii aangoo karaa nagaan raawátame’ jedhamee guddoo yoo irraa ololamu dhagahama. Ololli dagachiisaan kun gonkumaa fudhatama kan qabuu miti. ‘Dabarsii aangoo karaa nagaan raawátame’ jedhamuun kan danda’amu osoo Mallas Zeenaawii otuma lubbuun jiruu namni gara biraan filmaata haqaa ummataatiin moohee barcuma aangoo isaa yoo dhaalee ture. Eega Mallas duée booda ammoo jaalatamus jibbamus barcuma isaatti namni biraan dabruun dirqamuma ture malee arjoominaa fi gara laafinaWayyaanotaatiin kan raawátame miti.

Kanayyuu tahee ammoo jijjiirraan amma irraa ololamaa jiru ulaagaa jijjiirraa sirna mootummaa kan guutu akka hin taane eenyuyyuu ni hubata. Jijjiirraan imaammata sirnichaa osoo hin taane maqaa namaa qofa jijjiiruu irratti xiyyeeffate kun kan ummatoonni cunqurfamoon, keessattuu ummatni Oromoo abdii irra kaayyatanii miti. Imaammatni fi caasaan cunqursaa Mallas Zeenaawiitiin wixinamee dabballootaWayyaaneetiin hojii irra oolaa bahe harás bakkuma isaa jira. Namni HaylamaariyaamDassaalany jedhamu kan maqaaf bakka Mallas Zeenaawii bué akka nama tokkootti muláta mataa isaa homaatuu akka hin qabne sirna muudama isaa shiraan guutamee irratti haasawa dhageessise keessatti himateera. Barcuma Mallas kan dhaaleefis, deemsa bulchiinsa abbaa irrummaa fi

faashistummaa gooftaa sirnichaa Mallas Zeenaawii akkuma jirutti itti fufsiisuu irraa kan hafe dirqamaa fi gaafatama biroo akka hin qabne hubachiise. Akka nama tokkoottimuláta mataa isaa yoo qabaates mulánni isaa sun kan warra TPLF irraa adda yoo tahehojii irra ooluus hin dandaú.

Jijjiirraa Hundeetu furmaata.pdf
Info Desk- Amharic.pdf

Qeerroon Godina shawaa kaabaa aanaa Kuyyuu dargaggoota Magaala Hoolotaa waliin walitti dhufuun dhimma QBO irratti marii’atan.Ibsa ejjennoos baafatan.

Aside

Fulbaana 24,2012 Kuyyuu

Qeerroon Oromoo Godina Shawaa kaabaa aanaa Kuyyuu walitti dhufuun
dhimma QBO irratti marii jabaa taasisan.Qeerroon aanaa kuyyuu Qeerroo
shawaa kaabaa fi magaala Hoolotaa walitti fiduun dhimma qabsoo Oromoo
irratti mariiatanii jiran.Dargaggoonni naannoo kanaa QBO qeerroo fi ummata Oromoon galma akka gahu hubachiisuun ibsa ejjennoo baafatanii jiran.

1. QBO hanga galma gahu wareegama barbaachisaa ni baasna
2. Qeerroo Oromiyaa irratti ijaaruun gaaffii mirgaaf ni kakaasna
3. Mootummaa abbaa irree Wayyaanee aangoo irraa buusuuf ni hojjenna
4. Qaama qabsoo bilisummaa mootummaa abbaa irree wayyaanee buusu hunda
waliin ni hojjenna
5. DH.D.U.O hubachiisuun qeerroo waliin hiriirsuuf ni hojjenna
6. Diina keenya kan qabeenya Oromiyaa saamu yoomuu ni mormina
7. Qeerroo gola Oromiyaa mara waliin ni hojjenna Kanneen jedhan baafatanii jiru,Qeerroon Golee Oromiyaa mara keessaa wareegama barbaachisaa kaffaluun akka jabaatee QBOf hojjetu waamicha dabarsanii jiru.

SBO Fulbaana 23 Bara 2012

Aside

Godina Booranaa aanaa Yaabelloo keessatti ilmaan oromoo oolmaa guyyaa guyyaa akka gabaasan wayyaaneen dirqamsiise.Diddaanis daran jabaate.

Aside

Fulbaana 23,2012 Yaabello
Godina Booranaa aanaa Yaabelloo ganda Surubbaa,Tulaa waayyuu fi Bildim keessatti mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo shan shaniin gurmeessuun oolmaa isaanii kan guyyaa guyyaa akka gabaasan dirqamsiise.Mootummaan Wayyaanee diddaa ilmaan Oromoo irraa itti jabaachaa dhufe dura dhaabbachuuf shira kana xaxus uummatni Oromoo naannoo kanaa kan guyyaa guyyaan oolle hin gabaasnu, Sirni Wayyaanees garboomsaa fi cunqursaa tahuu hubannee waan kora teenyee murteessineef lamuu Wayyaaneen hin bullu jedhee jira.
Mootummaan EPRDF Wayyaanee namoota hin gabaasne isini miseensota ABOti,ABOtu diddaa kana akka qindeessitan isin ijaare jechuun maqaa qorannoon rakkisaa jira.Diddaa Oromiyaa keessatti dua Muummicha ministeera Mallas Zeenaawwiin booda daran wayyaanee muddeen kan baarage Wayyaaneen waraanaan ilmaan Oromoo toachaa jira.Doorsisni,hidhaa fi ajjeechaan jabaatus diddaan daran akka jabaatu qeerroon naannoo kanaa dhaamee jira.