Qeerroo Oromiyaa: Alagaaf Hin Gabroomnu!

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 2 Onkoloolessa 2012) Kun sagantaa gabaabaa Ayyaana Irreechaa 2012 kan Oromiyaa,Hora HArsadii, Bishooftuutti kabajame ilaalchisee Gareen Qunnamtii Qeerroo kan sagalee fi suuraan qindeessee dha.

Ayyaana kana irratti humnooti tikaa fi poolisooti Wayyaanee haalaan bobbaa guddaa fi eegumsa cimaa gochuun  akka ayyaanichi waltajjii ololaa fi dhaaduu Wayyaanee ta’u gochuuf yaalanii turan iyyuu, dhalooti Qeerroo karaa hundaan akka haawaasti ayyaanicha irratti argame, haala Oromoo fi Oromiyaanm keessatti argaman akka hubatan godhamee jira.

Jala bultii ayyaanichaa irraa eegalee dhaamsoliin addaddaa kan dhiibbaa fi miidhaa ummata Oromoo irra jiru saaxilanii fi hubachiisan akka ummata bira gahu godhamee jira.

Qeerroonis akka gaaffii mirgaa hin kaafnee fi warraaqsa Bilisummaa hin leellisne gochuuf humnooti Wayyaanee tattaaffii guddaa godhanii jiru. Haata’uutii, dhalooti Bilisummaa isaa karaa nagaa gaafachuu irraa duubatti  hin deebine, Qeerroon Oromiyaa,  weedduu fi sirbootaan warraaqsaan gaaffii fi fedhii saba isaanii beeksisaa fi dhaadhessaa  oolanii  jiru.

Sirna kana irrattis, diddaa isaanii mul’isuuf weedduu fi dhiichisa kan WBO leellisu, yeroo kamiyyuu “alagaaf hin gaabroomnu!” kan jedhu fi qabsoo Bilisummaa jabeessuuf akka kutatanii jiran mul’isanii jiru. Kana malees,  Qeerroon Oromiyaa tokkummaa isaanii daran jabeessanii falmaa Bilisummaa finiinsuuf illee waadaa waliif seenanii jiru.

This slideshow requires JavaScript.

Lammiileen Oromoo Ayyaana Irreechaa irraa Qabamanii Hidhaman Hatattamaan akka Gadhiifaman

Aside

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Onkoloolessa 1, 2012

Waggaa waggaan lammiileen Oromoo miiliyoonotatti lakkaayaman Bushooftuu Hora Harsadiitti bahanii ayyaana Irreechaa mallattoo Oromummaa tahe ayyaaneffatu. Daawáttoonni biyyoota Awrooppaa, Ameerikaa fi bakkoota biroo irraa dhufan gariin ‘Afriikaa keessatti ayyaanni guddaan ummata miliyoonotaan lakkaawamu hirmaachisu akkasii hin mulánne’ jechuudhaan guddina ayyaana Irreechaaf ragaa bahaa jiraachuunis beekamaa dha.

Sirna aangoo irra jirus tahee kannee Oromoon akka dirqiin Itoophiyummaatti amanu gochuu barbaadan garuu ayyaana Irreechaa eenyummaa Oromoo calaqqisu kana irraa gammachuu hin qaban. Aadaa ofii isaanii dirqiidhaan Oromoo irratti feúu barbaadu malee kan Oromoo kanaaf dinqisiifannoo qabaachuun hafnaan bakka isaaf malu illee hin laanneef. Sirnoonni Itoophiyaa haráas tahee kaleessaa ayyaana Irreechaa Itoophiyaa bira dabree Afriikaa maraaf boonsaa tahe kanaaf akka mootummaatti beekkamtii ayyaanummaa hin kennineef. Oromoon isaan bara baraan gad xiqqeessuu fi eenyummaa isaa ukkaamsuu barbaadan kana booda akka isaan jalatti jilbeenfatee buluuf hin jirre, walabummaa biyya isaa labsachuu fi bilisummaa isaa deeffachuuf qophii tahuu isaa itti garsiisaa jira.

Hidhaa Ayyaana Irreechaa irratti Ibsa ABO.pdf
Mass arrest on Erecha cermony-Amhaic.pdf

Diddaa Qeerroo fi Irreecha Bishooftuu 2012

Aside

Onkoloolessa 01,2012
Ayyaannii Irreechaa Guyyaa Kaleessaa Ummataa Oromoo Godinaalee Oromiyaa Garaa Garaa Irraa walittii Dhufuun Horaa Arsadiittii Haala Baay’ee Gammaachiisaa ta’een kabajame,
Ummaannii Oromoo guyyaa kaleessaa magaalaa Bishoftuu Hora Arsadiittii wayitumaa irreechaa kabajatan dhaamsaawwaan garaagaraa tokkummaa, hidhamtoonnii Oromoo haa hiikamaan, Oromiyaan kan ummataa Oromooti, Oromiyaan ni bilisoomti, harkaa wal qabannee haa kaanuu jechuun Ummaannii dhaamsaa waliif dabarsaa ture, Dargaggeessaa fi dargaggeettii, hayyotaa fi beektonni sirna kanaa irraattii WBO faarsaa olaanii, Addaattii ABO’n gaachaanaa Ummaataa Oromootii jechuun hegeree fi abdii ummata Oromoo tokkicha ABO faarsaa olanii jiru.

Kabaajaa Ayyaana Irreechaa kana ilaalchisuun motummaan abbaa irree Wayyaanee humna waranaa magaalaa Bishooftuu irraa jalqabee hanga bakka irreechaatti heddumminaan tamsaasuun sochiilee qeerroo jala bu’anii dargaggoota nagaan ayyaana irreefachuuf dhufan ABO fi WBO faarsitan sababa jedhuun heddumminaan mana hidhaatti guuraa olanii jiru.Haalli kun kanaan osoo jiruu kanneen hafan diddaa isaanii itti fufuun faaruu fi sirboota qabsoon diddaa isaanii muldhisaa turan. Ummaannii Oromoo kaayyoo diinaa kanaa cabsuun wareegamaa bonsaa kanfaluun akeekaa diinaa cabsuun akkaa irreeffatee diddaa qabsoo bilisummaa Oromoof ammoo bakka galu maratti onaa fi araddaa isaa irratti ummata waliin tokkummaan akka ka’u harka wal qabatee waadaa waliif galee akka jiru gabaasi qeerroo addeessa.

Ayyaana Irreechaa fi Diddaa

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 1 Onkoloolessa 2012) Ayyaanni Irreechaa bara 2012 sirna hoo’aa fi miidhagaan kabajamee jira; Qeerroon Oromiyaas sirna kana irratti haga Bilisummaan Oromiyaa mirkanaa’utti qabsoo maraalessa finiinsuuf waadaa waliif seenanii jiru.
Ayyaana kana irratti dhiibbaan guddaa karaa mootummaa godhamus, Qeerroo fi sabboontoti Oromiyaa dhimmoota murteesoo ta’an milkeesuu fi ayyaanicha akka hin gufanne gochuu irratti hojiin boonsaa hojjatamuusaa Qeerroon dabalee inbsee jira.

SBO Fulbaana 30 Bara 2012

Aside

Wayyaanoti gaaffii mirga Oromummaa fi adaa Oromoo dura dhaabbatan illee ayyaanni Ireechaa tokkummaa Oromoon kabajame.

Aside

Akkuma beekamu Guyyaan haraa,Fulbaanni 30 guyyaa kabajamaa Uummanni Oromoo aadaa fi amantaa abbootii keenya ganamaa hangafticha magaalaa Bishooftuutti gaggeeffatuudha. Biyyattii keessatti sirni Irreecha Alsadee kun bifa gammachuu fi hoo’aadhaan uummataa Oromoo fi Qeerrooleedhaan kabajamee darbeetu jira. Ayyaana kana irratti saboonni Oromoo argamanii jiran baayinni isaanii akka tilmaamutti miliyoona 4 hanga 5 ti jedhama. Kabaja ayyaana kanaa irratti dursa akkuma gabaasne mootummaan Wayyaaneedhaa hidhattoota isaa fi poolisoota isaa sirna kabajamuu ayyaanaa kana irratti ramadee akka jiru gabaasne jirra. Haatau malee waraanni mootummaadhaa haa jiraatuyyuu malee Qeerroo fi uummanni diddaa muldhisan itti fufuun muldhisee jira. Keessattuu magaala Bishooftuutti utuu hin galin waraanni wayyaaneedhaa daandii cufuudhaan uummata ayyaana kanaaf dhufu kiisiidhaa hamma kopheetti sakattauudhaan kaaniin ayyanicha akka hin hirmaatne duubatti deebisaa hamma nama 100 ammoo hidhuun beekameera. Haatau malee qeerroon magaala Bishooftuu irratti waraqaalee warraaqsaa hedduu fi ummati harki caalu kan harkatti qabate ta’uun beekama
Gama biraan magaalaa Bishooftuu bakka adda addaa keessatti qeerroon alaabaa ABO maxxansuu fi fannisuun ummata naannoo san irra darbu akka gammachiise beekamee jira.
Haala waraana wayyaanee ilaalchisee meeshaan dhukau osoo hin hafin uummata keessaa fi naannoo Irreechaa san kan buufatee jiru waraannii Wayyaanee kana kan jedhamu miti. Haatau malee uummata keessas faffacaanii yoo jiraatan illee Qeerroon dhaadannoo fi sirboota qabsoo Oromoo adda addaa dhageessisaa tureera. Uummataa fi Qeerroo keessaa kanneen ifatti WBO faarsan poolisootaan qabamanii mana hidhaatti akka geeffaman ifatti muldhatee jira. Walii gala gabaasaa dhimma kanaa gara fuula duraa qindeessinee isinii dhiheessina. Suuraan warraanni Wayyaanee ummata yeroo jeeqaa jiruu kanatti maxxansinee keenyee jirra.

Irreessi Bishooftuu Kabajame. Loltooti Wayyaanee Ayyaana Kana Jeequuf Argaman lakkoofsaan ummata Ayyaanichaaf baheen gitu. Sabboontoti Oromoo 100 ol hidhaman.

Aside

Fulbaana 30,2012Guyyaa har’aa irreechi Bishooftuu Oromiyaa keessatti sirna howwaa fi haala addaan kabajamee jira.Sirna kana kabajuuf jecha sabboontotiin Oromoo Oromiyaa bakka gara garaa irraa kan fageenyaa fi dhihootti araman hedduun irratti argamanii qophicha adda godhanii jiru. Addatti dargaggoonni Oromoo guyyaa jala bultii isaa irraa kaasanii haala addaan hirmaannaa isaanii muldhisaa haajiraatan malee mootummaan Wayyaanee ayyaanicha fashalsuuf jecha humna waraanaa heddumminni isaa kan ummata irreechaaf bahe gadi kan hin taane gara kanatti bobbaasuun ayyaana kana fashalsuuf yaalii guddaa godhe.
Haala kana keessatti dargaggoota fi ummata Oromoo keessaa namoota 100 ol qabanii hidhaatti guuruu fi video waraabamee fi suuraalee kaka’an mara irraa saamee bakka inni buusee hanga ammaa hin baramiin jira. Ayyaana kana irratti FDG ni ka’a sababaa jedhuun Oromoonni aadaa isaanii akka hin muldhifne yaaliin hin godhamiin hin jiru. Sabni keenya bara irraa baratti guyyaa irraa guyyaatti rakkoo haala hamaa keessatti miidhamaa waan jiruuf jabaannee ka’uu fi tokkummaan gabrummaa akkaanii keessaa bahuu malee furmaati hin jiru.

Gama biraan video lee fi suuraaleen qindaayan gariin loltoota Wayyaanee fudhatameera. Kan hafe ammoo yeroo gabaabaa keessatti qindeessuun akka ummata keenyaan geenyu dhaammanna.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Ka’een Seenaa Dabarsa,Maaliifan Yeroo Dabarsa

Aside

Wallaga Aanaa Anifilloo Keessatti Sochiin Qabsoo Babaldhachuun Wayyaanota Yaaddesse.

Aside

Fulbaana 29,2012 Dambi Dolloo

Gabaasaa godina Qellem,Ona Anfilloo Fulbaana 28 addeessuun gaafa guyyaa Fulbaana 26 kaee maqaa ABOtiin shakkii fi sodaa ABOn biyyaa galuutiin kan kae Aanaa Anfilloo keessaa kaabinoonni wayyaanee uummata goolaa jiraachuu isaanii gabaasaan Qeerroo addeessa. Kana irratti hundaauudhaan addatti ati ABO dha jedhanii, ABO biyya galchuudhaaf daandii qopheessaa jirta,akkasuma miseensummaaf namoota jiraa jirta,yakka kana kanaan qabsiisanii barataa Kaliifa jedhamu barnoota isaa xumuree hoji dhabuu irraan kan kae naannoo Gabaa Kamisaa maatii isaa bira osoo jiraatuu gaafa guyyaa gaafa Fulbaana 26,2012 maatii isaa biraa qabamee ukkaamfamuun bakka gahe hin baramiin jira.
Kana malees barattoota magaalaa Aana Anfilloo, Muggi naannoo gabaa kamisaa keessaa heddumminaan waajiraalee bulchiisaatti yaamanii akka qorataa jiran gabaasi qeerroo addeessa.
Walumaa gala Qeerroon godina Qellem irraa gabaasaa dhaamaa jiru sodaanii fi raafamuun mootummaa jabaatee dhufuu irraan kan kae barattootaa fi uummata yakka tokko malee yakkuu fi gooluu irra akka jiran gabaasaan dubbata.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Seife Nebelbal Radio Program, Interviews Ogaden representative and Dr. Fiseha Eshetu

Aside