Waraanni Agaazii Wayyaanee Dararaa Barattoota Oromoo Irraan Gahaa Ture Ammos Itti Fufe!

Aside

[SQ, Bitootessa 11,2018]

Mootummaan gorboonfattuu Wayyaanee akkuma barattoota Oromoo irratti dararaa jallataa raawwataa turte, barataa Oromoo reebuun hidhuu ajjeesuu akkasuma barnootarraa ari’uu hojii idilee taasifataa turtetti itti fufte. Haaluma kanaan Mooraawwan Yuunibarsiitii keessatti madaallii qorumsaan alatti, tilmaamaan qabxii barattootaa laachuun itti fufuun mooraawwan tokko tokko keessatti barataa Oromoo addaan baasanii qabxii jalaa gadbuusuuf yaadamuun “F” laachuun waan argaaf dhagaa’aa turre jibbiinsa Oromoof qaban mul’ifataa jiru. Haaluma kanaan barattoota Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa damee barnootaa Computera barataa jiran, barattoota Waggaa lammaaffaa daree tokko guutummaatti gosa barnootaa statics “F” laatamuu akka qabaniif Heeddiin murteessee dabarse jechuun nuu gabaasan. Rakkoo barattootni geessisaniif sababaa “F” kennisiisuuf gaafannee turre. Sababi guddaan jedhu, “barsiisonni koorsicha barsiisaan mooraa Guddaa ykn main campus kan turan yoo ta’u, Continue reading

Godina Wallaggaa Magaalaa Naqamtee Keessaa Ergamtooti Wayyaanee Halluu Alaabaa ABO Qabu Funaanaa Jiru.

Aside

Godina Wallagga magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessatti Wayyaaneen ergamtoota ishee bobbaasuun suura goototaa konkolaattota irraa buqqaasaa jirti. Istiikeroota Alaabaa ABOn faayyamanii fi Barruulee alaabaa ABOn bara,anii jiranis karaa ergamtoota isheetiin konkolaattota irraa yaasaa jirti.
Ka,umsa dubbichaaf sababni guddaan torbanoora darban keessa konkolaachistoonni magaalichaa walgahii firqiidhaan akka dhiyaataniif gara galma Naqamteetti waamamanii turan.
Akeekni walgahichaas konkolaachistoota kanaan dura hojii dhaabuun diddaa lagannaa gabaa irratti qooda fudhatan irratti akeekkachiisa kennuu fi lamuu itti deebinaan adabbii maallaqaa guddaa tahe adabamtu kan jedhuun doorsisuuf turan.
Continue reading

SBO Bitootessa 11, 2018. Oduu, Tarkaanffii WBOn Loltoota diinaa irratti fudhate ilaalchisuun Itti Gaafatamaa Bul chiinsa Waraana Zoonii Kibbaa kan ta’an Miseensa GS ABO Jaal Jiloo Gadaa Waliin Gaaffii fi Deebii taasifne akkasumas H aala yeroo ammaa Oromiyaa irratti Yaada namootni nuuf laatan.

Aside

ONN: Oduu Idilee Oolmaa Oromiyaa Bito. 9/2018

Aside

SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Bitootessa 9,2018

Aside

Hubachiisa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname!!

Aside

Namoonni utuu hin beekinis ta’ee beektani, akkasumas ergama diinaas fudhattanii maqaa Qeerroo Bilisummaa Oromoofi Logo Qeerroo Bilisummaa Oromootti fayyadamuun Ibsa, akeekkachisaa (diniinaa)fi barruu adda addaa kan naamusaafi Sansaka naamusa Qeerroo Bilisummaa Oromoofi Qabsoo Bilisummaa Oromoo hin qabne afaan garaagaraatti fayyadamuun maqaa balleessii , shiraafi yaada faallaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo maxxansitan, facaastan serdhablummaafi yakka Qabsoo Bilisuummaa Oromoo irratti rawwachaa jirtan irraa atattamaan akka of dhaabdan Qeerroon Bilisummaa Oromoo gadi jabeessuun isin akeekkachiisa!! Continue reading

SBO Bitootessa 9,2018. Oduu, Qophii Haala Yeroo Irratti Xiiyyeeffatuu fi Gaffii fi Deebii Qindeessitoota Kora TUBD tibba Darbe Landanotti taa’ee kan tahan keessaa tokko Mis.GS ABO Jaal Barsiisaa Barii Waliin Taasifne.

Aside

“Bareedina Fuudhuu” Seenaa fi Qooda Jabina Shamarran Oromoo

Aside

Bareedina Fuudhuu: Wal jijjiira Sirna Gadaa wagga saddet saddetiif yeroo Buttaan qalamu Oromoon akka sirna Bareedina Fuudhuus qabaachaa ture quba ni qabdanii?

Sirna Bulchiinsa Gadaa Oromoo keessatti Bareedina Fuudhuu jechuun maal jechuu dha?

Addunyaa irratti Bitootesni 8 Guyyaa Dubartoota Idil-addunyaa jedhamee beekama. Yaadatamaas oola. Guyyaan kun wan irraa madde fi seenaa of danda’e qaba. Nuti seenaa kana irraa dubbachuuf miti. Garuu guyyaa Dubartoota Idil-ddunyaa yaadatamee oolu kanatti bulchiinsa Siran Gadaa Oromoo keessatti Seenaa qooda fudhatiinsa Shamarran Oromoo dhokatee jiru tokko irraa dubbachuuf.

Akkuma Sirnicha keessatti baratamee fi sirnichis ijaarratetti Sirni Marsaa Gadaa wagga saddet saddetiin bakka wal jijjiira. Yeroo wal jijjiirraa sirna marsaa kanattis Buttaatu qalama. Buttaan kun torban tokkoo hamma lamaaf sirni isaa gaggeessama.

Continue reading

SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Bitootessa 08,2018

Aside

Raadiyoo Simbirtuu Continue reading

” Mirgi Ummata Oromoo Guutuutti Hamma Mirkanaawu Fincilli Xumura Gabrummaa Itti Fufa”! Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aside

Mirgi Ummata Oromoo Guutuutti Hamma Mirkanaawu Fincilli Xumura Gabrummaa Itti Fufa!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Bitootessa 7,2018 Finfinnee Oromiyaa

Amna dheeraa deemnee qabsoo fincila diddaa gabrummaa irraa gara xumura gabrummaatti dhufnee jirra,Wareegama goototi Oromoo qaqqaliin baasan bakkaan gahuuf jecha mirga abbaa biyyummaa Oromoo guutuutti kabachiisuuf diddaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo halkan tokkoof illee osoo hin dhaabbatiin ykn adda hin citiin amma galii gahutti itti fufa.

Haala yeroo ammaa kana keessatti sirni abbaa irree Wayyaanee raayyaa waraana isaa Oromiyaa guutuutti bobbaasee ummata Oromoo bakka fedhetti ajjeesaa bakka fedhettis saamaa fi hiraar daangaa hin qabneen irratti raawachaa jira. Labsii Waraanaan Oromiyaa dhiitanii bulchuu ifatti erga mirkaneeffateen as ajjeechaa fi doorsisaan ummata Oromoo Fincila Xumura Gabrummaa(FXG) irraa dhaabuuf mala inni karoorfatee ka’e inni guddaan ajjeessuu dha,ummanni Oromoo du’aa fi hiraara irraa afuura osoo hin fudhatiin falmachaa du’uu fi wareega kafaluuf qophii ta’uu isaa diddaa bifa adda addaan godhuun aduunyaatti mirkaneessee jira. Continue reading