Bareedina Fuudhuu:
Wal jijjiira Sirna Gadaa wagga saddet saddetiif yeroo Buttaan qalamu Oromoon akka sirna Bareedina Fuudhuus qabaachaa ture quba ni qabdanii?
Sirna Bulchiinsa Gadaa Oromoo keessatti Bareedina Fuudhuu jechuun maal jechuu dha?
Addunyaa irratti Bitootesni 8 Guyyaa Dubartoota Idil-addunyaa jedhamee beekama. Yaadatamaas oola. Guyyaan kun wan irraa madde fi seenaa of danda’e qaba. Nuti seenaa kana irraa dubbachuuf miti. Garuu guyyaa Dubartoota Idil-ddunyaa yaadatamee oolu kanatti bulchiinsa Siran Gadaa Oromoo keessatti Seenaa qooda fudhatiinsa Shamarran Oromoo dhokatee jiru tokko irraa dubbachuuf.
Akkuma Sirnicha keessatti baratamee fi sirnichis ijaarratetti Sirni Marsaa Gadaa wagga saddet saddetiin bakka wal jijjiira. Yeroo wal jijjiirraa sirna marsaa kanattis Buttaatu qalama. Buttaan kun torban tokkoo hamma lamaaf sirni isaa gaggeessama.
Sirna Qalma Buttaa kana keessatti hawaasni Oromoo naannoo Buttaan kun itti qalamuu hundi keessatti hirmaatan. Dhalaa-dhiira, jaarsaa-jaartii, dardaraa-shamarran, ijoollee-jaarolee sirna kana keessaa kan hirmaanne hin jiran. Hundatu wal qixa qooda keessaa fudhatan.
Sirna kana keessaa tokko kan seenaa Sirna Gadaa fi Buttaa qalaa keessatti ajaayibsiisaa tahee fi wal-qixummaa saalaa (dhalaa fi dhiira) hawaasni Oromoo qabu calaqqisiisu Sirna Bareedina Fuudhuu kan jedhamuu dha.
Sirna Bareedina Fuudhuu kana Sharran Oromootu bareedina bifaa kan simboo fi qaamaa wal dorgomu. Uffata aadaan faayyamanii, dhahata shurrubbaa (rifeensa mataa) fi dhaabbii (physical appearance) isaaniitiin wal dorgomu. Hiriira bahanii yaa’an fi dhaabbatan keessaa warreen Bareedina Fuudhuuf kennamaniin filaman.
Sirni Bareedina Fuudhuu shamarran Oromo kun keessattuu sirna jijjiirraa Marsaa Gadaa fi QalmaButtaa bakka bakkaa keessatti wal fakkaachuu mala. Sirni kun garuu hanga yeroo dhihoo sirni Buttaa sirna bittaa Impayera Ethiopiyaan dhorkametti kara Dhiha Oromiyaa kabajamaa ture.
Sirni Bareedina Fuudhuu maaliin dinqisiisama?
1fa: Sirni Gadaa kun akkuma ijoollee, dardara, jaarsaa fi jaartii, dhalaa fi dhiira, akkaataa qooda fudhatiinsaa hawaasichaaf qopheesse shamarran Oromoofis qooda kan keessatti fudhatan sirna Bareedina Fuudhuu qopheesse.
2fa: Sirni Bareedina Fuudhuu kun kan bara ammayyee kana keessa hayyaantee (celebrity) jedhaniin wal fakkaata.
3fa: Shamarri yokan hintalli sirna Buttaa kana irratti Bareedina kana mo’atte Bareedina Fuudhamte bara sirna bulchiinsa marsaa Gadaa sana keessa hawaasa Oromoo keessatti ittiin beekamti. Maqaan ishee bakkayyuutti beekama; dhaadhessama. Bareedina Fuudhamte jedhamtee jajamti. Hanga marsaan Gadaa itti aanu dhufuttis bara Bareedina isheetiin beekamti jechuu dha.
Kanaaf, sirni Gadaa Oromoo wanneen qorannoo fi hordoffii barbaachisu amma illee dagatamanii jiran hedduu of keessaa qaba. Yeroo Bitootessa 8, Guyyaa Dubartoota Idil-addunyaa kabajnu kanatti sirna Gadaa Oromoo keessattis waa’ee Bareedina Fuudhuu haa yaadannu.
Horaa Bulaa