SBO Bitootessa 24 bara 2013

Aside

Dagaagina Aadaa fi Mammaaksa Oromoof Irratti Dhaloota Guddisuu

Aside

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Caalliyaa Geedoottii Sababaa FDG daran jabaatee itti Fufeen Barsiisonni Oromoo ta’an Hidhamaa Jiru

Aside

Bitootessa 22,2013 Amboo

Mootmaan wayyaanees diddaa goototni baratootni Oromoo mana barumsaa Geedoo sadarkaa 2ffaa gaggeessaa jiranitti rifachuun sabbontotaa barsiisotaa ilmaan Oromoo ta’aan FDG baratootni gaggeessaa jiran keessaa qooda qabduu jechuun barsiistotaa dorsiisaa jiraachuun gabaafame jira.

Haala kanaan Bitootessa 20,2013  galgala barsiisaan Afaan Oromoo Barsiisaa Biraanuu Dirribsaa Barsiisaa M/B Geedoo sadrkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa kan ta’ee humnotaa poolisaa fi tikaa Wayyaaneetiin ukkaaffaamee essaa buuteen isaa dhabamuun gabaafamee jira. Gototni baratootni Oromoo M/B Geedoo sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa guyyaa har’aa hanga barsiisaa

Biraanuu Dirribsaa barsiisaan keenyaa fi baratootni Oromoo hidhaman hiikamanitti barnotaa dhaabnee FDG jabbeessinee kan itti fufnu ta’aa jechuun beeksifatanii diddaan baratoota mana barumsaa Geedoo jabaatee itti fufee jiraachuu maddeen keenya gabaasaniru.

Kana malees barattooti Oromoo barataa Tolaa Baqqaalaa  fi Barataa Masarat Abarraa jedhamaan diddaa baratootaa Oromoo M/B Geedoo kakastanii isiin ABO dha jechuun qabamanii bakka buuteen isaanii him beekamne.

Odeessa Gaddaa

Bitootessaa 16,2013 Godina wallaaggaa bahaa Onaa Limmuu Galiilaattii sabboonaa Oromoo fi qabsaayaa kan ture Barsiisaa Kabbadee Galataa Jooduu, sababa dhukkuba laphee yeroo dheeraa dhukubsachaa turanif, dhukkubni isaanii itti jabaachuun du’aan Addunya kana irraa boqotanif gaddaa gudda nutti dhagahama,

Barsiisaa  Kabbadee Galataa  Jooduu Onaa Limmuu Galiilaa bakka Loobicaa jedhamutti dhalatan umriin isaanii gannaa 50 kan ta’ee fi abbaa ijoollee 14 ti. sadarkaa barnotaan University Jimmaa irraa digrii jalqabaa nama qaban yeroo ta’uu, hojii barsiisummaa keessaa bara dheeraa tajajilaa kan turan fi yeroo amma kana illee koolleejjii teekinikaa fi ogummaa Onaa Limmuu Galiilaa utuu barsiisaa jirani boqotan. Dhukkuba laphee qabaniif itti jabaachuun du’aan boqochuu isaaniif barattoota Oromoo fi qabsaawota Oromoo naannicha jiranitti  gaddaa guddaatu nutti dhaga’amee jiraachuu qeerroon naannicha irraa nuu dhaamneen beeksise.Maatii,fi firoottaan Barsiisaa Kabbadee Galataa Jooduu fi Ijoollee isaanif Waaqayyoo jajjabinaa haa kennu, ijoollee isanii nama kaayyoo abbaa isaanii galmaan ga’uu jechuu qeerroon dhaamsa dabarsanii jiru.

Radiyoo Seife Nebelbalii fi Simbirtuu Tamsaasa Bitootessa 21,2013

Aside

  

FDG Dargaggoota Aanaa Geedoo fi Miidaqenyii Itti Fufe.

Aside

Bitootessa 21,2013 Amboo

Mootummaa abbaa irree Wayyaanee gaaffii mirgaa dura dhaabbachuuf hidhaa kan filatu Godina Shawaa lixaa aanaa Geedoo fi Midaaqeny keessatti gaaffii mirgaa uummatni gaafatu dura dhaabbachuuf ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuraa jira.Aanaa Geedoo fi Midaaqeny keessatti gaaffii uummatni Oromoo gaaffii bilisummaa dhiyeessaniif waraanaa fi humna poolisaa itti bobbaasuun ummata Geedoo jechaa jirti.Haala kanaan manni barnootaa sadarkaa 2ffaa Geedoo cufamuu fi barattooti gaaffii kaasaniin wal qabatee dargaggoota Oromoo

1. Shallamaa Giddoolee

2. Fayyisaa Guddinaa

Jedhaman kan keessatti argaman namoota hedduu hidhamanii akka jiran gabaasi jiru addeessa.Dargaggoonni kun sababaa uummata diddaa gabrummaaf jecha qindeessu isini jechuun mana hidhaa mootummaa wayyaanee magaala Geedoo keessatti ukkaamsamanii jiran.Wayyaaneen shira kamuu tolchee gaaffii mirgaa dura dhaabbatus guyyaan bilisummaa waan dhiyaateef uummatni harka wal qabatee akka kau qeerroon aanaa Midaaqenyii fi Geedoo addeessanii jiran.

Wal-Gahiin KG OPDO Wal Dhabdee fi Qoodmiyaan Milkii Malee Adda Bahe

Aside

(Bitootessa 21,2013, Gabaasa Qeerroo Finfinnee)Walgayiin Qaamolee OPDO Miseensota Giddu Galaa Bitootessa 17 hanga Bitootessa 20,kaleessatti itti ture.
opdo

Dhimmi walgayii isaanis inni jalqabaa qorannoo fi gamaggama hojiiwwan darbanii irratti ture. Wal qorannoo isaanii kana irraan ka’ee gara Gumii(Koree giddu galeessa hoji raawwachiistuu) jedhu irrattis dabalata walgayii isaanii gaggeeffachaa turaniiru.

Haata’u malee walgahichi akka barbaachisaa ta’etti deemuu dhabuun walii isaanii gidduutti jeequmsii fi walittibu’iinsi uummamee wal diiguunii fi garee adda addaatti wal qooduun walitti mufachuudhaan walgayii wal diigumsaan adda bahanii jiru.

Akka gabaasaa caasaa hojii qabsoo achi keessaa gaggeessaa jiru irraa nu gahetti gumiitti galanii erga mariyatanii booda garee 4tti akka wal qoodan ifatti beekamee jira.

kanneen kunis wal mormuu fi sadarkaa naamusaan ala ta’etti wal mufachuun walgahii adda diiganii jiraachuun gabaafama.Gareeleen arfan kuniis:-

1.Garee Alamaayyoo Atoomsaa
Isa Jalatti:
1.1 Kumaa Dammaqsaa
1.2 Muktar Kadir
1.3 Aster
2.Garee Abbaa Duulaa
Isa jalatti:
2.1 Abiyyii Ahimad
2.2 Lammaa Magarsaa-Waajjira Induustirii
2.3 Fiqaaduu Tasammaa-Dhimma dargaggoo irratti
2.4 Tolasaa Gaddafaa
2.5 Damisee Shittoo
2.6Alamayyoo Ijjiguu
2.7 Warqinee Gabayyoo-poolisii federaalaa
3.Garee Dirribaa Kumaa
3.1 Tasfaye Tulluu
3.2 Bazzuu
3.3 Alamaayyoo Taganu
4.Garee Juunaddiin Saadoo bakka inni hin jirretti kanneen mufii qaban
4.1 Abraham Adulaa
4.2 Musxafaa A/Simar
4.3 Nuuree Qamar
4.4 Bakar Shaallee
Haala kanaan walgayii isaanii mareen xumurachuu hanqatanii diiganii adda akka bahanii jiraachuun gabaasaan nu gahe addeessaa.
Waldiigumsa kana kan fide irra caalaatti hojiiwwan waggaa darbanii gamaggamuudhaan dadhabinaa fi wal amantee dhabuu irratti;akkasuma dhimma fi hojii hawaasummaa irratti,hojiin hojjennu maalif bakkeetti saaxilamaa,qaamni mormitootaa addatti ammoo ABOn iccitii keenya akkamiin dhaga’aa kun nu gidduudhaa bahaa jiraachuun keessa keenya maadheeleen ABO fi caasaan isaa akka jiran beekama jechuun gama biraan ammoo rakkoolee miseensa keessa jiru gubbaadhaa hanga goodatti,rakkooleen jiran naannummaadhaan,malaammaltummaadhaan miseensonni keenya boodatti jechaa akka jiru,aangotti fayyadamuu sirni bulchiinsaa gaggeefama jiraachuu isaatiini kkf irratti walitti bu’uunii fi wal diiguun qaamoleen OPDO kun yaadaan wal dhabanii wal gayii isaanii milii malee xumuranii jiru.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Murtii Hojii Dhaabuu Barsiisota Yuuniversitii Dirree Dawaa

Aside

Bitootessa 21,2013 Dirree Dawaa

Diddaa Barsiisoti Yuuniversitii Dirree Dawaa kaasan itti fufuun barsiisotiin 28 ta’an hojii barsiisummaa fi gaafatama qaban gadhiisuu isaanii mallattoon isaaniin mootummaa Wayyaanee beeksisuu Qeerroon gabaase.
Maqaa fi mallattoon barsiisota kanaa akka itti aanunitti jira.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Murtii hojii dhaabuu Barsiisota Yuunivarsiitii Dirree Dawaa.docx

Barattootni Yuunivarsiitii Amboo Medicine Baratan Sirna Bulchinsa Mootummaa Abbaa Irree Wayyaanee Mormuun Barnoota Dhaaban

Aside

Bitootessa 19,013 Amboo

Diddaan barattootaa Yuunivarsiitiilee keessaa hanga mootummaan wayyaanee sirna bulchinsa abbaa irrummaa irraa dhaabbatu itti fufuun barattootni Yuunivarsiitii Amboo Medicine baratan guutummaan barnoota dhaaban.Wayyaaneen yeroo ammaa diddaa barattoota,Barsiisota,Hojjettoota,Qotee bultootaa fi uummata biyyattii keessaa guutummaan kaaa jiru dura dhaabbachuuf waraana duwwaa fayyadamuun hidhaa fi ajjeechaa irrattis argama.Yuunivarsiitii Amboo keessatti guyyaa tokko gaaffiin mirgaa osoo hin kaiin kan hin oolle sadarkaa isaa jabeessuun gara barnoota dhaabuutti tarkaanfachaa jira.Wayyaaneen shira barattoota irratti meeshaalee barnootaa dhorkachuu,baajata nayaataa dhimma siyaasaaf oolchuu irraa hanga dhaabbatu mirga abbaa ofii abbaatu tikfata jechuun barattootni yuunivarsiitii Amboo Medicine baratan barnoota dhaabanii jira.Wayyaaneen kadhaadhaan barattoota barnootatti deebisuuf yaaltus guutummaan kan didan yoommuu tahu,waraanaa fi basaasaan diddaa barattootaa dura dhaabbachuun wayyaaneen haada morma isaa irratti jabeessuu irratti argama.Qeerroon yuunivarsiiti Amboo gaaffiin mirgaa hanga galmaan gahu diddaan daran jabaatee akka fufu diinnis tahe firri adda baasee akka beeku addeessanii qeerroo Oromoo maraaf waamicha oromummaa dabarsanii jiran.

Mooraa Yuniversitii Jimmaa Keessatti Lamuu Fiilmiin Afaan Oromoo Akka Hin Agarsiifamne Dhorkame

Aside

Gabaasaa Qeerroo Jimmaa Bitootessa 19,2013

Aaangawoonni Wayyaanee Filmiin Afaan Oromoo akka lammaaffaa mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keesaatti hin argiisifamne murteessan.Peresedentii baratootaa Yuunibasiitii Jimmaa Daawut Geetachoo murtii Wayyaanee fi ilmaan Abaashaa murteessaan kana irraatti akkaa mallaateessuuf dirqisifamee mallateesisuu odeessii keessaa Wayyaanotaa ba’uu mirkaneessee jira.

Dabballoonni Wayyaanee yeroo ammaa kana walgahiilee bifoota adda addaan bakka gara garaatti godhatan irratti gama ittin gumii gudinaa fi dagagina Seenaa, Aadaa fi Afaan Oromoo karaa itti dadhabsiisanii ykn yoo mijateef immoo kallaattii ittiin Mooraa Yuunibarsiitiilee keessaa itti dhabamsiisan irraatti hojjechaa kan jiran ta’uu beekama.

Gama kaaniin mootummaan Wayyaanee akkuma akkeeka isaa ilmaan Oromoo ukkamsee hidhuu, qara dabarsuu, barnootaa irraa arii’achuu, mirgaa dhorkachuu, hin dhaabuu yoo ta’ee fi gaaffii mirgaa Ummaannii Oromoo gaaffachaa jiruuf deebii kan hin keniinee yoo ta’ee fi ilmaan Oromoo sababaa Oromummaa isaanii qofaaf hidhamanii jiran hin hiikuu yoo ta’ee; murtiin Wayyaaneen yeroo garaagaraattii gama siyaasaan, Aadaa,Afaan , Seenaa,fi Dinagdeedee uummataa Oromoo irraatti dabarsuu hin kaafamuu yoo ta’ee gaaffiin mirgaa barattootaa fi qoteebulaa Oromoon walii galatti ummata Oromoon ka’e hin dhaabbatu.

 

SBO Bitootessa 20 Bara 2013

Aside