Yuunivarsiitii Haramaayaa dame Harar Koollejjii fayyaa keessatti diddaan barattootaa jabaatee dhaadannoo Warraaqsaa dhageessisan.Waraana wayyaanees dhagaadhaan dura dhaabbatan

Aside

Bitootessa 28,2013 Haromayaa

Diddaan barattootaa daran jabaachaa deemuun Yuunivarsiitii Haramaayaa damee Harar Koollejjii fayyaa keessatti mootummaa Wayyaanee sodaan liqimsiise.Mootummaan wayyaanee erga aangootti ol bahee qabeenya oromoo fi oromiyaa saamaa akkasumas malaammaltummaa fi baajata miliqsuun waraana isaa jabeeffachuu kan bare Yuunivarsiitii haramaayaa dame Harar keessatti handout barattootaaf baajata bahe dhorkatee jira.Barattotnis gamtaan waan nuuf bahe nuu kennamuu qaba,Sirni bulchinsaa mootummaa wayyaanee nurraa jijjiiramuu qaba,Nuyi doorsifamuu fi hidhamuun yeroo mara hin jiraannu jechuun diddaa gamtaan eegalanii jiran.Dhaadannoo naannoo Kaaffeetti taasifamees barattootni dhaadannoowwan

1. Sagaleen keenya haa dhagaamu

2. Mirgi keenya haa eegamu

3. Mootummaan uummataaf kabaja haa kennu

4. Gaaffii mirgaa waan gaafanneef hidhamuun haa dhaabbatu

Kanneen jedhan kan dhageessisan yoommuu tahu mootummaan wayyaanee waraana bobbaasuun sagalee isaanii dhaamsuuf wayita yaalutti foddaan kaaffee yuunivarsiitii kanaa caccabee jira.Waraanni wayyaanee barattoota rukkutuuf itti seenus barattootni gamtaan dhagaan of irraa ittisanii jiran.Wayyaaneen yeroo ammaa Yuunivarsiitii kana keessaa ilmaan oromoo addatti adamsaa kan jiru yoommuu tahu diddaan jabaatee jira.

FDG Yuuniversiti Jimmaa Jabnaan Itti Fufe.Barattooti Oromoo 4 Oromummaan Yakkamuun Hidhaa Galan

Aside

Bitootessa 28,20013 Jimmaa

OromiaALutaContinua2011FDGMootummaan Wayyaanee sodaa FDG baratootaa Oromoo irraa ka’uun baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa nagaa qabee hidhuu tooftaa godhatee baratootaa ilmaan Oromoo Afur(4) qabee hidhuun gabaafame.

Mootummaan abbaa irree Wayyaanee ilmaan Oromoo hidhuu, barnotaa irraa arii’uu, ajjeessuu fi biyyaa irraa arii’achuun amala isaa kan ta’ee, gidduu kana gaaffii mirgaa baratootni Oromoo mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti kaasuun FDG itti fufsiisanii jiraachuun wal qabsiisee mootummaan Wayyaanee, gaffii mirgaa fi dimookiraasii gafataama jiruu deebiisuu irraa baratootaa Oromoo nagaa qabee hidhuu akkuma baree ammas baratootaa Oromoo nagaa Yuunivarsiitii Jimmaa irraa baratoota afur(4) qabuun kan hidhee jiruu ta’uun gabaafame. baratotni haala kanaan qabaman keessaa:-

1, Barataa Tashomee Girmaa barataa siviili Injiineriigii waggaa 3ffaa,
2, Brataa Faar Mohaamed Barataa Seeraa waggaa 3ffaa ,
3, Barataa Qananiisaa barataa water injiineringii waggaa 3ffaa,
4, Barataa Iyyaasuu barataa Soshoologii waggaa 2ffaa

Kanneen keessaati argaman Bitootessa 27,2013 Waajjiraa Poolisii Magaalaa Jimmaa Awweetuutti hidhamanii jiraachuu Qeerroon gabaase.

Kana malees Bitootessaa 26/2013 baratoota Oromoo nagaa namotaa shaan humna poolisaa Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaatiin ukkaafamanii turaan, Qeerroon baratootni Oromoo FDG garbummaa gaggeessuun tokkummaa dhaan wal cina dhaabbaachuun ilmaan Oromoo badii tokkoo malee hidhamaan haa hiikaman jechuun Waajjiraa Poolisii Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaa waan muddaanii qabaniif baratootaa Oromoo shan kophatti hidhanii doorsisaa jiran hiiksisuun danda’ame jira. Baratootni Oromoo hedduun dabbaalotaa Wayyaaneetiin dorsifamaa jiraatan illee nuti dorsiisaa wayyaanee sodaannee mirgaa abbaa biyyuummaa keenyaa gaffaachuu irraa duubattii kan nu hin deebifnee ta’uu hubachiisan.

 

 

The continued violation of human rights in Oromia

Aside

By; Firehiwot Guluma Tezera March, 26, 2013 The continued violation of human rights in Oromia and the Government denials. The Ethiopian government’s human rights record remains poor, marked by an ever-hardening intolerance towards meaningful political dissent. Accordingly Prime Minister Hailemarim desalegn who took office after the sudden death of the late dictator Meles Zenawi has pledged to maintain the controversial policies of his predecessor. He vowed to continue with the legacy of the dead dictator without blending. In his first interview with an international media since taking office, he spoke with Peter Heinlein in New York. In his interview he defended the imprisonment of several opposition politicians and journalists under the newly enacted anti terrorism law.

Article.pdf

SBO Bitootessa 27 Bara 2013

Aside

FDG Ka’een Barattooti Oromoo Lama Rasaasa Wayyaaneen Rukutamanii Hosptala Naqamtee Seenan

Aside

Bitootessa 26,2013 Naqamte

OromiaALutaContinua2011FDGBitootessaa 23,2013 Godina Wallaaggaa Bahaa Onaa Heebbantuuttii  Baratootni Oromoo mana barumsaa Qeelloo sadarkaa 2ffaa FDG kachiisuun gaffii mirgaa hiree murteeffaannaa uummataa Oromoo kaasuun ilmaan Oromoo maaliif dhabbiilee barnotaa ol aanoo Universty garagaraa irraa arii’atamu jechuun gaaffiin diricteerotaa barrestuu mana barumsaabQeelloo sadarkaa 2ffaa sardan. gaffii baratootaa Oromootiif deebiin Wayyaanee rasaasa waan ta’eef sa’aa boodaa, humnonnii poolisaa Onaa Heebantuu kan nama dhimmaa nageenyaa onaa Heebantuu ta’ee Mokonnoon Raggaasaa hogganamuun, goototaa baratootaa Oromoo dhagaan diina dura dhaabbatanitti rasaasa roobsuun barattoota lama akka malee madeesse, Kaan mana hidhaatti geeessuu qeerroon onichaa gabaasa

1, Lammeessaa Kabbadaa fi
2.Barataa Darajjee Mokonnoon

Kanneen jedhamaanitu baratootaa gara FDG kakaasa waan ta’eef maatii fi barattooti kun itti gaafatama isaa fudhatu jechuun poolisoonni haa hokkaran malee ummannii fi barattooti diddaa isaanii itti fufanii akka jiran gabaafame. Barataa Lammeessaa Kabbadaa Bataraa Mana Barumsaa Qeelloo sadarkaa 2ffaa Kutaa 10ffaa
rasaasa poolisotaa irraa itti dhukaafameen millaa bitaa rukutamee yeroo ammaa kana hospitaala Neqemtee galee jiraachuun gabaafame,, , 2, barataa Darajjee Mokonnoon barataa kutaa 10ffaa immoo dhagaan
rukkutamee kan baay’ee midhamee jiruu ta’uun gabaafamee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Diina Irraa Mirga Hin Eeggatan

Aside

Barruu QeerrooWalaloo Qeerroo
Dimokiraasii dharaa kan warra dhaadiyoo
Kan diinni hundeesse Sabatti gaadiyoo
Kan dubbatan televizsiinii kan mul’atu raadiyoo
Kan siif manaa ba’e adda baasi yaa qomoo
Kan Uummataaf falmu Adda Bilisummaa Oromoo.WBO ta’uu miti maqaa dhawuuf yakkamnee
Farra nageenyaa shororkeessaa jedhamnee
Hedduun reebamnee gariin ajjeefamnee
Rakkoo keenya ibsuun Addunyaatti iyyannee
Deebii arganna jennee baay’ee gagammannee
Osoo murtee eegnuu lafarraa duguugamnee.Uu_uu jedhee iyyus maaltu isaaf birmataa?
Gaaffii Uummataatiif eentu deebii laataa?
Kan kaayyoof manaa ba’es gargar wal qircata
Mee akkam jettu, maaltu ta’aa furmaata?
Rakkoon jiru kamuu jaarsumaan hiikkata
Keessan hiikoo dhabee maaf lafarra dheerataa?
Dafaa deebii kennaa Uummanni isin eeggata.

Kaayyoo sabaa gatee dantaasaaf kan kaatu
Dhaaba keessa galee diiguuf kan dhaadatu
Qabsoon dantaaf taanan maaf biyyaa baatu?
Dhiigni Ilmaan Oromootaa isin dura hin  dhaabatuu?
Rakkoon jiru hinduu Jaarsan yaa hiikkatu
Martinuu wal ta’ee tokkummaan akka jabaatu
Firiin wareegamtootaa akka ifa baatu.
Hunduu dhiphuudha furmaata maal qabnaa?
Kan keessaamoo kan alaa eenyumaan abdannaa?
Rakkoorratti rakkoo barumaan ida’annaa
Gabrummaan golgamnee hanga yoom jiraannaa?
Qaama kamuu hin eegnu dirqama qixa qabna
Bilisa taanee jiraachuu har’a murteeffanna!
Sun ta’uu baannan dhumnee lafarraa duguugamna.

Maaloo yaa Rabbi, mee araara buusi
Kanneen wal dhaban walitti nuuf araarsi
Dhugaa awwaalamta boolla keessaa baasi
Du’aaf jireenya jidduu, jirra gar tokkotti nu baasi!

Maqaa Oromootiin ITOOPHIYAAF Falmitaa????? ILFEE QANNOO

Aside

lfuu Qannoo  (Miriam Makeba Oromoo)

Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa kessaatti Haala Qindaayeen Baratootni Oromoo Fincila Diddaa Garbummaa(FDG) Dhoosan.

Aside

Bitootessa 14,2013 Jimmaa

OromiaALutaContinua2011FDGAkkuma Torbee Darbee Gabaasaa keenyaa Keessaatti: ”Bitootessaa, 15/2013 Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessaattii dabbaalloonnii Wayyaanee hoggantotni ol aanoo (Senate) mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa walga’ii bifaa dhoksaan taa’uun Filmiin Afaan Oromoo mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keesaatti hin argiisifamnee murteessaan Murtii angawoota  dabbaallee Wayyaaneetiin uummataa Oromoo irraatti darbaa jiruu kana ilaalchisuun torbee darbee keessa qindoominni Qeerroo bulchiisa Yuuniversitii Jimmaa fi aangawoota Wayyaaneetti iyyannoo dhihaafatanii turan.Iyyannoon kunis mirga afaanii fi aadaa ummata Oromoo ifatti gadi qabuun mootummichaa akka dhaabbatuu fi gaaffiin mirga Oromoo akka dhagahamu ture.Haalli kun bulchiisa Yuuniversitiin fudhatama waan hin arganneef jecha qeerroon itti fufuun waraqaa diddaa magaalaa Jimmaa fi mooraa yiiniversitiilee keessatti bittimse. Poolisoota waliinis walitti bu’iins ni ture. Kun kanaan osoo jiruu.

Guyyaa har’aa Bitootessa 24,2013 Filmiin Afaan Afaan Amaaraa fi konsertiin Agarsiisaa Filmii fi Sirboonnii Ilmaan Abashaan mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Isteediyeemii Xiqqichaa Hoggaansii Mooraa Main Campus keessaatti addeemsifamuuf jiruuttii barattooti Oromoo fi gototni Barsiisotiin Oromoo waadaa saba isaaniif qaban jabeessuun Oromoon qee’ee isaattii akka filmii afaan Oromoo hin ilaallee murtiin daree osoo hin turiin kan warra Abashaa Afaan Amaaraan akka ilaalamu qophii guddaa godhan. Haala kanatti kan aaran sabboontoti bakka qophii sanatti akka kaannisaa gamtaan bobba’uun tarkaanfii diddaa fudhataniin meeshaaleen konsertiin sun itti qophaawawuuf dhihaate akka malee taasisuun “Biyyi kun biyya Oromooti cunqursaan nu gahe” jechuun barruu maxxansanii facaasuu fi dhadachuun Fiilmiin Abashootaa osoo hin muldhatiin jeequmsi ka’e.

Motummaan Wayyaanee warraaqsaa goototaa sabboontotaa baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa kanattii rifachuun humna waraanaa isaa mooraa Yuunivarsiitii Jimmaattii naquun dhukaasaa baratootaa irraatti banee jira, mooraan Yuunivarsiitii Jimmaas galgala kana dirree waranaa fakkaachuun sagaalee dhukaasaa Wayyaanee fi diddaa Qeerroo baratootaa Oromootiin jeequmsaa keessaa guddaa keessaa seentee jirti. gabaasaan kun itti fufa…….

Waamicha Barsiisota Oromoo Yuuniversitii Dirree Daawaa

Aside

Barsiisota,Hojjettootaa fi uummata Impaayera Biyyattii maraaf!

Mootummaan abbaa irree Wayyaanee sirna bulchinsaa abbaa irrummaa irraan darbee bulchinsa firummaa irratti hundaae gaggeessaa kan jiru tahuun isaa beekamaa dha.Dhalattootni firoottan bulchinsoota mootummaa wayyaanee aangoo irratti ol bahuun malaammaltummaa fi saaminsaan qabeenya biyyattii saamaa jiru.Uummatni biyyattii keessumaa ammoo addatti ilmaan oromoo hidhamaa,ajjeefamaa fi biyya irraa ariiamaa kan turan amma daran jabaatee jira.Hojii dhabdummaan biyyattii keessaa,loogiin,qaalainsi jireenyaa haala yeroo kamuu ol jabaachuun uummata biyyattii rakkisaa jira.Kanaf nuyis barsiisotni Yuunivarsiitii Dirree Dawaa ilmaan oromoo ilmaan sabawwan cunqurfamoo qabachuun gumaata QBO keeessatti nurraa eegamu kaffaluuf kaanee jirra.Kanaaf ilmaan oromoo marti,Ilmaan sabawwan cunqurfamoo keessaatii alatti gaaffii mirgaa qeerroodhaan finiinaa jiru cinaa dhaabbachuun gumaata lammummaa akka baatan kabajaan waamicha oromummaa dabarfanna.

Garboomfataan ni kufa!!

Bilisummaan ni dhufa!!

Waamicha barsiisota Yuunivarsiitii Dirree Dawaa.docx

Mariin Gurmuu Tumsa Qeerroo Bilisummaan Qindaa’e Milkiin Xumurame!

Aside

QEERROO

Melbourne, Australia

Sochii qeerroo bilisummaa tumsuu fi humneessuu akeekkatee kan ijaarame Gurmuun Tumsa Qeerroo Bilisummaa (GTQB) Bitootessa 17/2013 hawaasa Oromoo magaalaa Melbourne jiraatan waliin marii bal’aa fi ijaaraa gaggeeffachuun milkiin xumurateera. Mariin kun itti fufiinsa marii waxabajjii 30/2012 gaggeeffamee turee ta’uu kan yaadachiise GTQB mata duree adda addaa irratti ibsaa fi attamiin Qeerroo Bilisummaa Tumsuun danda’amaa irratti mariisiseera.

Sagantaan kun akkuma aadaa Oromootti eebba Manguddootaan kan eegale yoroo ta’u itti aansuun Ob. Gammachuu Fayyeeraa, Qindeessaan GTQB akeekaa fi attamiin GTQB akka ijaarame ibsuun akeeka eebbifamaa kana bakkaan gahuuf hawaasni Oromoo yaadaa fi mala qabu hunda otoo hin qusanne akka gumaachu dhaammatee tartiiba sagantaa kaahameen mariin kun kan gaggeeffamu ta’uu ibsun waltajjii mariif bane.

melbournieItti aansee haala qabatamaan yeroo ammaa Qeerroon biyyaa itti jiru bililaan bakka bu’aa Qeerroo biyya keessaa irraa dhageeffatameera. Ibsa isaa kana keessatti, yakka Ummata Oromoo fi Oromiyaa irratti dalagamaa jiru kan hubatan dargaggoonnii fi shamarran Oromoo ummata keenyaa fi biyya keenya dhabama irraa baraaruuf jecha of ijaaranii diddaa wal irraa hin citne gaggeessaa jirra jedhee, dabaluunis diddaan gaggeeffamaa jiru ummata Oromoo bal’aa akka hammatuuf hojii bal’aa fi ulfaataan hojjatamaa jiraachuu ibsee, qonnaan bultoonni keenya lafa isaanii irraa humnaan hin buqqaanu jedhanii akka falmatan dadammaqiinsa kennameen yeroo ammaa kana lafa keenya irraa hin kaanu jedhanii mirga isaanf falmachuun egalamuu, Oromoota miseensota OPDO ta’aniif dadammaqiinsa fi barnoota kennameen qabsaa’otaaf dahannoo ta’uu eegalaniiru, hayyoonni fi manguddoonni Oromoos Qeerroo cinaa jabinaan dhaabbachaa akka jiran adeesseera.

melbournie1Diinni Ummata Oromoos yakka dalagaa jiru yeroo kamuu caalaa jabeessee itti fufaa akka jiru kan hubachise bakka bu’aan Qeerroo biyya keessaa, balaa itti aggaammate kana irraa baraaruuf qabsoo bal’aa fi ulfaataa wareegama gurgurdaa kaffalchiisaa turee fi jiru galmaan gahuuf dargaggoonni fi Shamarran Oromoo Qeerroo Bilisummaa jalatti ijaaramanii dirqama lammummaa bahachaa jirra. Xumara irrattis ijaaramuu tumsa kanaaf galata galchuun bakka jiraattanii fi addunyaa mara irratti harka wal qabattanii tokkummaan dhageettii qabsaa’ota Oromoof horuun abdii akka taatan maqaa Qeerroo Oromoon jabeesseen dhaammadhamelbournie2jechuun dhaamsa ulfaataa hawaasa Oromoo biyya alaa jiraatuuf dhaammateera. Ob. Mahaammad Abdullaahii odeessa qabatamaa Oromiyaa dhaqanii arganii fi hubatan hirmaattota marii kanaaf yommuu ibsan fuula isaanii irraa gadda guddaa fi ija isaanii irraa imimaantu yaa’a ture. Dabaa fi yakka diinni irratti raawwatuun “Ummanni Oromoon du’aa fi jireenya jidduutti argama” kan jedhan Ob. Mahaammad, “namoonni tokko tokko gamoo gurgurdaa fi Cululuqaa ilmaan Habashaa Finfinnee keessatti ijaaran qofa ilaalanii biyyi guddate yommuu nuun jedhan Abbaa biyyichaa kan ta’e Ummanni Oromoo ammoo gamoo sana jala waardiyyaa ta’ee itti tufamaa ergamuuf akka dirqame arguu

melbournie3dhabuun ykn arganii dubbachuu dhiisuun yakka” jedhan. Kanaaf jedhan abdii Ummanni keenya qabu, “guyyaa tokko kana keessaa ni baana yaada jedhu” lubbuu itti horree humneessuun akka baay’inaa fi gootummaa isaatti Oromoon diina isaa ofirraa darbachuu ni danda’a” jedhan.

Maqaa Amantii Musiliimaan sochii taasfamaa jirtu ilaalchisee Ob. Mahaammad dhaamsa dhaammataniin “Ummanni waanta sana gaggeessan Oromoo miti. Gaafiin isaanii kan haqaa ti, ammoo Musiliimota Oromoon waanta hin qindoofneef meeshaa ta’uufii hin qabnun jedha. Jijjiirama barbaannu kamuu nutu ofiif hojjatachuu qaba. Hormi tasumaa ulee nu godhachuu hin qabu” Jedhaniiru.

Koree Hojii gaggeessituu waldaa Hawaasa Oromoo Australia bakka bu’uun dhaamsa waldichaa waltajii kana irratti kan dabarsan Ob. Yaadataa Sabaa (Jaatam) waldaan hawaasa Oromoo Australia Sochii Qeerroon bilisummaa Oromoo gaggeessaa jiruuf tumsa barbaachisu kamuu kan taasisan ta’uu ibsuun jabaadhaa jedhan.

Dura teessuun waldaa dubartoota Oromoo Kaayyoo aaddee Sa’aadaa Ammee waldaa isaanii bakka bu’uun haasaa taasisaniin “Erga Oromoo gabrummaa jalatti kufee kaasee hanga har’aatti hiraamaannaan dubartootaa takkaa of duuba hin jenne, hin jedhus. Har’as ta’ee fuulduraas hanga Oromoon fedhii isaa kan bilisummaa ga’uutti nuti dubartoonni akkuma

kaleessaa Qeerroo bilisummaa qabeenyaanis ta’ee hanga miseensummaa fi qaamaan hirmaachuutti akka of duuba hin deebine Oromoo hundaaf beeksisuu barbaanna.” Jechuun tumsa qeerroo bilisummaaf qaban haamlee guutuun ibsaniiru.

Itti aansuun ummata marii kana irratti hirmaate hunda akka hirmaachisutti qabxiilee marii akka hayyuu Oromoo tokkootti kan dhiyeessan Ob. Aliyyii Galatoo ti. Ob. Aliyyiin mirgoota dhalli namaa qabaachuu qabuu fi mirgoota kana yeroo sarbamu maal akka gochuu qabu, sochii bilisummaa gaggeeffamus uummatni sun gabrummaa jala jiraachuun dhugaa ta’uu beekuu, gabrummaa kana jalaa bahuuf Ummatichi ilaalcha walfakkaatu qabaachuu fi fedhii ummataa kana kan qindeessee qajeelchu jaarmayaa qabaachuu akka qabu yaadchiisuun, sochii kana keessatti hawaasni Oromoo biyya alaa jirru yoo maal goone QBO tumsuu akka dandeenyu ibsan. Ibsa qormaata irratti hundaa’e bal’inaan erga ibsanii booda gaafilee mariif ta’an dhiyaassuun ibsa isaanii xumuran.

melbournie4

Gaaffiilee dhiyaatan kana Ob. Aliyyii fi Ob. Mahaammad Abdullaahii akka mariisisan gara waltajjiitti deebisuun marii baldhaan gaggeeffameera. Gaafilee turan keessa namni waan gochuu qabu maaliif gochuu dhaba? Maal barbaanna? Maaliif barbaanna?, Waan barbaannu kana argachuu dandeenya jennee maaliif amanna? Waanta barbaannu kana argachuuf ani akka nama tokkootti maalan gumaacha?, Yoom? kanneen jedhan irratti mariin bal’aan gaggeeffameera.

Dhuma irratti hirmaattonni marii bulchina qabu akkanaa guyyaa tokkotti xumurachuun waan ulfaatuuf GTQB waltajjii fakkaataa yeroo gabaabaa keessatti akka Qindeessu gaafiin dhiyaatee fudhatama argateera.

Obbo Moosisaa Futtaasaa mariin gaggeeffame hedduu bareedaa akka ta’e, miidhaa Ummataa fi biyya keenya irra gahaa jiru fi diinni keenya halkanii fi guyyaa nurratti hojjataa jiru yommuu wal bira qabnee ilaallu ammayyuu tattaaffiin keenya kana caaluu akka qabu, kanaafis waan har’a nan gumaacha jennee dubbanne hojiin mul’isuu eegaluun barbaachisaa ta’uu yaadachiisuun gorsa manguddummaa kennaniiru. Dabaluunis humni keenya guddaan tokkummaa keenya waanta ta’eef Ummanni Oromoo tokkummaaf dursa akka kennu dhaammatanii waltajjicha eebbaan cufaniiru.