SBO Gurraandhala 19 Bara 2014

Aside

Godina Shawaa lixaa keessatti diddaan Uummataa fi barattootaa itti fufe. Wayyaaneen duula hidhaan Uummataa fi barataa dura dhaabbachaa jirti.

Aside

Gurraandhala 19,2014 Finfinnee

Diddaan Uummata Oromoo Mootummaa Wayyaanee irratti eegale haalaan jabaachaa dhufuun mootummaa Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa buuse. Haalli kunis haalaan jabaachaa kan dhufe Yuunivarsiitii Amboo keessatti Wayyaaneen barattoota Oromoo isintu diddaa kana jabeessaa jira, Adda durummaan kan gaggeessaa jiru isini jechuun barsiisota mana barnootaa sadarkaa lammaffaa fi Hojjetoota dhuunfaa mana hidhaatti ukkaamsaa jira. Uummatni Oromoo naannoo Amboo 40 ol tahan mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti kan ukkaamsaman yoommuu tahu, Ilmaan Oromoo mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti ukkaamsaman keessaa

1. Barataa Jabeessaa Nagarii Barataa Civil Engineering waggaa 3ffaa
2. Barataa Kamaal Sulxaan barataa seeraa waggaa 4ffaa
3. Barsiisaa Solomon Gaarii barsiisaa mana barnootaa sadarkaa lammaffaa
4. Barataa Fayyisaa Habtee barataa Afaan Oromoo waggaa 2ffaa
5. Hojjetaa dhuunfaa Gaaddisaa Reebaa jiraataa magaala Amboo

Kanneen tahan kanneen mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti ukkaamsaman keessatti argamu. Diddaan Uummataas daran jabaachaa deemuun sakattainsi olaanaan magaala Gincii, Gudar, Geedoo keessatti gaggeeffamaa kan jiru yoo waraanni 200 ol tahu magaala Baakkootti ramadamuun wayita seenaa jirutti Uummatni karaa itti cufuun deemsa waraana mootummaa wayyaanee karaatti hambisee jira. Mootummaan wayyaanee shira kamuu gaggeessus diddaan Uummataa hanga bilisummaa jabaatee akka itti fufu qeerroon Godina Shawaa lixaa addeessee jira.

Aside

 Anoolee,Calanqoo,Imbaaboo fi  Oromiyaa bakkaaoota adda addaa keessatti sanyii duguuggaa Minilik  Ummata Oromoo irraatti raawwate yaadachuun Oromoonni Nairobii Keeniyaa jiran bifa addaan yadatnoo taasisan.

Uummata Hadiyaa bakka bu’uun kan haasaa taasise.

Mootummaan Wayyaanee itti gaafatama Miidiyaa Oromiyaa aangoo irraa darbite. Pirezedaantiin Oromiyaas aangoo lakkise.

Aside

Gurraandhala 18,2014 Finfinnee
Mootummaan Wayyaanee amanamtoota isaa baroota dheeraaf alagaa tajaajiluun uumata Oromoo kanneen ganan aangoo irraa darbuu irratti argama. Akka kanaan itti gaafatama Miidiyaa Oromiyaa kan ture Obbo Masfin Darajjee aangoo irraa darbamee jira. Mootummaan Wayyaanee haala kana keessatti tasgabbii dhabinsa irraa kana dalagaa kan jiru yoo tahu Uummatni diiddaa gaggeessaa jiraachuun itti fufee jira. Bakka Masfin kanas nama Tamasgeen Baayisaa bakka buusanii jiran. Pirezedaantiin Oromiyaa Obbo Alamaayyoo Atoomsaas xalayaa hojii dhaabuu galchuun hojii lakkisanii jiran.

Yuunivarsiitii Haromaayaa keessatti diddaan jabaachuu irraa mootummaan Wayyaanee hojjettoota mana hidhaatti guuraa jirti. Dhaadannoon barattootaan itti fufe.

Aside

Gurraandhala 18,2014 Haromayaa

OromiaALutaContinua2011FDGDiddaan Uummata Oromoo mootummaa wayyaanee irratti gaggeeffamu jabaachaa dhufuun Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti barattootni nyaata lagachuun sirna mootummaa wayyaanee mormuu itti fufan. Dhaadannoowwan mootummaan wayyaanee hidhaa fi ajjeechaa haa dhaabu, kanneen ajjeesanis seeratti haa dhiyaatan jedhus jabaatee itti fufee jira. Mootummaan abbaa irree wayyaanee gocha kanaan kan baarage hojjettoota mooraa Yuunivarsiitii Haramaayaa dhalootaan Oromoo tahan kan barattoota qindeessu isini jechuun mana hidhaatti ukkaamsaa jiran. Yeroo ammaa kanas barattootnii fi hojjettootni mooraa Yuunivarsiitii mana hidhaatti kan ukkaamsaman yoommuu tahu dorgommii tapha kubbaa miilaa Yuunivarsiitiilee keessatti gaggeeffamaa jirus waraanaan tiksuun yeroon xumuranii bahuuf tattaafachuu irraan darbanii Mooraa Yuunivarsiitii Haramaayaa dame Harar keessattis dafanii xumuruuf eegalanii jiran. Ilmaan Oromoo diddaa kana keessa mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti ukkaamsaman

1. Obbo Abdurhaman Mohaammed Itti gaafatama Shiiftii nyaataa
2. Kamaal Ahmed hojjetaa mana nyaataa
3. Gizaachoo Damissee hojjetaa mana nyaataa
4. Raffisaa Geetachoo barataa Water Engineering waggaa sadaffaa keessatti argamu.

Mootummaan Wayyaanee shira kamuu dalaguun diddaa dura dhaabbachuuf yaalus diddaan Barattootaa fi Uummataa daran jabaatee itti fufee jira.

Godina Jimmaa Magaalaa Jimmaa Keessatti Barruuleen Warraaqsaa Uummataaf Bittinfame.

Aside

Gurraandhala 18,2014 

Gaafa  Guraandhala 14/2014 Godina Jimmaa Magaalaa Jimmaatti Barruu Warraaqsa FDG Qeerroon Bilisummaa Oromoo uummataaf bittineesseen walqabatee mootummaan abbaa irree uummata goola jira. Gaafa Gurraandhaala 13,2014 galgala barruun warraaqsaa waamicha FDG magaalaa Jimmaa fi Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti uummataaf sirriitti bittineeffamuun akka namni hundi hubachuun dhimma bilisummaa isaf ofiin ka’ee gamtaan falmatuuf waamichi godhame uummata qaqabee jiraachuun isa mirkana’era.
Mootummaan abbaa irree Wyyaanee EPRDF FI TPLF’n durfamu sochii warraaqsaa FDG Qeerroon bilisummaa Oromoo gaggeessuuf jirutti barraaguun namoota manneen kompiteraa fi Copy Magaalaa Jimmaa keessa qaban maqaa qorannoo jedhuun qabee waajjira poolisaa magaalaa Jimmaatti guuree darara jiraachuun beejamee jira.Keessaattu ilmaan Oromoo manneen Compitera magaalaa Jimmaa keessaa qaban waraqaan FDG isin biratti baay’ifamee bittineeffamee jira, computer keessaan waraana nurraatti labsa jira jechuun manneen kompitera hedduun humna poolisaan sakkata’amaa jiru. manneen komputera nannoo Yuunivarsiitii Jimmaatti argaman kanneen cufaama jirachuunis hubatamera.

Kana malees gama biraan uummaannii Oromoo jirattootni magaalaa Jimmaa hedduun konkolaataa poolisaan qabamanii mana hidhaa waajjira poolisaamagaalaa jimmaa galfamaa jiraachuu odeessii sa’a kanatti nu qaqqaba jiru saaxilee jira. Mootummaan Wayyaanee sochii uummataatti rifachuun tajajiloota akka Network fi ibsaa elektirikaa balleessa jirti. Maqaa namoota qabamanii ammatti waan nu hin geenyeef amma qorannee kan gabaasnu ta’uu ni hubachiifna.

Oromo Voice Radio, February 17, 2014

Aside

Diddaan Uummataa Magaalaa Sulultaa Irratti Ka’een Namootni 5n Tikoota Wayyaaneen Qabamanii Bakka Buuteen Isaanii Dhabame!

Aside

Guraandhala 16,Qeerroo magaalaa Sulutaa Irraa

BilisummaaDiddaa magaalaa Sulultaa irratti gaggeeffameen abbootni maatii 5n tikoota wayyaaneetiin qabamanii bakka buuteen isaanii dhamabee jira. Isaan keessaa miseensi OPDO nama 3 yoo tahu isaan kaan hafan namoota qabsoo keessatti hirmaannaa hin qabneedha,yakki tikootni wayyaanee ittiin qabatan isin ABO dha,uummata kan ijaaru,ammas waraqaa kan barreessee magaalaa kana keessa bittimse isiniidha,diddaa ABOn hoogganamee oromiyaa keessatti finiinaa jiru isinuma kan akka keessaniiti jedhuun miseensotuma isaa fi namoota nagaa qabuun yeroodhaaf bakka namootni kun itti hidhaman dhabamee jira, magaalaa kana kana keessatt FDG qabate maadhee Iftuu Bariitiin waraqaan dhaadannoo fi barruun waamichaa uummata hundumaaf hiramee jira,sirboonni qabsoo halkan guutuu kan sirbamaa bule yoo tahu,lukkuulee wayyaanee bakka olaanaa qaban,kaabinota wayyaaneef akeekkachiisni itti kennamuudhaan hidhattoota wayyaanee qabdoo oromoo deeggeran waliin saa 2 guutuu daandiin konkolaataa uummata jiraattoota magaalichaatiin sirbaa fi dhaadannoon gaggeeffamaa akka ture Qeerroon magaalaa kanaa gabaasee jira.Namoota miseensa isaa taanii fi namoota nagaa qabaman maqaan isaanii akka armaan gadiiti.

1. Obbo kaachoo Qajeelaa-abbaa maatii 6,dhimma nageenyaa magaalichaa.

2. Aaddee Biifee Gulummaa-miseensa OPDO-barsiistuu

3. Dargaggoo Birhaanuu Tarreessaa-hojjetaa dhuunfaa

4. Obbo Seefuu Gazzaany-waajjira faayinaansii keessa kan hojjetan abbaa maatii 3ti,

5. Barataa ogummaa fi teknikenii;Shufeeraa Ligdii

Kanneen jedhaman maatii isaani irraa Guraadhala 15 guyyaa keessaa saa 12:00 PM irratti kan qabamanii hanga haraatti bakka isaan itti hidhatam kan hin argamneedha.

FDG Wallagga, Godina Qellam Aanaa fi Magaalaa Adda Addaa keessatti Adeemsifamaa Jira

Aside


Durraandhala 16,2014

Diddaan farra gabrummaa godina Qellem magaalaa adda addaa keessatti adeemsifamaa jira. Kunis miseensota Qeerroo,maadhewwan jiranii fi barattoota mana barumsaa olaanaa fi qophaayinaa akkasuma barattoota kitaa 7 fi 8 baratan,uummata oromoo miseensa mootummaa wayyaanee(OPDO) irraa walaba tahaniin Guraandhala 15 irraa kaasanii toora garagaraa kan mootummicha laamshessuu fi yaaddessuun eegalee jira. Odeessaan madda gabaasicha irraa hubatamu aanaalee godina Qellem jalatti argaman qabeenyaa mootummaa wayyaanee qabu kanneen akka konkolaataa,daandii konkolaataa irratti mukkeen ciruudhaan,bakka walgayiin itti gaggeeffamu diiguu fi gubuudhaan halkanii guyyaa diddaan qabeenyaa wayyaanee dhabamsiisuu jabaatee,barattootni sirni mootummaa wayyaanee oromiyaa keessatti hin hojjetin, seeraa fi heera mootummaa wayyaanee hin feenu, seeraa fi heera itti bullu dhaaba ABO galma haagau,. Kan jedhu waraqaalee adda addaa facaasuun,akkasuma waraqaalee waamicha FDG raabsuu fi maxxansuudhaan uummanni bakka jirutti diddaa jabeessee jira,akka madda gabaasichaatti gandoota kanneen akka Waabaa Eebbaa,Gerechoo jedhamu keessatti milishoota gandaa kan mootummaa wayyaaneef jilbeenfatanii uummata jilbeenfachiisuu barbaadan tarkaanfii reebichaa irratti raawwachuudhaan hidhannaa isaanii harkaa fuudhanii qabsoof gumaata gochaa jiru, dargaggoonni wal ijaaruudhaan kaabinoota wayyaanee doorsisuun hanga amansiisuun diddaa waliin adeemsisaa akka jiran Qeerroon gabaasa,diddaa uummataan kae kan bakka hundaatti tokko tae fala dhabuudhaan mootummaan wayyaanee godina kana irratti hanga callisuu filatee akka jiru maddi gabaasaa Qeerroo godina Qellam Dambi Doolloo irraa addeessa.

Diddaa Sirna Mootummaa Wayyaanee Magaalaa Bishooftutti Qabate.

Aside

OromiaALutaContinua2011FDGGuraandhala 16/2014 diddaa mooraa yuuniversitii Bishooftuu keessatti qabateen uummanni oromoo magaalaa Bishooftuus dammaqummaadhaan gaaffii barattoota deggeruun guyyaa keessaa saa 12:00 PM bakka waaqeffannaa uummanni itti wal argutti waraqaa qabachuudhaan bobbahanii jiru. Madda gabaasaa Qeerroo magaalaa Bishooftuu irraa dubbatuun barattoota mooraa yuuniversitii Bishooftuu irratti waraqaaleen bittimfamuu irraan diddaan deggertoota qabsoo oromoo qaama hojjetoota mootummaa wayyaanee waliin hiriiruudhaan Guraadhala 15 guyyaa keessaa saa 2:00 AM irraa keessee adeemfame,mootummaa wayyaaneef gonkumaa hin bitamnu, barattoota qayyabatan doormii keessa yaasuudhaan kan eegale bulee hara uummata kan qaqqabate yoo tahu hidhattppta wayyaanee bakka lamatti kan qoode diddaan kun tahuu isaa gabaasaan addeessa,hitaan wayyaanee kan wayyaaneef ajajamee jiraatu ykn bitamee buluuf gama tokko yoo tahu hidhattootni wayyaanee oromoo taan kan sabboonummaa qaban gaaffii barattootaa deggeruudhaan diddaa kanatti hirmaatanii jiru. Hidhattoootni wayyaanee diddaa kanatto hirmaatan uummataaf humna tahuudhaan uummanni waamichi kun bira gahee fi diddaa keessatti hirmaatan bakka tokkotti wal gahuudhaan hanga oromiyaa guutuutti adeemsisuuf adda duree taanii kan jiranii fi guyyaama kana galgala keessaa saa 7:30 AM irratti mootummaan wayyaanee humna darbatamaa bakka biroo irraa konkolaadhaan feee magaalaa Bishooftuu buufachiisee jiraachuu isaa maddi gabaasicha addeessa. Galgala kana irraa kaasee halkan kana guutuu caasaa mootummaa irraas dhaamsi miseensota Qeerroo magaalaa kana jiran qaqqabaa jiru jabaadha kan jedhu dha. Uummatas tae barataa akkasuma hidhattoota wayyaanee keessa kanneen diddaa kana irratti hirmaatan yeroodhaaf kan riphan yoo tahu itti fufee akka gaggeeffamu dhaamsa dhaamu,yoomiyyuu boodatti hin jedhamu jabaadhaa jedhun Qeerroo yuuniversitii biraa irra jiruuf gahaa jiru. Fincilli gama kanaan jiru itti fufa!