SBO Gurraandhala 16 Bara 2014 – Sochii Diddaa Gabrummaa Biyya Keessaa Qeerroo fi Sabboontotni godhaa jiranii fi qophiilee odeeffannoolee biroo qaban caqasaa

Aside

Diddaan Barattoota Oromoo Bakkoota Adda Addaatti Itti Fufuun Yuuniversitiin Amboo FDG Qabsiisan.

Aside

Gurraandhala 15,2014 Amboo

Barattootni Oromoo gaaffiiwwan mirgaa abbaa biyyummaa finiinsaa as gahan. Qabsoo Oromoo keessattis qooda olaanaa bahachaa kan turan barattootni Oromoo yeroo ammaa kanas daran jabeessuun diddaa walii galaa gaggeessuu irratti argamu. Yuunivarsiitii Amboo keessatti barattootni Oromoo nyaata lagachuun diddaa sirna mootummaa Wayyaanee irratti gaggeessaa kan jiran yoommuu tahu mootummaan wayyaanee haala kanaan kan baarage waraana hedduumminaan booraa seensisuun barattoota gamtaan dhaabbatan diiguu kaan ammoo mana hidhaatti ukkaamsuu irratti argamti. Barattootni Oromoo mooraa Yuunivarsiitii Amboo manni barnootaa mooraa waraanaa miti jechuun poolisootni akka mooraa gadhiisan yoommuu gaafatan poolisootni doorsisuu fi reebuu irratti argamu. Barattootni Oromoo

1.       Solomon Tsaggaayee Daadhii dhalootaan Gindabarat kan tahe

2.       Shamarree Lalisee Mokonnin barattuu kutaa 12ffaa

3.       Barataa Geetuu Dalasaa Agriculture waggaa sadaffaa kan tahe

Yeroo ammaa qabamuun bakka mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti kan ukkaamsaman yoommuu tahu wayyaaneen shira kamuu dalagdu jabaannee mootummaa wayyaanee akka xumura itti goonu jechuun dhaamsa Orummaa dhaammatanii jiran.

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Adaamaa FDG Kaasan.Barruulee Warraaqsaas Tamsaasan

Aside

Guraandhala 15,2014 Adaamaa

Akkuma beekamu buufata yuuniveritii oromiyaa keessatti argamu irratti FDG adeemsifamaa akka jiru hubatamaadha. Mootummaan Wayyaanee  dhagahus dhaga’uu baatus gocha isaa balaaleffachuudhaan uummanni oromoo bakka jirutti falmii isaa mootummaa wayyaanee waliin gageessuu isaa jabaatee itti fufee jira. Guraan dhala 12 irraa kaasee waraqaalee waamichaa FDG bakkeewwan adda addaa yuuniversitiilee keessatti faffaca’aa jira,kunis akka yuuniversitii Adaamaatti Guraandhala 13 irraa kaasee waraqaaleen waamichaa fi dadammaqiinsaa sa’atiidha sa’atiittii mooraa keessatti bittimfamuu fi maxxanfamaa jira,hanga guyyaa har’aa Guraandhala 15tti. Waraqaaleen faca’uu fi maxxanfamuu irraan lukkuuleen wayyaanee mooraa yuuniversitii Adaamaa hanga har’aatti wareeruudhaan barattoota oromoo mooraadhaa gadi ari’aa jiru,doormiidhaa doormiitti sakatta’iinsa jabaan gaggeeffamaa jira,hojjetootni kaaffee fi waajiraalee yuuniversitichaa sodaa irraan mooraa gadi dhiisanii jiru,poolisii naannoo,poolisii oromiyaa fi miseensota OPDO kan ta’an akkasuma barattoota habashaa irraa kan hafe mooratti an hafan hin jiran sodaa irraan kan ka’e nyaatni sirnaan gaggeeffamaa hin jiru kunis gar jabina fincilaatti geessaa jira,walgayiin  presedaantii oromiyaatiin magaalaa Adaamaa irratti gaggeeffamaa jiru kanneen walgayii san irratti argaman bulchitoota magaalaa fi kantiboota magaalawwanii waraqaalee waamichaa FDG mooraa keessatti bittimfame kana jaleewwan isaanii irraa waan dhagayaniif sodaadhaan humna waraanaa magaalaa sanatti ajajanii eegsisaa jiru.Barataan oromoo ammas waraqaan bifa addaatiin qophayaa waan jiruuf hanga magaalatti bittimsuuf qophii irra jiru,gabrummaa jalatti barumsa hin barannu,maatii keenya fi lammii keenya mirgi isaa sarbame sammuun keenya barumsaaf qophii miti jedhuunn ammallee itti fufanii dhaamsa barattoota koollejjiilee fi manneen barumsaa sadarkaa gadiitiif dhaamaa jiru.Fincilli mooraa keenya  Adaamaatti fufee jira wayyaanen yeroo lolli itti baayatu humna dabalata nuti barattootni oromoo mooraa yuuniversitii Adaamaa jirru FDG kaasne kanaaf jiraattootni oromoo bakka hundaa irraa tokko taanee mirga keenya haa falmannu dhaamsa dhaammanna. FDG itti fufa!

Magaalaa Buraayyuu keessatti diddaa Uummataa ka’een wal qabate Poolisootni dhalootaan Oromoo tahanis gaafii Uummataa deeggaran

Aside

Gurraandhala 15,2014 Finfinnee

OromiaALutaContinua2011FDGMootummaan Wayyaanee diddaa Uummataa dura dhaabbachuuf waraana dhimma bahaa kan ture magaala Buraayyuu fi Sabbataa keessatti Poolisootni dhalootaan Oromoo tahan gaaffiin Uummataa sirrii tahuu mirkansuun sirna mootummaa wayyaanee waliin waldhabdeen Uumame. Magaala Buraayyuu keessatti waamicha Uummata maraaf godhameen Uummatni gamtaan gaaffii mirgaa wayita eegalu mootummaan wayyaanee poolisoota Oromiyaa fi federaalaan bittinsuuf bobbaasus poolisootni dhalootaan Oromoo tahan gaaffiin Uummataa deebuu qaba jechuun uummata deeggaran. Dargaggootni gamtaan hojii dhabdummaa fi qaalainsi jireenyaa haa dhaabbatu jechuun bulchinsa kan gaafatan yoo tahu wayyaaneen garuu diddaa kana dura dhaabbachuuf fala yeroo waan hin qabneef barreeffamaan akka galchitan jechuun tasgabbeessaa jirti. Humna dargaggootaa bittinsuuf malee wayyaaneen barreeffamaanis yoo tahe gaaffii Uummataa deebisuuf akka hin jirre hubachuun dargaggootni gaaffii abbaa biyyummaa jabaatee akka itti fufu qeerroon jabeessee dhaama.

Magaala Sabbataa keessattis waamicha Uummataaf taasifameen Sabboontotni Oromoo nyaata lagachuun diddaa mootummaa wayyaanee irratti dhageessisaa jiran. Uummatni marti gamtaan mirga isaa falmachuuf akka waliin hiriirus jabeessinee dhaammanna.

Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti Diddaan barattootaa fi Uummataa gamtaan eegalame. Wayyaaneen barattoota Oromoo hidhe.

Aside

Gurrandhala 15,2014 Haromaya

Diddaa Qeerroo Gaaffiin abbaa biyyummaa Barattootaa fi Jiraattota Yuunivarsiitii Haramaayaan eegalame. Mootummaan abbaa irree Wayyaanee bittaa umrii isaa dheereffachuuf shirri ilmaan Oromoo irraan gahaa ture haa dhaabbatu jechuun kan eegale diddaan kun Guraandhala 14, 2015 galgala waraqaa waamichaa walii bittinsuun mootummaa Wayyaanee dhiphina keessa naqee jira. Diddaan barattootaas nyaata lagachuun kan eegalame yoommuu tahu yeroo ammaa kanas mootummaan wayyaanee diddaa kana dura dhaabbachuuf waraana hedduumminaan bobbaasuun barattoota gamtaan gaaffii mirgaa gaafachaa jiran bittinsuu irratti argamti. Barattootas mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti Dhoksaan funaanuun ukkaamsaa jiru.

1. Barataa Shibbiruu Jaalataa Barataa economics waggaa 3ffaa
2. Barataa Jireenyaa Guutuu Barataa Plant science waggaa 2ffaa
3. Barataa Nuuraddiin Ahmed Barataa Civil Engineering waggaa 4ffaa
4. Barataa Cimdeessaa Kaffaalee Barataa Cooperative waggaa 2ffaa
5. Barataa Dassee Kitilaa barataa WREE waggaa 3ffaa

Mootummaan wayyaanee mana hidhaatti ukkaamsite keessatti argamu. Waraanni mootummaa wayyaanee dhibba 500 ol tahu Mooraa Yuunivarsiitii Haramaayaa kan seene yoommuu tahu diddaa barattootaa garuu dhaabuu hin dandeenye. Mootummaan wayyaanee shira kamuu dalagus Fincila diddaa garbummaa itti fufinsa qabu hanga bilisummaan argamtu duuba hin deebinu jechuun qeerroon Yuunivarsiitii Haramaayaa addeessee jira.

Yuniversitiilee Oromiyaa Keessa Jiranii fi Magaalota Adda Addaa Keessatti Waraqaan Waamicha FDG Uummataa Raabsame.

Aside

Waraqaa Waamicha FDG

በመቱ ዩንቨርስቲ 13 ተማሪዎች ኦሮሞ በመሆናቸው ብቻ ተወንጅለው ከትምህርት ገበታቸው ተባረሩ

Aside

የበደሌ ቢራ እስፖንሰር መሆንን ተከትሎ ከተፈጠረው ተቋውሞ ጋር በተያያዘ በመቱ ዩንቨርስቲ 13 ተማሪዎች ኦሮሞ በመሆናቸው ብቻ ተወንጅለው ከትምህርታቸው ተባረዋል፡፡

የካቲት 4/2014 እ.አ.አ የመቱ ቄሮ በፃፈው ሪፖርት እንደገለፀልን አምባገነኑ የወያኔ መንግስት የመቱ ዩንቨርስቲ ኢንጅነሪግ ተማሪ የሆኑ የኦሮሞ ልጆችን ያለአንዳች ጥፋት ከትምህርት ገበታቸው አባሯቸዋል፡፡ አምባገነኑ የወያኔ መንግስት ዛሬም እንደልማዱ በመቱ ዩንቨርስቲ ከአንደኛ እስከ ሶስተኛ አመት ያሉ ለአገር ተስፋና መከታ የሚሆኑ የኦሮሞ ልጆችን ያለጥፋታቸው ከትምህር ገበታቸው በማስተጓጎል 11 የኢንጅነሪግና  ሌሎች ዲፓርትመንት ተማሪዎችን ከትምህርታቸው ከ1-3 አመት ያገደ ሲሆን ጃራ ገሙ የተባለ አንድ ተማሪ ደግሞ ሙሉ ለሙሉ ከትምህርት ገበታው መባረሩንና  ሌሎች 2 ተማሪዎችም የመጨረሻ ማስጠንቀቂያ የተሰጣቸው መሆኑን ያስረዳል፡፡

የወያኔ መንግስት በእነዚህ የኦሮሞ ልጆች ላይ ባወጣው ማስታወቂያም የዩንቨርስቲውን ቅጥር ግቢ ለቀው እንዲወጡ ያሳወቀ ሲሆን እነዚህ ከአንደኛ እስከ ሶስተኛ አመት ያሉ ተማሪዎች ያለጥፋታቸው ኦሮሞ በመሆናቸው ብቻ ከትምህርት ገበታቸው ተባረዋል፡፡ የተማሪዎቹ ስም ዝርዝርም እንደሚከተለው ይቀርባል፡-

  1. ጃራ ገሙ – የትውልድ ቦታ ም/ዕ ሸዋ፣ የሁለተኛ አመት የሲቪል ኢንጅነሪግ ተማሪ የሆነና ሙሉ ለሙሉ ከትምህርቱ የተባረረ፤
  2. ደቻሳ ገመዳ – የትውልድ ቦታ ም/ስ ወለጋ፣ የሁለተኛ አመት የሲቪል ኢንጅነሪግ ተማሪ ሲሆን ለ2 አመት ከትምህርቱ የታገደ፤
  3. ቢቂላ ለሚ – የትውልድ ቦታ ም/ስ ወለጋ፣ የአንደኛ አመት የሲቪል ኢንጅነሪግ ተማሪ የሆነና ለአንድ አመት ከትምህርቱ የታገደ፤
  4. ሽፈራው ጉዲሳ – የትውልድ ቦታ ም/ዕ ሸዋ፣ የሁለተኛ አመት የመካኒካል ኢንጅነሪግ ተማሪ ሲሆን ለ1 አመት ከትምህርቱ የታገደ፤
  5. ተካ አሰፋ የትውልድ ቦታ ም/ዕ ሸዋ፣ የሁለተኛ አመት የመካኒካል ኢንጅነሪግ ተማሪ የሆነና ለአንድ አመት ከትምህርቱ የታገደ፤
  6. እያሱ ቃኖ – የትውልድ ቦታ ም/ዕ ወለጋ፣ የሁለተኛ አመት የመካኒካል ኢንጅነሪግ ታማሪ ሲሆን ለአንድ አመት ከትምህርቱ የታገደ፤
  7. ገመቺስ በዳሳ – የትውልድ ቦታ ም/ዕ ወለጋ፣ የሶስተኛ አመት የሒሳብ ተማሪ ሲሆን ለአንድ አመት ከትምህርቱ የታገደ፤
  8. በዳሳ ዱፌራ – የትውልድ ቦታ ም/ስ ወለጋ፣ የሁለተኛ አመት የኤሌትሪካል ኢንጅነሪግ ተማሪ ሲሆን ለአንድ አመት ከትምህርቱ የታገደ፤
  9. ካሳሁን ማሙዬ – የትውልድ ቦታ ኢሉባቦር ዞን፣ የሶስተኛ አመት የመካኒካል ኢንጅነሪግ ታማሪ ሲሆን ለአንድ አመት ከትምህርቱ የታገደ፤

10. ጌታ ንጉሴ – የሁለተኛ አመት የኤሌትሪካል ኢንጅነሪግ ተማሪ ሲሆን ለአንድ አመት ከትምህርቱ የታገደ፤

11. አብዱልከሪም አብዱላሂ የሁለተኛ አመት የኤሌትሪካል ኢንጅነሪግ ተማሪ የሆነና ለአንድ አመት ከትምህርቱ የታገደ፤

12. ነሞምሳ – የትውልድ ቦታ ም/ስ ወለጋ፣ የሁለተኛ አመት የኤሌትሪካል ኢንጅነሪግ ታማሪ ሲሆን የመጨረሻ ማስጠንቀቂያ የተሰጠው፤

13. ቢሊሱማ ሙልኢስና – የትውልድ ቦታ ም/ዕ ሸዋ፣ የሁለተኛ አመት የጤና /HO/ ተማሪ ሲሆን የመጨረሻ ማስጠንቀቂያ የተሰጠው ናቸው፡፡

ከላይ ስማቸው የተጠቀሱ ተማሪዎች ምንም አይነት ጥፋት ሳይፈፅሙ አምባገነኑ የወያኔ መንግስት ሆን ብሎ ስማቸውን በማጥፋት ደም የሚያፈላ ቃላትን በመጠቀም በጥር ወር የኦሮሞ ልጆችን መሳደቡ ይታወሳል፡፡ የሀበሻ ንጉስን የሚያወድስ ዘፋኝ በደሌ ቢራ ስፖንሰር እንዲሆንም አድርጓል፡፡ በዚህ ወቅት የኦሮሞ ተማሪዎች የኦሮሞን ስም የሚያጎድፍ ስድብና የበደሌ ቢራ ስፖንሰር መሆንን በመቃወም ሰላማዊ ሰልፍ ለመውጣት የዩንቨርስቲውን አስተዳደር ኃላፊ ፍቃድ የተጠየቁ ቢሆንም ጥያቄያቸው ምላሽ ሳያገኝ የወያኔ ወታደሮች ከነሙሉ ትጥቃቸው በዩንቨርስቲው ቅጥር ጊቢ በመግባት ተማሪዎቹን መደብደብና ማሰር ጀመሩ፡፡ ከዚህም ጋር በተያያዘ 13 የኦሮሞ ተማሪዎች ያላንዳች ጥፋታቸው ከትምህርት ገበታቸው እንዲባረሩ ተደርገዋል፡፡

 

ድል ለኦሮሞ ህዝብ!!

Godina Jimmaa fi Ilu-Abbaa Booraa Keessatti Barruuleen Warraaqsaa Baldhinaan Maxxanfamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Gabaasa Qeerroo Jimmaa,Gurraandhala 14,2014

Lixa oromiyaa magaalaa Jimmaatti barruuleen warraaqsaa waamicha diddaa gabrummaa calaqqisiisan guutummaa magaalaa keessa erga rabsamuu jalqabee guyyoota sadi lakkoofsisee jira.Itoophiyaa keessatti hordooftoonni amantaa musliimaa qabsoo karaa nageenyaa erga finiinsuu eegalanii ganna lama lakkoofsisanii jiru yoo jenne waan haalamuu miti.Diddaan gabrummaa hanga bilisummaatti jedhuu mitiiree gootonni qabsoo ganamaatti cichan, kanuma bu’ura godhachuudhan hordoftoonni amantaa musliimaa magaalaa Jimmaa mootummaa wayyaanee kan yoo iyyatan iyya namaa dhagahuuf gurra hin qabnetti sagalee isaanii dhageessifachuuf barruulee warraaqsaa qabxiilee armaan gadii kana ofkeessaa qabdu akka waraqaa waamichaatti ummata magaalaa mara qaqqabsiisanii jiru.Qabxiileen isaan kaasan:

-Beellamni ji’aa musliimonni itoophiyaa mootummaa wayyaanef akka itti yaaduf kennaniif dhumuu isaa asumaan beeksisaa mormii nageenyaa boqonnaa lammaffaaf amma irraa eegallee tarsiimoo haaraa diriirsina.

-Cunqursaa fi hacuuccaa musliimota itoophiyaa irra gahaa jiru mootummaa biraan akka gahaniif koreewwan fala barbaadan jedhamanii mallattoo ummanni sassaaben namoonni kudhatorbaa filatamanii gaaffiwwan sadi wajjin gara mootummaatti ergamanii turan. Gaaffiwwan isaaniis:

1.Qaamonni majliisa irra jiran bu’anii filannoon iftoomina qabu haa taasifamu

2.Anjaan ahaabash jedhamu akka humnaan nutti hin fe’amne

3.Awwaliyaan bilisa ta’ee ummataan haa geggeeffamu kan jedhu ture.Mootummaan garuu gaaffii isaanif deebii kennuu irra koreewwan bakka buufaman irratti himannaa banuun yakka shororkeessummaan mana hidhaatti darbatee gidirsuu fi hiraarsuu filate. Akkasumas filmii dookumantarii sobaan hojjechuun miidiyaa wayyaanee kan ta’e ETV irratti fiilmicha agarsiisuni fi ragaalee sobaa leenjisuun koreewwan sana irratti akka sobaan ragaa bahan taasise.

-Cunqursaan mootummaa itti fufuun :- Masjiidonni akka weeraraman,akka diigaman,abbotin amantaa akka gidirfaman,gaazexeessitoonni, artistoonni,walumaagalatti dhaabbataa fi miidiyaa waa’ee musliimaa odeessu cufuun ukkaamsa isaa itti fufe.

-Gochoonni kun hunduu kan isa hin gammachiifne mootummaan wayyaanee:- finfinnee, garbaa,asaasa, baddallee, harar, waaldiyaa, adaamaa, kofalee,fi aggaarotti musliimota qulqulluu ta’an reebicha irraa eegalee hanga sobaan dhiiga isaanii dhangalaasutti deemee jira.

-Gochaa kana hundaa raawwatee ummata musliimaa tasgabbeessuu dadhabnaan ummata waggoota dheeraf waldanda’ee kabajaa fi jaalalaan wajjin jiraachaa ture amantaan walitti buusuf dhama’aa turu illee kiyyoon inni qopheesse abshaalummaa ummataan fashaalaahuu danda’ee jira.

-Mootummaan cunqursaa kana hundaa nurraan gahuu isaatif nuti musliimonni itoophiyaa gaafa jimaataa(7/06/2006) walitti qabamnee sagalee mormii dhageessifachuu irraa kan hafe dhagaa tokko illee darbachuu akka hin qabne cimsinee wal hubachiifna, sababni isaas mormiin keenya mormii karaa nageenyatiin amantaa ofii kabachiifachuu waanta’eefi.

Gaffiin keenya hanga deebii argatutti fi warroonni hidhaman hanga hiikamanitti qabsoon keenya itti fufa.

SAGALEEN KEENYA HAA DHAGAHAMU!!!

Carraa kanatti fayyadamuun qeerroon magaalaa jimmaas qabsaa’otaa fi ummata oromoo maraaf dhaamsa armaan gadii dabarsuu barbaada: IRREEN SOCHO’U ILLEEN SOCHO’A jedha oromoon yoo mammaaku yoo nuti warri sabaaf falminu fincille warri falminuuf kun illee nufaana socho’a waan ta’eef dammaqnee wal haa dadammaqsinu. Gochi magaalaa jimmaatti qabsiifame kun goleewwan oromiyaa afranuu haa qaqqabuun dhaamsa keenya.

QEERROO MAGAALAA JIMMAA IRRAA!!

INJIFANNOON KAN UMMATA OROMOOTI!!

GADAAN GADAA BILISUMMAA!!

Raadiyoo Seife Nebelbaalii fi Simbirtuu,Gurraandhala 13,2014

Aside

Lafti Oromoo Magaala Finfinnee keessaa Amaariffaan waamaman akka Afaan Oromoon hatattamaan sirreeffaman waajjirri KG OPDO iyyaannoo galche

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee Gurraandhala 14,2014

Mormiin sirna mootummaa Wayyaanee irratti jabaachaa dhufuun magaala Finfinnee keessatti naannoowwan maqaa Amaariffaa fi bakkee dhufee hin beekamne akka deebiee afaan Oromoon sirratu bakkeewwan biros kanneen lafa Oromoon jijjiiraman akka deebianii sirreeffaman waajjirri KG OPDO waajjira bulchinsa lafaa iyyannoo galche. Mootummaan wayyaanee haala kanaan hedduu dhiphina keessa seenee deebii itti kennuuf waltajjii balaa akka barbaadu dhaamuun deebisanis Uummatni Oromoo qabeenyaa fi lafa isaa irratti kanaa ol obsa akka hin qabaanne jala sararuun itti dhaamuun gaaffii karaa nagaa gaafatameef karaa nagaa hin deebistan taanaan itti gaafatama kan qabaatu wayyaanee akka tahes dhaamamee jira. Uummatni Oromoo martu gamtaan waan isaa gamtaan falmachuuf akka kau dhaamsi hatattamaas darbee jira. Armaan duras wayyaaneen lafa naannawa Finfinnee mootummaa federaalaa jala galchuuf tattaaffii taasisaa turuun ishee ni yaadatama.