Raadiyoo Oromoo Hagayya 23,2014/Gabaasa FDG Oromiyaa

Aside

Seife Nebelbal Radio Special, August 23, 2014

Aside

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Amboo Kitaaba Ololaa Ittiin Dirqiin Uumata Amansiisuuf Wayyaanoti Qopheessan Gutummaatti Guban!

Aside

diddaa9Goototni Barattootni Oromoo Yunversitii Amboo Hagayya 23,2014 FDG qabsiisaniin hogganootii fi qondaaloti Wayyaanee Kitaabotaa fi barruulee dirqiidhaan uumata amansiisuuf qopheessuun mooraa Yuuniversitii galchan walitti qabuun guutummaatti gubanii hojii siyaasaa Wayyaanotaa gatii dhabsiisan.

Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amboo ganama har’aa guyyaa 3ffaaf FDG gaggeessa jiran jabeessuun kitaabotaa fi barruulee uumata dirqiin amansiisuuf maqaa Leenjii jedhuun qopheessan  walitti guuruun gubanii FDG haalan jabaaseen itti fufee.Haaluma kanaan barnoota irraa har’uma waraanaan doorsifamnee Walga’ii Wayyaanee taa’uun hirmii nyaachuudha jechuun FDG ittifufinsa qabuun wayyaanee fi loltoota Wayyaanee Agaazii jedhamu dura dhaabbachaa jiru.

Barattooti Oromoo Yuuniversitiilee Adda Addaa Iyyannoo Mirgaa Gaalfatan.

Aside

Iyyannoon Barattoota Oromoo Marsaa 2ffaan Itti Fufe!

Nuti dargaggootni barattootni Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo haala yeroo irraatti hundaauun rakkinoota yeroo amma kana uummata keenyarratti feamee jiruu kanneen akka; dinagdee, siyaasaa, duguuginsa sanyii (Genocide), hawwaasummaa, bilisummaa, eenyummaa, , qabinsa mirgoota namummaa fi dimookiraasii, Master Planii Finfinnee, fayyaa, barnoota fi kkf irratti hundaauun Ebla 11, 2014 irraa eegaluun ni yaadatama. Haa ta’u malee ammas nuti barattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo Yuunibarsitoota kanneen aakka : Jimmaa, Adaamaa, Amboo, Mattuu, Wallaggaa, Haroo Amaayyaa, Bulee Horaa, Dirree Dawwaa, Maadda walaabuu fi Kolleejjii barsiisota Jimmaa, Mattuu fi Naqamtee irraa barachaa jirru rakkoon uummata keenyaa boqonnaa waan nu dhorkateef karaa seera qabeessaa fi dimookiraatawaa taeen iyyaannoo keenya dhiyeeffaannee deebiin mootummaa EPRDF/TPLF/OPDO irraa nuuf kenname: hidhaa, ajjeechaa, reebicha, fi barnoota irra ariiamu akka taee Oromoo mitii addunyaa biyya lafatu raga nuuf baa.

Iyyannoon Dargaggoota.doc

SBO Hagayya 24 Bara 2014 Oduu – Gabaasa FDG – Gaaffii fi deebii barataa Yunvarsitii Jimmaa fi Qophiilee haala yeroo irratti hunda’an…

Aside

Gootonni Barattoota Oromoo Yuuniversitii Jimmaa,Leenjii Wayyaanee Lagachuun Mooraa Keessatti Dhadatnoon Gaaffii Mirgaa Kaasan.

Aside

QerroooHaggayya 23,2014 HAALA OLMAA QEERROO YUNIVARSIITII JIMMAA Gootonni barattoonni Oromoo leenjii afan faajjii tibba kana mootummaan Wayyaanee yunivarsiitota garagaraa keessatti kennaa jiru dura dhaabbachaa jiru. Gootonnii barattoota ilmaan Oromoo Yunivarsiitii jimmaatti dirqamaan walgahii wayyaanee akka hirmaatan taasifaman

guyyaa haasawni baniinsa wal gahichaa taasifamee irraa eegalanii fincila diddaa gabrummaa Wayyaanee laboobsaa jiru. QeerroonY university Jimmaa Hagayya 22, 2014 halkan guutummaa magaalaa Jimmaa fi mooraalee kaampaasota Yunivarsiitii Jimmaa keessa barruulee warraaqsa fi iyyannoo barattoota oromoo marsaa lammaffaa kan gaaffiwwan qabxii 10 of jalaa qabu raabsaa bulan. Kanuma bu’ura godhachuudhan barattoonni oromoo yunivarsiitii jimmaa mooraa guddichatti walgahii wayyaanef dirqisiifaman hagayya 22, 2014 ganama sa’aatii 3:30 irraa eegalanii mooraa Yunivarsiitichaa keessa naanna’uun sagalee mormii fi dhaadannoo isaanii akka armaan gadiitti dhageessifataa oolan:
Oromoo ajjeesun dhaabachuu qaba
Gumaan ilmaan oromoo lafatti hin hafu
Walgahii humna
waraanan dirqame hin hirmaannu
Wallaala fi namni mataa isaatifuu wabii hin qabne nu hin leenjisu
Sababa gaaffii mirgaa fi dimokiraasii gaafanneef barattoonni keenya jumlaan hidhaman haa hiikaman
Nuti ilmaan oromoo gaddarra jirra Kana malees guutummaa mooraa yunivarsiitichaa keessa naanna’un waallee warraaqsan jaalalaa fi abdii ABO irraa qaban diinatti mul’isan .Najaaladhuun jaalala hin taatu hedha oromoon ” wayyaaneen sababa durgoo ittiin herreeggattu dhabdee dhamaati malee dhuguma ilmaan oromoo siyaasa
ishee cuuphuf akka hin taane eenyuf illee ifa.Barattoonni oromoo haqaaf falmu waan ta’eef siyaasa Wayyaanee kan duraa fi duubni hin beekamne kana ni fudhatu jedhanii ifaajun galaana daangaa hin qabne daakudha. Gootonni barattoota oromoo
Yunivarsiitii jimmaa kaampaasii qonnaatti walgahicha hirmaachaa turanis yeroo kaabinoonni jibbaa fi maqaballeessa ABO odeessuu eegalan gaaffii itti roobsuun
kaabinoota afaan qabachiisan.Kanumaan oolman guyyaa har’aa hoongofte. Humni tikaa fi dabballoonni wayyaanee barruulee warraaqsaa magaalaa keessa raabsaman yommuu argan rifaatun baaraganii guutummaa magaalaa jimmaa keessa jooraa oolan.

Breaking News:- Har’a Hagayyaa 23,2014 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amboo “Oromiyaa Dabarsinee Hin Kenninu” Jedhchuun FDG Itti Fufan

Aside

diddaa9Har’a Hagayyaa 23/2014 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amboo ganama keessaa sa’atii 12:00 hiriira nagaa mormii sina Wayyaanee guddaa mooraa Yuunibarsiitii Amboo keessatti hiriiruun gara magaalaatti ba’uuf sagalee mirgii keenyaa nuuf haa kabajamu, gaaffii keenyaaf deebiin nuuf haa keennamu, Oromoo ajjeessuun, hidhuun, barnoota irraa arii’achuun, gara dabarsuun dhaabbachuu qaba, biyyaa keenyarratti, maaliif ajjeefamna, mootummaan kaleessa dhukaasee nu ajjeessuu har’a akkamitti walga’ii nu teesisuu danda’aa??? Master Plan Finfinnee guutummatti haqamuu qaba.

Gagma biraan ilmaan Oromoo Oromummaan hidhaman hiikamuu qabu, Oromummaan Yakka miti, qabeenya Oromoo gurguruun dhaabbachuu qaba.Mirgii Angoo siyaasaa qooddachuu uummata keenyaaf haa kabajamuu, Oromoon ofiin of bulchuu qaba, mirgii dimookiraasii nuuf haa kabajamuu, mirgii namoommaa nuuf haa kabajamuu,waraanaan doorsifamuun nurraa dhaabbachuu qaba jechuun sagaalee guddaadhaan barattootni gara Kumaatamaan lakkaawaman tilmaaman Yuunibarsiitii garaagaraa irraa barachaa turanii Godina Lixa Shawaa Aanaawwaan 18 fi bulchiinsaa magaalaa 3 irraa walitti qabaman hiriira guddaa gaggeessa
jiru.

Mootummaan Wayyaanee kaleessaa galgala mormii gootota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Amboo keessaatti gaggeeffamaa jiru dhaabsisuuf tarkaanfii waraanaa fudhachuun humna waraanaa Agaazii jedhamuu barattootatti gadhiisuun barattoota doormii isaan keessa bulan irra adeemsisuun barattoota reebsisaa bule, barattootni hedduun madaa’anii hospitaala Amboo galani jiru. Magaalaan Amboo halkanii guyyaa raafama guddaa keessa jirti waraannii wayyaanee kun uummataa magaalaa keessa iyyaa barattoota dhaga’ee birmachaa jiruu reebaa bule, kun utuu kanaan jiruu goototni ilmaan Oromoo guyyaa har’aa ganamaa barii kana irraa eegaluun FDG haalaan qindaa’a ta’e itti kaasuun hiriiraa guddaan sagalee guddaan bilisummaa uummata Oromoof falmii dorgommii hin qabne gaggeessa jiru. Waraannii wayyaanee Agaazii jedhamuu humnaa ol bobbaafamee Mooraa Yuunibarsiitii keessatti gadi ittisuuf yaalii guddaa godhuyyuu ilmaan Oromoo soda tokko malee jala dhaabbachuun hiriiraan yeroo amma kana galma Yuunibarsiitiicha gara Magaalaa Ambootti baasuu irra sagalee dhaadannoo guddaa dhageessisa jiru.

 

 

Hogganoota OPDO 9 n Kan Durfamu Aangawoonni Wayyaanee Sochii Barattoota Oromoo Tasgabbeessuuf Jecha Diqama TPLF Irraa Kennameen Bobba’an.

Aside

Bakkaa fi Koreewwan G/G/OPDO Walgayii Itti Gaggeessaa Jiran;

Lakk.      Maqaa Yuuniversitii Hojii Isaanii Baayina namoota of jalaa qabanii
1 Bakar Shaalee Amboo Sadarkaa Federaalatti Ministeera Galii Ture,amma koree HR,OPDOti Nama 7 of jalatti qabatee walgayii gaggeessaa jira
2 Warqinee Gabayyoo Madda Walaabuu Police Commision ture amma KHR dha. Nama 5n of jalatti qabatee waliin jira
3 Abbaa Duulaa Gammadaa Walitti Qabaa Wallagga Iarrtti (Horroo,Naqamtee fi Gimbii) Afa-Yaa’ii Namoota 8 of jalatti qabatee jira
4 Alamaayyoo Taganuu Adaamaa _______ Namoota 5n waliin kan akka Aberraa Haayiluu fi kkf
5 Abdulqaadir Huseen Jimmaa Itti gaafatamaa misooma oromiyaati Nama 6 olii waliin
6 Geetuu Wayyeessaa Mattuu __________ Namootaa 6 kanneen akka Iwunatuu Bilaataa, Danyachoo Shirefawu
7 Mohammad Tusaa Bulee Horaa Ministeera Baaburaa fi konkolaataa Koorgii kan Jibuutii irraa dhufu Nama 8 waliin
8 Isheetuu Dassee Haromayyaa _________ Nama 7 kan akka Bazzuu Waaqtolaa
9 Geetachoo Dirre Dawaa _________ Namoota 6 kan of jala hiriirsee jiruudha.

Walgayiin Eegalun Dura Orientation Barattootaaf Kenname Irratti Gaaffii fi Yaada Barattootni Kaasaan Walfaana dhihaate.

Hogganooti OPDO bakkoota adda addaa itti bobba’an qabxiilee gaaffii ta’ee barattoota irraa dhihaateef deebii kallattiin kennuu irraa hanqatanii isin warri gaaffii siyaasaa kaaftan ABO dha jechuu dhaan yakkuu fi doorsisuun itti fufanii jiru.

Yuuniversitii kanneen akka Amboo,Jimmaa,Mattuu,Naqamtee,Haromaa fi Bulee Horaa keessatti faaruun ABO fi WBO faarsu akkasumas qabsoo Oromoo ilaalu ka’ee qondaaltotaa fi loltoota Wayyaanee jeeqaa tureera.

Qabxiileen Barattootnii fi Gaggeessitootni OPDO Irratti Walii Hin Galin Hafan

  • Dhimma bakkee ba’ani bulu fi seensa doormii sa’a 4:00 irratti tahuu kuni dirqamatti tahuu qabaadha, gaggeessitooni garuu barattoota Oromoo waliin walii galuu hin dandeenye.
  • Akka walii galaatti waltajjii sana irratti barattootni waa’ee saaminsa lafaa,hidhamuu barattootaa,waluma gala jireenya gadadoo Oromoo fi durgoo,waa’ee hojii yeroo gannaa irratti yaada isaanii dubbatani jiru, kana irratti gaggeessitootni yaada barattootaa fudhachuu hin dandeenye,
  • Irra jireessatti barattootni waltajjii kana irratti fedha isaaniitiin marii mataa isaanii mari’achuutti fedha akka qabanis ibsatanii jiru,
  • Keessumattuu Godina Baalee waltajjii kana irratti marii yaadaa fesha isaanii akka qabanii fi yaadni isaanii guutamuu akka qabu aka dirqiitti mootummaa hubachiisanii jiru, barattootni haala oromiyaan irra jirtus xiinxala keessa galchanii marii gaggeessanii jiru
  • Akkasuma yuuniversitii Amboo,Jimmaa,Haromayaa fi Bulee Horaa irratti kaayyoo ABO kan adeemsisanii fi faaruu ABO faarsuu irratti dhageessisanii jiru,
  • Walii galatti walgayichi erga jalqabameen booda godinaalee tokko tokko irraa gaaffii miseensummaa fudhachuu dhiisuu isaanii fi yaada gaggeessitoota irraa dhiyaatu fudhachuu diduu fi callisuun barattootaa kuni ifatti bahee jira, isaan keessaa kanneen akka Iluu Abbaa Booraa yuuniversitii Mattuu,yuuniversitii Bulee Horaa,yuuniversitii Wallaggaa kan akka Najjoo,Horroo irraa dhufan hubatamee jira,
  • Dursa eegalamuu walgayin dura yaadnii fi gaaffiin ijoo rakkoo uumata Oromoo irratti hidhatee dhiyaatan hedduu waan isaan dursee yaaddesseef Yuuniversitii dubbiin ka’a jedhamee shakkamutti human waraanaa mijeeffatanii akka jiran odeeffannaaleen garagaraa dhiyaatan ibsa.

 

Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbal

Aside

Goototni Dargaggootni Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Walggahii Wayyaanee lagachuun FDG Itti Fufan

Aside

Hagayya 22,2014 Jimmaa

diddaa9Goototni ilmaan Oromoo Yuuniversiitiin Jimmaa dirree qaroomaa, dirree hayyuun keessa dhugaa uummata isaaf falmatuu fi lafa seenaa qabsoo dargaggoota Oromoo bara kanati malee lafa dabballeen Wayyaanee irra garmaamuun dhugaa Oromoo awwaaltu miti jechuun goototni sabboontootni barattootni Oromoo walga’ii Wayyaanee irrati FDG gaggeessuuf guyyaa kaleessa galgala irraa eegaluun barruulee warraaqsaa fi Iyyaannoo isaanii qindeeffachuun magaalaa Jimmaa fi yuunibarsiitii Jimmaa keessatti bittinneessuun qophii barbaachisuu gochuun guyyaa har’aa FDG karaa nagaa fi dimookiraasii ta’een qabsiisan.Haluma kanaan sochii isaanii jabeessuun iyyaannoo barattoota Oromoo marsaa 2ffaa jedhuu  kan gaaffii 10 of irraa qabu galfachuun gaaffii asiin dura gaafatneef deebiin nuuf haa kennaamu, mirgii hiriira nagaa gochuu nuuf haa eeyyamamuu, jechuun gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo gaafachuun dhaadannoowwaan armaan gadii dhageesisuun ganama sa’aa 3:30 irraa eegaluun FDG bifa qindaa’een qabsiisan.

  • Mootummaan shororkeessan nu hin bulchuu, 
  • Oromoo ajjeesuun dhaabbachuu qaba,
  • Gaaffii mirgaa gaafatneef deebiin nuuf kennamuu qaba,
  • Nuti Waraana hin barbaannuu, Nuti dimookiraasii nagaatti amanna,
  • Mirgootni dimookiraasii fi namummaa nuuf haa kabajamuu,
  • Sababaa gaaffii mirgaa fi Dimookiraasii gaafatneef ilmaan Oromoo jumlaan hidhaman haa hiikaman,
  • Ilmaan Oromoo mootummaan Wayyaanee ajjeeseef itti gaafatamummaa fudhachuun kaasaa fi gumaan Uummata Oromoo kanfalamuu qaba, 
  • Oromiyaan kan uummata Oromooti,
  • Oromoon tokkummaa, bilisuummaa fi walabummaa barbaadna.
  • Uummatni Oromoo mootummaa mataa keenya waan hin qabneef mootummaa uummata keenya bakka bu’uu danda’uu ni hundeeffanna.
  • Mootummaan uummata bulchuu hin ajjeessu, hin hidhuu, barnoota irraa hin arii’atu, mootummaan EPRDF garuu Oromoo hidhee, ajjeesee, barnoota irraa ariitee jira. 
  • Oromoon mirgaa abbaa biyyummaa isaa fi Dimookiraasiif falmachaa jira.
  •  Walga’ii humna waraanaan dirqamnee hin hirmaannuu, ,-Waraannii wayyaanee Mooraa barnootaa keessa ba’uu qaba kanneen jedhan dhageesisuun FDG finiinsa jiru.

  Kana malees goototni barattootni Oromoo ejjeennoo isaanii jabeessuun walleewwaan warraqsaa kan ABO fi uummata Oromoo farsuu dabaree wal harkaa fuudhuun Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa mooraa saayinsii fi Teechnology bakka walga’iin wayyaanee gaggeeffamaa jirutti FDG qabsiisuun Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa kana keessa naanna’uun leencii Oromoo Amboo fi Jimmaarra baroodee jechuun bookkisaa jiru,

Mootummaan Wayyaanee akkuma amala isaa FDG irratti dhoofameen waan qabee gadhiisuu dhabuun hoomaa waraanaa fi poolisaa magaalaa Jimmaa fi Yuunibarsiitii Jimmatti bobbaasuun warraaqsa barattoota Oromoo dura dhaabbachuufi sodachisuuf yaalii guddaa godhullee goototni barattootni Oromoo sodaa tokko malee gaaffii mirgaa fi dimookiraasii finiinsuu murteeffachuun fincila qabsiisan, ilmaan Oromoo hundaaf dhaamsa Oromoo ka’ii mirga kee deeffadhu, mirga keenyaaf Oromummaa keenyaaf harka walqabannee haa kanuu jechuun dhaamsa dabarsataniiru, hordoftoota keenyaaf leellistoota qabsoo bilisummaa Oromoo gabaasaa kanaaf waraabbii sagalee fi vedio waan qabnuuf rakkoo networkf ariitiin nuf fe’amuu didee warraabbii kana itti aansuun kan isin qaqqabsiifnu ta’uu ni hubachiifna.