FDG Marsaa Lammaffaa Qeerroo Yuuniversitii Amboon Qabate Wallagaa,Mattuu fi Bulee Horaatti Ce’e

Aside

Oromiyaa godina Shawaa Lixaa keessatti FDG marsaa lammaffaa qabate itti fufee dargaggoonni Oromoo dirqisiifamanii walgahii Wayyaanotaa dhaqan waamicha Wayyaanee dura dhaabbachuun FDG itti fufanii jiru.Haala kanaan barattooti Oromoo Yuuniversitiilee Amboo,Wallagga Bahaa,Mattuu fi Bulee Horaa irratti guyyaa har’aa Hagayya 21,2014 walgayi hogganooti Wayyaanee taasisaniifii  diiganii gara gaaffii mirgaa fi miidhaa uummataa Oromoo irra jiru haa dhaabbatuuf FDG kaasanii jiru.Haala kanaan loltooti Wayyaanee har’a Bulee Horaa irratti waraanni ABO uumata fakkaatee magaalaa jiru sababa jedhuun uumata jeeqaa turaniiru. Mootummaan Wayyaanee uumata Oromoo akka galaanaa irra galagaluuf deemu kana sodaachuun bakka hundatti raafamaa jirti.

“FDG Itti Fufna! Nagaa Barbaadna Jedhu Barattooti Oromoo Mattuu!!

Aside

Hagayya 21,2014 FDG Mattuu Keessatti Itti Fufe

diddaa9Barattoota Oromoo gaaffii mirgaa irraa dhaabuuf jecha Mootummaan Wayyaanee barattoota walgayii taasisetti milkii dhabuun Qeerroo Oromoo irraa diddaan itti ka’e. Akka hawwii Wayyaanotaatti gaaffii mirgaa lamuu lammataa akka hin gaafatamneef haala ittiin barattoota burjaajessuuf yaalee ka’e ture. Haala kanaan FDG barattoota Oromoo naannooo hundatti qabsiifamaa jiru kan duubatti hin deebine ta’uun muldhata.

Barattooti Oromoo boqotnaa yeroo gannaaf jecha naannoo dhaloota isaanii galan irraa dirqiin walgayiin Yuuniversitiilee Oromiyaa keessatti qophayanii waamaman irratti FDG ha’a bakkooota muraasatti kan eegaleedha,sochii fi karoorri Qeerroon qabatee jiru ammas bakka hundaatti barattootan kan eegalee fi har’a ganama Hagayya 21 Yuuniversitii Mattuu irratti kan waamaman barattootni Oromoo 2000 ol ta’an walgayii Wayyaanee diiganii ganama sa’a lama irraa kaasaanii dhaadannoo garagaraa fi faaruu diddaa gabrummaa dhageessisaa oolaniiru. Walagyii hin feenu,gaaffiin keenya hanga deebii argatutti nun gaggeessitan, gaaffiwwan yeroo darbe obboleewwan keenya itti wareegaman irra tarkaanfannee walgayii keessaniif kabajaa hin laannu jechuudhaan walgayiin wayyaanee Yuuniversitii Mattuu irratti afeeramanii jiran har’a fesheletee jira.
Akkasuma Yuuniversitii Amboo fi naannowwan godina Shawaa Lixaa aanaa Tokke Kuttaayee,Calliyaa,Miidaqany, Amboo,Gindabarat fi kan hafan keessatti uummanni barattoota waliin gaaffii mirgaa isaa dhiyeessuun halkan edaa irraa kaasee weellisa qabsoo fi barruulee adda addaa bittimsuu irratti kan argamaa jiraniidha.Yuuniversitii mara irratti sochiin barattootaa FDG kaasuun kan wal qabateen eegalaa jiru,itti fufa.

Barattooti Oromoo 20 Mootummaan Wayyaanee Gaaga’ama Konkolaataa Irraan Gaheen Hosptala Waliisoo Seenan

Aside

Gabaasa Qeerroo Dillaa Hagayya 21,014

QeerrooMootummaan Wayyaanee hagayyaa 19,2014 maqaa walga’ii  jedhuun FDG gaffii mirga abbaa biyyummaa barattootni Oromoo gaafachaa jiran dura dhaabbachuuf  barattoota Oromoo humna waraanaan dirqee Godina Kibba Lixa Shawaa magaalaa Diilallaa irraa konkolaataa tokkotti barattoota 80 ol utuu walitti ukkamsee fe’ee deemuu karatti konkolaataa gargalchee ilmaan Oromoo 20 olitti lakka’aman akka malee madaa’uun hospitalaa Walisootti du’aa fi jireenya gidduutti argaman keessa ammaf maqaan kan nu qaqqabee jiru kanneen armaan gadiiti.

1.Barataa Sii’ol Bahaaruu

2.Barataa Geetaahuun Galaanaa

3.Barataa Geetuu Nagaa

4.Barataa Xilaahun Kifataw

5.Barattuu Madaanit Daandanaa

6.Barataa Daanyee

7.Barataa Asaamminawu Ibsaa

8.Barataa Alamaayyahu Magarsaa

9.Barattuu Bilisummaa Abarraa

10.Barataa Guddataa

11.Barataa Innihoo Nagaash

12.Barattuu Gannat Dajanee kanneen keessatti argaman barattootni Oromoo 20 olta’an haalan madeeffamuun haala ulfaata fi lubbuuf sodaachisu keessatti argamu. Yakki ulfaataan duguginsa sanyii bifa garaagaraan wayyaaneen gaggeessa jirtu kana kallattii hundaan wayyaaneen dabbaloota qabdutti dhimma ba’uun uummata jalaa dhoksuuf tattaffii guddaan wayyaaneen godhamaa jiru sabboontota ilmaan Oromoon fashalaa’aa jira

Haaluma walfakkatuun yakka sanyii ilmaan Oromoo godinaalee Oromiyaa garaagaraa irratti rawwachaa jira. konkolaataan wayyaanee barattoota Oromoo Godina Kaaba Shawaa irraa fuudhee gara Adaamaa kan imalu Caancoo bakka jedhamutti galagalee barattootni walakkaa ol madaanii jiru, Akkasumas aanaa Gindabarat irra fuudhee gara Amboo utuu deemuu konkolaataan lama wal faana galagalee baratttooni guutummaatti madaanii jiru.Bakkeewwan biroos akkasuma akka dhagayamaa jirutti garuu barattooni lubbuun darban hin jiran qaamaan hiratanii madaanii hospitaala garagaraa galanii kan jiran irraa kan hafe.

Walgayii barattootaa kana irratti kan argaman koreewwan giddu galeessa hojii raawwachiiftuu OPDO namoota 5 fi isaa oliin gurmaaanii yuuniversitiiwwan kana irratti kan argamaniidha,ijoollota isaan fayadan of jala tooressanii sodaadhaan walgayii kana irratti wal gurmeessanii argamaniiti kan jiran,kaayyoomti isaanii inni duraayyuu haala hin beekanmeen barattoota kana miidhuu ture balaama konkolaataan kun dursee waan qindeeffameedha jedhu akka gabaasni isaa caasaa mootummaa irraa addeessutti. Kunis kan irratti hubatamee jiru qaama isaanii kan taan konkolaata biraadhaan gaggeessani keessaa fooani,kun waanti barattoota kana irratti qophaayee jiraachuu isaa raggaasisa,ammas haalli jiru bakka walgayiitti yaaddessaa akka tahee fi Wayyaannonnis barattoota irra sodaa qabantu mulataa akka jiru gabaasni nu gahaa jiru addeessa,dhimmoota kana ammas gabaasni guutuun gadi fageenyaan kan dhiyaatu taa jedhamaa jira walitti deebina.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Hagayya 20 2014 Oromiyaa

Aside

Breaking News : Hagayyaa 20/2014 FDG Marsaa 2ffaan Godina Lixa Shawaa Yuunibarsiitii Amboo Keessatti Goototata dargaggoota Oromoon Qabsiifame

Aside

diddaa9

Goototni barattootni Oromoo Lixa Shawaa Yuunibarsiitoota biyyatti garaagaraa irraa baracha turanii boqonnaaf maatii isaani bira utuu jiranii Wayyaaneen maqaa walgaii farra uummata Oromoo ta’ee fi farra qabsoo bilisummaa Oromoo ta’een gaggeessuuf akkuma Yuunibarsiitii Ambootti walitti qabdeen guyyaa haraa saaatii 10:30 irratti akkuma wayyaaneen walitti qabdee Orientation kennuufii eegalteen goototni batattootni Oromoo gaaffii irratti roobsuun Iyyaannoo isaanii kan qabxii 10 of irraa qabu itti kennachuun gaaffii keenyaaf deebiin hanga nuuf kennamutti walgaii wayyaanee waliin hin teenyu, wayyaaneen diina keenya, hirimii keenya kaleessa daaima umrii waggaa 7 hanga manguddoo waggaa 80tti ajjeesa turtan dhiignii ilmaan Oromoo lafa hin qoorree akkamitti walgaii biyyooleessa qopheessuun walitti nu qabuu dandeessan, waraannii haga kana baayatu magaalaa Amboo fi Unibarsiitii Amboo keessa qubsiifamee jiru kun maal nurraa eega. Erga walgaii taee waraanaan dorsifamaa maqaan walgaii jedhu kun maalii? Amma gabaabaattii gaaffii barreeffamaan isinitti dhiyeeffamnne kanaaf deebii nuuf kennaa, Gaaffii mooraa Yuunibarsiitii keessatti baatii Eblaa 11/2014 irraa egaaluun isin gaafachaa turreef deebiin nuuf kennamuu qaba, ilmaan Oromoo sababa gaaffii karaa mirgaa fi dimookiraasii gaaffatneef ajjeefamanii mootummaan EPRDF itti gaafatamuu qaba, barattootni Oromoo hidhaman gaaffii tokko malee hiikamuu qabu, kanneen barnoota irraa Ariiataman gaaffii tokko malee barnootatti deebiuu qabu. Gaaffiin mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo kabajamuu qaba, gaaffiin mirga namoommaa fi dimookiraasii gaafachaa jirru nuuf deebiuu qaba, Master Planiin Finfinnee guutummaatti haqamuu qaba jechuun iyyaannoo iyyannoo isaanii dhiyeeffachuun dhaadannoo fi Walleewwaan warraaqsaan ABO faarfatan

Barattootni Oromoo Mooraa Yuunibarsiitii Amboo keessatti walitti qabamanii waraanaan eegamaaa jiran kun eraga gaaffii kaachisanii booda wallee warraqsaa fi dhaadannoo dhageesisuun -ABO nuuf dirmadhu, ABO karra nuuf bani,

  • baallammii gurrach garbuu WBO beektuu qeerransa muree bira darbuu,
  • korma guduruu ABOn leenchuma duruu jechuun Wallee warraaqsaa hedduun ABO hanga halkan keessa saaatii 4:00tti mooraa Yuunibarsiitii Amboo keessa naannauun sirban,
  • *Dhaadannoowwaan kanneen akka:
  • -Tokkumaa keenyaan harka walqabannee haa kaanu ni falmannaa,
  • Ajjeechaan nurraa haadhaabbatu,
  • mirgii Oromoo haa kabajamuu, Oromiyaan kan uummata Oromooti,
  • -Ajjeechaa dugugginsa sanyii nurratti mootummaan wayyaanee rawwateef itti gaafatamuu qaba,
  • ilmaan Oromoo gaaffii nagaa waan gaafatneef hidhaman haa hiikaman,
  • Master Planiin Finfinnee haqamuu qaba,
  • Mirgi abbaa biyyuummaa uummata keenyaaf haa kabajamuu,
  • Mirgootni namommaa fi dimookiraasii haa kabajamaan, kanneen jedhan mooraa yuunibarsiitii Amboo keessa naannauun dhageesisuun FDG marsaa 2ffaa dhoosaan. haala rakkoo networkii ulfaata keessatti sagalee warraaqsaa kana warrabnee waan jirruuf gabaasa kana waliin walqabsiifneera dhaggeffadha, Oromoo bakka jirtanii nuuf dirmadhaa, Yeroon Gamtaan Falmannuu amma taa’anii bara lakka’uun doofummaa fi walaalummadha, Ka’ii Oromoo Ka’ii dhaamsa hoggansa sochii dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoo fi koree qindeessitu FDG ti!!.

 

 

Kabajaa Waggaa 50ffaa Hundeeffama Maccaa fi Tuulamaa

Aside

Raadiyoo Sagalee Oromoo,Hagayya 20,2014

Aside

Nin lola gootummaani,Kaayyoo koo hin jijjiru hamma bilisoomtu Oromiyaani

Aside

Barattooti Oromoo 80Yuuniversitii gara garaa boqonnaa yeroo gannaaf maatiitti galan dirqisiifamanii loltoota Wayyaaneen osoo konkolaataan fe’amanii deemanii 20 ol madaa’an.

Aside

Hagayya 20,2014 Amboo

new-image-qerrooGuyyaa har’aa battootni Oromoo dhaabbilee Barnoota Olaanoo irraa baratan Godina Kibba Lixa Shawaa irraa walgahii ariifachiisaa jechuun FDG irraa isaan dhaabuuf Wayyaaneen humna waranaatti dhimma ba’uu barattoota dirqiisiisee Konkolaata tokkotti barattoota 80 ol fe’uun gara Magaala Jimmaatti utuu adeemuu karaatti konkolaatan garagalee barattoota 20 ol ta’an irra midhaan ulfataan qaqqabee Hospitalaa Waliisoo galanii du’aa fi jireenya gidduutti argamu.

Akkuma torbeewwan kana keessa walgayiin barattoota Yuuniversitii irraa galan torbee kana keessa bakkoota adda addaatti eegalu jechuun yuuniversitii 9 irratti isaanis Yuuniversitii Adaamaa,Amboo,Wallaggaa,Haromayyaa,Madda Walaabuu,Jimmaa,Bulee Horaa,Mattuu fi Dirre Dawaatti kan gaggeeffamu yoo tahu isaan keessaa yuuniversitii 3tti guyyaa haraa kan eegaleedha,haatau malee barattoota oromoo dhiibbaa miidhaa garagaraa ajjeesuu irra madaanii akka isaan jiraatan mala itti barbaaduudhaan konkolaataa caccabaadhaan kaleessa guuraa oolaniiru,kun karaa miidhaa konkolaataatiin barattoota kana irratti gaggeessuudha,akkuma yaadan hamma yaadan tahuu baatuus bakkeewwan sadii irratti konkolaataan barattoota featee utuu deemuu galagalee jira,namootni sirriitti beekan yoo dubbatan konkolaatawwan barattoota itti funaananii deeman kun hojii dhaabee kan lafa tureedha jedhu,bakkeewwan konkolaataan kun itti galagale keessaa:

– Kibba Lixa Shawaa irraa kaee gara yuuniversitii Jimmaa kan imalu asuma shawaa keessaa utuu hin bahin galagalee barattootni hedduun madaaniiru,
– Kaaba Shawaa irara fuudhee gara Adaamaa kan imalu Caancoo bakka jedhamutti galagalee barattootni walakkaa ol madaanii jiru,
– Gindabarat irra fuudhee gara Amboo utuu deemuu konkolaataan lama wal faana galagalee baratttooni guutummaatti madaanii jiru
– Bakkeewwan biroos akkasuma akka dhagayamaa jirutti garuu barattooni lubbuun darban hin jiran qaamaan hiratanii madaanii hospitaala garagaraa galanii kan jiran irraa kan hafe.

Walgayii barattootaa kana irratti kan argaman koreewwan giddu galeessa hojii raawwachiiftuu OPDO namoota 5 fi isaa oliin gurmaaanii yuuniversitiiwwan kana irratti kan argamaniidha,ijoollota isaan fayadan of jala tooressanii sodaadhaan walgayii kana irratti wal gurmeessanii argamaniiti kan jiran,kaayyoomti isaanii inni duraayyuu haala hin beekanmeen barattoota kana miidhuu ture balaama konkolaataan kun dursee waan qindeeffameedha jedhu akka gabaasni isaa caasaa mootummaa irraa addeessutti. Kunis kan irratti hubatamee jiru qaama isaanii kan taan konkolaata biraadhaan gaggeessani keessaa fooani,kun waanti barattoota kana irratti qophaayee jiraachuu isaa raggaasisa,ammas haalli jiru bakka walgayiitti sodaachisaa akka tahee fi jarris barattoota irra sodaa qabantu mulataa akka jiru gabaasni nu gahaa jiru addeessa,dhimmoota kana ammas gabaasni guutuun gadi fageenyaan kan dhiyaatu taa jedhamaa jira walitti deebina.

SBO Hagayya 20 Bara 2014 Oduu – Gabaasa Oduu – Sochiin Qeerroo Bilisummaa Wayyaanee mudduu ilaalchisuun barruu Qeerroo irraa dhihaatee fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside