Uummata Oromoof Mirga Gaafachuun Yakka Kanneen Jedhan Bulchiinsi Koolleejjii Barsiisota Jimmaa Barattoota Oromoo 8f Akeekachiisa Kennan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Kolleejjii Barsiisota Jimmaa

DIDDAAMudde 17,2014 Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/TPLF Gootota barattoota Oromoo Koollejjii barsiisota Jimmaa 8 irratti karaa dabballoota ergamtoota isaa FDG qindeessa jirtu jechuun biiroo bulchiinsa Koolleejji barsiisota Jimmaatti waamuun doorsise jira.

Isin rakkoo ilaalcha qabdu jechuun biiroo bulchiinsa koollejjichaa fi biiroo presidentii koolleejjii barsiisota Jimmaa ”Abbaa Zinaab Abbaa Olii” kan jedhamuutti waamamuun badii tokko malee maqaa ilaalchaan fallaa mootummaa keenya jirtu jechuun doorsifni humna olii erga irratti gaggessanii booda, barnoota irraas ni arii’amtu jechuun badii tokko akeekachiisi cimaan itti kennamee jira.

Haala kanaan Barattootni Oromoo Oromummaan yakkamuun dararaman kunneen kanneen maqaan isaanii  akka armaan gaditti eeramedha.

  1. Barataa Gulummaa Lammii mummee  Ingiliffaa waggaa 3ffaa
  2. Barataa Ababaa Gudee  mummee baranoota biology waggaa 3ffaa
  3. Barataa Taddalaa Taarikuu mummee barboota herreega. waggaa 3ffaa
  4. 4.Barataa Asaffaa Dhugumaa mummee barnoota Heregaa waggaa 3ffaa

5.Barataa Qaqqabaa Humneessaa mummee herreegaa waggaa 3ffaa

  1. Barataa Abarraa Dheeressaa mummee herreegaa waggaa 3ffaa
  2. Barataa Asaffaa Dhugumaa mummee Keemistirii Waggaa 3ffaa
  3. bBarataa Tokkummaa Hundee mummee herreegaa waggaa 3ffaa kanneen keessatti argaman barattootni Oromoo 8 sababaa Oromummaa isanii qofaan kollejjii barsiisota Jimmaa keessatti doorsifamuun akekkachifni dhumaa barnoota irraa arii’amtu, FDG nurratti gaggeessa jirtu jechuun qorannoon bulchiinsa Koolleejjii Barsiisota Jimmaa fi humna basaasaa fi dabballee TPLF nama maqaan ‘Taarikuu’ jedhamuun doorsifamuun ibsame jira. Goototni barattootni Oromoo doorsifni fi hiraarsi diinaan nurratti godhamu kun takkaa illee kayyoo keenya irraa duubatti nu deebisuu hin danda’u, warraqsaa FDG ni jabeessa malee laffisuu akka hin dandeenye hubachiisuun dargaggootni Oromoo bakka hundaa FDG jabeessuun abbaa irree wayyaanee of irraa qaaarisuu qabna  dhaamsa jajjabina dabarsan.

Barattooti Oromoo Gaaffii Mirgaa Kaasuu Irraan Waraanni Wayyaanee Mooraa Yuuniversitii Haromayaa Dhuunfate

Aside

Gabaasa Qeerroo Haromayaa,Mudde 18,2014

diddaa9Guyyaa gaafa Mudde 16,2014 Mooraa Yuuniversitii Haromaayaa keessatti barruuleen uumata Oromoo hadheessanii fi qorqalbii cabsan maxxanfamuu irraan baratooti Oromoo gaaffii mirga Oromoo kaasan. Haala kanaan barattooti Oromoo naannoo Mana Kitaabaa ( Library) itti wal qindeessuun sagalee diddaa dhageessifatan. Kun kana ta’aa osoo jiruu battalatti humni waraana Wayyaanee bakka irraa dhufe hin beekamne mooraa guutuu naannawuu fi baratattoota Oromoo doorsisuun akka isaan diddaa dhaabanii fi naannoo san irraa bittinfaman gadi jabeessanii akeekachiisuun dirqiin barattoota gaaffii isaanii dhaabanii ofii mooricha dhuufantanii jiru.

Haalli kun kanaan hin dhaabbante gabaasa dabalata Qeerroon booda irra ni dhiheessa.

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, December 17, 2014

Aside

Ilmaan Oromoo Barnoota Xumuranii Waggaa Dheeraaf Hojii Maleeyyii Tahan Guyyaa Har’aa Finfinnee Keessatti Diddaa Sirna Wayyaanee Taasisan.

Aside

Gabaasa Qeerroo, Muddee 17, Finfinnee Irraa
krYeroodhaa yerootti akkuma gabaasni dhiyaataa jiru Oromiya keessatti barattootni sabboontotni Oromoo gaaffi mirgaa kan abbaa biyyuummaa kaasuun diddaa finiinsaa jiraachuun dhagayamaa jira.

Gaaffiwwan mirgaa kaánii diddaan jabaachuudhaan mootummaa Wayyaanee yeroo ammaa lafa seenu dhabeera, kallattii adda addaa irraan uummannis tahe barataan haala keessa jiruu fi hojii mootummaa Wayyaanee irratti dammaqiinsaan kaée gaaffii dhiyeessuun gaafachuu irratti argamuudhaan mormii dhageesifataa jiru.

Gaafa Muddee 17,2014 qaalaínsa jireenyaa yeroo ammaa biyyattii keessatti mulátaa jiruun uummanni mootummaa irratti gaaffii kaasaa jiraachuun akkasuma Finfinnee keessatti hoji dhabdoonni kumaatamaan lakkaawaman ilmaan Oromoo lakkoofsaan guddaa tahuun waan hubatamaadha. Barataan wagga hedduu barumsa isaa xumure, bara dhufee darbu barataan Yuuniversitii fi koollejji irraa eebbifamee gara maatiitti galuun maatii irratti baáa tahuu mannaa hojii barbaacha magaalaa Finfinnee keessa jiraataa jiru.  kr

Akka keessa beektoti gabaasanitti bara kana hoj-dhabaan Finfinnee keessa 200,000 ol akka taheedha, keesssatu bara 2014 dachaadhaan kan dabale walumaa gala bara mootummaa Wayyaanee keessa hoj dhabdummaan babaláchuu irraan qaalaíinsi jireenyaa uummata irraas gahaa waan jiruuf dimshaashumatti gaaffiin gama kanaan kaáa jiru mootummaa Wayyaanee hedduu kan yaaddeeseedha, kanumaan hará hoj dhabdoonni wal gurmeessuudhaan mootummaan wayyaanee biyya bulchuu hin daandenye, barataan barumsa booda gara itti deebiú erga hin qabnee biyyattii keessa Yuuniversitii tamsaasuun waan uummataaf yaadu fakkeessee uummata gowomsaa jira. Kanumaan hoji maleeyyiin waggaa sadii ol erga barumsa xumuranii wal gurmeessuudhaan mootummaan Wayyaanee aangoo irraa buú qaba jechuudhaan,kan hin baranne mootummaa keessa taaée qabeenya uummataa saamee jiraata,abbaan qabeenyaa hará qaama mootummaa keessaa kanneen hin baranneedha, kan barate daandii irra jiraatee waan nyaatu dhabee agabuu bula sababaa jedhuun Finfinnee kutaa bulchiinsa Buraayyuu keessatti wal gahuun diddaa dhageessifataa oolanii jiru.

Faaruu Guyyaa WBO Amajjii 1, Kan ilaalu.

Aside

Magaalaan Naqamte Wallaggaa Boba’aan Konkolaataa Dhibuu Irraan Uumati Socho’uun Rakkoo Ta’e.

Aside

Naqamte gazMudde 17,2014,Wallagga Naqamtee fi magaalota naannoo keessaa boba’aan konkolaataa dhabamuu irraan uumatis olii gadi socho’uu dhabee haalaan cinqataa jira.Nagadii fi hojiileen adda addaa sababaa kanaan hin soco’an,Addatti konkolaatoti dhuunfaa fi kanneen uumata deddeebisan socho’uu hin dandeenye. Mootummaan baajeta addatti waan qabuuf gaaza akka garaa naqachuun uumata hiriira galee jiru karaa cufaa jirtu jedheen poolisaan dorsisaa jiraachuu qeerroon ni gabaasa.

NqaNaqqq

Diddaan Barattoota Oromoo Yuuniversitii Madda Walaabuu Daran Hammaachuu Irraan Barattooti Oromoo Waggaa 2ffaa Psychology fi waggaa 3ffaa Engineering ta’an Hidhaman.

Aside

Mudde 17,2014 Gabaasa Yuuniversitii Madda Walaabuu

diddaa9Diddaan baratoota Oromoo Yuuniversitii Madda Walaabuu haalaan jabaachuu irraan barattooti hedduun hidhamanii jiru,addatti ammo isintu FDG qindeessa sababaa jedhuun Bultoo Dinquu barataa waggaa 2ffaa Psychology fi Habtaamuu Kabbadaa barataa waggaa 3ffaa Engineering mana hidhaa hin beekamnetti geessamanii jiru.

FDG Oromiyaa guutuu keessatti qabatee deemaa jiru daranuu bifa isaa jijjirrachaa mootummaa Wayyaanee afuura dhorkaa jira. FDG addatti dhaabbilee barnoota ol’aanoon yeroo garaagaraa murannoon diina dura dhaabbachuun diddaa isaanii mul’isaa jiru. Haala kanaan guyyoota calqaba Muddee irraa dhaabbilee barnootaa kan akka Yuuniversiity Finfinnee nyaata lagachuun eegale Yuuniversiity Bulee Horaa,Jimmaa fi Mattuu itti ce’uun nyaata lagachuu irra darbee diddaa isaanii mootummaa gabroonfataatti mul’isaa kan turan yoo tahu; mootummaan abbaa hirree aadeffate diddaa uummataa humna waraanaan dhaamsuuf yaalu illee diddaan kun har’as itti fufuun dallaa Yuunversiity Madda Walaabuu keessatti  Mudde 15 bara 2014 irraa diddaan jabaa gaggeeffamuu eegale har’a Mudde 17 itti fufuun mormiin jabaa gaggeeffamaa jira.  Mootummaan abbaa hirree Wayyaanee diddaa barattoota kanaa dhaamsuuf humna waraanaa dallaa Yuuniversiitichaatti heddumminaan ol naquus gootonni barattoota Oromoo meeshaa waraanaa kanaaf otoo hin jilbeeffanne diddaa isaanii gaggeessuu daran itti fufanii jiru.

Kana malees dabalataaniis mootummaan abbaa irree Wayyaanee maloota diddaa uummataa dhaamsuuf tattaaffatu keessaas reebicha hamaa irraan gahuu, qaama hir’isuu fi hidhuu akkuma ta’e hundaa diddaa barattootaa kana irrattis barattoonni hedduun reebbamuu fi doorsifamuu irra darbee barattooni gara fuula duraatti maqaa fi baayina isaanii Qeerroon bahuuf jiru  gara buuteen isaanii dhibuus; kanneen keessaa warri adda durummaan qabamanii FDG qindeesituun yakkamanii jiran barataa Bultoo Dinquu barataa waggaa 2ffaa Psychology fi barataa Habtaamuu Kabbadaa barataa waggaa 3ffaa Engineering fa’aa kanneen jedhaman akka keessatti argaman odeessi Qeerroo nu qaqqabe addeessa.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Muddee 15 ,2014

Aside

Eegala Irratti Mormii fi Gaaffiin Gootota Artistota Oromoo Irraa Isa Mudateen Walgahiin Artistootaaf Adaamaa Irratti Tahe Ergamoota Wayyaaneen Tasgabbii Dhorke.

Aside

Gabaasa Qeerroo , Muddee 15, Adaamaa irraa

48Mootummaan Wayyaanee artistoota oromoo kaleessa Muddee 15 irraa kaasee magaala Adaamaa keessa itti walgayii teesisuun guyyaa 10f marii jalqabsiise jiraachuun beekame. Akkuma beekamu mootumaan Wayyaanee ilmaan Oromoo sodaa irraa qabu keessattuu weellistoota Oromoo walitti qabuun isaa yaamicha qabsoo oromoof uummata kakaasu hojjechuun, waan uummata gurmeessuu fi onneessu weelluu garagaraan uummannii kan dammaqu, fi kanneen sochii uummataaf sababoota tahan jedhee waan yaaduuf weellistoota walumaa gala artistoota Oromoo walitti qabuudhaan yaada isaanii burjaajessuu, filannoofiis dursee yaadda’uudhaan gama isaaniin filannoo irratti waan amma irraa kaasee suphamuu qaban suphuudhaaf, akkasuma ofitti qabee of duukkaa hiriirsuuf haasaa fi marii bilisaatiin walgayii waamee gaggeessaa jira, akka gabaasni kun nu gahaa jirutti guyyaa har’aa Muddee 16,2014  jecha dirqamaan weellistootni hunduu raayyaadhaan ijaaramanii guddina biyyaaf gahee bahuun dirqama tahuu isaa gadi baasee dubbate, ergamtootni mootummaadhaan ergamanii marii kanaaf dhufan, mootummaan dirqama kana isin irraa eegaa jira jechuudhaan dubbii kan eegalan, tahus deebii fi gaaffiin walfaana artistoota walgayii kana irratti hirmaataa jiran irraa ka’aa oole, mootummaan kan durii caalmaatti ilmaan Oromoo ajjeesuu, hidhuu, barumsa irraa ariyuu, mirgi uumata Oromoo sarbamuun kan caale baree baranaati, bara filannoodhaaf of dhiyeessuu keessatti uummata Oromoo irraa ilaalcha gaarii tuu qabaatee ilmaan Oromoo mana hidhaa keessatti umurii isaanii hin fixan, mana hidhaa keessatti lubbuudhaan dararamani du’aaf saaxilamaa kan jiran, mirga uummataa eegsisuudhaaf gaaffii kaasan malee lubbuu namaa hin balleessine, kana qofa miti mootummaan Wayyaanee uummata oromoo lafa irraa utuu dhabamsiisee fedha isaati, gochi kun hunduu mul’inatti utuu beekamuu akkamiin marii kana nu fakkaattanii ergama mootummaa bahuudhaaf nutti kaastuu? Raayyadhaan ijaaramuun keenya mootumaadhaaf guddina isaati, kan ijaarame nuyiidha, kan guddatu mootummaa nu ajjeessa jiruudha, kanaa walii galuu hin dandeenyu walgayii dhiisnee deemna jechuudhaan jeequmsi artistootaa fi ergamoota mootummaa biraa ergamanii dhufan gidduutti tahee jira.

Boruus gaaffiin dhimma mootummaaf nu waamtan yoo tahe walii galuu hin dandeenyu dhimma aartii oromoo irratti aadaa fi afaan keenya guddiisuu irratti mariin yoo itti fufe walii galteedhaan walgayiin kun itti fufa kanaaf gaaffii dhimma raayyaadhaan ijaaramaa dirqama mootummaan gadi buuse bahaa kan jedhamuuf kun nuuf jecha imaanaa nyaachuuti, kanatti walii hin gallu jechuudhaan adda bahan, mariin kun boruus kan itti fufuudha. Gabaasa isaan walitti deebina!

 

Sababaa Boba’aan Konkolaataa Dhibuu Irraan Rakkoon Mootummaa EPRDF/Wayyaanee Mudate Daran Hammaachaa Jira.

Aside

Muddee 16,2014 Gabaasa Qeerroo Jimmaa

photo0277

Mudde 16,2014 Mootummaan abbaa Irree EPRDF/TPLFn durfamu rakkoo bobaaa konkolaataa uumatatti waakkateen wal qabatee raafama guddaa keessa seene jira. Uummatni biyyattis sochii jiruuf jireenyaa kamuu dhaabuun akka gara FDGtti fuula isaa akka nanneessuuf dirqama jira.

Godina Jimmaa Magaalaa Jimmaatti rakkoo dhabamuu bobaaa Konkolaataan walqabatee sochii gama konkolaataa fi taaskii fi baajajii faaan godhu dhaabee millaan sochoaa jiraachuun rakkoo ulfaataa keessa seene jira. Akka fakkeenyatti kan magaalaa Jimmaa haa kaasnu malee rakkoon ulfaataa kun yeroo amma kana biyyatti keessatti Godinaalee fi kutaa biyyatti hunda keessatti mudachuun jiruu fi jireenya uummata jeeqaa jiraachuun ibsame jira.

Sirni bulchiinsa EPRDF/TPLF abbaan irree wayyaanee gabaa addunyaa waliin sochouu dadhabuun dinagdee biyyattii fi jiruu fi jireenya uummata irran kasaaraa guddaa qaqqabsiisuun raafama dinagdee biyyatti haala tasggabbeessuu hin dandeenye keessa galchee kan jiruu tauun hubatamee jira. Yeroo amma kanatti rakkoo gama bobaaa mudatee jiruun uummatni lafa hojii isaa fi bakka barbaade gauu hanqachuun jiruu fi jireenyi uummataa haala yaddessaa keessa seene jira, haala kanaan yeroo amma kanatti konkolaatootni kutaa biyyaa irra gara biyyatti sochoanii fi taaskiiwwaan magaalaa tajajila hojii dhaabuuf dirqamuun hojii dhaabani jiru. Halli kun yeroo amma kana Magaalawwaan Oromiyaa Jimmaa, Amboo, Mattuu, Naqemtee, Gimbii, Dambii DOlloo, Burraayyuu, Holotaa, Sabbataa, Sulultaa, Sandaafaa, Laga Daadhii Laga Xaafoo, qaallitti, Finininnee, Duukam, Bishooftuu, Adaamaa, Asallaa, Dirree Dawaa fi kutaalee biyyatti cufa keessatti uummatni rakkoo bobaaa uumameen wal qabatee tajajila geejjibaa dhaabuun rakkoof saaxilamee jiraachuu kallatti hunda irraa qeerroon gabaasa jira. Suuraan argitan kun Magaalaa Jimmatti taksiiwwaan magaalaa fi konkolaatawwaan hojiidhaaban tauu ni hubachifna.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo uummatni biyyatti rakkoo ulfaataa mootummaan abbaa irree Wayyaanee EPRDF uumeen rafama dinagdee, hojii dhabdummaa, booddetti hafinsa,Hiyyummaa, rakoo siyaasaa, qabinsa mirga dhala namummaa fi dimookiraasii keessatti kufee haala yaaddessaa fi ulfaata keessa waan jiruuf bakka jirtan hundaa yeroon harka walqabatanii mootummaa abbaa irree angoo irra qaarisuuf gamtaan qabsaan amma waan taeef bakka jirtan hundaa dammaquun warraaqsaa FDG akka makamtan waamicha isaa lammiilee biyyattii fi uummata Oromoo hundaaf dabarsuu itti fufe!!