Sababaa FDG fi Mormii Master Plan Finfinneen Wal Qabatee Dargaggooti Oromoo Mana Hidhaa Sabbataa Keessatti Dararamaa Jiru.

Aside

Mudde 22,2014 Gabaasa Qeerroo Sabbataa

Gaaffii mirga uumata Oromoon wal qabatee Ebla 2014 keessa dharaan yakkamanii mana hidhaa keessatti dararaa guddaan kan irraan gahamaa jiru Oromooti hedduu dha.Godinaalee Oromiyaa bakkoota gara garaa manneen hidhaa beekamuu fi hin beekamiin keessatti dararaan Oromoota irraan gahamaa jiru haalaan hamaachaa kan dhufe yeroo ta’u yeroo ammaa kanatti Master Plan Finfinnee mormuun Oromoota mootummaa Wayyaanee irratti kakaaftaniittu sababaa jedhuun Oromoota hedduu hidhamanii mana hidhaa sabbataa keessatti dararamaa kan jiran yeroo ta’u,kanneen keessaa haala hamaa miidhama guddaan warri irra gahan namni 4 karaa adda addaan ragaalee kijibaa kaabinoota, polissootaa fi nama dhalootan oromoo hin tahiin(abashaa) tti dhimma bahanii mana hidhaatti deddeebisuun dararaa guddaa irraan gahaa jiru.

Kanneen keessaa ammatti kan ragaa kijibaan yakkamanii dararaan irraan gahamaa jiru keessaa:-

Because I am Oromo1,Leencoo Girmaa

2,Tashoomaa Adunyaa

3,Caalaa Fufaa

4,Girmaa Araarsoo

Kanneen jedhaman keessatti argamu.

Oromia show 2014 on Oromia@Federation Square Melbourne Australia Dec 21,2014

Aside

WAREEGAMA HANQISUUF WAL TUMSUUN MURTEESSAADHA. kutaa 4ffaa fi xumuraa

Aside

SEENAA Y.G (2005) kutaa 4ffaa fi xumuraa | Muddee 21, 2014

Barreessaa dhugaa baasa!Mata Duree “WAREEGAMA HANQISUUF WAL-TUMSUUN MURTEESSAADHA”! jedhu jalatti, yaada bal’aa kutaa 3n kaasuu yaaleera. Yaadoonni kun irra jireessa, waan haaraa osoo hin taanee, qalbii Dhala Oromoo hundaa keessa kan jiruudha. Tumsi ani baanuus, kan hundi keenya keessa keenyatti hawwiinu, garuu , Hawwuu qofti furmaata akka hin taaneellee hubannu, har’a borii odoo jennuu wareegama Ummata keenyaa akka ida’aa deemuuf, odoo beeknuu carraa kennaa jiraachuu keenya yaadachiisuufi. Rakkoo keessa keenyatti arginu hundaaf Qorichi isaa, harkuma keenya keessa jira. Qorichi Tokkummaa ykn Wal-Tumsuu deebifnee of gaafaachaa fi wal gaafachaa jirru kanaaf kan ta’u, Ulaagaa WAL-TUMSUU YKN TOKKOOMUUN barbaaddu guutanii argamuudha. Inni lammaffaa Ulaagaa kana dhugeessuuf “HAWWII”keessaa ba’anii hojiin mul’achuuf murteeffachuudha.

Waanuma Umamaan Ummati keenya qabu , warri abshaalli totolchanii deebisanii nu barsiisanii akka ittiin eebbifamnee hafnu ykn waanuma akka dhuunfaatti qabnu fakkeessanii ofittummaan nu gaadi’an malee,TUMSA kabajaa qabu fi hiikkaa quubsaa qabu, Aadaa Umama Oromoo keessaa qabna. Waan Waliin umamne deebisnee barbaadaa akka jirru hubachuu dhabuu keenyatu, habjuu hawwii keessa nu gangalchaa jiraata. Nuutis sababaa ofittummaa irraa maddaniin, Tumsa Umamaa qabnu qorannaadhaan achi fageessaa jirra.warra wal Tumsee Bilisoome ilaallee ykn warra waliif dhaabbatee sagalee isaanii addunyaatti dhageesifatan TVn ilaallee “Oromoon akkas odoo godhee” jennee, hawwiin of dhukkubsina. Garaagarummaan isaan waliin qabnu garuu , hojiin mul’isuu ykn argisiisuu irratti qofaadha. Waan amma har’aatti gaggeeffame fi gaggeeffamaa jiru bishaan itti naquu miti. sadarkaa irra jirru irraa dachaan hojjachuutu Wareegama keenya hanqisuu danda’aatti amanu irraati.

WAREEGAMA HANQISUUF……..kutaa 4ffaa fi xumuraa..docx

ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች:ለነፃነት:ንቅናቄ: ድምፅ: የሳምንቱ :ዜና:: December 17, 2014

Aside

Hanqina Meeshaa Barnootaan Wal Qabatee Barattootni Qellem Wallagga Aanaa Jimmaa Horroo Kutaa 11 fi 12 Barumsa Dhaabuudhaan Gaaffii Kaasaa Jiru,Dhimma Barnootaan Sobni M/Wayyaanee Miidiyaadhaan Ololu Ifa Jira‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Mudde 19,2014 Jimmaa Horroo 

11387_489669604505323_7735385139558897223_nGabaasa Qeerroo Qellem, Jimmaa Horroo, Muddee 19/2014 Mootummaan Wayyaanee yeroon filannoo jala gahetti misooma barnoota jedhee hafarsuudhaan uummata Oromoon carraa filatamuutiif jecha miidiyaadhaan halkanii guyyaa hafarsaa jira.

Yuuniversitiilee Oromiyaa keessatti baayinaan sadarkaa duraa ol dabaluudhaaf mootummaan baajata guddaa dabalee jira utuu jedhee miidiyaadhaan qaamonni miidiyaa isaatii ololanii gama biraadhaan uummata keessatti ammo barattootni rakkoo hanqina meeshaatiin barumsa dhabanii miidhamaa kan jiran keessattuu barattootni godina Qellem, Jimma Horroo irraa barattootni kutaa 11 fi 12 baratan dhimma barnootaan wal qabsiisanii gaaffii kaasaa jiran, miidiyaaleen mootummaa wayyaanee sodaa fi garaa isaaniif jecha oduu sobaa kan dubbatan, yeroo ammaa uummata biratti kan hubatamee jiruudha, gama barnootaan mootummaan hanga gandaatti baajata guddaa ramadee deggersa barnootaaf kennaa jira kan jedhan barattoota mana barumsaa qophaayinaa Jimmaa Horroo irraa barataniif ammo rakkinoota hanqina meeshaa manni barumsaa qabu guuttachuudhaaf tokkoon tokkoon barataa qarshii 370 kennuu qaba jechuudhaan barattootatti dirqamni kan gadii bu’e torbe kana keessa tahuun isaa gabaani Qeerroo aanaa Jimmaa Horroo irraa ibsa

Kanumaan wal qabatee Muddee 18 irraa kaasanii barattootni kutaa 11 fi 12 baratan mootummaan gama biraadhaan baajata guddaa baaseen 10849770_489684271170523_3966400981765942262_nmisooma barnootaa Oromiyaa keessatti babal’isa, barataan meeshaa guutuudhaan barachuun dirqama isa kanaf ammoo baajatni guddaan ramadamuu isaa miidiyaa isaanii of harkaa qabaniin kan dubbataa jiran haala dhokataa uummanni hin beekneen ammoo barataa irraa qarshii funaanee kaayyoo jedhee olole san guuttachuudhaaf adeemaa jira, isa kanaaf mootummaan akkuma ololaa jiru san baajata san gadi fidee meeshaa san nuuf guutuu qaba, kana tahuu baannan barumsa hin barannu, qarshiin nu gaafattan hannaaf, duudhaa mootummaa irraa oolchuudhaaf malee faayidaa keenya ykns kan uummataa miti mootummaan maaliif uummata sobaa? Hanqina meeshaas utuu qabnu dorgommii barattoota biraa waliin galuu hin dandeenyu jedhanii barumsa dhaabaa kan jiran tahuu gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.

984239_489701554502128_8341123047098626439_nUummanni mootummaan erga of hin dandeenye, gadi haa dhiisu kan hojjetuuf kennuu qaba aangicha, meeshaa barnootaa nan guuta jedhee erga dubbachuu eegalee waggaa meeqa, har’a uummataa fi barataa homaa hin qabne irraa maal barbaada mootummaan tahus hanga kana karaa miidiyaa isaanii nu sobuun maalii jechuudhaan uummannis barataa deggeruu isaa , barattootnis barumsa barachaa kan hin jirre tahuu gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.

SBO Mudde 21 Bara 2014 Oduu – Dhimma Artistoota Oromoo irratti gabaasa akkasumas qophiilee adda addaa

Aside

Artistooti Oromoo Gaaffii Mirgaa Walgahii Wayyaanee/OPDOn Qopheessan Irratti Kaasan Jabaachaa Jira.

Aside

   Gaaffileen Artistoota Magaala Shaashimannetti Marii Taasifamaa Jiruun Ka’an!

OromiaALutaContinua2011FDGMootummaan naannoo Oromiyaa yeroo ammaa waajjiraalee aadaa fi tuurizimii tahuudhaan Atistoota Oromoo Oromiyaa keessaa walitti sassaabuudhaan guyyaa 10f Muddee 15 irraa kaasee Adaamaa galma Abbaa Gadaa fi Arsii Shaashimanneetti gaggeessaa jiraachuun gabaasnee jirra. Marii taasifamaa jiru kana irratti gaaffilee hedduun Artistoota irraa ka’aa jiru hedduudha, kan Adaamaa galma Abbaa Gadaatti taa’amaa jiru gaaffiilee ka’an gabaasuun keenya kan yaadatamuu fi marii magaala Shaashimanneetti Artistootaan taa’amaa jiru irraa gaaffilee muraasa ka’aa jiru kanaa gaditti kan argamuudha.

  1. Mootummaan dhalataa Amaaraa waliin tokkummaa akka qabaannu ni barbaada. Miidhaan Habashaan dur uummata keenya irraan gahaa ture keessa keenyaa hin badne har’a mootummaan akkamiin isaan waliin tokkummaa uumaa jiraadhaa jedhaa?
  2. Dhimma Sportiif Dr Mulaatuun yeroo gara Bahardar deeme isaan irratti iyyanii kan jeeqan ijoolleen Amaaraa namni kun waan oromoo taheefiidha. Presedaantiin naannoo tokkoo maaliif hin kabajamu? Warra Amaaraa biratti uummanni oromoo ammas taanan jaallatamaa hin jiru isa kanaaf dhimma isaan waliin tokkummaa uumuu jedhu irratti walii galtee hin qabnu !!
  3. Minilik qaamaan yoo jiraachuu baateyyuu suuraa isaa fuudhanii kan naannowan minilikiin kan bakka bu’ee jiru ammayyuu jira,namni kun diina Oromoo waan taheef kana arguu hin barbaannu kanaaf isaan irratti tarkaanfii mootummaan maaliif hin fudhatuu?
  4. Oromoodhaaf kan falma hadhawaa taasisaa ture ABO dha, ABOn sababa keessaniif biyyaa bahe,har’a taanan ABOn seenaa guddaa qaba,OPDOn seenaa barreeffame maal qabaa? Seenaa maalii hojjettanii?
  5. Misooma misooma jettanii kan miidiyaa keessaniin kan ololtan waan mul’ataa fi quubsaa uummanni keenya argee hin beeku Itoophiyaan ammayyuu daaraa uffattee jirti, maqaa sobaan hanga yoomitti daldaltuu?
  6. Minilik isaa uummata oromoo miidhaa ture,ajjeesaa ture, saniif weellistoonni amaaraa sirbaafii jiru, nuti gootota keenyaaf gaafa sirbinu maaliif gara siyaasaatti lakkaawamaa? Kan isaanii maaliif siyaasatti hin ilaalamuu?
  7. OPDO fi ABOn Oromoodha, saba oromootiif dhaabbatani, isaan kun lamaan maaliif waliin hon sochoonee? Maaliif isaan lamaaniif biyyi kennamee hin bulchin?
  8. Mootummaan misooma irratti bobbahee hojjetu yoo jiraateef misoomni biyya keessa jiraachuutti ni amanna turre,dirqamaanis haatahu alaabaa Federaalaa fudhanneerra,warri amaaraa garuu ammayyuu alaabaa godaannisa leencaa qabu fudhatanii naannawu,maaliif isaani irratti tarkaanfiin hin fudhatamuu? Erga taheemmoo isaanis maaliif tokkummaa sabaa fi sab-lammootaatti hin amananiree?
  9. Uummata Oromoo keessa beekaan baayeedha, muummicha ministeeraa maaliif tahuu hin dandeenye oromoon?
  10. Dhimma waraanaa irratti Oromoon ajajaa jeneraalotaa tahee hin hojjetuu?

Kan jedhuun gaaffilee guyyaa mari eegalan irraa kaasee ka’aa jiran qabxiiwwan ijoo tahan gaafachuun waan gabaasa nu gahe irraa hubatamaa jira, haaluma kanaan ammallee kan itti fuee jiruudha. Gabaasa dabalataan walitti deebina!

Hoggantooti Wayyaanee/OPDO Dirqama Artistoota Oromoo Leenjisuu Jedhu Fudhatanii Bobba’an, Mataa Ofiin Artistoota Oromoo Irraa Leenjii Fudhataa Jiru.

Aside

Gaaffii fi Yaada Artistoota Irraa Ka’an

diddaaMuddee 15/2014 irraa kaasee mootummaan naannoo Oromiyaa waajjira aadaa fi tuurizimii waliin tahudhaan seenaa mootota darbanii kaasuudhaan mootummaa amma aangoo of harkaa qabu mootummaa wayyaanee waliin wal madaalchisuuf, gocha mootota darbanii hammeenyatti, gocha mootummaa wayyaanee ammoo gaaritti lakkaawuudhaaf aartistoota Oromoo,muuziqeessota, weellistoota, ogeessota dhuunfaa Adaamaa, galma Abbaa Gadaatti walgayii teesisuudhaan marii eegalanii jiran irratti gaaffiin ka’aa jiraachuun gabaasuun keenya ni yaadatama. Artistooni galma kanatti walgayii kana irratti hirmaataa jiran kan Adaamaa nama 203 yoo tahu,naannoo Arsii Shaashimannee irratti gaggeeffamaa kan jiru namoota 480n mariin godhamaa jira,gabaasni ammatti nu gahee jiru kan Adaamaa yoo tahu, gabaasa haala marii kan Shaashimannee haala nu qaqqabeen kan dabarsinuudha. Guyyaa walgayiin kun eegalee kaasee gaaffii fi yaadotni hedduun Artistoota kana irraa ka’aa jiru Adaamaa, Galma Abbaa Gadaa irratti;wal duraa duubaan akka kana gadiiti:

  1. OPDOn uummata oromoof dhaabbate osoo hin taanee uumatatu OPDO dhaaf dhaabbate, dhugaatti uummata oromoof utuu dhaabbattanii maalif ilmaan oromoo mana hidhaatti dhumti? Maalif barataan keenya gaaffii mirgaa gaafateen rasaasan rukutama? Qabeenyi oromiyaa maaliif ormaan dhuunfatamaa? Lafti qote bulaa keenyas maaliif gurguramaa?
  2. Dhaaba OPDO kan bu’uressee obbo Mallasaadhaa?
  3. Bilisummaa ni fedha uummanni oromoo, uummata oromoof dhaabbattanii bilisummaa saba keesaniif fiduu hin dandeenye, bilisummaan saba oromoo kan eegamu ABO irraati, kanaaf ABO maaliif hadheessituu? Uummatini birmadummaa isin irraa eegaa hin jiru….
  4. OPDOn saba oromoo bakka bu’uudhaaf gahumsaa fi haamilee maaliif dhabee?
  5. Addi Bilisa Baasaa Tigraay(TPLF) waan isin bu’ureesseef akka barbaade isin taasisaa jiraa?
  6. OPDOn kan hundeeffameef uummata oromoo ittiin qabachuudhaaf malee aangoon itti kennamuuf miti, TPLFn lolee dhufee as gahee aangoo of harka galche,mootummaa wayyaaneef faayidaa taatan malee uummataaf faayidaa maalii hin taane OPDOn?
  7. Itti seensa marii keenyaa fi kaayyoodhumti keessaniyyuu waayee mootota Haayila Sillaasee fi Minilikiidha, moototni kun uummata Itoophiyaatiif bu’aa buusan osoo hin taanee uummata biyyatti fixan, miidhan, moototni kun maqaan isaani leellifamuun maaliifii? Mootummaan har’aas isaan irraa maaliin adda tahaa? Maqaa isaanii waamuun hanga yoomitti itti fufaa?
  8. Waayee ijaarsa OPDO yeroo kaafamu maqaan obbo Mallasaa biraa hin hafu, sababni isaa maalii?
  9. Biyyattii keessatti hucuu siivilii uffachuudhaan kan lubbuu ilmaan namaa ajjeessaa jiru irratti mootummaan yaada maalii qabaa?
  10. OPDOn waggaa 23 Artistoota oromoo walitti qabee waliin marii gaggeessuun isaa maal kaayyeffateetii?
  11. Itiyoophiyoomuu keenya nu gochuu hin dandeessan nuti oromoodha, akka oromummaa keenyaatti maaliif hin jiraannu? Akka Itoophiyummaatti akka yaadnu maaliif barbaadduu? Lagni Abbaay jettanii amma waamtan uummanni oromoo dur kan itti beeku laga Mormoritti amma maaliif maqaa jijjirtanii? Dhimma laga Abbaayiif hirmaachuu kan nu dhorke waayee Itoophiymmaa fi jijjiirraa maqichaati, nuti Itoophiyaadha yoo ofiin jenneyyuu uummanni biyyattiii dhuguma nu amanaa?
  12. Artistootni oromoo, rakkoon keenya inni guddaan, rakkoo diinagdeeti.sababa kanaaf ammo sochii jabaa goonee akka hin hojjenneef ammoo kan nu godhe kaabinoota OPDOti.
  13. Nuti Artistoonni oromoo isin waliin akka hiriirru yoo feetan, waan uummanni oromoo gaafataa jiruuf deebii haqaa kennaa, gumaacha barbaachisaa sana keessaniif bahaa, wayyaaneedhaan waanni uummata miidhu yoo isinitti kenname bu’aa garaa keessanii fi taayitaaf jettanii nutti hin dhufinaa?
  14. ABOn uummata oromoo gidduutti waan uummata daqiiqaadhaaf gaddisisu hojjetee hin beeku, dhugaadhaaf waan falmeef ammo isin biratti yakkamaa tahe, bara dhufaa darbu, bakka wal gayiitti ABOn shororkeessa jettanii uummata biratti yakkuun arraba kana dubbatuuf guyyaan tokko deebiin haqaa akka jiru hin hubannee? Mee ABOn maal godhee? Har’as taanan uummata biratti jaallatamaadha jibbamaan isinii, humnumaan jiraachaa jirtu, garaa keessaniif maaliif dhaaba tokko yakkituu?
  • Dhimma ABO ilaalchisee gaaffii gaggeessitoota waltajjii saniin Artistoota gaafatame:- ABOn har’a biyya keessa hin jiru, har’a biyya keessatti ABOn isinumaadha, waanABOn biyya biraa irraa dirqama gadi buuse hojiitti hiikaa jirtu, agarsiisa garagaraatiin uummata ABOf ijaartu, bakka ABOnjirutti nama tooftaadhaan ergitu,ABO biyya alaatti deggeraa jirtu, bosonattis nyaachisaa hin jirtanii?
  1. ABO maqaa hadheessuu itti fuftanii boodarraan waan dhufu isinuu arguuf jirtu jechuudhaan hanga guyyaa har’aatti gaaffiin gafatamaa fi yaadni ka’aa ture kanaan goolabamee kan jiruudha.

Waltajjii marii kana irratti miseensota koree giddu gala OPDO irraa ergamanii Artistoota kana kan mariyachiisaa jiran:

  1. Mohaammad Ahimad Qophee-Miseensa paarlaamaa fi presedaantii Oromiyaatti waajjira aadaa fi gorsaa uummataati.
  2. Musxafaa-presedaantii Oromiyaatti, itti gaafatamaa wal quunnamtii uummataati.
  3. Isheetuu Dasee-koree giddu gala OPDO gaaffilee Artistoota irraa ka’aa jiraniif deebii kennuuf kan ergameedha.

Gaaffiin isaanii haaluma kanaan kan itti fufuudha. Gabaasa isaa waliin jirra kan biroon ammoo Shaashimannee irrattis Artistoota walii gala nama 480n gaggeeffamaa jira gama kanaanis Qeerroon qindeessee ni gabaasa.

Sagalee Simbirtuu fi Seife Nebelbal

Aside

Diddaan Dargaggoota Oromoo Hojii Maleeyyii Tahan Har’a Finfinnee Naannoo Kiiloo4 Itti Jabaachuu Irraan Mootummaan Wayyaanee Akka Amala Isaa Humna Waraanaa Fayyadame.

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee, Muddee 18,2014
??FDG biyyattii keessatti kallattii adda addaan finiinaa jira, barataan Oromoo gaaffii mirgaa dhiyeessuun, manneen barnootaa olaanoo fi godinaalee garagaraa rakkoolee yeroo ammaa mootummaa Wayyaaneen uummata irra gahaa jiruun wal qbatee diddaan ka’aa jira. Gaaffiin mirgaa Yuuniversitii Madda Walaabuu keessatti dhalate akkasuma Mattuu Yuuniversitii keessatti kan itti fufee jiru haaluma kanaan Yuuniversitiilee biroo keessatti kan itti fufaa jiruudha.

Diddaa wal irraa hin citne, gaaffiidhuma wal fakkaatu, hoji maleeyyiin yerooammaa wal qindeessuudhaan mootummaa Wayyaanee irratti hiriiruun gaaffii kaasuuf kan deemaa jiran kaleessa gabaasun keenya kan yaadatamuudha, diddaan kan jabaatee jiru amma barataa irraa gara uummataa fi barataa hojii dhabee magaala Finfinnee keessa jiraatuun finiinaa kan jiruudha, haatahu malee mootummaan Wayyaanee uummata gaaffii mirgaa gaafatu maqaa shororkeessota jechuudhaan humna waraanaa ramaduudhaan sochii barataa fi uummataa dura dhaabbata, kun guyyuudhaan mootummaan Wayyaanee humna isaatti fayadamee wagga lakkaawataa jiruudha.kr

krGuyyaa har’aa magaala Finfinnee naannoo hoj-dhabdoonni itti hedduummatanitti humna waraana isaa ramadee jira, kan akka Lagahar, Kiiloo 4, Piyaasaa jedhaman keessatti ganama kana humni waraana Wayyaanee ramadamee socho’aa jiraachuu suuraa argame waliin gabaasni isaa addeessa. Gaaffiin hoji maleeyyii gara gaaffii mirgaatti naannahuu taha jechuudhaan waan shakkuuf mootummaan wayyaanee akka amala isaa humna waraana isaatti fayadamaa jira,kana irraan kan ka’e diddaan gama kanaan eegaluudhaaf ture humna bittimneessaa wayyaaneen adda bahanii jiraachuu fi walumaa galatti mootummaan wayyaanee naannoo adda addaatti haala garagaraan gaaffiin ka’aa waan jiruuf, diddaa wal hidhataanis mooraa barnootaa keessatti mul’atee jiru yuuniversitiilee keessatti barumsi dhaabbatee barattootni nyaata lagachuudhaan fonqolcha mootummaa Wayyaanee irratti hiriiruu jabeessanii wan argamanii baratas tahe uummanni Oromoo walitti dhufeenyaan, wal gurmeessuu keessatti waan sodaatuuf tikoota isaa naannolee yuuniversitii, koollejjii,fi bakka uummanni Oromoo heddumattutti qubachiisaa jira