SBO Mudde 17 Bara 2014 Oduu – Gaaffii fi deebii J.Toleeraa Adabaa kutaa xumuraa fi qophii biroo akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Yuuniversitii Madda Walaabuu keessatti diddaan sirna mootummaa Wayyaanee irratti ka’een waldhabbiin barattoota Oromoo fi waraana Wayyaanee jidduu jabaatee jira.

Aside

Gabaasa Qeerroo Muddee 15,2014 Uni Madda Walaabuu

diddaa9Muddee 14,Guyyaa Kaleessaa Mooraan Yuuniversitii Madda Walaabuu mooraa shaakala waraanaa fakkaata. Humni waraana Wayyaanees abaratoota irratti dhukaasa bane jira.

Edai halkan sa’a 2:00 booda FDG baname,akka gabaasi Qeerroo addeessutti yeroo darbe waraqaa dhaadannoo uummata fi barataa kakaasu Qeerroon Yuuniversitii madda walaabuu mooraa keessatti tamsaasuun barattootni nyaata lagachuudhaan, barumsa dhaabuudhaan diddaa eegalanii kan turan mootummaan Wayyaanee humna bittimsaa itti ajajuu irraan barattootni akka kaayyeffatanii ka’an tahuu baatuus barattoota Oromoo ergasii adamsuudhaan tikootni Wayyaanee qabani mooraa keessaa baasuudhaan bakka ittiin gahan dhabamaa ture,akka walii galaatti barattootni hanga ammaatti hidhamani bakka buuteen isaani dhabamee jiru barattoota 20 ol akka ta’e,tooftaa garagaraan tikni qabaa kan ture, barattoota kaan ammoo marii qabna jechuudhaan mooraan alatti ukkamsanii hidhaa turan,gabaasa Qeerroo MW irraa akka hubatametti torbeema lama dura tahuun isaa waan hubatameef barattootni sabboonti Oromoo guyyaa kaleessaa Muddee 14,2014 wal gurmeessuun  barattootni gaaffii tokko malee, yakka tokko malee mooraa keenya keessaa torban darban hidhaman akka gadhiifaman, gaaffiin keenya bu’uura tahee yeroodhaa yerootti mootummaa gaafacha jirru kan hidhaman akka gadhiifamaniif nyaata dhiisnee, barumsa dhaabnee osoo gaafannuu gaaffii keenya irra tarkaanfachuudhaan mootummaan Wayyaanee ammas barattoota sabboonummaa qaban mooraa keessaa qabee hidhuun maaliif kaayyeffatee ka’e jechuudhaan guyyaa kaleessaa mooraa Yuuniversitii Madda Walaabuu keessatti baratooti Oromoo gamtaan sagalee ol kaasanii iyya dhageessisuun gaaffii mirgaa gaafatan.

Humni waraana Wayyaanee barattooti mooraa keessaa gara kamittuu akka hin baaneef dura dhaabbatanii meeshaan ittisaa jiru. Kana irratti dabalee humni mooricha eegu hanqatnaan humna dabalataa yaammatanii waraanni komaandoon Wayyaanee naannica weeraruun barattoota Oromoo irratti dhukaasa banuu qeerroon gabaasa.

Haala kanaan Barattootni halkan guutummaa osoo hin rafin barataan keenya hidhame nuuf haa deebi’u, humni waraanaa mooraa keessaa haa bahu jechuudhaan mooraan yuuniversitii Madda Walaabuu dirree waraanaa fakkaatee kan bule halkan edaa yoo tahu guyyaa har’aas haaluma kanaan kan itti fufee jira.

Gama biraan Qeerroon yuuniversitii Mattuus gaaffiin uumata Oromoo deebii argachuu qaba,qoteebulaan haalaan dachii irraa buqa’aa waan jiruuf kun hatattamaan dhaabbachuu qaba sababa jedhuun Muddee 15,2014 diddaa akka dhageesifataa oolan qeerroon naannicha irraa gabaasa.

 

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, December 15, 2014

Aside

New/Haaraa Artist Eebbisaa Malkaan / Yaa Hiriyyoota Koo Qeerroo

Aside

Barattootni Oromoo University Jimmaa Mooraa Saayinsii fi Teekinooloojii Ummanni Oromoo FDG Bakka Hundatti Itti Fufuun Dirqama Tahuu Akeekan.

Aside

diddaa9Muddee 14,2014 Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa Mooraa Saayinsii fi Teekinooloojii haala qabsoo bilisummaa Oromoo fi rakkoo uumata Oromoo irra gahe irratti gahaatti erga mariyataniin booda ejjennoon fudhatan FDG bifa fedheen itti fufuu kan jedhu ture,aala kanatti aansuun galgala keessa sa;a 2;00 irraa eegaluun wallee Warraqsaa qabsiisuun ABO fi Qabsoo bilisummaa Oromoo faarsuun FDG malee Furmaatni abbaa irree angoo irraa darbu akka hin jirre akeekan.

Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa bara darbe irraa eegaluun qabsoo qindaa’aa fi FDG sadarkaa Idil addunyaatti dhageettii argate qindeessuun Warraqsaa FDG bifa haaraan qabsoo uummata Oromoo keessatti boqonnaa haaraa saaqe qindeessuun hangafummaa olaanaa argatan, har’as qabsoon hanga bilisummatti jechuun halkan edaa hanga sa’aa 6:ootti Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Saayinsii fi teekinoolojii keessatti sababaa Filmiin afaan Oromoo ”Qurxama” jedhamu argisiifamuun walqabatee galgala irraa eegaluun walleewwaan warraaqsaa kanneen artistoota Oromoo akka Eebbisaa addunyaa, Adinaal Mohaamed fi kkf wallisuun addatti ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo faarsan. kana malees Warraqsaa FDG malee mootummaa abbaa irree wayyaanee afaan qawween aangoo irratti cichaa jiru kan aangoo irraa darbu hin jiru jechuun dhaamsa guddaa uummata Oromoo fi lammiilee Cunqurfamoo biyyatti hundaaf dabarsuu itti fufan. waraabbiin wallee warraaqsaa ni qabna, sababaa rakkoo networkf fe’amuu didee nu rakkisaa jira dhiyootti kan isiniif erginu ta’uu ni hubachiifna.

Kana malees Mudde 13,2014 irraa eegaluun biyyatti keessatti boba’aan konkolaataa fi network  dhabamuun wal qabatee raafama guddatu jira. amma uummatni sababaa boba’aan konkolaataa dhabameef  kutaa biyyatti garaagaraa fi Godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti bakka bakkatti socho’uu hanqachuun uummatni rakkoo ulfataa fi yaaddeessaa keessatti kufee jira. Qaala’insii gabaa biyyattis raafama guddaa biyyatti keessatti qabsiise jira. keessattu bara darbe irra eegaluun Warraaqsaa FDG  Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii qabsisanii walqabatee  mootummaa wayyaaneetti guyyaan halkan ta’ee waan qabee gadhiisu dhabaa jira. Dinagdeen biyyattis raafama guddaa keessa galee jira. Uummatni Oromoo fi lammiileen Cunqurfamoo biyyatti haal duree tokko malee tokkummaan mootummaa abbaa irraa irratti FDG qabsiisuun angoo irraa darbuuf yeroon gamtaan qabsaa’an amma jechuun dhaamsaa dabarsuu itti fufee jira.

 

Hiriira Mormii Sirna Wayyaanee Irraatti Guyyaa Har’aa Gaggeefame Ilaalchisee Gabaasa Video Qeerroo

Aside

Hiriira Nagaa Guyyaa Har’aa Magaalaa Finfinneetti Adeemsifame

Aside

Gabaasa Qeerroo Mudde 14,2014

Guyyaa har’aa dhaabni mormitootaa OFC magaalaa Finfinneetti hirira baheen dhaadannoolee hedduu dhageessisaa kan oole namoota 2000 ol kan hirmaachise, gana sa’a 3:00 irraa eegalee uummani Oromoo hangi dhagayee fi Qeerroon tumsa kanaaf irratti hirmaachuu dhaan dhaadannoolee waraabbii irratti mul’atan kanaa gadii irratti kan argamuudha,

-Mootummaan wayyaanee dhimma amantaa keessa hin seenin,

-Hidhamtootni siyaasaa haa gadhiifaman

-Baqqalaa Garbaa haa hiikamu

-Maqaa filannootiin uummata hiraarsuun haa dhaabbatu,

-Sobaan uummata yakkuun haa dhaabbatu,

-Afaan oromoo afaan federaalaa haa tahu,

-Saamtotni mootummaa seeratti haa dhiyaatan,

-Boordiin filannoo mootummaa irraa walaba haa tahu,

fi kkf dhageessisuudhaan hanga sa’a 7:00tti adeemsifamee jira, waraabbii dabalataa fi odeessa kana ilaallatu biroo argamuun walitti deebina!

“Oromoon Bilisuumuufi” Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Wallee Haaraa Muddee 13,2014

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, December 13, 2014

Aside

SBO Mudde 14 Bara 2014 Oduu – Sirna awwaalcha sabboonaa barsiisaa Dirribii Nagaasaa – Gaaffii fi deebii J.Toleeraa Adabaa kutaa 3ffaa fi Qophiilee Adda Addaa

Aside