Gootonni Qeerroo Bilisummaa Yuniversitii Wallaggaa FDG Kaasaniin Aangawoota Wayyaanee Arihan, Bartaa Electrical Waggaa 3ffaa Kumaa Gammachuu fi Hedduun Poolisootaan Butaman.

Aside

diddaa9Bitootessa 1,2015 Gabaasa Qeerroo Naqamte, Sochii barattoota Oromoo qabaneessuuf kan saganteeffate mootummaan Wayyaanee kaabinoota gurguddaa jedheen kan yaadu Dr,Geetachoo Bashargoon kan durfamu gartuu sochii barattootaa qabaneessu gara mooraa Yuuniversitii Wallaggaa Naqamteetti erguun baratoota walitti qaban,hanga ammaatti ammaatti hojjettooti mooraa kanneen hidhata ABO qaban baajeta moorichaa miliyoonaan kan lakkaawamu mootummaa kasaarsanii jiru jechoon badii gara hojjettootaa badii mallamaltummaa riguu fedhan.

Kanatti aansees garuu mooraan kun fakkeenyumma gaarii qaba jechuun Ministeerri barnoota Federaalaa gaafa Bitootessa 1,2015  ykn eda halkaniitti sagantaa TRENDS AND CHALLENGS IN ADOPTION OF SCIENCE jedhu  barattoota Yuuniversitii Wallaggaa barsisuuf  gadi itti taa’e.Haa ta’u malee wayita sagantaa kana irratti argamanitti goototni barattoota Yuunibarsiitii Wallaggaa kaabinoota waltajjii ta’anitti iyyuudhaan biyya keenya gurgurtanii nu keessa hin teessan jedhuun waltajjicha irratti dhadatnoo fi faaruulee warraaqsaa itti iyyanii bakka sana irraa qaaniin arihan.

Waltajjiin kun erga diigamee Qeerroofi qarreen mooraa kana keessaa balbala gudda hanga mooraa komtootti dhaadhannoo dhageessisaa turan

  1. Maaster pilaaniin finfinnee goonkumaa hojiirra hin oolu
  2. Duguuggaa sanyii nurratti raawwatuuf addunyaa kanatti sagaleen keenya nuuf haadhaga’amu
  3. ABOn gaachana qabsoo Oromooti
  4. WBO-n abdii uumata Oromooti
  5. Qeerroon Bilisummaa qabsoo itti fufna,diinota qeerroo golee Oromiyaa kamuu keessatti dura dhaabbanna.
  6. Nuti tokko tokkummaa keenyaan walaba nibaana jechaa erga turanii booda

Jedhuu fi sirboota barannoo rorroodha aabbee  mallattoon kannisa ittiin nuhiddiifi yaaoromoo qotan qotu malee  lafa hin qabatanii du’an du’u malee  diina hyin sagadanii jechaa erga turanii haala kanaan Poolisoonni heddumminaan mooricha seenuun barattoota Oromoo hedduu raabuu fi hidhuun barataa elektirikaalaa waggaa 3ffaa kan ta’e Kumaa Gammachuun dabalatee barattooti hedduun mana hidhaatti geeffaman.

Breaking News : -Sochiin Qeerroo Itti Fufuun,Bitootessa 1,2015 Gootonni Dargaggoonnii fi Barattooti Godina Jimmaa Diddaa Itti Fufan.

Aside

Aangawoonni Wayyaanee Muktar Kadirii fi Dammaqee Mokonnin Diddaa Barattoota Oromoo  Jimmaa Dhaamsuuf Bobba’an Qaaneffamanii Naannicha Irraa Baqatan!

Breaking News : Bitootessa 1/2015 Goototni Dargaggootni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, Kolleejjii Barsiisota Jimmaa, Manneen Barnoota Sadarkaa 2ffaa Jimmaa fi Dargaggootni Oromoo Magaalaa Jimma FDG jabeessanii itti fufuu Muktar Kadirii fi Dammaqee Mokonni Of Irraa Arhian.

Aside

diddaa9Bitootessa 1/2015 Goototni Dargaggootni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, Kolleejjii Barsiisota Jimmaa, Manneen Barnoota Sadarkaa 2ffaa Jimmaa fi dargaggootni Oromoo Magaalaa Jimma FDG jabeessanii itti fufuun ergamoota Wayyaanee Muktar Kadiri fi Dammaqee Mokonnoon angawoota Wayyaanee olaanoo dura dhaabachuun dhaadannoo dheekkamsaan guutame dhageesisuun, Angoowwaan Wayyaanee EPRDF/TPLF Abbay Tsahayee yakkamaan akka Seeratti dhiyaatu gaafachuun FDG dhoosan.
Mootummaan abbaa irree Wayyaanee sochii Warraaqsaa gootonni dargaggootni qeerroon barattoonni Oromoo magaalaa Jimmaa keessatti guyyaa shanii oliif wallee warraaqsaan qabsiisaniin soda fi yaaddoo guddaa keessa seenuun aangawoota sirna EPRDF/TPLF Dammaqee Mokonnooni fi Muktaar Kadiri jedhaman waraana waliin ilmaan Oromoo sodachisuu fi ficcisiisuuf bobbasee ture, gootonni ilmaan Oromoo Warraqsa egalan daran jabeessuun FDG dhoosuun dura dhaabbatan. Ergamaan Wayyaanee
sochii warraaqsa dargaggoota barattoota Oromoo Moktaar Kadir dhabachuu dadhabuun baqatee kan sokke yoo ta’uu, ergamtichi Wayyaanee Dammaqee Mokonnoon jedhamu immoo bataluma FDG dhoofametti xiyyaraan baqatee magaalaa Jimmaa keessa ba’uun dhagaa’ame. Goototni dargaggootni Qeerroo barattootni ilmaan Oromoo dhugaan qabsoo finiinsan sochii Warraaqsaa FDG guyyoota shanii oliif Wallee Warraaqsaan eegalan jabeessuun guyyaa har’aa stadium guddaa Magaalaa
Jimmaa keessatti argamu keessatti bakka Waldorgommiin Ispoortii Oromiyaa inni dhumaa /xummuraa gaggeeffamaa jirutti walitti dhufuun FDG dhoosan, Dirreen Ispoortii gara dirree FDG fi falmii mirga abbaa Biyyummatti jijjirame.
Goototni daraggootni barattootni Oromoo lafa waraannii wayyaanee
kumootan lakka’amu jiruu fi humnootni tikaa angawoota wayyaanee waliin
hiriiranii jiranitti dhaadannoo armaan gadii dhageesisan:
1. Abbay Tsahayee seeratti dhiyaachuun yakka duguginsa sanyii uummata
keenyarratti rawwacha jiruuf itti gaafatamuu qaba.
2. Abbay Tsahayee aangoo gadhiisuu qaba!!
3. Abbummaan lafaa uummata keenyaaf haa mirkanaa’u!!
4. Mirgi bilisummaa uummata Oromoo fi saboota cunqurfamoof kabajamuu qaba!!
5. Mirgi abbaa biyyummaa keenyaa nuuf haa mirkanaa’u!!
6. Ofiin buluu qabna halagaan nu hin bulchu.
7. Mirgii dimookiraasii fi namummaa kabajamuu qaba.
8. Nuti dimookiraasii barbaanna!!
9. Mirgi abbaa biyyuummaa, eenyummaa fi Oromummaa keenyaa nuuf kabajamuu qaba!!
10. Biyya dimookiraasiin hin jirree keessatti filannoo dimookitawaa
gaggeessuun hin danda’amu !!
11. Filannoon sobaa fi fakkeessa dhaabbachuu qaba!!
12. Muktaar kadir Oromoo bulchuu hin qabu!, uummata keenya arrabsiisaa
fi tuffachiisa jira.
13. Master planiin Finfinfee dhaabbachuu qaba!!
14. Gaffii mirgaa waan gaafatneef mootumman hidhaa julmaa,ajjeechaa,
fi hidhaa nurratti rawwate seeratti dhiyaachuu qaba
15. Yakka Oromiyaa keessatti U/Oromoo irratti gaggeefamaa jiruuf
Abbay Tsahayyee, Muktar Kadir, Dammaqee Mokonnoon, itti gaafatamuu
qabu!!
16. Hidhamtootni siyaasaa ilmaan Oromoo hundi halduree tokko malee
hiikamuu qabu!!
17. Nuti bilisummaa barbadna!! Oromiyaan bilisoomuu qabdi, jechuun dhaadannoowwaan dheekkamsaan guutamee afaan ingiliffaa fi afaan
Oromoon wal harkaa fudhuun dhageesisaan. Wallee Warraaqsaan qabsoo bilisummaa Oromoo ABO ‘n durfamuu fi hogganoota qabasoo bilisummaa Oromoo faarsan. Sochii warraqsa FDG kanaan wal qabatee goototni barattootni dargaggootni barattootni Oromoo 10 olitti tilmaamaman humna waraana wayyaanee Muktar Kadirii fi dammaqee Mokonnoon eeguuf bobbafameen ukkanfaman, maqaa adda baasuun gabaasna. Poolisootni Oromiyaa fi dhalootaan Oromoo ta’an tarkaanfii diinummaa fudhachuu irraa of qusachuun uummataan jalatamaa fi kabajamaa jiraachuun hubatame. hoggantootni Sochii warraqsaas poolisoota ilmaan Oromoo tarkaanfii gara jabeenyaa fi diinummaa irraa of qusachuu poolisota Oromiyaatti hedduu isaan galateeffate, biyyi kun yoo bilisoomte isin illee walumaan bilisoomtu, uummata keessaniif dhaabbadha dhaamsa jedhus dabarseefi jira.
Goototni hayyoonni hagganoonni Sochii Warraqsaa FDG fi qabsoo bilisummaa Oromoo karaa nagaa warraqsa FDG biyya keessatti qabsiisuun qabsoo finiinsa jiran ammas irra deebi’uun uummata Oromoo hundaaf waamicha FDG gadi jabeessuun dabarsuu itti fufuun ” Yaa ilmaan Oromoo waanjoo gabrummaa baatnee taa’uu hin qabnu bakka jirruu hundaa quba walqabaachuun tokkummaan kaanee biyyaa keenyaaf, mirga uummata keenyaaf, Oromummaa keenyaaf, bilisummaa keenyaaf, lafa Oromoo saamamaa jiruuf, ilma Oromoo ajjeefamaa, hidhamaa jiruuf, barnootarraa arii’amaa jiruuf, eenyummaa keenyaaf yeroon gamtaan kaanee falmannu amma.

MUST-WATCH | “Mr. Master killer” – A Short Oromo Film by Director Gammadoo Jamaal – #StopAbayTsehaye

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, February 28, 2015

Aside

Magaala Hawaasatti, kutaa magaalaa Addis, Ganda Badaatoo, Naannoo Ammistanyaa Kaampii Jedhamee Beekamu Irraa Jiraattoti 531 Lafa Isaanii Irraa Buqifamuu fi Ummatis Hidhamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Bitootessa ,1, 2015 Hawaasaa

Waraana WayyaaneeNaannoo Kibbaatti maqaa investiraan lafti uummata irraa fuudhamee gurgame Hawaasni Oromoos ta’e saboonni biroo lafti isaa irraa fuudhame kun gaaffii hiriiraan bahee kaaseef deebiin hin kennamin osoo jiru ammas magaala Hawaasatti, kutaa magaalaa Addis, ganda Badaatoo, naannoo Ammistanyaa kaampii jedhamee waamamutti mootummaan namoota seeraan ala lafa bitanii mana ijaarratanii jiraatan jechuun abbaa warraa 521 ta’an bakki kun guutummaan isaa bakka investeraaf akeekamee jiru dha jechuun buqqise.

Guraandhala gaafa 26/2015 uummata abbaa warraa kanaa fi qaama mootummaa gidduutti akkasuma bulchaan mooraan Yuuniversitii hawaasaa guddichi gara uummata goruudhaan walitti bu’iinsi guddaan uumameen humna waraana mootummaa
wayyaaneen namootni 150 tahan kan toohataman yoo tahu, isaan kana keessaa yeroosuma namni 130 kan gadhiifaman yoo tahu namootni 20 mana murtiif akka dhiyaatan tahee akka jiru odeessaan Qeerroo ibsa. Suraan olitti jiru kan naannoo birooti.

Falmaan Barattoota Oromoo Itti Fufuun Yuuniverstiilee Hawaasaa fi Waldiyaa Keessaa Kanneen Baratan Gaaffii Migaa Kaasan.

Aside

diddaa9Mooraa Barnoota Yuuniversitii Hawaasatti,Odeessa Qeerroo Guraandhala 29,2015
Yuuniversitii Waldiyaa keessatti barattooti Oromoo baayinni isaanii 100 tahuun gaaffii mirgaa  Oromoo fi miidhaa barattoota irra jiru akkasumas horddoffii mootummaan dargaggoota Oromoo irratti taasisu sirrii akka hin taane kaasuun bulchitoota gaafataa jiru.

Mooraa guddicha Hawaasatti gaaffiin Guraandhala gaafa 24/2015, jechuun guyyaa muraasa dura barattota Civil Engineering  baratan guyyaa kana ganama sa’a 8:00 am irraa kaasanii gaaffiilee lama qonnaan bulaa irraa fudhatamuu fi hidhamuu barattootaa,addattis cunqursaalee Oromoo irra jiruu fi waayee maaster plaanii Finfinneen wal gaqabatee gaaffii warraaqsaa kaasanii turan itti fufaa hanga har’aa bulchitoota mooraa sanaan akka deebiin qulqullaawaa Oromoof deebi’u gaafachaa jiru. Itti fufuun sochiin barattootaa mooraa Yuuniversitii Hawaasatti daran jabaatee akka jiru tahuu odeessi Qeerroo addeessaa jira.

SBO Bitootessa 01 Bara 2015. Oduu, Ibsa Walgahii KHR – ABO, Gaaffii fi Deebii Jaal.Dhugaasaa Bakakkoo I/A H/D ABO, Gabaasa Oduu fi Gaaffii fi Deebii Sabboonaa Artist Bashannanaa Haayluu waliin.

Aside

Seife Nebelbal Radio, February 27, 2015

Aside

Sagalee QEERROO Bilisummaa Guraandhala 26, 2015

Aside