Breaking News : Bitootessa 1/2015 Goototni Dargaggootni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, Kolleejjii Barsiisota Jimmaa, Manneen Barnoota Sadarkaa 2ffaa Jimmaa fi Dargaggootni Oromoo Magaalaa Jimma FDG jabeessanii itti fufuu Muktar Kadirii fi Dammaqee Mokonni Of Irraa Arhian.

diddaa9Bitootessa 1/2015 Goototni Dargaggootni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, Kolleejjii Barsiisota Jimmaa, Manneen Barnoota Sadarkaa 2ffaa Jimmaa fi dargaggootni Oromoo Magaalaa Jimma FDG jabeessanii itti fufuun ergamoota Wayyaanee Muktar Kadiri fi Dammaqee Mokonnoon angawoota Wayyaanee olaanoo dura dhaabachuun dhaadannoo dheekkamsaan guutame dhageesisuun, Angoowwaan Wayyaanee EPRDF/TPLF Abbay Tsahayee yakkamaan akka Seeratti dhiyaatu gaafachuun FDG dhoosan.
Mootummaan abbaa irree Wayyaanee sochii Warraaqsaa gootonni dargaggootni qeerroon barattoonni Oromoo magaalaa Jimmaa keessatti guyyaa shanii oliif wallee warraaqsaan qabsiisaniin soda fi yaaddoo guddaa keessa seenuun aangawoota sirna EPRDF/TPLF Dammaqee Mokonnooni fi Muktaar Kadiri jedhaman waraana waliin ilmaan Oromoo sodachisuu fi ficcisiisuuf bobbasee ture, gootonni ilmaan Oromoo Warraqsa egalan daran jabeessuun FDG dhoosuun dura dhaabbatan. Ergamaan Wayyaanee
sochii warraaqsa dargaggoota barattoota Oromoo Moktaar Kadir dhabachuu dadhabuun baqatee kan sokke yoo ta’uu, ergamtichi Wayyaanee Dammaqee Mokonnoon jedhamu immoo bataluma FDG dhoofametti xiyyaraan baqatee magaalaa Jimmaa keessa ba’uun dhagaa’ame. Goototni dargaggootni Qeerroo barattootni ilmaan Oromoo dhugaan qabsoo finiinsan sochii Warraaqsaa FDG guyyoota shanii oliif Wallee Warraaqsaan eegalan jabeessuun guyyaa har’aa stadium guddaa Magaalaa
Jimmaa keessatti argamu keessatti bakka Waldorgommiin Ispoortii Oromiyaa inni dhumaa /xummuraa gaggeeffamaa jirutti walitti dhufuun FDG dhoosan, Dirreen Ispoortii gara dirree FDG fi falmii mirga abbaa Biyyummatti jijjirame.
Goototni daraggootni barattootni Oromoo lafa waraannii wayyaanee
kumootan lakka’amu jiruu fi humnootni tikaa angawoota wayyaanee waliin
hiriiranii jiranitti dhaadannoo armaan gadii dhageesisan:
1. Abbay Tsahayee seeratti dhiyaachuun yakka duguginsa sanyii uummata
keenyarratti rawwacha jiruuf itti gaafatamuu qaba.
2. Abbay Tsahayee aangoo gadhiisuu qaba!!
3. Abbummaan lafaa uummata keenyaaf haa mirkanaa’u!!
4. Mirgi bilisummaa uummata Oromoo fi saboota cunqurfamoof kabajamuu qaba!!
5. Mirgi abbaa biyyummaa keenyaa nuuf haa mirkanaa’u!!
6. Ofiin buluu qabna halagaan nu hin bulchu.
7. Mirgii dimookiraasii fi namummaa kabajamuu qaba.
8. Nuti dimookiraasii barbaanna!!
9. Mirgi abbaa biyyuummaa, eenyummaa fi Oromummaa keenyaa nuuf kabajamuu qaba!!
10. Biyya dimookiraasiin hin jirree keessatti filannoo dimookitawaa
gaggeessuun hin danda’amu !!
11. Filannoon sobaa fi fakkeessa dhaabbachuu qaba!!
12. Muktaar kadir Oromoo bulchuu hin qabu!, uummata keenya arrabsiisaa
fi tuffachiisa jira.
13. Master planiin Finfinfee dhaabbachuu qaba!!
14. Gaffii mirgaa waan gaafatneef mootumman hidhaa julmaa,ajjeechaa,
fi hidhaa nurratti rawwate seeratti dhiyaachuu qaba
15. Yakka Oromiyaa keessatti U/Oromoo irratti gaggeefamaa jiruuf
Abbay Tsahayyee, Muktar Kadir, Dammaqee Mokonnoon, itti gaafatamuu
qabu!!
16. Hidhamtootni siyaasaa ilmaan Oromoo hundi halduree tokko malee
hiikamuu qabu!!
17. Nuti bilisummaa barbadna!! Oromiyaan bilisoomuu qabdi, jechuun dhaadannoowwaan dheekkamsaan guutamee afaan ingiliffaa fi afaan
Oromoon wal harkaa fudhuun dhageesisaan. Wallee Warraaqsaan qabsoo bilisummaa Oromoo ABO ‘n durfamuu fi hogganoota qabasoo bilisummaa Oromoo faarsan. Sochii warraqsa FDG kanaan wal qabatee goototni barattootni dargaggootni barattootni Oromoo 10 olitti tilmaamaman humna waraana wayyaanee Muktar Kadirii fi dammaqee Mokonnoon eeguuf bobbafameen ukkanfaman, maqaa adda baasuun gabaasna. Poolisootni Oromiyaa fi dhalootaan Oromoo ta’an tarkaanfii diinummaa fudhachuu irraa of qusachuun uummataan jalatamaa fi kabajamaa jiraachuun hubatame. hoggantootni Sochii warraqsaas poolisoota ilmaan Oromoo tarkaanfii gara jabeenyaa fi diinummaa irraa of qusachuu poolisota Oromiyaatti hedduu isaan galateeffate, biyyi kun yoo bilisoomte isin illee walumaan bilisoomtu, uummata keessaniif dhaabbadha dhaamsa jedhus dabarseefi jira.
Goototni hayyoonni hagganoonni Sochii Warraqsaa FDG fi qabsoo bilisummaa Oromoo karaa nagaa warraqsa FDG biyya keessatti qabsiisuun qabsoo finiinsa jiran ammas irra deebi’uun uummata Oromoo hundaaf waamicha FDG gadi jabeessuun dabarsuu itti fufuun ” Yaa ilmaan Oromoo waanjoo gabrummaa baatnee taa’uu hin qabnu bakka jirruu hundaa quba walqabaachuun tokkummaan kaanee biyyaa keenyaaf, mirga uummata keenyaaf, Oromummaa keenyaaf, bilisummaa keenyaaf, lafa Oromoo saamamaa jiruuf, ilma Oromoo ajjeefamaa, hidhamaa jiruuf, barnootarraa arii’amaa jiruuf, eenyummaa keenyaaf yeroon gamtaan kaanee falmannu amma.

5 responses

  1. Pingback: The Oromians Protest Ethiopia’s Tyrannic Rules, Its Land Grabs And The New Master Plan Of Ethnic Cleansing Against The Indigenous Oromo People In The Name of Development Expansion Of Finfinnee (Addis Ababa) | OromianEconomist

  2. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune QEERROO: Bitootessa 1/2015 Goototni Dargaggootni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, Kolleejjii Barsiisota Jimmaa, Manneen Barnoota Sadarkaa 2ffaa Jimmaa fi Dargaggootni Oromoo Magaalaa Jimma FDG Jabeessanii Itti

  3. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune QEERROO: Bitootessa 1/2015 Goototni Dargaggootni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, Kolleejjii Barsiisota Jimmaa, Manneen Barnoota Sadarkaa 2ffaa Jimmaa fi Dargaggootni Oromoo Magaalaa Jimma FDG Jabeessanii Itti

  4. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune QEERROO: Bitootessa 1/2015 Goototni Dargaggootni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, Kolleejjii Barsiisota Jimmaa, Manneen Barnoota Sadarkaa 2ffaa Jimmaa fi Dargaggootni Oromoo Magaalaa Jimma FDG Jabeessanii Itti

  5. Pingback: The Oromians Protest Ethiopia’s Tyrannic Rules, Its Land Grabs And The New Master Plan Of Ethnic Cleansing Against The Indigenous Oromo People In The Name of Development Expansion Of Finfinnee (Addis Ababa) | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: