Mootummaan Wayyaanee Olola Siyaasaaf Jecha Baadiyaalee Oromiyaa Keessaa Shamarran Ykn Haadhotii Leenjii Guyyaa Sadii Kennuuf Adaamaa Keessatti Walitti Qabaa Jira.

Aside

Gabaasa Qeerroo Adaamaa Bitootessa 3,2015

ShamarranHar’a Bitootessa 3,2015 irraa kaasee Mootummaan Wayyaanee karoora Shamarran haadhoolii godinoota Oromiyaa gandoota adda addaa irraa walitti qabuun Adaamaa galma abbaa gadaa keessatti maqaa leenjii Shamarranii jedhuun Bitootessa 3,2015 walitti qabaa jira.

Akka gabaasi Qeerroo Adaamaa irraa addeessutti ergamtooti Wayyaanee OPDO gariin kan durfamu leenjiin kun kan kaayyeffatee ka’ee fi qabxiileen marii dhihaatee jiru:-

  1. Bakki hundeeffama dhaaba OPDO dirree darraa otoo hin taane dirree Adeet ta’uu
  2. Filmaata bara kanaa gufuu tokko malee mo’achuu akka qabamuuf qoodi shamarran kennan guuddaa ta’uu.
  3. Waayee Master Plan Finfinnee fi gaaffii lafaa qotee bulaan kaasu seeraan waan isa gaafachiisuuf shamarran qonnaan bultoota akka gorsan.
  4. Magaalaa fi Baadiyyaa keessatti dargaggoonni Oromoo mootummaaf waan hin abboomamneef harmootiin ykn shamarran dargaggoota Oromoo akka gorsanii fi mootummaa irratti kaka’uu irraa akka dhaaban.

Leenjiin Haadhotii ykn Shammaranii kun Adaamaa galma Abbaa Gadaa keessatti  guyyaa sadiif kan turu ta’uu gabaasi Qeerroo addeessa.

Bakka walgahii kanaatti ulaagaan shamarran baadiyyaa irraa gara leejichaa dhufan kan uffachuu qaban keessaa T-shirti mallattoo kanniisaa qabu ta’uu qaba. Kunis hirmaattota walgahichaaf raabsamee jira.

Orom Sha

Gaaffiin Abbaa Biyyummaa Barattooti Oromoo Kaasan Jaabaachuu Irraa Guyyaa Har’aa Moraan Yuuniverstii Wallaggaa Waraana Wayyaaneen Marfamee Oole.

Aside

Bitootessa 3,2015 Naqamte

diddaa9Guyyaa har’aa Bitootessa 3,2015 mooraan Yuuniversitii Wallaggaa humna waraana Wayyaaneen naanneffamee eegamaa jira. Barattooti mooraa keessaa bahuu fi galuu hin dandayan

Gabaasi Qeerroo akka addeessutti gaaffiin mirgaa barattooti Oromoo gaafatan jabaatee itti fufuun ammaan dura mooraa Yuuniversitii Wallaggaa keessaa badii tokkoon malee qabamanii barattooti hidhaman haal duree tokko malee akka hiikaman gamtaan ka’uun gaaffii dhiheessan. Gaaffii barattooti gaafatan kanaan wal qabatee mootummaan Wayyaanee battalatti waraana gara moorichaatti erguun mooraan marfamee oole.

Akkasuma sodaa fi shakkii kanaan seensa Yuuniversitii Finfinnee, Haromayyaa fi Bulee Horaa irratti balbala irratti sakatta’iinsi guddaan gaggeeffamaa akka jiru  gabaasi  Qeerroo addeessa. Odeessa hubatamu irraa kanaan dura kan tahee hin argamne,
sakatta’iinsi barattootaa gaggeeffamaa jiru moorawwan Yuuniversitii kanatti sodaan guddaan akka jiru tahuu kan ibsuudha jedhu Qeerroon. Odeessi itti fufee dhiyaata!

Barattoota Sabboontota Oromoo Wareegamaniif Yaadannoo Taasisuuf Manneen Barnootaa Godina Lixa Shaggar Heddumminaan Har’a Cufaatti Oole.‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Qeerroo Magaala Amboo

Geedoo fi tokkee kuttaayyeeBitootessa 3/2015 Lixa Shaggar irratti barattootni guyyaa har’aa jechuun Bitootessa 3/2015 barattoota waggaa darbee wareegamaniif yaadannoo taasisuuf manni barumsaa akka cufamuu fi barataan kamiyyuu mana barumsaa akka hin deemne kaleessa irraa kaasuun ergaa waliif dabarsuudhaan waamicha taasisanii jiru, haaluma kanaan guyyaa har’aa barattootni mana barumsaa Calliyaa,Geedoo,Miidaqany, Amboo,Gudar, Tokkee Kuttaayee fi kkf guutummaan guututti manni barumsaa cufaatti oolee jira,

Kana malees waraqaalee warraaqsaa hedduunis halkan edaa kan bittimfame waraqaalee balaliituun magaalaa Amboo fi naannoo Yuuniversitiitti bittimfamee kan bule tika mootummaa Wayyaaneen naasuu guddaa keessa seenuudhan, ganamaan ka’anii
funaanuun dhagayamaa jira. kanumaan wal qabsiisuun barattootni naannoo jiranitti walitti dhufuudhaanis yaadannoo barattoota waggaa darbe wareegamaniif taasisaniin hucuu gaddaa uffachuudhaan, gumaan obboloota ilmaan Oromoo wareegaman keessattuu dhimma naannowaa Finfinneef mootummaa Wayyaaneen galaafatamaniif wareegamni isaanii bilisummaan deebi’uu  qaba jechuudhaan dhaadannoo fi ergaa waliif dabarsaa akka jiran Qeerroon gabaasa.

SBO Bitootessa 04 Bara 2015. Oduu, Gaaffii fi Deebii Jaal Dhugaasaa Bakakkoo I/A H/D ABO fi Marii ‘PALTALK’ dhimma SBO jabeessuurratti fuuleffatee gaggeeffame ilaalchisee yaada Jaal Saamiyaa Usmaan

Aside

Botootessa 2,2015 Dargaggooti Oromoo Gartuun Bilisummaa Oromiyaa Qeerroo Bilisummaaf Riyaala 10,000 (Kuma Kudhan) Gumaachuu Isaani Beeksisan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Bitootessa 3,2015

Dargaggoonni Oromoo maqaa garee Dargaggoota Bilisummaa Oromiyaa, Hoggansa Dargaggoo Ahmad Mahammad Bosoona Baalee fi Shamarree  Hawwii Fira’oliin sosso’an Qeerroo Bilisummaa Oromoof gumaacha taasisan.

Dargaggooti Oromoo gareen Bilisummaa Oromoo kun Bitootessa 2,2015 Walitti dhfuun Riyaala 10,00(Kuma Kudhan) akka tinnisa Qeerroo Bilsummaa Oromoof oolu galii taasisanii jiru. Gumaachi kunis hamma galii bilisummaatti akka itti fufan beeksisan.

Gutummaa qophii kanaa video gabaabaa kana irra jira.

Warraaqsa Bilisummaa Bitootessa 2,2015 Jimma Keessatti Itti Fufeen Wal Qabatee Barattooti Oromoo Nagaa 10 Loltoota Wayyaaneen Butamuun Beekame.

Aside

Bitootessa 2,2015 Jimmaa

Because I am OromoWarraaqsa Bilisummaa gootonni Qeerroon Yuniversitii Jimmaa fi Kolleejjii barsiisota Jimmaa akkasumas dargaggoonni Oromoo magaalaa gaafa Bitootessa 2,2015 Kaasaniin wal qabatee barattooti Oromoo nagaan 10 loltoota Wayyaaneen butamanii hidhamuu Qeerroon godina Jimmaa beeksise.

Gaaffii mirgaa dargaggoonni Oromoo kaasaniin wal qabatee  ergamtoota Wayyaanee
EPRDF/TPLF sochii Qeerroo barattoota Oromoo dura dhaabbachuuf bobbafaman Muktar Kadirii fi Dammaqee Mokonnoon irratti mormii jabaan qabsiifameen wal qabatee Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii akka doorsifamaniif jecha humna waraanaa bobbaasuun namoota nagaa 10 gara mana hidhaatti geeffamanii jiru.

Goototni dargaggootni Qeerroon barattootni Oromoo hidhaan, ajjeechaan, daraara fi barnoota irraa arii’atamuun kabaja eenyummaa keenya, Oromummaa keenyaa, fi mirga abbaa biyyummaa keenyaaf qabasoo warraaqsa FDG karaa nagaa eegalle takka dhaabuu hin danda’u, nutis dargaggoonni Oromoo eenyummaa fi Oromummaa sarbamnee, Oromoo qe’ee fi qabeenyaa irraa arii’atamaa fi buqqifama jiruu onnee ittin teenyee dhaggeffatnu hin qabnu.

Dhiyeenya kana Angawaan olaanaa Wayyaanee EPRDF/TPLF uummata Oromoo arrabsuu, doorsisuu , tuffachuu fi waraana duguggaa sanyiin wal madaalu nurratti labsee jira. Nuti wareegama qaalii kanfaluun mirga uummata keenyaa akka kabachiifnuuf nu dirqee jira. Haaluma kanaan warraqsaa FDG ergamtoota wayyaanee Muktar Kadirii fi Dammaqee Mokonnoon kenneen jedhaman irratti FDG kaachisuun, gaaffii mirga abbaa biyyummaa finiinsuuf akkuma murteeffanneen dhaadannoo Muktar Kadir Oromiyaa saamsisaa jira, Oromoo Arrabsiisa jira, uummata Oromoo irratti genocide labsisiisa jira, seeraatti dhiyaachuu qaba Oromoo bulchuu hin qabu, Angoo gadhiisuu qaba, abbay
Tsahayee angawaan wayyaanee yakkamaadha Angoo gadhiisuu qaba, yakka duguggaa sanyii Uummata Oromoo irratti rawwachaa jiruuf itti gaafatamuu qaba, filmaanni sobaa dhabbachuu qaba nuti dimookiraasii barbaadna, mirgi dimookiraasii fi namummaa nuuf kabajamuu qabu jechuun dhaadannoo angawoota Wayyaanee irratti dhageesisuun walqabatee barattootni Oromoo nagaan 10n olitti lakka’aman wajjira Poolisii
Magaalaa Jimma Alaazer jedhamuun beekamutti hidhatti darbatamani jiru, kanneen keessa kan maqaan isanii adda baafanne.
1. Barataa Guddisaa Amsaluu barataa mummee Afaan Oromoo Folkolorii waggaa 2ffaa
2. Barataa Dajenee Gonfaa barataa mummee Afaan Oromoo Folkolorii waggaa 2ffaa
3. Barataa adam Muktaar barataa muummee seeraa waggaa 2ffaa
4. Barataa sisaayi Kabbadaa barataa Muummee seeraa waggaa 2ffaa
5. Barataa Sisaayi muummee geography waggaa 2ffaa
6. Barataa Musxafaa Idettoo mummee Biomedical Engineering waggaa 4ffaa
kanneen keessatti argaman barattootni Oromoo 10’n badii tokko malee yakka duguginsa sanyii uummata Oromoo irratti fudhatamaa jiruu fi haala qabinsa mirga namummaa fi dimookiraasii uummata Oromoo irratti ukkamsaa jiruu waan balaaleffataniif hidhatti darbatamanii jiraachuun mirkana’era. Adeemsi hidhaa ajjeechaa fi barnoota irraa ilmaan Oromoo arii’uun ilmaan Oromoo hunda gara qabsoo bilisummatti kan bobbaasuu
malee duubatti kan hin deebifne ta’uun mirkanaa’aa jira. Ilmaan Oromoo kunneen atattamaan akka hiikaman guyyaa har’aa dargaggootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Wajjira poolisii magaalaa Jimmaa Alaazeritti argamu adeemuun gaafatan.

ስንብት – ለኢትዮጵያና ኢትዮጵያዊነት!

Aside

ጂቱ ለሚ

የካቲት 15 ቀን 2015ዓም

barruuያ ሰዉ በጣም ደስተኛ ነበር። ዛሬም ብዙዎች በየቀኑና በየቦታው 26ቱን ማይልስ በመሮጥ የዚያን ሰዉ ደስታ ያስቡታል። ሆኖም ግን ስንቶች የዚህን ታሪካዊ ክስተት ትርጓሜና አመጣጥ በዉል እንደሚገነዘቡ መገመቱ ያስቸግር ይሆናል። ያ ሰዉ ግን ስለምን እንደዚያ እንደሚሮጥ በሚገባ ያዉቀዉ ነበር። ምክንያቱም በጦርነት የታዳከመ ሰዉነቱ ሳይዝል 26ቱን ማይልስ በብቃት ሮጦ እጅግ ታላቅ  የድል ዜናን ለወገኖቹ ካደረሰ በኋለ እስከ ወዲያኛዉ ኣርፈዋልና!

ዘመኑ ከክርስቶስ ልደት በፊት 490 ነዉ። ከታላቁ የፐርሽያ (Persian) ኢምፓየር ታላቅና ኃያል ሠራዊት ተንቀሳቀሰ። በግዝፈቱም፣ በታጠቀዉ መሣሪያ ዘመናዊነትና በስልጠናዉ ደረጃም የዘመኑ ዓለም ከደረሰበት ዝማኔ በላይ በእጅጉ የረቀቀ ነዉ። በዚህ ላይ ደግሞ ሽንፈትን የማያዉቅ የደረሰበትን ሁሉ ጠራርጎ የሚሄድ “የንጉሦች ንጉስ ፣ የጌቶቹ ጌታ” የተባለለት የታላቁ ንጉስ ዳሪዮስ ጦር ነዉ። እናም የቀደመ የድል ታሪኩን እያስታወሰ ታላቅነቱን እያሰበ በኩራት ተንቀሳቅሷል። ዓላማዉ ደግሞ ከወዲያ ያለዉን ሉዓላዊ መሬት በሃይል ጨፍልቆ መያዝ ነዉ። ይህ ለንጉሡ ጦር ቀላልና ተራ  ነገር ነው። እናም ለዉጊያ ስልት የመረጠዉን ረባዳዉን የመራቶን ሜዳ በቅድሚያ ተቆጣጥሮ ህልሙ የሆነችው የአቴንስ ከተማ ላይ ሆነዋል።

ከወዲያኛዉ ግንባር ደግሞ በዚህ ግዙፍ ኃይል እምብዛም ግምት ያልተሰጠዉና ግዛቱን ላለማስነጠቅ ብቻ በኣራት እጥፍ የሚበልጠውን ታላቁን ጦር የተጋፈጠ የግርክ ሠራዊት ግንባር ግንባር መፋጠጥ ይዘዋል። እንዳለመታደል ሆኖ ለክፉ ቀን ተስፋ የተጣለባቸዉ የጎረቤት እስፓርታ ሰዎች እንኳ ሀይማኖታዊ በዓላቸዉን እያከበሩ ስለሆነ ሙሉ ጨረቃ በሰማይ ላይ እስከምትታይ ድረስ ወደ ጦር እንደማይገቡ ምላሽ ሰጥተዋል። እናም የቱን ያህል ከባድ ቢመስልም የአቴንስ ሰዎች ሀገራቸዉን የመከላከሉን ግዴታ ብቻቸዉን ሊሞክሩት ነዉ። ፍጥጫዉ ለዘጠኝ ቀናት ዘልቋል።

Good bye Empire – Jiituu

Appeal Letter of Oromo Students of Jimma University

Aside

logo

Appeal Letter of Oromo Students of Jimma University

To: The Administration of Jimma University

Jimma

March 2, 2015

We, the Oromo students of Jimma University, are deeply disturbed by the multifaceted repression, subjugation, political marginalization, economic exploitation, and mass and indiscriminate killings that the Oromo people are subjected to by the current TPLF/EPRDF government and profoundly distressed by the endless insults, harassment and humiliations we are facing from the remnants of the old and neo-nafxanyas (gun carriers who settled on our land by force) here in our university and in the Ethiopian empire at large. To add insult to our injury, Abay Tsehaye, one of the prominent leaders of the Ethiopian regime and one of the founders of the Tigrean People Liberation Front (TPLF), has demonstrated his contempt of the Oromo people by his current provocative and inflammatory remark. It has been exposed on several independent media outlets that Abay Tsehaye arrogantly stated that, the so called Addis Ababa Master Plan, which was met with fierce opposition from the Oromo public,  “will be realized whether you like it or not” and bragged that anyone who opposes the Master Plan “will face severe punishment”. Basically, this Tigrean chief, who is currently serving as the “advisor” of the TPLF-led government, undermining the power of the people, arrogantly stated that the Oromo people have no right to oppose the evil plan that the Tigrean led Ethiopian regime has put forward.

Abay Tsehaye’s contemptuous and disrespectful remark is a clear testimony of the attitude of the entire TPLF gang who has been using the so called OPDO “Oromo organization” as a tool to subjugate the Oromo nation and not in any measure an equal partner in the EPRDF coalition as they try to mislead the public. We consider his disdainful and condescending remark as remorseless and callous act of ridiculing of the blood and graves of our fallen brothers and sisters who he and his cohorts have murdered in broad day light for no crime other than showing opposition to this so called “Master Plan” they have designed in order to loot Oromo land and subjugate the great Oromo nation. Read More:-

Appeal of Oromo Students of Jimma University March 2 2015 (1)

Iyyatnoo Barattoota Oromoo Yuni Jimmaa Bitootessa 02 2015     

BISHAAN KEESSA DHAABBATANII DHEEBOCHUUN QAANIIDHA ?

Aside

SEENAA Y.G(2005) | Bitootessa 1, 2015

Ummati Oromoo biyya keessaa fi alatti sagalee tokkon, diina balaaleffachaa fi falmachaa jiraachuun diina rifaasisun mamii hin qabu. Diinni yeroo dheeraaf mooraa qabsoo Oromoo diigee, umurii bittaa isaa dheereffachuuf ifaajjiin taasisie fashalee, qabsaa’oonni bakka maraa yoo xiqqaate dhimma ummata isaa fi Oromiyaa irratti wal dhaga’uu eegaluu fi tokkummaa qabatamaatti tarkaanfachaa jiraachuun, ammas diina irratti shororkaa jabaa uumuun shakkii hin qabu. Diinni gaaffii Abbaa Biyyummaa Oromoo gara dabarsuuf, addunyaa irrattillee fudhatama dhabsiisuuf, Qabsoo isaas Biyya keessaa baasanii , Ummata isaaniif jilbeenfatu qofaa ummachuuf shirri hammeenyaan guutame fashalee, Biyyuma keessaa falmaa cimaan isaan mudachuun, wayyaanoota irriiba dhawwuu irra dabree, Anga’oonni waltajjii irratti bookkisaa arraba darbaa dubbachuutti ceesisuun haqadha. Wayyaaneen akka saree maraattee sagal ciniinaa fi doorsiisaa kan jirtuuf, sochiin Biyya keessaa fi alatti jiru itti jabaachuu irraa malee, qabsoo ofii akka nuuti tuffannee qeeqa irratti baayyisaa jirrun akka hin taane ifadha.

BISHAAN KEESSA DHAABBATANII DHEEBOCHUUN, QAANIIDHA !!!!.docx

Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo Qophii Bitootessa 1, 2015

Aside