Konfaransiin Maree Imaammata ABO Guyyaa 3ffaaf Itti Fufeera. Waxabajjii 5, 2018.

Aside

Konfaransiin maree imaammata ABO gaafa Waxabajjii 3, 2018 magaalaa Asmaraa keessatti eegalamee ture guyyaa sadaffaaf itti fufee akka jiru gabaasaan ONN galma walgahiichaa keessaa nuu ergeen addeesseera.
Akka gabaasa kanaatti gaafa Waxabajjii 3, 2018 waaree dura imaammanni dinagdee Oromiyaa maal akka ta’uu qabu qorannoo ogeeyyota dinagdeetiin qophaa’ee ture dhihaatee mareen bal’aan hirmaattota Konfaransiichaatiin kan taasifamaa oole yammuu ta’u, waaree booda ammoo imaammanni barnoota Oromiyaa ogeeyyota barnootaatiin dhihaatee mareen bal’aan taasifameera.
Akkasumas gaafa Waxabajjii 4, 2018 waaree dura qorannoon imaammata qabeenyaa uumamaa fi qonnaa ogeeyyotaan erga dhihaatee booda mareen bal’aan kan taasifamee ture yammuu ta’u, waaree booda ammoo qorannoon imaammata fayyaa hawaasaa ogeeyyotaan dhihaate mareen bal’aan taasifameera.
Guyyaa har’aa jechuun Waxabajjii 5, 2018 waaree dura qorannoon dhimmaa caasaa mootummaa ilaalchisee ogeeyyotaan dhihaatee mareen geggeeffamaa kan jiru yammuu ta’u, waaree boodas maree banaa waliigalaatiin kan itti fufu ta’uun barameera.
Ogeeyyonni imaammatoota kana qorannoo waggaa tokkoof deemsisaa turan irratti hundaa’anii dhiheessan kunniin hundi mareen kun erga xumuramee booda qaranii fi wayyeessanii kan dhiheessan yammuu ta’u, konfaransii kana booda Walgahii idilee Shanee Gumii ABO irratti dhihaatee erga wayyeeffamee qaramee booda Shanee Gumii ABO tiin raggaasifamee, imaammata mootummaa TPLF/EPRDF booda, mootummaa hundeeffamuu malu keessatti ABOn hordofu malu ta’a jedhamee eegama.

Image may contain: one or more people, people sitting and indoor

ONN:Oduu Olmaa Oromiyaa.Waxabajjii 4/2018

Aside

Magaalaa Shaambuu Keessatti Ibsaan Uummatarraa Cituun Walqabatee Hiriirri Mormii Gaggeeffame

Aside

[SQ, Waxabajji 5,2018]  (Shaambuu) Guyyaa (7) toorbaan tokkoof magaalaa Shaambuu irraa ibsaa balleessuun uummata Shaambuu dararaa kan turte wayyaaneen; Kaleessa galgala waxabajji 4,2018 (27/9/2010) sa’a 7:00WB (1:00) irraa egalee mormiin qeerroo fi uummata magaalichaan bifa qindaa’een gaggeeffamuun gabaafame. Hiriirri mormii kun qaama poolisii fi waajjiraalee kanneen akka waajjira Ibsaafi bulchiinsa magaalaarratti tarkaanfii eegalameen sa’a 1:50WBtti ibsaan gadhiifameera. Qeerroon magaala Shaambuus tarkaanfii sirreessaa fudhatetti milk’aauu irraa dhiichisaa, OPDOn ammoo uummata kan darartu itti yaaddeeti ta’uu Ummanni Oromoo jabeessee akka hubatu ibsaa dhaamsuun torbaan tokkoo oliif dararaan Ummata Magaa Shaambuu irra gahe raga guddaa ta’uu ibsuun afaan mi’aahaa garee Lammaa Magarsaa fi Dr Abiyyiif Ummanni keenya moofkamuu akka hin qabnee fi qabsoo isaa jabeessee akka itti fufu Qeerroon naannichaa dhaamuu maddi Qeerroo Bilisummaa Oromoo Shaambuu irraa gabaaseera.

Agaaziin Ummata Oromoo ajjeessuu jabeessitee itti fufte

Aside

[SQ, Waxabajji 4,2018] Lola guyyaa har’aa godina Gujii Lixaa bakka Hedeerraa jadhamutti gaggeeffameen agaaziin nama 5 galaafattee jiraachuu Qeerroon Bilisummaa Oromoo gabaase. Akka gabaasaan keenya jedhetti manneen barnootaa 3 waraana agaaziin gubatanii jiru. Lollis ammayyuu hammaatee itti fufee jiraachuu gabaafame.

Mootunmaa aannoo Oromiyaati kan ofiin jedhu gareen Ob. Lammaa Magarsaa fa’aa aantummaa Ummata Oromoo yoo dhugumaan qabaatan Uummata nagaa irratti ajjeechaa gaggeeffamaa jiruuf ittisa gochuun qabuuyyu. Garuu waltajjii qabatanii dhaadachuu fi haasaa mimmi’aahaa haasa’uun ummata bakka bu’uu akka hin taane ummatni keenya hubatee lola itti baname tokkummaan ka’ee ofirraa qolachuu akka qabu Ummanni Oromoo godina Gujii Lixaa jabeessanii dhaamaa jiru. Lola adeemaa jiru ilaalchisee odeessa dabalataa hordofnee Ummata keenya ni geenya jechuun maddi Qeerroo Bilisummaa Oromoo gabaaseera.

Begiitti walitti bu’iinsa Uumata Benishaangul Gimuzii fi Ummata Oromoo jedduutti ta’een lubbuun namaa darbeera.

Aside

[SQ, Waxabajji 4,2018] Ummata Oromoo fi saboota Ollaa walitti buusuun umurii bittaa ishii dheereffachuuf imaammata dhaabbataa kan godhataa jirtu Mootummaan Wayyaane guyyaa har’aa Ummata oromoo fi Ummata Beenshaanguli walitti buusuun miidhaan guddaan Ummata Oromoo irra gahuun madden Qeerroo Bilisummaa oromoo gabaasan.

 

Haaluma kanaan ganama har’a Begiitti walitti bu’iinsa Uumata Benishaangul Gimuzii fi Ummata Oromoo godduutti ta’een manneen Oromoo shantamaa (50) Ol gubachuu fi namni Ashee Hasan Ahemad jedhamu wareegamuu namoonni afur ammo miidhaan guddaan irra gaheera. Namoonni arfan haala hammaataan miidhaan irra gahee hoospitaala Begiitti yaalamaa jiraachuu maddi Qeerroo Bilisummaa Oromoo naannichaa gabaaseera.

Warri Saamicha Lafaa gaggeessaa turan hojii irraa hari’amannii seeraan akka gaafataman gaafatame

Aside

Waxabajjii 3/2018 , Bishooftuu:

Rakkoo saamichaa lafaa Magaalaa Bishooftuu keessaatti babaldhachuu waliin walqabatee uummatni Oromoo Magaalaa bishooftuufi naannawaa ishee jiraatu abbaan qe’ee qe’ee isaatti gidirfamaa jiraachuu irraa mormiin guddaan akka adeemaa ture beekamadha. Kanuma waliin wal qabatee guyyaa har’aa walgayiin muddituun tokko magaalaa Bishooftuu keessatti gaggeeffama jira. Walga’ii kana irraatti Abbaan Gadaa kan argame yoo ta’uu walgayii kana irraatti :
Warri saammicha lafaa gaggeessa turaan hojii irraa kaafamuun lafa saamaniifi saamsisaan uummataaf akka deebi’uufi ofii immoo seeraan akka itta gaafataman murtiin dabarfamee jiraachuu Qeerroon Magaalaa Bishooftuurraa gabaase.

Image may contain: one or more people, crowd, tree and outdoorImage may contain: one or more people, people standing and outdoor

Qophii Gaaddisa Dhugaa, Wax. 03/2018

Aside

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ona Jaarsoo haala yeroo irratti mari’atan

Aside

[SQ,Waxabajji 4,2018]
Haala yeroo irratti Lixa Oromiyaa Wallaggaa ona Jaarsoo keessatti haala yeroo irratti Qeerroo Bilisummaa Oromoo marii taasifachuun irbuu jaallummaas haaronfatanii jiran.

Image may contain: one or more people and people sitting

Oduu Ammee/Breaking News;-Konfirensiin kufaatii sirna cunqursaa Abbaa-irree Wayyaanee/EPRDF booda haalli Siyaasaa Dinagdee fi Hawaasummaa Oromiyaa fi kan waliigala Impaayera Itoophiyaa maal fakkaachuu qabu irratti mariisisu eegale

Aside

 

(SBO/VOL – Waxabajjii 03,2018) Hayyootaa fi Beektota Oromoo moyxannoo fi oggummaa gara garaa qaban hedduu fi Hoogganoota Adda Bilisummaa Oromoo bakka tokkotti fiduudhaan kan mariisisu Konfiransiin tokko guyyaa har’aa (Waxabajjii 03, 2018) teessoo Waajjira Hayyu-Duree Adda Bilisummaa Oromootti jalqabamuu isaa Sagaleen Bilisummaa Oromoo fi TV Gaaddisa Dhugaa gammachuudhaan dhaggeeffattootaa fi daaw’attoota keenya beeksisna.

Konfirensiin kun kufaatii sirna cunqursaa Abbaa-irree Wayyaanee/EPRDF booda haalli Siyaasaa Dinagdee fi Hawaasummaa Oromiyaa fi kan waliigala Impaayera Itoophiyaa maal fakkaachuu akka qabuu fi maal maaltu godhamuu/guutamuu akka qaban kanneen akeekan dhimmoota Imaammataa jajjaboo tahan irratti mariin bal’aa fi bilchaataan kan itti geggeeffamu taha.

Xumura Konfirensii kanaa boodas Shaneen Gumii Adda Bilisummaa Oromoo Walgahii isaa Dhaabbataa geggeeffatee dhimmoota Dhaabaa fi kan Waliigala Qabsoo Bilisummaa Oromoo ilaalchisuun murtiilee fi tarkaanfilee barbaachisoo tahan ni fudhata jedhamee eegama.

Sagaleen Bilisummaa Oromoo fi TVn Gaaddisa Dhugaa dhimma kana jala bu’uudhaan yeroo yeroodhaan kan gabaasu tahuu irra deebinee dhaggeeffattoota, daaw’attootaa fi dubbistoota keenya beeksisna.

No automatic alt text available.No automatic alt text available.Image may contain: one or more people, people sitting, table and indoor
27 mins · Public

Breaking News: A Major Policy Consultation Conference Begun, Asmara, Eritrea,

Aside

(SBO/VOL, June 3, 2018). “Voice of Oromo Liberation” and “Gaaddisa Dhugaa TV” Happily announce to our readers, listeners, and our viewers that a Policy Consultation Conference which brought together several Oromo scholars of various expertise knowledge and experience and the OLF leaders at various capacities has began today, June 3, 2018 in the office of the Chairman of OLF, in the Capital of Eritrea, Asmara.

The objective of this conference is to examine what the post TPLF/EPRDF political, economic and social policies of Oromia and the Ethiopian Empire at large should be and to thoroughly discuss and debate on major policy matters and devise the best recommendations.

At the end of this conference, the Executive Committee of OLF is expected to hold its regular meeting and make decisions on organizational matters and on matters pertaining the struggle of the Oromo people for democracy, justice, and freedom and is expected to devise actions that need to be taken to implement those decisions.

“Voice of Oromo Liberation” and “Gaaddisa Dhugaa TV” would happily announce to our readers, listeners, and viewers that we will follow and report the developments and the outcome of this conference from the Conference venue.

No automatic alt text available.Image may contain: one or more people, people sitting, table and indoor