Konfaransiin Maree Imaammata ABO Guyyaa 3ffaaf Itti Fufeera. Waxabajjii 5, 2018.

Konfaransiin maree imaammata ABO gaafa Waxabajjii 3, 2018 magaalaa Asmaraa keessatti eegalamee ture guyyaa sadaffaaf itti fufee akka jiru gabaasaan ONN galma walgahiichaa keessaa nuu ergeen addeesseera.
Akka gabaasa kanaatti gaafa Waxabajjii 3, 2018 waaree dura imaammanni dinagdee Oromiyaa maal akka ta’uu qabu qorannoo ogeeyyota dinagdeetiin qophaa’ee ture dhihaatee mareen bal’aan hirmaattota Konfaransiichaatiin kan taasifamaa oole yammuu ta’u, waaree booda ammoo imaammanni barnoota Oromiyaa ogeeyyota barnootaatiin dhihaatee mareen bal’aan taasifameera.
Akkasumas gaafa Waxabajjii 4, 2018 waaree dura qorannoon imaammata qabeenyaa uumamaa fi qonnaa ogeeyyotaan erga dhihaatee booda mareen bal’aan kan taasifamee ture yammuu ta’u, waaree booda ammoo qorannoon imaammata fayyaa hawaasaa ogeeyyotaan dhihaate mareen bal’aan taasifameera.
Guyyaa har’aa jechuun Waxabajjii 5, 2018 waaree dura qorannoon dhimmaa caasaa mootummaa ilaalchisee ogeeyyotaan dhihaatee mareen geggeeffamaa kan jiru yammuu ta’u, waaree boodas maree banaa waliigalaatiin kan itti fufu ta’uun barameera.
Ogeeyyonni imaammatoota kana qorannoo waggaa tokkoof deemsisaa turan irratti hundaa’anii dhiheessan kunniin hundi mareen kun erga xumuramee booda qaranii fi wayyeessanii kan dhiheessan yammuu ta’u, konfaransii kana booda Walgahii idilee Shanee Gumii ABO irratti dhihaatee erga wayyeeffamee qaramee booda Shanee Gumii ABO tiin raggaasifamee, imaammata mootummaa TPLF/EPRDF booda, mootummaa hundeeffamuu malu keessatti ABOn hordofu malu ta’a jedhamee eegama.

Image may contain: one or more people, people sitting and indoor

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s