[SQ, Waxabajji 4,2018] Lola guyyaa har’aa godina Gujii Lixaa bakka Hedeerraa jadhamutti gaggeeffameen agaaziin nama 5 galaafattee jiraachuu Qeerroon Bilisummaa Oromoo gabaase. Akka gabaasaan keenya jedhetti manneen barnootaa 3 waraana agaaziin gubatanii jiru. Lollis ammayyuu hammaatee itti fufee jiraachuu gabaafame.
Mootunmaa aannoo Oromiyaati kan ofiin jedhu gareen Ob. Lammaa Magarsaa fa’aa aantummaa Ummata Oromoo yoo dhugumaan qabaatan Uummata nagaa irratti ajjeechaa gaggeeffamaa jiruuf ittisa gochuun qabuuyyu. Garuu waltajjii qabatanii dhaadachuu fi haasaa mimmi’aahaa haasa’uun ummata bakka bu’uu akka hin taane ummatni keenya hubatee lola itti baname tokkummaan ka’ee ofirraa qolachuu akka qabu Ummanni Oromoo godina Gujii Lixaa jabeessanii dhaamaa jiru. Lola adeemaa jiru ilaalchisee odeessa dabalataa hordofnee Ummata keenya ni geenya jechuun maddi Qeerroo Bilisummaa Oromoo gabaaseera.