[SQ, Waxabajji 4,2018] Ummata Oromoo fi saboota Ollaa walitti buusuun umurii bittaa ishii dheereffachuuf imaammata dhaabbataa kan godhataa jirtu Mootummaan Wayyaane guyyaa har’aa Ummata oromoo fi Ummata Beenshaanguli walitti buusuun miidhaan guddaan Ummata Oromoo irra gahuun madden Qeerroo Bilisummaa oromoo gabaasan.
Haaluma kanaan ganama har’a Begiitti walitti bu’iinsa Uumata Benishaangul Gimuzii fi Ummata Oromoo godduutti ta’een manneen Oromoo shantamaa (50) Ol gubachuu fi namni Ashee Hasan Ahemad jedhamu wareegamuu namoonni afur ammo miidhaan guddaan irra gaheera. Namoonni arfan haala hammaataan miidhaan irra gahee hoospitaala Begiitti yaalamaa jiraachuu maddi Qeerroo Bilisummaa Oromoo naannichaa gabaaseera.