(SBO/VOL – Waxabajjii 03,2018) Hayyootaa fi Beektota Oromoo moyxannoo fi oggummaa gara garaa qaban hedduu fi Hoogganoota Adda Bilisummaa Oromoo bakka tokkotti fiduudhaan kan mariisisu Konfiransiin tokko guyyaa har’aa (Waxabajjii 03, 2018) teessoo Waajjira Hayyu-Duree Adda Bilisummaa Oromootti jalqabamuu isaa Sagaleen Bilisummaa Oromoo fi TV Gaaddisa Dhugaa gammachuudhaan dhaggeeffattootaa fi daaw’attoota keenya beeksisna.
Konfirensiin kun kufaatii sirna cunqursaa Abbaa-irree Wayyaanee/EPRDF booda haalli Siyaasaa Dinagdee fi Hawaasummaa Oromiyaa fi kan waliigala Impaayera Itoophiyaa maal fakkaachuu akka qabuu fi maal maaltu godhamuu/guutamuu akka qaban kanneen akeekan dhimmoota Imaammataa jajjaboo tahan irratti mariin bal’aa fi bilchaataan kan itti geggeeffamu taha.
Xumura Konfirensii kanaa boodas Shaneen Gumii Adda Bilisummaa Oromoo Walgahii isaa Dhaabbataa geggeeffatee dhimmoota Dhaabaa fi kan Waliigala Qabsoo Bilisummaa Oromoo ilaalchisuun murtiilee fi tarkaanfilee barbaachisoo tahan ni fudhata jedhamee eegama.
Sagaleen Bilisummaa Oromoo fi TVn Gaaddisa Dhugaa dhimma kana jala bu’uudhaan yeroo yeroodhaan kan gabaasu tahuu irra deebinee dhaggeeffattoota, daaw’attootaa fi dubbistoota keenya beeksisna.