Dhaabbileen Tajaajila Hawaasaa maqaa Itoophiyaan Waamaman Ummata Oromoo addatti miidhaa jiru

Aside

[SQ, Waxabajji 6 / 2018]  Dhaabbileen tajaajila hawaasaa kanneen maqaa tajaajila Toophiyaa of irraa qaban uummata Oromoo bal’aa loogiidhaan tajaajila akka dhowwatan beekame
Dhaabbileen akka Humna Ibsaa Itoophiyaa,Dhaabbata Teelee (Ethio Telecom) fi kanneen kana fakkaatan Oromiyaa keessatti saamicha fi loogii akka qaban beekame
Haala kanaan gabaasaan Sagalee Qeerroo Bilisummaa qaqqabe akka ifoomsutti Dhaabbati Telecom Itoophiyaa uummata maallaqa yeroo saamu, humni Ibsaa Itoophiyaa Immoo loogii hamaa geggeessaa jira

Magaalotni Oromiyaan alaa kanneen xixiqqoon ibsaan isaan irraa yoo bade torban keessatti sa’atii tokko kan hin caalleef qofa irraa bada. Oromiyaa keessatti Magaalotni godinaa guyyaatti Ibsaa sa’atii sadii oliif irraa bada yeroo ammaa kana garuu sunuu hafee ibsaan rakkina magaalota xixiqqoo fi magaalota aanaaleerra darbee Magaalotni fooyya’oon guyyoota sadii hanga torban tokkoof Ibsaa hin argatan akka fakkeenyaatti Magaalaa Najjoo,Magaalaa Tullu Boolloo,Magaalaa Qassoo,Magaalaa Shaambuu (Magaala Godinaa) magaalaa Holotaa fi kanneen hafan hedduunis kanumatti jiru.

Humni Ibsaa Toophiyaas tajaajila gahaa Network Oromiyaa keessatti hin kennani gama kanaan Godinni Oromiyaa Kibbaa _ Booranaa fi Qellam Wallaggaa network gahaa isaan kaanii gadi haala ta’een tasumaa hin argatani magaalaa Sulultaattis gidduu kana network argachuun rakkisaadha

As irratti gaaffiin sirna garboomfataa kanaaf ka’uu qabu,Dhaabbileen kunneeniifi kanneen hafan kan hawaasa gidirsan maaliif caaseffamuma Mootummaa Naannoo (sirna federaalaa) qoqqoodaminsa aangoo qaba jedhamu sanayyuu qabaachuu dadhaban kan jedhuuf keessa beektonni Dhaabbileen kunneen madda fi daandii ittiin Oromoon saamamaa jiru keessaa tokko ta’uunis beekameera

Oduu Tarkaanfii WBO

Aside

[SQ, Waxabajji 6,2018] Gaachanaaf irreen uummata Oromoo WBO tarkaanfii Lixa Oromiyaa Gimbiitti taasiseen agaazii 6 galaafate.

Odeessi keenya gamasii akka gabaasetti, guyyaa kaleessaa lola Lixa Oromiyaa Gimbii gaara abbaa seenaatti taasifameen Waraanni Bilisummaa Oromoo diinarraa Agaazii 6 galaafatuu maddi Qeerroo Gimbii irraa gabaase.

Akkasuma kanneen hafan ammoo bakkicha lakkisanii akka baqatan odeessi dabalee addeesse

WBO’n Oromiyaa guutummaa keessatti tarkaanfii fudhatuun kabajaa uummata Oromootti horuuf tattaaffii isaa cimsee kan itti fufee jiru ta’uun ni beekama.

← Back

Thank you for your response. ✨

Waamaa Hagaloo fi Nuunnuu Qumvaatti Albuunni Oromiyaa Saamamaa jira

Aside

[SQ, Waxabajji 6, 2018] Waamaa Hagaloo fi Nuunnuu Qumbaa albuudni saamamaa jiraachuu Qeerroo Leeqaa gabaase

Akka odeessa Qeerroo aanota Waamaa Hagaloo fi Nuunnuu Qumbaatti lafti gabbataan midhaan oomishaaf bareedaa ta’e sulula (dhooqa) Waamaa kan aanota lamman gidduutti gamaagamatti argamu yeroo ammaa kana investeroota ABUT kan lafa malkaa Dhidheessaarraa saamaa turaniin qabamuu fi cirracha baafna jechuudhaan qotisaan bulaa Oromoo maallaqa kuma shantamii jahaa ( 56000) itti kennuun albuudota gatii jajjabaa baafataa akka jiran beekameera

Yeroo ammaa kana saamtonni kun eyyama Kaabinoota Aanota kanneenii irraa argataniifi nuti isaan biraa fixanne maal fiddu jechuun maasaa (ooyruu ) qotisaan bulaa isa kavaateraan haadhaa albuuda saamaa kan jiran ta’uu qeerroon gabaasuun,saamichi qabeenyaa Oromoo irratti geggeessamu kamuu ilmaan Oromoo wal gargaaranii diina saamichaaf wal ijaaree uummata Oromootti karaa adda addaan bobba’utti dammaqu fi of irraa akka ittisan Qeerroon Leeqaa Waamicha dhiyeeseera

SBO Waxabajjii 06,2018. Oduu fi Gabaasa Konfirensii Marii Imaammatootaa Giddu Gala Waajjira H.D ABOtti deemsisame irratti qindaa’e

Aside

VOA; Mootummaa Tokkummaa Biyyoolessa akka Hudaa’u Gaafanna, Gamtaa Madirak

Aside

https://www.voaafaanoromoo.com/a/mootummaan-tokkummaa-biyyoolessaa-akka-hundaa-u-gaafanna-gamtaa-medirek/4425777.html

Bulee Horaa Heeraa Liphixxu bakka jedhamutti Namoonni hedduun galaafataman

Aside

Waxabajjii 4, 2018 Waaree booda Agaaziin Bulee Horaatti Heeraa Liphixxu bakka jedhamutti namoota hedduu galaafatan keessaa

  1. Gandaa Eddalaatti kan dhalate Alloo Taaddasee
  2. Ganda Garbaatti kan dhalate Fiqaaduu Murtii
  3. Ganda Heeraatti kan dhalate Lophixxuu Uturaa Abbayyii
  4. Ganda Harxummee Leemmaatti kan dhalate Mohabbaa Adaamaa
  5. Ganda Harxummaa Leemmaatti kan dhalate Aduulaa Sallii
  6. Ganda Gaadduu Yaabaa Sireetti kan dhalate Dukkallee Ji’oo
  7. Aanaa Qarcaa kan dhalate Dastaa Duubee bulchaa gandaa Gaaleessaa burqaa kan ta’e Wareegamuuf hedduun isaanii ammoo reeffi isaanii dhabamuuf ammallee lolli hammaataan jiraachuu Qeerroo Bilisummaa Oromoo gabaaseWareegamuuf hedduun isaanii ammoo reeffi isaanii dhabamuuf ammallee lolli hammaataan jiraachuu Qeerroo Bilisummaa Oromoo gabaase

ONN; Oduu Olmaa IOromiyaa, Waxabajjii 5, 2018

Aside

SAGALEE QEERROO; Waxabajjii 5, 2018

Aside

Gaaddisa Dhugaa Waxabajjii 4 bara 2018: Konfaransii Maree Imaammataa, Asmaraa, Ertiraa

Aside

Magaalaan Bishooftuu Muddama keessa jirti

Aside

Waxabajjii 5/2018, Bishooftuu:-

Magaalaan Bishooftuu Muddama keessa jirti. Sabaabaan isaa maqaa Walga’ii Uummataa jedhuun galma Aadaa Magaalaa Bishooftuu Keessa jirutti Walgayiin waamamee irratti Uummatni Oromoofi Qeerroon dargaggootni Oromoo gaaffii gaafatamaa turee fi jiruuf deebii isaa gaafatachuuf kan bahee .Angawoota OPDO keessa kanneen akka Adde Xaayibaa kan irratti argaman yommuu ta’u Qeerroon Dargaggootni Oromoo hedduun akka galma walga’ichaatti ol hin seenee ittifamuun mirkanaa’eera. Uummatni fi Qeerroon seenaan immoo gaaffii keenyaaf deebiin nuuf haa kennamuu jechuun waltajjiicha muddaa jiraachuun hubatameera.  Gaafii gaafataman keessaa;
1. Siidaan Wareegamtoota Oromoo Ayyaanaa Irreechaa Bishooftuu bara 2016irratti mootummaan waraana nurratti banee wareegamaan as magaalaa Bishooftuu keessatti nuuf haa dhaabbatu.
2. Angawootni Mootummaa ajaja dabarsuun uummata keenya ficcisiisa turanii fi jiran aangoo irraa kaafamuun seeratti nuuf haa dhiyaatani.
3. Saamichi lafaa kallattii hedduun aangawoota dhuunfaa hanga investeroota mootummaan bobbaasee fi maqaa Liiziin nu duraa saamamee atattamaan nuuf haa deebi’uu, qaamotni saamicha lafaa babaldhisaan seeratti nuuf haa dhiyaatan.
4. Gaaffii mirgaa abbaa biyyummaa fi bilisummaa gaafachaa jirruuf deebiin nuuf haa kennamu, kanneen jedhu kan ofkeessa qabuun uummatni aangawoota wayyaanee OPDO walgayicha gaggeessuuf argaman muddee qabee jiraachuu Qeerroon Bishooftuu gabaaseera.

Image may contain: one or more people, people standing, tree, crowd, sky and outdoorImage may contain: 1 person, standing, crowd, tree and outdoor