Magaalaan Bishooftuu Muddama keessa jirti

Waxabajjii 5/2018, Bishooftuu:-

Magaalaan Bishooftuu Muddama keessa jirti. Sabaabaan isaa maqaa Walga’ii Uummataa jedhuun galma Aadaa Magaalaa Bishooftuu Keessa jirutti Walgayiin waamamee irratti Uummatni Oromoofi Qeerroon dargaggootni Oromoo gaaffii gaafatamaa turee fi jiruuf deebii isaa gaafatachuuf kan bahee .Angawoota OPDO keessa kanneen akka Adde Xaayibaa kan irratti argaman yommuu ta’u Qeerroon Dargaggootni Oromoo hedduun akka galma walga’ichaatti ol hin seenee ittifamuun mirkanaa’eera. Uummatni fi Qeerroon seenaan immoo gaaffii keenyaaf deebiin nuuf haa kennamuu jechuun waltajjiicha muddaa jiraachuun hubatameera.  Gaafii gaafataman keessaa;
1. Siidaan Wareegamtoota Oromoo Ayyaanaa Irreechaa Bishooftuu bara 2016irratti mootummaan waraana nurratti banee wareegamaan as magaalaa Bishooftuu keessatti nuuf haa dhaabbatu.
2. Angawootni Mootummaa ajaja dabarsuun uummata keenya ficcisiisa turanii fi jiran aangoo irraa kaafamuun seeratti nuuf haa dhiyaatani.
3. Saamichi lafaa kallattii hedduun aangawoota dhuunfaa hanga investeroota mootummaan bobbaasee fi maqaa Liiziin nu duraa saamamee atattamaan nuuf haa deebi’uu, qaamotni saamicha lafaa babaldhisaan seeratti nuuf haa dhiyaatan.
4. Gaaffii mirgaa abbaa biyyummaa fi bilisummaa gaafachaa jirruuf deebiin nuuf haa kennamu, kanneen jedhu kan ofkeessa qabuun uummatni aangawoota wayyaanee OPDO walgayicha gaggeessuuf argaman muddee qabee jiraachuu Qeerroon Bishooftuu gabaaseera.

Image may contain: one or more people, people standing, tree, crowd, sky and outdoorImage may contain: 1 person, standing, crowd, tree and outdoor

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s