[SQ, Waxabajji 6,2018] Gaachanaaf irreen uummata Oromoo WBO tarkaanfii Lixa Oromiyaa Gimbiitti taasiseen agaazii 6 galaafate.
Odeessi keenya gamasii akka gabaasetti, guyyaa kaleessaa lola Lixa Oromiyaa Gimbii gaara abbaa seenaatti taasifameen Waraanni Bilisummaa Oromoo diinarraa Agaazii 6 galaafatuu maddi Qeerroo Gimbii irraa gabaase.
Akkasuma kanneen hafan ammoo bakkicha lakkisanii akka baqatan odeessi dabalee addeesse
WBO’n Oromiyaa guutummaa keessatti tarkaanfii fudhatuun kabajaa uummata Oromootti horuuf tattaaffii isaa cimsee kan itti fufee jiru ta’uun ni beekama.