[SQ, Waxabajji 6 / 2018] Dhaabbileen tajaajila hawaasaa kanneen maqaa tajaajila Toophiyaa of irraa qaban uummata Oromoo bal’aa loogiidhaan tajaajila akka dhowwatan beekame
Dhaabbileen akka Humna Ibsaa Itoophiyaa,Dhaabbata Teelee (Ethio Telecom) fi kanneen kana fakkaatan Oromiyaa keessatti saamicha fi loogii akka qaban beekame
Haala kanaan gabaasaan Sagalee Qeerroo Bilisummaa qaqqabe akka ifoomsutti Dhaabbati Telecom Itoophiyaa uummata maallaqa yeroo saamu, humni Ibsaa Itoophiyaa Immoo loogii hamaa geggeessaa jira
Magaalotni Oromiyaan alaa kanneen xixiqqoon ibsaan isaan irraa yoo bade torban keessatti sa’atii tokko kan hin caalleef qofa irraa bada. Oromiyaa keessatti Magaalotni godinaa guyyaatti Ibsaa sa’atii sadii oliif irraa bada yeroo ammaa kana garuu sunuu hafee ibsaan rakkina magaalota xixiqqoo fi magaalota aanaaleerra darbee Magaalotni fooyya’oon guyyoota sadii hanga torban tokkoof Ibsaa hin argatan akka fakkeenyaatti Magaalaa Najjoo,Magaalaa Tullu Boolloo,Magaalaa Qassoo,Magaalaa Shaambuu (Magaala Godinaa) magaalaa Holotaa fi kanneen hafan hedduunis kanumatti jiru.
Humni Ibsaa Toophiyaas tajaajila gahaa Network Oromiyaa keessatti hin kennani gama kanaan Godinni Oromiyaa Kibbaa _ Booranaa fi Qellam Wallaggaa network gahaa isaan kaanii gadi haala ta’een tasumaa hin argatani magaalaa Sulultaattis gidduu kana network argachuun rakkisaadha
As irratti gaaffiin sirna garboomfataa kanaaf ka’uu qabu,Dhaabbileen kunneeniifi kanneen hafan kan hawaasa gidirsan maaliif caaseffamuma Mootummaa Naannoo (sirna federaalaa) qoqqoodaminsa aangoo qaba jedhamu sanayyuu qabaachuu dadhaban kan jedhuuf keessa beektonni Dhaabbileen kunneen madda fi daandii ittiin Oromoon saamamaa jiru keessaa tokko ta’uunis beekameera