Barataa Waggaa 3ffaa Yuuniversitii Bulee Horaa Kan Ta’e Sabboontichi Darajjee Goobanaa FDG Qindeessite Jedhamuun Rasaasa Poolisoota Wayyaaneen Wareegame.

Aside

Waxabajjii 08,2015 Gabaasa Qeerroo Bulee Horaa 

Oromo oromiaGaafa Caamsaa 24,2015 Fincila Diddaaa gabrummaa Yuuniverstii Bulee Horaa keessatti ka’een wal qabatee baratoota Oromoo irratti loltoota Wayyaaneen dhukaasi banamuun kan yaadatamu dha. Haala kanaan barattaan Oromoo ganna 3ffaa Yuuniverstii  Bulee Horaa irraa baratu barattoota Oromoo adda durummaan fincilaaf qindeessiteetta jedhamee adamfamuun rasaasa Wayyaaneen yeroo rukutamu iyyaa fi diddaan barattootaa waan itti hammaateef jecha loltooti barataa rasaasaan rukutan achitti gatanii deeman,haala kanaan gootichi barataan Darajjee Goobanaa gargaarsa barattootaan Hosptala Xiqur Ambessaatti  ergamee osoo waldhaanamuu Waxabajjii 05,2015 lubbuun isaa uummata Oromoof jecha wareega qaalii kaffaltee jirti.

Barataa Darajjee Goobanaan godina Wallaggaa Horroo Guduruu aanaa Jaardagaa Jaartee jedhamutti kan dhalatee guddate ta’uu fi amal qabeessaa fi qaroo ilma Oromoo akka ta’e barattooti Yuuniverstii Bulee Horaa dubbatu.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa,Qophii Waxabajjii 6,2015/ Itti Baha Fillannoo Wayyaanee Ilaalchisee Gabaasa Guutuu

Aside

Ibsa Itti Baha Filatnoo Wayyaanee Dura Barattooti Yuunivarsiitilee fi Kolleejjiiwwan Gara Maatii Isaaniitti Akka Galan Taasifamaa Jira, Kunis FDG Tokko Illee Akka Hin Kaaneef Yaadameeti.

Aside

Gabaasa Qeerroo Waxabajjii 07,2015 Naqamte

Yuunivarsiitilee fi Kolleejjiiwwan barnootaa biyyatti ibsa itti baha filannoo dura gara naannoo irraa dhufaniitti akka galan taasifamaa jira kunis FDGn  tokkollee akka hinkaaneef yaadameeti jedha Qeerroon

Kana malees moitummaan Wayyaanee hojjettoota misooma qonnaa baha Wallaggaa magaalaa Naqamteetti walitti qabuun maaliif nafilachuu diddan jechuun dararaa ture har’a waltajji isaa banuunis sababaan  kaayyoon walgahii kanaa akka ogeeyyiin qonnaa kun jedhanitti maqaa misoomaan haata’u malee yaaddoo ibsa mo’ichaa filmaataa bahuun booda rakkoo fi diddaa uumataa  qunnamuuf jedhu dursanii sossobachuuf ta’uun beekameera.

Xumura waltajjichaa irrattis bifa bashannaan bakkeewwan daawwannaaf gara abbayyaa fi naannoo adda addaa isin deemsifna  jedhchuun hojjettoota goyyomsuu yaalu illee hojjettoonni diddaan dura dhaabbatanii akka jiran gabaasi Qeerroo addeessa.

Oromo Voice Radio (OVR) -06 June 2015

Aside

SBO Waxabajjii 07,2015.

Aside

Oduu,  “Waldhaga’uu dadhabne malee, wayyaaneen filannoodhaan aangoo akka hin gadhiisne walitti himnee turre.” Dr.Geetaachoo Jigii SBO irratti, Waldaa hawaasa Oromoo Amerikaa Kaabaa ijaaruuf sochii godhamaa jiru irratti gaaffii fi deebii Obbo Abrahaam Jarman Itti Aanaa Dura Taa’aa Waldichaa waliin geggeeffamee fi qophii biroo

ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች: ለነፃነት: ንቅናቄ: ድምፅ: የሳምንቱ: ዜና:: / Sagalee Qeerroo Bilisummaa Waxabajjii 04,2015

Aside

Xumura Qormaata Biyyooleessaa Kutaa 10ffaan Wal Qabsiisuudhaan Barattootni WBO Faarsan. FDGs Barattootaan Itti Fufee Jira.

Aside

Gabaasa Qeerroo Waxabajjii 06,2015

diddaa9Odeessa Qeerroo godinaalee Oromiyaa garagaraa irraa nu qaqqabe. Waxabajii 06, 2015 Qormaatni biyyooleessa kutaa 10ffaa har’a Waxabajii 3, 2015 xumurame. Barattootni mana barumsaa garagaraa kutaa 10 baratan guyyaa kaleessaa bakka adda addaatti sababa xumura qormaata biyyooleessaan wal qabsiisanii erga qormaata irraa bahanii booda WBO faarsan. Gabaasa bal’aa Qeerroo kutaalee oromiyaa garagaraa irraa.
Shawaa bahaa magaala Adaamatti mana barumsaa garagaraa keessatti addatti mana barumsaa Oliyaad keessatti barattotni erga qoruma irraa
bahanii booda meerre WBOn eesssa jiraa kan rakkoo keenya furuuf dhaabbate jechuudhaan iyyaa fi magaala keessa WBO barbaanna jechuun
fiigan. Shawaa lixaa mana barumsaa magaala Amboo, Gindabarat, Calliyaa fi miidaqanyittis barattootni xumura qormaataa booda FDG qabsiisan.
Gumaa baasna, dirree qabsoo dheebonne,WBO nu birmadhu, wayyaaneen gabroonfataadha yaa rabbi nurraa kaasi jechuudhaan dhaadannoo
dhageessisa oolan. Gabaasa kana fakkaatu godinoota garagaraa keessatti barattootni xumura qormaata booda guutummaatti WBO faarsan.

Qellem mana barumsaa garagaraa keessatti barattootni erga qorumsaa bahani booda barreeffamoota dhaadannoo of keesa qabu bittimsan, bakka
uummanni arguttis Oromiyaan ni bilisoomti! Mootummaa Wayyaanee kufuuf jetti badduu baasna kaane biyyaa baasna ariine, Qonnaan bulaan nu waliin hiriira nuuf kan dhaabbate WBOn jira Bilisummaa dheebonne! WBOn dhufaa jira abban biyyaa haa simannu kaanee Kana booda afaan qawwee nu dhaabu ni qabsoofna mirga keenyaaf! Gumaa Eebbisaa Addunyaa haa baafnu!

  • Imaan gootota keenyaa bilisummaadhaan haa bafnu!
  • Oromia shall be free!
  • Qonnaan bulaadhaaf bilisummaa, daldalaadhaaf bilisummaa, barataadhaaf
  • bilisummaa, oromiyaadhaaf walabumma barbaanna!
  • Saamtuu fi hattuu, fakkaattuu fi jala deemtuun nurraa ha kaatu!
    Mootummaan wayyaanee shororkeessaa, lubbu-galaafataa dha, nama nyaataadha. Kannen jedhan kana malees dabalataan mana barumsaa garagaraa Qellem magaala Dambi Dolloo fi aanaale biroo keessatti barattootni qormaata biyyooleessa erga xumuranii booda barreessun facaasan. Akkasuma waamicha FDG taasisan. Wal qabannee bilisoomna jechuun faarsan jechuun Qeerroo gabaase.

“Garaan Obsa Dhabe” Artist Shukri Jamal -Wallee Haaraa 2015

Aside

Yuniverstii Wallaggaa Keessatti GDO Akka Hin Sochoone Dhorkamus Barattooti Artii Oromoo Guddisuuf Gahee Isaanii Bahan.

Aside

IMG_20150604_090459Moora Yuunivarsiitii impaayera biyyattii keessatti GDO ykn gumiin guddinaaa fi dagaagina afaan Oromoo hidhata ABO waliin qabu maqaa jedhu qofaan aadaa fi seenaa uummatasaanii guddisuu irratti danqi dura ka’ameera, Haata’u malee guyyas kaleessaa  Waxabajjii05,2015 Yuunivarsiitii Wallaggaa keessatti barattooti aartii Yuunibarsiitichaa haalaa miidhagaa ta’een agarsiisa aadaa taasisuun mataa diinaa gadicabsaniiru. Uffati aadaa,nyaanni aadaa,faayaan Oromoo marti dhiyaachuun uummaticha boonseera gara fuuladuraattis guddina aadaa fi seenaa uummatichaa irratti dhiibbaan Mootummaa bicuu kanaa akka itti cabuu  qabuufi aartii uummatichaa gudfisuun akka danda’amurratti marii bal’aan erga geggeeffamee eebba Oromootiin goolabamera

Seife Nebelbal Radio, June 5, 2015

Aside