Waxabajjii 08,2015 Gabaasa Qeerroo Bulee Horaa
Gaafa Caamsaa 24,2015 Fincila Diddaaa gabrummaa Yuuniverstii Bulee Horaa keessatti ka’een wal qabatee baratoota Oromoo irratti loltoota Wayyaaneen dhukaasi banamuun kan yaadatamu dha. Haala kanaan barattaan Oromoo ganna 3ffaa Yuuniverstii Bulee Horaa irraa baratu barattoota Oromoo adda durummaan fincilaaf qindeessiteetta jedhamee adamfamuun rasaasa Wayyaaneen yeroo rukutamu iyyaa fi diddaan barattootaa waan itti hammaateef jecha loltooti barataa rasaasaan rukutan achitti gatanii deeman,haala kanaan gootichi barataan Darajjee Goobanaa gargaarsa barattootaan Hosptala Xiqur Ambessaatti ergamee osoo waldhaanamuu Waxabajjii 05,2015 lubbuun isaa uummata Oromoof jecha wareega qaalii kaffaltee jirti.
Barataa Darajjee Goobanaan godina Wallaggaa Horroo Guduruu aanaa Jaardagaa Jaartee jedhamutti kan dhalatee guddate ta’uu fi amal qabeessaa fi qaroo ilma Oromoo akka ta’e barattooti Yuuniverstii Bulee Horaa dubbatu.
Pingback: Darajjee Goobanaa, Oromo national and 3rd year student at Bule Hora University is murdered by fascist TPLF Ethiopia (Agazi) forces: Barataa Waggaa 3ffaa Yuuniversitii Bulee Horaa Kan Ta’e Sabboontichi Darajjee Goobanaa Rasaasa Poolisoota Wayyaaneen Ware
Pingback: Widespread brutalities of the Ethiopian government against the Oromo people in different parts of the State of Oromia | OromianEconomist
Pingback: Widespread brutalities of the Ethiopian Government in handling protests in different parts of the state of Oromia by peaceful demonstrators | OromianEconomist