Xumura Qormaata Biyyooleessaa Kutaa 10ffaan Wal Qabsiisuudhaan Barattootni WBO Faarsan. FDGs Barattootaan Itti Fufee Jira.

Gabaasa Qeerroo Waxabajjii 06,2015

diddaa9Odeessa Qeerroo godinaalee Oromiyaa garagaraa irraa nu qaqqabe. Waxabajii 06, 2015 Qormaatni biyyooleessa kutaa 10ffaa har’a Waxabajii 3, 2015 xumurame. Barattootni mana barumsaa garagaraa kutaa 10 baratan guyyaa kaleessaa bakka adda addaatti sababa xumura qormaata biyyooleessaan wal qabsiisanii erga qormaata irraa bahanii booda WBO faarsan. Gabaasa bal’aa Qeerroo kutaalee oromiyaa garagaraa irraa.
Shawaa bahaa magaala Adaamatti mana barumsaa garagaraa keessatti addatti mana barumsaa Oliyaad keessatti barattotni erga qoruma irraa
bahanii booda meerre WBOn eesssa jiraa kan rakkoo keenya furuuf dhaabbate jechuudhaan iyyaa fi magaala keessa WBO barbaanna jechuun
fiigan. Shawaa lixaa mana barumsaa magaala Amboo, Gindabarat, Calliyaa fi miidaqanyittis barattootni xumura qormaataa booda FDG qabsiisan.
Gumaa baasna, dirree qabsoo dheebonne,WBO nu birmadhu, wayyaaneen gabroonfataadha yaa rabbi nurraa kaasi jechuudhaan dhaadannoo
dhageessisa oolan. Gabaasa kana fakkaatu godinoota garagaraa keessatti barattootni xumura qormaata booda guutummaatti WBO faarsan.

Qellem mana barumsaa garagaraa keessatti barattootni erga qorumsaa bahani booda barreeffamoota dhaadannoo of keesa qabu bittimsan, bakka
uummanni arguttis Oromiyaan ni bilisoomti! Mootummaa Wayyaanee kufuuf jetti badduu baasna kaane biyyaa baasna ariine, Qonnaan bulaan nu waliin hiriira nuuf kan dhaabbate WBOn jira Bilisummaa dheebonne! WBOn dhufaa jira abban biyyaa haa simannu kaanee Kana booda afaan qawwee nu dhaabu ni qabsoofna mirga keenyaaf! Gumaa Eebbisaa Addunyaa haa baafnu!

  • Imaan gootota keenyaa bilisummaadhaan haa bafnu!
  • Oromia shall be free!
  • Qonnaan bulaadhaaf bilisummaa, daldalaadhaaf bilisummaa, barataadhaaf
  • bilisummaa, oromiyaadhaaf walabumma barbaanna!
  • Saamtuu fi hattuu, fakkaattuu fi jala deemtuun nurraa ha kaatu!
    Mootummaan wayyaanee shororkeessaa, lubbu-galaafataa dha, nama nyaataadha. Kannen jedhan kana malees dabalataan mana barumsaa garagaraa Qellem magaala Dambi Dolloo fi aanaale biroo keessatti barattootni qormaata biyyooleessa erga xumuranii booda barreessun facaasan. Akkasuma waamicha FDG taasisan. Wal qabannee bilisoomna jechuun faarsan jechuun Qeerroo gabaase.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s